Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 31

Yihowaa Obsaan ni Eeggattaa?

Yihowaa Obsaan ni Eeggattaa?

“Obsaan nan eeggadha”—MIK. 7:7.

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

QABIYYEE *

1-2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

MIʼA barbaaddu tokko yeroo yaaddetti yoo argachuu baatte maaltu sitti dhagaʼama? Ni gadditaa? Tarii miirri Fakkeenya 13:12 irratti ibsame sitti dhagaʼama taʼa; caqasichi, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. Miʼi sun yeroo ati yaaddetti kan hin dhufne sababii quubsaan waan jiruuf akka taʼe yoo beekte hoo? Yoo akkas taʼe obsaan eeguuf fedhii akka qabaattu beekamaa dha.

2 Mata duree kana keessatti dhugaawwan buʼuuraa ‘obsaan eeggachuuf’ nu gargaaran tokko tokko ilaalla. (Mik. 7:7) Achiis, hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti kallattiiwwan obsaan eeguun itti nu barbaachisu lama ilaalla. Dhuma irratti immoo, eebbawwan namoonni obsaan Yihowaa eeggatan argatan ilaalla.

DHUGAAWWAN BUʼUURAA KITAABA QULQULLUU OBSA NU BARSIISAN

3. Fakkeenyi 13:11 maal nu barsiisa?

3 Yaanni obsi baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu, Fakkeenya 13:11 irratti ibsameera. Caqasichi akkana jedha: “Qabeenyi saffisaan argame xiqqaachaa deema, qabeenyi namni tokko xinnuma xinnoodhaan walitti qabatu garuu ittuma dabalaa deema.” Caqasa kana irraa maal baranna? Namni wanta tokko obsaan suutuma suuta hojjetu ogeessa dha.

4. Dhugaan buʼuuraa Fakkeenya 4:18 irra jiru maal addeessa?

4 Fakkeenyi 4:18, “Daandiin qajeelotaa . . . akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema” jedha. Yaanni kun akkaataa Yihowaan suutuma suuta kaayyoo isaa saba isaatiif itti ibsu akka gaariitti kan argisiisu dha. Caqasni kun akkaataa Kiristiyaanni tokko jireenya isaa keessatti guddina hafuuraa itti godhus kan argisiisu dha. Guddinni hafuuraa wanta ariitiidhaan bira geenyu miti. Kanaa mannaa, wanta yeroo fudhatu dha. Gorsa Dubbii Waaqayyoo fi jaarmiyaa isaa irraa argannu gadi fageenyaan yoo qoʼannee fi hojii irra yoo oolchine suutuma suuta ilaalcha Kiristoos qabaachuu dandeenya. Beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee qabnus ni guddata. Mee Yesuus haala kana fakkeenyaan kan ibse akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Akkuma biqiltuun tokko suutuma suuta guddatu, namni ergaa mootummichaa fudhates suutuma suuta guddina hafuuraa godha (Keeyyata 5 ilaali)

5. Yesuus guddina suutuma suutaan godhamu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

5 Yesuus ergaan Mootummichaa nuti lallabnu akkuma sanyii xinnoo namoota garaa qajeelaa qaban keessatti suutuma suuta guddatuu akka taʼe ibsuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera. Akkana jedheera: “Sanyichis utuu namichi [facaase] hin beekin biqilee guddata. Lafichis suutuma suuta ofuma isaatiin firii godhata; jalqaba ni guddata, achiis ni daraara, dhuma irrattis mataa isaa irratti midhaan guutuu godhata.” (Mar. 4:27, 28) Yesuus yeroo akkana jedhu maal jechuu isaa ti? Akkuma biqiltuun tokko suutuma suuta guddatu, namni ergaa Mootummichaa fudhate tokkos karaa hafuuraa suutuma suuta akka guddatu ibsuu isaa ti. Fakkeenyaaf, namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu Yihowaatti yeroo dhihaatan jijjiiramawwan gaggaarii hedduu godhu. (Efe. 4:22-24) Haa taʼu malee, sanyiin xiqqoon sun akka guddattu kan godhe Yihowaa akka taʼe yaadachuu qabna.—1 Qor. 3:7.

