Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 29

Guddina Gootutti Gammadi!

Guddina Gootutti Gammadi!

“Namni hundi . . . nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—GAL. 6:4.

FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

QABIYYEE *

1. Yihowaan namoota kaanii wajjin kan wal nu hin dorgomsiisne maaliifi?

YIHOWAAN wanti hundi, akkasumas namni hundi wal fakkaataa akka taʼu hin barbaadu. Ilmaan namootaa dabalatee uumamawwan isaa warra dinqisiisoo taʼan irraa kana hubanna. Hundi keenya iyyuu wanta namoota kaan irraa adda nu godhu qabna. Yihowaan matumaa namoota kaanii wajjin wal si hin dorgomsiisu. Inni keessa garaa kee ni qora. (1 Sam. 16:7) Cimina, dadhabinaa fi akkaataa guddinaa kee ni hubata. Wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. Ilaalcha Yihowaan nuuf qabu ofiif qabaachuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Taanaan, “sammuu fayyaa” waan qabaannuuf, namoota kaan akka caalluttis taʼe, namoota kaanii gad akka taanetti hin yaannu.—Rom. 12:3.

2. Namoota kaanii wajjin wal bira of qabuun gaarii kan hin taane maaliifi?

2 Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota amanamoo tajaajila isaanii irratti buʼa qabeeyyii taʼanii irraa akka fayyadamnu beekamaa dha. (Ibr. 13:7) Kana gochuudhaan karaawwan tajaajila keenya irratti buʼa qabeeyyii taʼuu itti dandeenyu hubachuu dandeenya. (Filp. 3:17) Haa taʼu malee, fakkeenya gaarii nama tokkoo hordofuu fi nama sanaa wajjin wal bira of qabuun garaa gara dha. Nama kan biraa wajjin wal bira of qabda taanaan hinaafuu fi abdii kutachuu dandeessa; tarii immoo gatii akka hin qabne illee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, warra gumicha keessa jiran kaanii wajjin wal bira of qabuun karaa hafuuraas nu miidha. Kanaafuu, Yihowaan jaalalaan kakaʼee gorsa, “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata” jedhu nuuf kenneera.—Gal. 6:4.

3. Guddina hafuuraa gammachuu siif argamsiisu akkamii gooteetta?

3 Yihowaan guddina hafuuraa ofii keetti akka gammaddu barbaada. Fakkeenyaaf, cuuphamteetta yoo taʼe, galma kana irra gaʼuu keetti gammaduu qabda! Murtoo kana kan goote ofuma keetiini. Murtoon kee kunis jaalala Yihowaaf qabdu irratti kan hundaaʼe dha. Guddina erga cuuphamtee booda goote irratti yaadi. Fakkeenyaaf, jaalalli dubbisaa fi qoʼannaa dhuunfaa Kitaaba Qulqulluutiif qabdu cimeeraa? Kadhannaan kee caalaatti hiika kan qabuu fi garaadhaa kan maddu taʼeeraa? (Far. 141:2) Tajaajila irratti maree jalqabsiisuu fi meeshaalee barsiisuuf nu gargaaranitti fayyadamuu irratti fooyyaʼiinsa gooteettaa? Maatii qabda yoo taʼe immoo, Yihowaan caalaatti abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii, akkasumas abbaa ykn haadha gaarii taʼuuf si gargaareeraa? Guddina gama kanaan goote irratti yeroo yaaddu baayʼee gammadda.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Warri kaanis guddina hafuuraa godhanitti akka gammadan gargaaruu dandeenya. Kana malees, warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa akka fagaatan isaan gargaaruu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti, warri ijoollee isaanii, hiriyoonni gaaʼelaa walii isaanii, akkasumas jaarsoliinii fi obboloonni kaan obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla. Dhuma irratti immoo, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akkuma dandeettii fi haala keenyaatti galmawwan bira geenyu baafachuuf nu gargaaran muraasa ilaalla.

WARRII FI HIRIYOONNI GAAʼELAA MAAL GOCHUU DANDAʼU?

