Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 33

Mirga Qabdutti Gammadi

Mirga Qabdutti Gammadi

“Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa, wanta ijji argutti gammaduu wayya.”—LAL. 6:9.

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

QABIYYEE *

1. Obboloonni hedduun caalaatti Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii akkamii gochaa jiru?

 YEROO dhumni sirna kanaa dhihaachaa deemu hojiin hojjennus dabalaa deema. (Mat. 24:14; Luq. 10:2; 1 Phe. 5:2) Hundi keenya iyyuu hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluu barbaanna. Obboloonni hedduun tajaajila isaanii balʼifachaa jiru. Tokko tokko qajeelchaa taʼanii tajaajiluuf galma baafataniiru. Warri kaan immoo Beetel keessa tajaajiluuf ykn hojii ijaarsa manneen tiʼookraasii irratti hirmaachuuf abdatu. Obboloonni hedduun ulaagaa tajaajilaa gumii ykn jaarsa gumii taʼuuf barbaachisu guutuuf carraaqaa jiru. (1 Xim. 3:1, 8) Yihowaan obboloota fedhiidhaan of dhiheessan akkasii yeroo argu baayʼee akka gammadu hin shakkisiisu!—Far. 110:3; Isa. 6:8.

2. Galmawwan hafuuraa tokko tokko irra gaʼuu yoo dadhabne maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

2 Haa taʼu malee, yeroo dheeraa booda illee galmawwan hafuuraa tokko tokko irra yoo gaʼuu baanne abdii kutachuu dandeenya. Sababii umuriitiin ykn haalawwan kan birootiin kan kaʼe mirgawwan barbaannu tokko tokko argachuu yeroo hin dandeenyettis abdii kutanna taʼa. (Fak. 13:12) Wanti Meeliisaa * mudates kana ture. Meeliisaan Beetelitti tajaajiluu ykn Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatti barachuu barbaaddi turte. Taʼus, “Amma umuriin koo isa barbaadamu irra waan darbeef, mirgawwan kana argachuu hin dandaʼu. Kanaafuu, yeroo tokko tokko baayʼeen gadda” jetteetti.

3. Obboloonni tokko tokko mirgawwan tokko tokkoof gaʼumsa qabaachuuf, maaltu isaan barbaachisa?

3 Obboloonni dargaggootaa fi fayya buleeyyii taʼan tokko tokko immoo, mirgawwan dabalataa argachuu isaanii dura, caalaatti bilchaachuu fi amalawwan tokko tokko horachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Dargaggoonni kun dandeettii kan qaban, kutatoo fi hinaaffaa kan qaban taʼuu dandaʼu; taʼus caalaatti obsa qabaachuu, hojii isaanii qulqullinaan hojjechuu ykn warra kaan kabajuu barachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Amalawwan kana guddifachuu irratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe, mirga tajaajilaa barbaaddu tokko yeroo hin eegnetti argachuu dandeessa. Mee muuxannoo Niik haa ilaallu. Obboleessi kun yeroo umuriin isaa waggaa 20 turetti tajaajilaa gumii taʼee waan hin muudamneef baayʼee gaddee ture. Niik, “Tajaajilaa gumii taʼuu kan hin dandeenye rakkina tokko waanan qabuuf jedhee yaadeen ture” jedheera. Taʼus abdii kutachuu mannaa, mirgawwan qabutti akka gaariitti itti fayyadamuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufeera. Yeroo ammaatti miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajilaa jira.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Galma hafuuraa baafatte tokko irra waan hin geenyeef abdii kutatteettaa? Taanaan, wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. (Far. 37:5-7) Akkasumas, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu fooyyessuuf maal gochuu akka qabdu gorsa akka siif kennan obboloota bilchina qaban gaafadhu; achiis gorsa siif kenname hojii irra oolchuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Akkas yoo goote mirga sana argachuu ykn galma sana irra gaʼuu ni dandeessa. Haa taʼu malee, akkuma Meeliisaa ishii olitti ibsamtee yeroo ammaatti mirga hawwite tokko irra gaʼuun humna keetii ol taʼuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti maal gochuu qabda? Gammachuu kee eeggachuu kan dandeessu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, mata duree kana keessatti (1) gammachuu kan siif argamsiisu maal akka taʼe, (2) gammachuun kee akka dabalu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe, akkasumas (3) galma gammachuu kee siif dabalu akkamii baafachuu akka dandeessu ilaalla.