6-7. Akkaataa Yihowaan lafa itti uume irraa maal baranna?

6 Yihowaan namni tokko jijjiirama isa barbaachisu hundumaa godhee hamma xumurutti obsaan ni eega. Kanas kan godhu ulfina maqaa isaatii fi faayidaa warra kaaniitiif jedhee ti. Mee Yihowaan lafa ilmaan namootaatiif suutuma suutaan kan qopheesse akkamitti akka taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

7 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan lafa kan uume akkamitti akka taʼe yeroo ibsu, “safartuu isaa” akka kaaʼe, “miiloowwan isaa” akka dhaabe, akkasumas “dhagaa golee isaa” akka kaaʼe dubbateera. (Iyo. 38:5, 6) Wanta hojjete irratti yeroo fudhatee illee yaadeera. (Uma. 1:10, 12) Mee Yihowaan wantoota uume suutuma suuta bareechaa yeroo deemetti wanta maleekotatti dhagaʼame tilmaami! Baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu. ‘Gammachuudhaan kan iyyanis’ kanaafi. (Iyo. 38:7) Kana irraa maal baranna? Yihowaan uumamawwan isaa hundumaa uumee xumuruuf waggoota kuma hedduu isatti fudhateera; taʼus Yihowaan, wantoota of eeggannoodhaan uume hundumaa irra deebiʼee yommuu ilaalu, “baayʼee gaarii” taʼuu isaanii arge.—Uma. 1:31.

8. Amma maal ilaalla?

8 Akkuma fakkeenyota olitti ilaalle irraa hubannutti Dubbii Waaqayyoo keessaa dhugaawwan buʼuuraa obsi baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa addeessan hedduu arganna. Mee amma kallattiiwwan obsaan Yihowaa eeguun itti nu barbaachisu lama haa ilaallu.

YIHOWAA OBSAAN EEGGACHUUN KAN NU BARBAACHISU YOOMI?

9. Kallattiin itti obsaan Yihowaa eeguun nu barbaachisu tokko maali dha?

9 Kadhannaan keenya hamma deebii argatutti obsaan eeggachuun nu barbaachisa taʼa. Tarii humna rakkina tokko dandamachuuf nu barbaachisu ykn gargaarsa dadhabina tokko moʼuuf nu barbaachisu argachuuf erga kadhannee booda yeroo yaannetti dafnee deebii akka hin arganne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan kadhannaa keenya hundaaf yeruma sana deebii kan hin kennine maaliifi?

10. Kadhannaan keenya hamma deebii argatutti obsuun kan nu barbaachisu maaliifi?

10 Yihowaan kadhannaa keenya xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata. (Far. 65:2) Kadhannaan garaadhaa dhiheessinu amantii isa irratti qabnu kan argisiisu akka taʼetti yaada. (Ibr. 11:6) Yihowaan carraaqqii kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun jiraachuu fi fedhii isaa raawwachuuf goonu arguu ni barbaada. (1 Yoh 3:22) Kanaafuu, yommuu amala gaarii hin taane tokko ykn dadhabina tokko moʼuuf yaallutti obsa qabaachuu fi kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuun keenya barbaachisaa dha. Yesuus kadhannaawwan keenya tokko tokko yeruma sana deebii akka hin arganne dubbateera. Akkana jedheera: “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama; kan kadhatu hundi ni kennamaaf, kan barbaadu hundi ni argata, kan balbala rurrukutu hundis isaaf ni banama.” (Mat. 7:7, 8) Gorsa kana hojii irra oolchuudhaan ‘kadhannaatti yoo jabaanne,’ Abbaan keenya inni samii kadhannaa keenya akka dhagaʼuu fi deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Qol. 4:2.