Warra kan taatan, carraaqqii ijoolleen keessan dhuunfaatti godhan dinqisiifadhaa (Keeyyata 5-6 ilaali) *

5. Akka Efesoon 6:4 jedhutti warri maal gochuu irraa fagaachuu qabu?

5 Warri ijoollee isaanii wal dorgomsiisuu irraas taʼe, wanta humna isaaniitii ol taʼe isaan irraa eeguu irraa of qusachuu qabu. Akkas godhu taanaan garuu, ijoolleen isaanii abdii kutachuu dandaʼu. (Efesoon 6:4 dubbisi.) Obboleettiin Saachikoo * jedhamtu akkana jetteetti: “Barsiisonni koo barattoota daree koo caalaa akkan hojjedhu na irraa eegu turan. Kana malees, haati koo, barsiisonni koo fi abbaan koo inni hin amanne, Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii qabachuu akka dandaʼaniif, barumsa koo irratti cimuu akkan qabu ishiitti dhagaʼama ture. Qormaata irratti dhibba keessaa dhibba akkan argadhu barbaaddi turte; kana gochuu immoo matumaa hin dandaʼun ture. Barumsa ergan xumuree waggoonni hedduun kan darban taʼus, amma iyyuu darbee darbee, wantin Yihowaadhaaf kennaa jiru gaʼaa akka hin taane natti dhagaʼama.”

6. Warri Faarfannaa 131:1, 2 irraa maal barachuu dandaʼu?

6 Warri Faarfannaa 131:1, 2 (Dubbisi.) irraa barumsa gaarii argachuu dandaʼu. Daawit Mootichi “wantoota baayʼee guguddaa taʼan” ykn wantoota humna isaatii ol taʼan hin hawwine. Amala gad of qabuu fi humna ofii beekuu qabaachuun isaa ‘isa tasgabbeesseera, akkasumas isa callisiiseera.’ Warri wanta Daawit dubbate irraa maal barachuu dandaʼu? Warri wanta of irraa eeganiin qofa utuu hin taʼin, wanta ijoollee isaanii irraa eeganiinis akka gad of qabanii fi humna isaanii akka beekan argisiisuu qabu. Warri galma akka baafatan ijoollee isaanii yeroo gargaaranitti, ciminaa fi dadhabina isaanii isaaniif hubachuudhaan gatii akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu isaan gargaaruu dandaʼu. Maariinaan wanta yaadattu yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Haati koo obbolaa koo sadanii wajjinis taʼe ijoollee kaanii wajjin matumaa na dorgomsiistee hin beektu. Namni hundi kennaa garaa garaa akka qabuu fi Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf iddoo guddaa akka kennu na barsiisteetti. Haadha kootiif galanni haa taʼuutii, yeroo baayʼee warra kaanii wajjin of hin dorgomsiisu.”

7-8. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaatiif ulfina akka qabu argisiisuu kan dandaʼu akkamitti?

7 Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaatiif ulfina akka qabu argisiisuu qaba. (1 Phe. 3:7) Nama tokkoof ulfina qabaachuun immoo nama sanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu fi isa kabajuu dabalata. Fakkeenyaaf, abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina qabu iddoo guddaa ishiidhaaf kenna. Wanta gochuu dandeessu caalaa ishii irraa hin eegu. Kana malees, matumaa dubartoota kaanii wajjin wal bira ishii hin qabu. Akkas kan godhu yoo taʼe dhiibbaa akkamii qabaachuu dandaʼa? Abbaan manaa Roosaa inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane yeroo baayʼee dubartoota kaanii wajjin wal bira ishii qaba ture. Dubbii gadheen inni dubbatu Roosaan ofitti amanannaa akka dhabdu qofa utuu hin taʼin, eenyu iyyuu akka ishii hin jaallanne akka ishiitti dhagaʼamu godhee ture. “Yeroo hundumaa namni Yihowaan iddoo guddaa akka naaf kennu na yaadachiisu na barbaachisa ture” jetteetti. Haala kana irraa faallaa taʼeen, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa ni kabaja. Akkas gochuun isaa hariiroo ishii wajjinis taʼe Yihowaa wajjin qabu irratti dhiibbaa gaarii akka godhu beeka. *

8 Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina qabu ishii jajata, akka ishii jaallatu ishiidhaaf mirkaneessa, akkasumas ishii galateeffata. (Fak. 31:28) Abbaan manaa Kaatriinaa ishii mata duree darbe irratti ibsamtee, akkas gochuudhaan miira gadaantummaa ishiitti dhagaʼamu akka mootu ishii gargaareera. Yeroo ijoollee turtetti haati ishii yeroo baayʼee hiriyoota ishii dabalatee shamarran kaanii wajjin wal bira ishii qabuudhaan ishii ceephaati turte. Kanaan kan kaʼes, Kaatriinaan namoota kaanii wajjin wal bira of qabuu jalqabde; erga cuuphamtee booda illee akkas gochuu ishii itti fuftee turte! Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii inni Kiristiyaana taʼe, ilaalcha akkasii akka mootuu fi ofii ishiitiif ilaalcha sirrii akka qabaattu ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Na jaallata, wanta gaarii ani godheef na galateeffataa, akkasumas naaf kadhata. Kana malees, amalawwan dinqisiisoo Yihowaan qabu na yaadachiisa, akkasumas ilaalcha dogoggoraa ani qabu akkan sirreessu na gargaara.”