GAMMACHUU KAN NUUF ARGAMSIISU MAALI DHA?

5. Gammachuu argachuuf maal irratti xiyyeeffachuu qabna? (Lallaba 6:9)

5 Lallabni 6:9 wanti gammachuu argachuuf nu gargaaru maal akka taʼe dubbata. (Dubbisi.) Namni “wanta ijji argutti gammadu,” haala keessa jiru dabalatee wanta qabutti ni gammada. Namni hawwii isaa duukaa buʼee jooru garuu, wanta argachuu hin dandeenye barbaaduu isaa itti fufa. Maarree, kana irraa maal baranna? Gammachuu argachuuf wanta qabnuu fi galma bira gaʼuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuu qabna.

6. Fakkeenya kam ilaalla? Fakkeenya kana irraa hoo maal baranna?

6 Dhuguma wanta qabdutti gammaddee jiraachuu dandeessaa? Hundi keenya iyyuu, yommuu yeroon darbaa deemu wanta haaraa barachuu waan barbaannuuf, namoonni hedduun kun akka hin dandaʼamne dubbatu. Haa taʼu malee, wanta qabnutti gammannee jiraachuu ni dandeenya. Eeyyee, “wanta ijji argutti” gammaduu ni dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii isaa beekuuf, fakkeenya Yesuus waaʼee taalaantii dubbatee fi Maatewos 25:14-30 irra jiru haa ilaallu. Haala keessa jirru keessatti gammachuu qabaachuu fi gammachuun keenya akka dabalu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni baranna.

GAMMACHUUN KEE AKKA DABALU GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

7. Fakkeenya waaʼee taalaantii dubbatu gabaabsii ibsi.

7 Namichi fakkeenyicha irratti ibsame biyya fagoo deemuuf jedha ture. Deemuu isaa dura garuu, garboota isaa waamee tokkoon tokkoon isaaniitiif taalaantii ittiin daldalan isaaniif kenne. * Dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan isa jalqabaatiif taalaantii shan, isa lammataatiif taalaantii lama, isa sadaffaatiif immoo taalaantii tokko kenne. Garboonni jalqabaa lamaan jabaatanii hojjetaniiru. Garbichi inni sadaffaan garuu maallaqa sanaan homaa waan hin hojjenneef, gooftaan isaa hojii isaa irraa isa ariʼe.

8. Garbichi fakkeenyicha irratti ibsame inni jalqabaa gammaduuf sababa akkamii qaba?

8 Garbichi inni jalqabaa gooftaan isaa taalaantii shan waan isaaf kenneef baayʼee gammadee akka ture hin shakkisiisu. Kun maallaqa guddaa waan taʼeef, gooftaan isaa hammam akka isa amane kan argisiisu dha. Garbichi inni lammaffaan hoo? Inni akka garbicha isa jalqabaa taalaantii hedduu waan hin arganneef gadduu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, garbichi kun maal godhe?

Garbicha lammaffaa fakkeenya Yesuus irratti ibsame irraa maal baranna? (1) Gooftaan isaa taalaantii lama isaaf kenne. (2) Gooftaa isaatiif maallaqa dabalataa argamsiisuuf jabaatee hojjeteera. (3) Taalaantiin gooftaa isaa dachaa akka taʼu godheera (Keeyyata 9-11 ilaali)

9. Garbicha isa lammaffaa ilaalchisee Yesuus maal hin jenne? (Maatewos 25:22, 23)

9 Maatewos 25:22, 23 dubbisi. Yesuus garbichi inni lammaffaan kan isaaf kenname taalaantii lama qofa taʼuu isaatti akka aare ykn akka mufate hin dubbanne. Garbichi sun gungumuudhaan akkana akka jedhes hin dubbanne: ‘Gaʼeen koo kana qofadhaa? Anis akkuma garbicha taalaantii shan fudhate sanaa ciminaan hojjechuu nan dandaʼa! Gooftaan koo hojjetaa dandeettii qabu akkan taʼetti na hin ilaalu taanaan, taalaantii lamaan kana awwaalee wantan barbaadun hojjedha.’

