Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 35

Maanguddoota Amanamoo Taʼaniif Iddoo Guddaa Kennaa

Maanguddoota Amanamoo Taʼaniif Iddoo Guddaa Kennaa

“Harriin gonfoo miidhaginaa ti.”—FAK. 16:31.

FAARFANNAA 138 Bareedina Harrii

QABIYYEE *

1-2. (a) Akka Fakkeenya 16:31 irratti ibsametti, maanguddoota amanamoo taʼaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan akkamiitiif deebii arganna?

ALMAAZIIN hin rigamne hin calaqqisu, ija namaattis hin tolu. Kanaafuu, namni tokko almaazii akkasii utuu lafatti argee maalummaa isaa utuu hin hubatiin calluma jedhee bira darbuu dandaʼa.

2 Karaa tokko tokkoon maanguddoonni amanamoonis akkuma almaazii gatii guddaa qabu kanaa ti. Dubbiin Waaqayyoo harrii maanguddoota kanaa gonfoo wajjin wal fakkeesseera. (Fakkeenya 16:31 dubbisi; 20:29) Haa taʼu malee, maanguddoonni kun gatii guddaa akka qaban hubachuu dhiisuu dandeenya. Dargaggoonni iddoo guddaa maanguddoonni qaban hubatan wanta qabeenya caalaa gatii guddaa qabu argatu. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan sadiif deebii arganna. Yihowaan maanguddoota amanamoo taʼaniif iddoo guddaa kan kennu maaliifi? Maanguddoonni kun jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo akkamii qabu? Muuxannoo isaanii irraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?

YIHOWAAN MAANGUDDOOTA AMANAMOO TAʼANIIF IDDOO GUDDAA KAN KENNU MAALIIFI?

Maanguddoonni amanamoo taʼan Yihowaa fi saba isaa biratti iddoo guddaa qabu (Keeyyata 3 ilaali)

3. Akka Faarfannaan 92:12-15 jedhutti maanguddoonni amanamoo taʼan Yihowaa biratti iddoo guddaa kan qabaatan maaliifi?

3 Maanguddoonni amanamoon Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu. Inni namoota akkamii akka taʼan beeka, amalawwan gaggaarii qabanis ni dinqisiifata. Yihowaan maanguddoonni ogummaa yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan argatan dargaggootaaf yeroo hiranitti ni gammada. (Iyo. 12:12; Fak. 1:1-4) Jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiifis isaan dinqisiifata. (Mil. 3:16) Jireenyi isaanii rakkina irraa walaba taʼuu baatus, amantiin Yihowaa irratti qaban matumaa hin laafu. Abdiin isaanii isa yeroo dhugaa baratan irra amma caalaatti isaaniif dhugoomeera. “Bara dullumaatti illee” maqaa isaa beeksisuu isaanii waan itti fufaniif Yihowaan isaan jaallatta.—Faarfannaa 92:12-15 dubbisi.

4. Yaanni obbolootaa fi obboleettota maanguddoota taʼan jajjabeessu maali dha?

4 Maanguddoo yoo taatan, Yihowaan hojii kanaan dura raawwattan matumaa akka hin irraanfanne mirkanaaʼoo taʼa. (Ibr. 6:10) Hojii lallabaa irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan Abbaa keenya isa samii gammachiistaniittu. Haalawwan baayʼee isin gaddisiisan dabalatee rakkoowwan garaa garaa dandamattaniittu, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu eegdaniittu, itti gaafatamummaa guguddaa raawwattaniittu, warra kaanis leenjistaniittu. Jaarmiyaa Yihowaa isa saffisa qabuu wajjin qixxee deemuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gootaniittu. Warra tajaajila yeroo guutuu keessa jiran deggertaniittu, akkasumas jajjabeessitaniittu. Yihowaan amanamoo waan taataniif baayʼee isin jaallata. Inni ‘warra isaaf amanamoo taʼan akka hin gatne’ waadaa galeera. (Far. 37:28) Waadaa, “Hamma harrii baastanittis isinan baadha” jedhus isiniif galeera. (Isa. 46:4) Kanaafuu, ‘Waanan dulloomeef kana booda jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo hin qabu’ jettanii hin yaadinaa. Jaarmiyicha keessatti iddoo guddaa qabdu!

MAANGUDDOONNI JAARMIYAA YIHOWAA KEESSATTI IDDOO GUDDAA QABU

5. Maanguddoon maal yaadachuu qabu?

5 Maanguddoonni jaarmiyaa Yihowaatiif wanta kennan hedduu qabu. Amma akka duraanii jabina qabaachuu dhiisuu dandaʼu; taʼus, muuxannoowwan waggoota hedduudhaaf kuufatan qabu. Akka muuxannoowwan bara durii fi yeroo ammaa jiran argisiisanitti Yihowaan karaa garaa garaatiin maanguddootatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Mee muraasa isaanii akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

6-7. Waaʼee maanguddoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaaniitiin eebba argatanii ibsi.

6 Maanguddoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi bara dullumaa isaanitti garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilan irraa barumsa gaarii arganna. Fakkeenyaaf, Museen yeroo Yihowaan raajii isaa akka taʼuu fi saba Israaʼel akka geggeessu isa filattetti umuriin isaa gara waggaa 80 ture. Yihowaan Daaniʼel umuriin isaa waggaa 90 erga darbee boodas raajii isaa taʼee akka itti fufu isaaf heyyameera. Yohaannis ergamaanis hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee yeroo kitaaba Mulʼataa barreessetti umuriin isaa waggaa 90 ol taʼuu hin oolu.