JAARSOLIIN JAALALA QABEEYYII TAʼANII FI WARRI KAAN MAAL GOCHUU DANDAʼU?

9-10. Jaarsoliin garraamii taʼan obboleettiin takka warra kaanii wajjin akka wal bira of hin qabne kan ishii gargaaran akkamitti?

9 Jaarsoliin warra amala namoota kaanii wajjin wal bira of qabuu qaban gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Muuxannoo obboleettii Haanuunii jedhamtuu fi yeroo baayʼee hin galateeffatamne tokkoo haa ilaallu. “Ija laafettiin ture, akkasumas ijoolleen kaan akka na caalan natti dhagaʼama ture. Xinnummaa kootii kaasee warra kaanii wajjin wal biran of qaba ture” jetteetti. Haanuuniin gara dhugaatti erga dhuftee boodas namoota kaanii wajjin wal bira of qabdi turte. Kanaan kan kaʼes, gumii keessatti iddoo gad aanaa akka qabdu ishiitti dhagaʼama ture. Amma garuu qajeelchituu gammachuu qabdu taatee tajaajilaa jirti. Ilaalcha ishii jijjiiruuf maaltu ishii gargaare?

10 Haanuuniin jaarsoliin garraamii taʼan akka ishii gargaaran dubbatteetti. Jaarsoliin kun akka ishiitti amanaman ishiif ibsu, akkasumas amanamummaa ishiitiif ishii galateeffatu turan. Akkana jettee barreessiteetti: “Jaarsoliin yeroo muraasaaf obboleettota gargaarsi isaan barbaachisu akkan jajjabeessu na gaafatanii turan. Kun immoo akkan barbaadamu akka natti dhagaʼamu godheera. Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan kun obboleettota umuriidhaan anaa gad taʼan jajjabeessuu kootiif na galateeffatan. Achiis 1 Tasalonqee 1:2, 3 naaf dubbisan. Kunis baayʼee na gammachiise! Jaarsolii jaalala qabeeyyii taʼaniif galanni haa taʼuutii, amma jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo akkan qabu beeka.”

11. Isaayyaas 57:15 akka jedhutti warra caccabanii fi warra gaddan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

11 Isaayyaas 57:15 dubbisi. Yihowaan ‘warra caccabanii fi warra gaddaniif’ ni yaada. Jaarsolii qofa utuu hin taʼin hundi keenya iyyuu, obbolootaa fi obboleettota akkasii jajjabeessuu dandeenya. Karaan isaan itti jajjabeessuu dandeenyu keessaa tokko akka isaaniif yaannu argisiisuu dha. Yihowaan hoolota isaa warra isa biratti iddoo guddaa qaban akka jaallatu akka isaanitti argisiisnu barbaada. (Fak. 19:17) Gad of qabuudhaan, akkasumas humna ofii beekuudhaan obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruu dandeenya. Xiyyeeffannaa ofitti harkisuudhaan warri kaan akka nutti hinaafan gochuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, dandeettii fi beekumsa keenya warra kaan jajjabeessuuf itti fayyadamna.—1 Phe. 4:10, 11.

Yesuus akka isaan caalu argisiisuuf wanta akkamii iyyuu godhee waan hin beekneef, barattoonni isaa baayʼee isatti dhihaatu turan. Yesuus michoota isaa wajjin yeroo dabarsuudhaan gammadeera (keeyyata 12 ilaali)

12. Namoonni gad aanoo akka taʼanitti ilaalaman Yesuusitti kan dhihaatan maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

12 Walitti dhufeenya Yesuus duuka buutota isaa wajjin qabu irratti yaaduudhaan, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaachuu qabnu ilaalchisee wanta hedduu barachuu dandeenya. Inni namoota lafa irra jiraatan hundumaa irra kan caalu dha. Taʼus, ‘garraamii fi kan gad of qabu’ dha. (Mat. 11:28-30) Dandeettii addaa fi beekumsa guddaa akka qabu argisiifachuuf hin yaalle. Yeroo barsiisaa turetti karaa salphaa taʼeen dubbateera, akkasumas fakkeenyota salphaa taʼanii fi garaa namoota gad aanoo akka taʼaniitti ilaalamanii tuqanitti fayyadameera. (Luq. 10:21) Geggeessitoota amantaa of tuulan irraa haala adda taʼeen, Yesuus namoonni Waaqayyo duratti iddoo akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu godhee hin beeku. (Yoh. 6:37) Kanaa mannaa, nama hundumaa ni kabaja ture.