Yeroo Yihowaa obsaan eeggachaa jirru kanatti, amantiidhaan kadhannaa dhiheessuu keenya itti fufna (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Kadhannaan keenya dafee deebii akka hin arganne yeroo nutti dhagaʼamutti Ibroonni 4:16 kan nu gargaaru akkamitti?

11 Kadhannaan keenya deebii utuu hin argatin kan ture fakkaatus, Yihowaan ‘yeroo nu barbaachisutti’ deebii akka nuuf kennu waadaa nuuf galeera. (Ibroota 4:16 dubbisi.) Wanti tokko akka yaannetti dafee yoo raawwatamuu baate illee, matumaa Yihowaa komachuu kan hin qabne kanaafi. Fakkeenyaaf, obboloonni hedduun Mootummaan Waaqayyoo sirna hamaa kana akka balleessu waggoota hedduudhaaf kadhachaa turan. Yesuus iyyuu waaʼee kanaa kadhachuu akka qabnu dubbateera. (Mat. 6:10) Haa taʼu malee, namni tokko yeroo ilmaan namootaa yaadanitti, Mootummaan Waaqayyoo waan hin dhufneef amantiin Waaqayyo irratti qabu akka laafu yoo heyyame gowwummaa guddaa dha. (An. 2:3; Mat. 24:44) Kanaa mannaa, Yihowaa eeggachuu fi amantiidhaan isa kadhachuu keenya itti fufuun keenya ogummaa dha. Yihowaan “guyyaa sanaa fi saʼaatii sana” waan murteesseef, dhumni addunyaa kanaa yeroo sirrii taʼetti akka dhufu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan yeroo murteessetti tarkaanfii fudhachuun isaa namoota hundumaa ni fayyada. (Mat. 24:36; 2 Phe. 3:15)

Obsa qabaachuu ilaalchisee Yoseef irraa maal baranna? (Keeyyata 12-14 ilaali)

12. Keessumaa obsi keenya qoramuu kan dandaʼu yeroo kamitti?

12 Hamma haqa argannutti obsaan eeguun nu barbaachisa taʼa. Namoonni addunyaa kanaa yeroo baayʼee namoota saala, sanyii, gosa, aadaa fi lammummaa isaan irraa adda taʼe qaban ni miidhu. Namoonni kaan immoo miidhaa qaamaa ykn dhukkuba sammuu waan qabaniif miidhaan isaan irra gaʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun amantii isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen kan kaʼe jalʼinni haqaa isaan irratti raawwatama. Jalʼinni haqaa akkasii yeroo nu irra gaʼu wanta Yesuus jedhe yaadachuu qabna. Yesuus, “Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu . . . ni fayya” jedheera. (Mat. 24:13) Haa taʼu malee, namni gumii keessa jiru tokko balleessaa guddaa akka raawwate yoo beekte hoo? Dhimmi sun jaarsoliitti erga beeksifamee booda hamma isaan karaa Yihowaatiin dhimmichaaf furmaata kennanitti obsaan ni eegdaa? Yommuu namni tokko cubbuu cimaa hojjetutti jaarsoliin maal gochuu qabu?

13. Yihowaan namni tokko cubbuu cimaa yeroo raawwatutti jaarsoliin maal akka godhan barbaada?

13 Jaarsoliin gumii keessatti cubbuu cimaan akka raawwatame yommuu beekanitti, dhimmicha irratti ilaalcha Yihowaa qabaachuu akka dandaʼaniif, “ogummaa . . . ol gubbaadhaa dhufu” argachuuf ni kadhatu. (Yaq. 3:17) Kaayyoon isaanii dandaʼamnaan nama cubbuu cimaa raawwate sana “daandii dogoggoraa irraa [deebisuu]” dha. (Yaq. 5:19, 20) Kana malees, gumichaaf eegumsa gochuu fi namoota miidhaman jajjabeessuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. (2 Qor. 1:3, 4) Jaarsoliin namni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yeroo beekanitti jalqaba dhugumaan maaltu akka raawwatame adda baafachuu qabu; kun immoo yeroo fudhata. Achiis erga kadhatanii booda of eeggannoodhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe nama sanaaf kennu, akkasumas “hamma [isaaf] malu” sirreeffama isaaf kennu. (Er. 30:11) Jaarsoliin dhimmicha lafa irra kan hin harkisne taʼus, ariifatanii murtoo hin kennan. Jaarsoliin qajeelfama Yihowaa yeroo hordofanitti namni hundi akka fayyadamu gumichi ni hubata. Jaarsoliin haala kanaan dhimmichaaf furmaata sirrii erga kennanii booda illee, namni balleessan irratti raawwatame sun gadda isaa irraa jajjabaachuu dhiisuu dandaʼa. Wanti akkasii si mudateera yoo taʼe miidhaa isaa hirʼisuuf maal gochuu dandeessa?