10. Garbichi inni lammaffaan taalaantii isaatti fayyadamee maal hojjete?

10 Garbichi inni lammaffaa akkuma garbicha isa tokkoffaa itti gaafatamummaa isaaf kennameef iddoo guddaa kennuudhaan gooftaa isaa tajaajiluuf jabaatee hojjeteera. Kanaafuu, taalaantii gooftaa isaa lamaan irraa taalaantii lama buufateera. Garbichi kun jabaatee waan hojjeteef gooftaan isaa isa badhaaseera. Gooftaan isaa baayʼee kan isatti gammade taʼuu isaa irra iyyuu, itti gaafatamummaa dabalataa isaaf kenneera!

11. Gammachuun keenya akka dabalu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Haaluma wal fakkaatun, nutis hojii tajaajila Yihowaa keessatti nuuf kennamu kam iyyuu ciminaan hojjechuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu ni dandeenya. Hojii lallabaatti ‘guutummaatti qabami,’ sochiiwwan gumii irrattis hirmaannaa guutuu godhi. (HoE. 18:5; Ibr. 10:24, 25) Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuu akka dandeessuuf wanta qoʼatamu akka gaariitti qophaaʼi. Kutaa barataa siif kennamu kam iyyuu akka gaariitti qophaaʼi. Gumii keessatti hojii tokko irratti gargaarsa akka gootu yoo gaafatamte hojii siif kenname yeroo isaatti xumuri, akkasumas amanamaa taʼi. Hojii siif kennamu kam iyyuu hin tuffatin. Dandeettii kee guddifachuuf carraaqqii godhi. (Fak. 22:29) Sochiiwwan hafuuraa irratti akka gaariitti kan hirmaattuu fi hojiiwwan siif kennaman ciminaan kan hojjettu yoo taʼe, saffisaan guddina hafuuraa goota, gammachuun kees ni dabala. (Gal. 6:4) Yeroo warri kaan mirga ati argachuu barbaaddu argatanitti isaanii wajjin gammaduunis sitti hin ulfaatu.—Rom. 12:15; Gal. 5:26.

12. Meeliisaa fi Niik gammachuun isaanii akka dabalu gochuuf tarkaanfii akkamii fudhatan?

12 Meeliisaa ishii Beetelitti tajaajiluu ykn Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuu akka barbaaddu dubbatte ni yaadattaa? Wanta barbaadde kana argachuu baattus akkana jetteetti: “Mirgan qajeelchituu taʼuudhaan qabuuf xiyyeeffannaa kennuuf, akkasumas malawwan lallabaa garaa garaatti fayyadamuuf wantan dandaʼu hunda gochuufan yaale. Kun immoo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera.” Niik hoo gadda yeroo tajaajilaa gumii taʼee hin muudamnetti isatti dhagaʼame kan dandamate akkamitti? Akkana jedheera: “Mirgawwan yeroo sanatti qabu, jechuunis tajaajila irratti hirmaannaa gaarii gochuu fi walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuu irratti xiyyeeffadheen ture. Beetelitti tajaajiluuf foormiin guute; achiis waggaa itti aanutti nan waamame.”

13. Hojii amma siif kenname ciminaan kan hojjettu yoo taʼe buʼaa akkamii argatta? (Lallaba 2:24)

13 Hojii amma siif kenname ciminaan kan hojjettu yoo taʼe, gara fuulduraatti itti gaafatamummaa kana irra caalu ni argattaa? Akkuma Niik argachuu dandeessa. Mirga dabalataa yoo argachuu baatte illee, akkuma Meeliisaa gammachuun kee akka dabalu gochuu ni dandeessa, wanta yeroo ammaatti gochaa jirtuttis caalaatti ni gammadda. (Lallaba 2:24 dubbisi.) Hunda caalaa immoo, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin gammachiisaa akka jirtu waan beektuuf baayʼee gammadda.