13. Yesuus barattoota isaatti gaarummaa fi jaalala kan argisiise akkamitti?

13 Yesuus barattoota isaatti gaarummaa fi jaalala argisiiseera. Dandeettii fi haalli isaanii garaa gara akka taʼe beeka ture. Hundi isaanii itti gaafatamummaa wal fakkaataa taʼe fudhachuus taʼe tajaajila irratti buʼaa wal qixa taʼe argachuu hin dandaʼan. Taʼus, Yesuus tokkoon tokkoon isaanii lubbuu guutuudhaan carraaqqii gochuu isaaniitiif isaan dinqisiifateera. Yesuus fakkeenya waaʼee taalaantii dubbate irratti miira dinqisiifannaa akkasii akka qabu argisiiseera. Fakkeenya sana irratti akka ibsametti gooftichi tokkoon tokkoon garboota isaatiif “akkuma dandeettii isaaniitti” hojii isaaniif kennee ture. Garboota cimanii hojjetan lamaan keessaa inni tokko garbicha isa kan biraa caalaa buʼaa buufatee ture. Taʼus, gooftichi yeroo lamaan isaanii iyyuu galateeffatetti, “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote” jechuudhaan jechoota wal fakkaatanitti fayyadameera.—Mat. 25:14-23.

14. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yesuus nuttis gaarummaa fi jaalala argisiiseera. Dandeettii fi haalli keenya garaa gara akka taʼe waan beekuuf, wanta nuuf dandaʼame hunda yeroo goonu nutti gammada. Nutis fakkeenya Yesuus hordofuu qabna. Obboloonni keenya hamma warra kaanii hojjechuu waan hin dandeenyeef gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu ykn akka qaanaʼan matumaa gochuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, obboloonnii fi obboleettonni keenya Yihowaa tajaajiluuf wanta isaaniif dandaʼame gochaa waan jiraniif, isaan galateeffachuu qabna.

GALMA IRRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU

Galmawwan bira gaʼuu dandeessu baafachuu fi bira gaʼuudhaan gammachuu argachuu dandeessa (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15-16. Obboleettiin takka galma bira gaʼuu dandeessu baafachuun ishii kan ishii fayyade akkamitti?

15 Galmawwan hafuuraa jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godhu. Haa taʼu malee, galma baafachuu kan qabnu galma warri kaan baafatan irratti hundaaʼuudhaan utuu hin taʼin, dandeettii fi haala keenya irratti hundaaʼuudhaan taʼuu qaba. Taʼuu baannaan garuu, galmi baafanne abdii nu kutachiisuu dandaʼa. (Luq. 14:28) Mee fakkeenya qajeelchituu Miidoorii jedhamtuu haa ilaallu.

16 Abbaan Miidoorii inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane, ijoollummaa ishiitti obbolaa ishii fi ijoollee daree ishii wajjin wal ishii dorgomsiisuudhaan ishii qaanessa ture. Miidooriin, “Gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama” ture jetteetti. Yeroo guddachaa deemtu garuu ofitti amanannaa horachuu dandeesseetti. “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun nagaa sammuu akkan qabaadhuu fi Yihowaan akka na jaallatu akka natti dhagaʼamu waan godhuuf guyyaa guyyaadhaanan dubbisa” jetteetti. Kana malees, galmawwan bira gaʼuu dandeessu baafatteetti; galmawwan kana bira gaʼuuf akka ishii gargaaru wanta barbaaddu adda baastee caqasuudhaanis Yihowaa kadhatteetti. Kanaan kan kaʼes, Miidooriin guddina hafuuraa gootetti gammaduu dandeesseetti.

YIHOWAADHAAF WANTA QABDU KEESSAA ISA HUNDA IRRA CAALU KENNUU KEE ITTI FUFI

17. “Humna sammuu [keenya] hojjechiisuun haareffamuu keenya itti fufuu” kan dandeenyu akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii nuuf argamsiisa?