14. Seenaan Kitaaba Qulqulluu Kiristiyaanni tokko yoo si miidhe haala isaa dandamachuuf si gargaaruu dandaʼu isa kami?

14 Namni tokko, tarii immoo obboleessi tokko baayʼee si miidhee beekaa? Seenaawwan hamma Yihowaan dhimma tokkoof furmaata kennutti obsaan eeguu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisan Dubbii Waaqayyoo keessaa argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Yoseef obboloonni isaa jalʼina haqaa isa irratti kan raawwatan taʼus, cubbuun isaanii kun nama aaru akka isa godhu hin heyyamne. Kanaa mannaa, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessu irratti xiyyeeffateera; Yihowaanis obsaa fi jabaatee dhaabbachuu isaatiif isa kiiseera. (Uma. 39:21) Yoseef yeroo booda dhiifama isaaniif godheera, akkasumas Yihowaan hammam akka isa eebbise arguu dandaʼeera. (Uma. 45:5) Nutis akkuma Yoseef Yihowaatti kan dhihaannuu fi jalʼina nu irratti raawwatame isaaf kan dhiisnu yoo taʼe ni jajjabaanna.—Far. 7:17; 73:28.

15. Obboleettiin takka balleessaa ishii irratti raawwatame obsaan darbuuf maaltu ishii gargaare?

15 Jalʼinni haqaa hamma Yoseef irra gaʼe nu irra gaʼuu baatus, namni tokko yoo balleessaa nu irratti raawwate miidhamuun keenya hin oolu. Obboleessa tokkoo wajjinis taʼe nama Yihowaa hin waaqeffannee wajjin yommuu walitti buunu, dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun keenya nu fayyada. (Filp. 2:3, 4) Mee muuxannoo tokko haa ilaallu. Obboleettiin takka dubartiin ishii wajjin hojjettu takka waaʼee ishii wanta dhugaa hin taane namoota kaanitti akka dubbate yeroo beektetti baayʼee gadditee turte. Obboleettiin kun daftee tarkaanfii fudhachuu mannaa, yeroo fudhattee fakkeenya Yesuus irratti xiinxalte. Inni yommuu isa arrabsan deebisee hin arrabsine. (1 Phe. 2:21, 23) Obboleettiin kun fakkeenya kana irratti yaaduudhaan dhimmicha calluma jettee bira darbuuf murteessite. Boodas obboleettiin kun dubartiin wajjin hojjettu dhibee fayyaa cimaa taʼee fi dhiphinaa wajjin walʼaansoo gochaa akka jirtu beekte. Kanaafuu, wanta sana kan dubbatte taʼe jettee akka hin taane hubatte. Obboleettiin kun dhimma sana obsaan bira darbuu ishiitti baayʼee gammaddeetti; nagaa sammuus argatteetti.

16. Yeroo jalʼinni haqaa sirratti raawwatamutti wanti si jajjabeessuu dandaʼu maali dha? (1 Pheexiros 3:12)

16 Jalʼina haqaatiin ykn sababa kan biraatiin miidhaan sirra gaʼaa jira yoo taʼe Yihowaan “warra garaan isaanii cabetti” dhihoo akka taʼe yaadadhu. (Far. 34:18) Obsa qabeessa waan taateef, akkasumas baʼaa kee isa irratti waan gattuuf si jaallata. (Far. 55:22) Inni Abbaa Murtii guutummaa lafaa ti. Wanti isa duraa dhokatu tokko iyyuu hin jiru. (1 Pheexiros 3:12 dubbisi.) Maarree, rakkinni furmaata kennuufii hin dandeenye sirra gaʼaa jira yoo taʼe obsaan isa eeguuf fedhii qabdaa?