GALMAWWAN GAMMACHUU KEENYA NUUF DABALAN

14. Galmawwan keenyaa wajjin haala wal qabateen yeroo hundumaa maal yaadachuu qabna?

14 Hojii amma nuuf kenname irratti xiyyeeffanna jechuun tajaajila keenya balʼifachuuf carraaqqii gochuu dhiisuu qabna jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Galmawwan hojii lallabaa fi barsiisuu irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuuf, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya caalaatti fayyaduuf nu gargaaran baafachuu qabna. Galmawwan kana irra gaʼuu kan dandeenyu of irratti utuu hin taʼin warra kaan tajaajiluu irratti yoo xiyyeeffanne dha.—Fak. 11:2; HoE. 20:35.

15. Galmawwan gammachuu kee siif dabalan tokko tokko kam faʼi?

15 Galmawwan akkamii baafachuu dandeessa? Galmawwan bira gaʼuu dandeessu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa gaafadhu. (Fak. 16:3; Yaq. 1:5) Galmawwan  keeyyata tokkoffaa mata duree kanaa keessatti caqasaman kan akka qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼuu, Beetel keessatti tajaajiluu ykn ijaarsa manneen tiʼookraasii irratti hirmaachuu baafachuu fi bira gaʼuuf carraaqqii gochuu ni dandeessaa? Yookiin immoo misiraachicha babalʼisuu fi naannoo biraatti lallabuuf afaan haaraa barachuu ni dandeessa. Waaʼee galmawwan kanaa caalaatti beekuuf, kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe (Amaariffa) jedhamuu irraa boqonnaa 10⁠ffaa dubbisuu, akkasumas jaarsolii gumii keetii haasofsiisuu ni dandeessa. * Galmawwan kana bira gaʼuuf jabaattee yeroo hojjettu guddinni kee ifatti mulʼata, gammachuun kees ni dabala.

16. Yeroo ammaatti galma baafatte irra gaʼuu hin dandeessu yoo taʼe maal gochuu dandeessa?

16 Haa taʼu malee, yeroo ammaatti galmawwan olitti ibsaman keessaa isa tokko irra illee gaʼuu hin dandeessu yoo taʼe hoo? Taanaan galma bira gaʼuu dandeessu kan biraa baafadhu. Mee galmawwan kun maalfaa akka taʼan haa ilaallu.

Galmi bira gaʼuu dandeessu tokko maali dha? (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Akka 1 Ximotewos 4:13, 15 irratti ibsametti obboleessi tokko barsiisaa gaarii taʼuuf carraaqqii gochuu kan dandaʼu akkamitti?

17 Ximotewos Tokkoffaa 4:13, 15 dubbisi. Obboleessa cuuphame yoo taate dandeettii dubbachuu fi barsiisuu kee guddifachuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Maaliif? Sababiin isaas, dubbisuu, dubbachuu fi barsiisuudhaaf “xiyyeeffannaa guddaa” yoo kennite, warri si dhagaʼan faayidaa guddaa argatu. Dandeettiiwwan birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu irratti ibsaman hundumaa qoʼachuu fi hojii irra oolchuuf galma baafadhu. Dandeettii tokko filadhuu qoʼadhuutii mana keessatti irra deddeebiʼii shaakali; achiis haasaa dhiheessitu irratti argisiisuuf carraaqqii godhi. Gargaaraan gorsa kennaa ykn jaarsoliin “dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan” kaan gorsa akka siif kennan gaafadhu. * (1 Xim. 5:17) Barumsa birooshuricha irra jiru hojii irra oolchuu irratti qofa utuu hin taʼin, dhaggeeffattoonni kee amantii isaanii akka cimsatan gargaaruu fi wanta baratan hojii irra akka oolchan kakaasuu irrattis xiyyeeffachuu qabda. Akkana yoo goote, atis taate isaan caalaatti gammachuu argattu.

Galmi bira gaʼuu dandeessu tokko maali dha? (Keeyyata 18 ilaali) *

18. Galmawwan tajaajila keenyaa wajjin wal qabatan irra gaʼuuf maaltu nu gargaara?

18 Hundi keenya iyyuu mirga lallabuu fi barattoota gochuu qabna. (Mat. 28:19, 20; Rom. 10:14) Maarree, dandeettii hojii hunda irra caalu kana irratti qabdu guddifachuu ni barbaaddaa? Birooshura Barsiisuu jedhamu qoʼachuu fi wanta irraa baratte hojii irra oolchuuf galma baafadhu. Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa​—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii irraa fi viidiyoowwan maree fakkeenya taʼu irraas yaada si fayyadu argachuu dandeessa. Wanta caalaatti si fayyadu argachuuf yaada garaa garaa hojii irra oolchuuf yaali. Yaadawwan kana hojii irra oolchuudhaan dandeettii tajaajila irratti qabdu guddifachuu fi gammachuu kee dabaluu dandeessa.—2 Xim. 4:5.