17 Miirrii fi ilaalchi sirrii hin taane halkan tokkotti baduu hin dandaʼu. Yihowaan, “Humna sammuu keessan hojjechiisuun haareffamuu keessan itti fufaa” jedhee kan nu gorse kanaafi. (Efe. 4:23, 24) Akkas gochuuf garuu, kadhachuu, dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluu qabna. Wantoota kana gochuuf carraaqi; cimina akka siif kennuufis Yihowaa kadhadhu. Hafuurri qulqulluun Yihowaan siif kennu miira warra kaanii wajjin wal bira of qabuuf si kakaasu kamiyyuu moʼuuf si gargaara. Kana malees, Yihowaan hinaaffaan ykn koorri si keessa yoo jiraate, hubachuu akka dandeessuu fi daftee of keessaa baasuu akka dandeessu si gargaara.

18. Yaada 2 Seenaa Baraa 6:29, 30 irratti ibsame irraa jajjabina akkamii arganna?

18 Seenaa Baraa Lammaffaa 6:29, 30 dubbisi. Yihowaan garaa keenya beeka. Akkasumas qabsoo hafuura addunyaa fi cubbuu ofii keenyaa wajjin goonu nuuf hubata. Yihowaan qabsoo miirawwan gaarii hin taane akkasii wajjin gochaa jirru arguun isaa caalaatti nu jaallachuuf isa kakaasa.

19. Yihowaan miira akkamii akka nuuf qabu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

19 Yihowaan miira akkamii akka nuuf qabu ibsuuf hariiroo haadhaa fi daaʼima ishii gidduu jirutti fayyadameera. (Isa. 49:15) Mee waaʼee haadha Raacheel jedhamtuu haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Intalli koo Istifaaniin utuu yeroon ishii hin gaʼin dhalatte. Yeroo dhalatteetti baayʼee xinnoo turte. Doktarichi yeroo jiʼa tokko hospitaala turtetti guyyaa guyyaadhaan ishii hammachuu akkan dandaʼu naaf heyyamee ture. Yeroon sun walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf nu gargaareera. Amma umuriin ishii waggaa jaʼa dha; taʼus, ijoollee umurii ishii irra jiran irra ni xiqqaatti. Jiraachuuf walʼaansoo cimaa waan gootuuf, akkasumas gammachuu guddaa waan naaf argamsiisteef, baayʼeen ishii jaalladha.” Yihowaan lubbuu guutuudhaan isa tajaajiluuf walʼaansoo gochaa akka jirru yeroo argu jaalala cimaa akkasii akka nuuf qabaatu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa.

20. Tajaajilaa Yihowaa waan taateef sababa itti gammaddu akkamii qabda?

20 Tajaajilaa Yihowaa waan taateef, ati miseensa jaallatamaa maatii Yihowaa ti; akkasumas namni akka keetii kan biraan hin jiru. Yihowaan ofitti kan si harkise namoota kaan irra waan caaltuuf miti. Kanaa mannaa, garaa kee ilaaluudhaan nama garraamii isa irraa barachuu fi jijjiirama gochuuf fedhii qabdu taʼuu kee waan argeefi. (Far. 25:9) Isa tajaajiluuf yeroo wanta dandeessu hundumaa gootu akka sitti gammadu mirkanaaʼaa taʼi. Jabaattee dhaabbachuu kee fi amanamummaan kee “garaa qajeelaa fi gaarii” taʼe akka qabdu argisiisa. (Luq. 8:15) Kanaafuu, Yihowaadhaaf wanta qabdu hundumaa keessaa isa hundumaa irra caalu kennuu kee itti fufi. Taanaan, waaʼee ofii keetii qofa ‘wanta ittiin gammaddu’ ni argatta.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

^ key. 5 Yihowaan warra kaanii wajjin wal bira nu hin qabu. Taʼus, nu keessaa tokko tokko namoota kaanii wajjin wal bira of qabuudhaan wanti gochaa jirru gaʼaa akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Mata duree kana keessatti namoota kaanii wajjin wal bira of qabuun miidhaa qabaachuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe mariʼanna. Kana malees, miseensonni maatii keenyaa fi obboloonni gumii keessa jiran akka Yihowaan isaan ilaalutti akka of ilaalan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 5 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 7 Qabxiileen kun abbootii manaa irratti kan xiyyeeffatan taʼus, dhugaawwan buʼuuraa ibsaman hedduun haadhotii manaafis ni hojjetu.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Yeroo waaqeffannaa maatiitti warri carraaqqii tokko tokkoon ijoolleen isaanii doonii Noh ijaaruuf godhanitti akka gammadan argisiisaa jiru.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Haati qeenxeen mucaa xinnoo qabdu takka qajeelchituu gargaaraa taʼuuf sagantaa baafachaa jirti; galma ishii irra gaʼuu ishiittis gammaddeetti.