NAMOONNI OBSAAN YIHOWAA EEGGATAN EEBBA BARA BARAA ARGATU

17. Akka Isaayyaas 30:18 irratti ibsametti Yihowaan abdii akkamii nuuf kenneera?

17 Abbaan keenya inni samii dhiheenyatti Mootummaa isaatti fayyadamuudhaan eebba hedduu nuuf kenna. Isaayyaas 30:18 akkana jedha: “Yihowaan . . . gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira, gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa. Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa taʼe dha. Warri abdiidhaan isa eeggatan hundi gammadoo dha.” Namoonni obsaan Yihowaa eeggatan ammas taʼe addunyaa haaraa keessatti eebba hedduu argatu.

18. Gara fuulduraatti eebba akkamii arganna?

18 Sabni Waaqayyoo addunyaa haaraatti erga galanii booda, dhiphinaa fi rakkina yeroo harʼatti isaan irra gaʼu irraa walaba taʼu. Jalʼinni haqaas taʼe dhiphinni sana booda hin jiraatu. (Mul. 21:4) Yeroo sanatti wanti namootaaf barbaachisu hedduminaan waan jiraatuuf hanqinni ni jiraata jennee hin yaaddofnu. (Far. 72:16; Isa. 54:13) Kun eebba dinqisiisaa dha!

19. Yihowaan suutuma suuta jireenya akkamiitiif nu qopheessaa jira?

19 Hammasitti garuu Yihowaan barsiifatawwan gadhee taʼan akka moonuu fi amaloota isa gammachiisan akka horannu nu gargaaruudhaan jireenya bulchiinsa isaa jala jiraatuuf nu qopheessa. Kanaafuu, abdii kutachuudhaan Yihowaa tajaajiluu kee hin dhaabin. Gara fuulduraatti jireenya hunda irra caalutu si eeggata! Kanaafuu, hamma Yihowaan hojii isaa xumurutti fedhiidhaan, akkasumas obsaan isa eeggachuu keenya itti haa fufnu!

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

^ key. 5 Obboleessi yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa ture tokko, ‘Sirna hamaa kana keessatti nan dullooma jedhee matumaa yaadee hin beeku’ yeroo jedhu dhageessee beektaa? Hundi keenya iyyuu keessumaa yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti Yihowaan addunyaa hamaa kana akka balleessu ni hawwina. Taʼus, obsa qabaachuu qabna. Mata duree kana keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu obsaan eeguuf nu gargaaran ilaalla. Kallattiiwwan obsaan Yihowaa eeguun itti nu barbaachisu lama irrattis ni mariʼanna. Dhuma irratti immoo, eebba namoonni obsaan eeggatan argatan ilaalla.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka ijoollummaa ishiitii kaastee yeroo hundumaa Yihowaa kadhachaa jirti. Ijoollummaa ishiitti warri ishii akkamitti kadhachuu akka dandeessu ishii barsiisaniiru. Dargaggummaa ishiitti qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde, akkasumas Yihowaan tajaajila ishii akka ishiif eebbisuuf yeroo hundumaa isa kadhatti turte. Waggoota hedduu booda yeroo abbaan manaa ishii baayʼee dhukkubsatetti, humna haala isaa dandamachuuf isaan barbaachisu akka isaaniif kennuuf Yihowaa cimsitee kadhachaa jirti. Erga abbaan manaa ishii irraa duʼee booda yeroo ammaatti Abbaan ishii inni samii akkuma kanaan duraa kadhannaa ishiitiif deebii akka kennu isatti amanamuudhaan irra deddeebitee isa kadhachuu ishii itti fufteetti.