Galmi bira gaʼuu dandeessu tokko maali dha? (Keeyyata 19 ilaali) *

19. Amalawwan Kiristiyaanummaa horachuu kan dandeessu akkamitti?

19 Waaʼee galma baafachuu yeroo yaaddu, wanta hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe, jechuunis amalawwan Kiristiyaanummaa horachuu hin dagatin. (Gal. 5:22, 23; Qol. 3:12; 2 Phe. 1:5-8) Galma kana irra gaʼuuf maal gochuu dandeessa? Fakkeenyaaf, amantii kee cimsachuu barbaadda taʼa. Tarii barreeffamoota keenya irraa mata dureewwan yaada amantii kee siif cimsan qabatan ni dubbista taʼa. JW Biroodkaastingii® irraa viidiyoowwan obboloonni keenya rakkina garaa garaa wajjin utuma walʼaansoo godhanii amantii cimaa akka qaban kan argisiisan akkamitti akka taʼe ibsan ilaaluun kees si fayyada. Achiis jireenya kee keessatti fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi.

20. Gammachuun keenya akka dabalu gochuu fi miira abdii kutannaa mooʼuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Hundi keenya iyyuu Yihowaadhaaf isa amma hojjechaa jirru caalaa hojjechuu akka barbaannu hin shakkisiisu. Addunyaa haaraa keessatti isa ammaa caalaa isa tajaajiluu ni dandeenya. Hammasitti garuu carraa arganne hundatti akka gaariitti fayyadamuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu fi miira abdii kutannaa mooʼuu ni dandeenya. Hunda caalaa immoo Yihowaa isa “Waaqa gammadaa” taʼeef ulfinaa fi jajannaa finna. (1 Xim. 1:11) Kanaafuu, mirgawwan qabnutti haa gammannu!

FAARFANNAA 82 ‘Ifni Keessan haa Ifu’

^ key. 5 Yihowaa baayʼee waan jaallannuuf, tajaajila isaa keessatti wanta dandeenyu hundumaa gochuu barbaanna. Tajaajila keenya balʼifachuuf ykn gumii keessatti mirga dabalataa argachuuf carraaqqii kan goonus kanaafi. Haa taʼu malee, hamma dandeenyu carraaqqii goonus galma yaanne bira gaʼuu hin dandeenye yoo taʼe hoo? Yeroo kanatti tajaajila Yihowaa keessatti buʼa qabeeyyii taanee itti fufuu fi gammachuu keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa fakkeenya Yesuus waaʼee taalaantii dubbate irraa arganna.

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 7 IBSA JECHAA: Taalaantiin tokko miindaa hojjetaan tokko gara waggaa 20tiif hojjetee argatuu wajjin qixxee dha.

^ key. 15 Obboloonni cuuphaman tajaajilaa gumii fi jaarsa gumii taʼuuf gaʼumsa barbaachisu guutuuf carraaqqii akka godhan jajjabeeffamaniiru. Ulaagaaleen barbaachisan maalfaa akka taʼan beekuuf kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe (Amaariffa) jedhamu irraa boqonnaa 5⁠ffaa fi 6⁠ffaa ilaali.

^ key. 17 IBSA JECHAA: Gargaaraa gorsa kennaa kan jedhamu jaarsa gumii, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii haasaa erga dhiheessanii booda akka barbaachisummaa isaatti gorsa isaaniif kennu dha.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko galma barsiisaa gaarii taʼuuf baafate irra gaʼuuf, barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochaa jira.

^ key. 66 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka karaa al idilee taʼeen lallabuuf galma erga baafattee booda shamarree ishii keessumeessiteef kaardii teessoo jw.org kennaa jirti.

^ key. 68 IBSA FAKKII: Obboleettiin caalaatti arjummaa argisiisuuf galma baafatte takka obboleettii kan biraatiif kennaa kennaa jirti.