7 Maanguddoonni amanamoon kan biroon immoo beekamoo waan hin taaneef, salphaatti dagatamuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaan isaan hin dagatu; amanamummaa isaaniitiifis isaan badhaasa. Fakkeenyaaf, Simiʼoon isa “qajeelaa fi nama Waaqayyoof bule” ilaalchisee wanti Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame muraasa dha; taʼus Yihowaan Yesuusiin akka argu, akkasumas waaʼee mucichaa fi haadha isaa raajii akka dubbatu mirga isaaf kennuudhaan akka isa beeku argisiiseera. (Luq. 2:22, 25-35) Waaʼee Haannaa raajittii ishii abbaan manaa irraa duʼees yaadi. Haannaan yeroo umuriin ishii waggaa 84 turetti illee ‘mana qulqullummaa keessaa hin dhabamtu’ turte. Yeroo hundumaa mana qulqullummaa waan dhaqxuuf, Yihowaan Yesuusiin akka argitu gochuudhaan ishii eebbiseera. Simiʼoonis taʼe Haannaan Yihowaa duratti iddoo guddaa qabu.—Luq. 2:36-38.

Obboleettiin keenya Looyis yeroo ammaatti waggaa 80 ol taatus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu ishii itti fufteetti (Keeyyata 8 ilaali)

8-9. Obboleettonni abbootiin manaa isaanii irraa duʼan jaarmiyaa Yihowaatiif gumaacha akkamii godhu?

8 Bara keenyattis, maanguddoonni amanamoo taʼan hedduun dargaggootaaf fakkeenya gaarii taʼaniiru. Mee muuxannoo obboleettii keenya Looyis Diidar haa ilaallu. Yeroo Kaanaadaatti qajeelchituu addaa taatee tajaajiluu jalqabdetti umuriin ishii waggaa 21 ture. Sana booda, abbaa manaa ishii Joon wajjin hojii daawwannaa irratti waggoota hedduu dabarsaniiru. Yeroo booda immoo Beetel isa Kaanaadaatti argamu keessatti waggoota 20 oliif tajaajilaniiru. Yeroo Looyis umuriin ishii waggaa 58 turetti Joonii wajjin Yuukreenitti akka tajaajilan affeeramanii turan. Maarree maal godhan? Umurii isaanii kanatti biyya biraa deemanii tajaajiluu akka hin dandeenye isaaniitti dhagaʼameeraa? Lakki. Ramaddii isaaniif kenname fudhataniiru; Joonis miseensa Koree Waajjira Damee biyyattii taʼee muudameera. Waggaa torba booda Joon ni duʼe; Looyis garuu ramaddii ishiif kenname irratti tajaajiluu ishii itti fufuuf murteessite. Looyis amma umuriin ishii waggaa 81 taʼus miseensota maatii Beetel Yuukreenitti argamanii wajjin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu ishii itti fufteetti; hundi isaaniis baayʼee ishii jaallatu.

9 Obboleettonni akka Looyis abbootiin manaa isaanii irraa duʼan, akka yeroo abbootiin manaa isaanii lubbuudhaan jiraniitti xiyyeeffannaan isaaniif hin kennamu taʼa; haa taʼu malee, dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan taʼuun isaanii gatii Yihowaa biratti qaban isaan hin dhabsiisu. Yihowaan obboleettota waggoota hedduudhaaf abbootii manaa isaanii deggeraa turanii fi ammas amanamummaadhaan isa tajaajilaa jiraniif bakka guddaa kenna. (1 Xim. 5:3) Maanguddoonni dargaggootaafis jajjabina guddaa kennu.

10. Tooniin fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼeera?

10 Maanguddoonni amanamoon manaa baʼuu hin dandeenyes nu biratti iddoo guddaa qabu. Fakkeenyaaf, obboleessi Toonii jedhamu iddoo kunuunsa itti argatu keessa jiraata. Tooniin Hagayya 1942⁠tti umurii isaa waggaa 20⁠tti Pensilvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessatti cuuphame. Achiis utuma baayʼee hin turin raayyaa waraanaatti akka makamu ajajame; ajaja kana waan hin fudhanneef waggaa lamaa fi walakkaadhaaf hidhame. Haadha manaa isaa Hiildaa wajjin ijoollee lama dhugaa keessatti guddisaniiru. Tooniin waggoota hedduudhaaf gumii sadii keessatti qindeessaa qaama jaarsolii taʼee tajaajileera, akkasumas ilaaltuu ol aanaa walgaʼii aanaa taʼee tajaajileera. Mana hidhaa keessatti walgaʼii geggeesseera, akkasumas namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiiseera. Tooniin umurii isaa waggaa 98⁠tti illee Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. Yihowaa tajaajiluu fi gumii isaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf wanta dandaʼu hundumaa gochaa jira!

11. Obboloota manaa baʼuu hin dandeenyeef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Obboloota manaa baʼuu hin dandeenyetti kabaja argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Jaarsoliin hamma isaaniif dandaʼame obboloonni kun sochiiwwan gumii irratti akka hirmaatan gargaaruu dandaʼu. Dhaqnee isaan gaafachuudhaan ykn viidiyoodhaan isaan haasofsiisuudhaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka isaaniif kenninu argisiisuu dandeenya. Yoo of eeggachuu baanne maanguddoota kana salphaatti dagachuu dandeenya. Isaan keessaa tokko tokko waaʼee ofii isaanii dubbachuun isaanitti ulfaachuu ykn sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, muuxannoo gaggaarii jaarmiyaa Yihowaa keessatti argatan akka nutti himan yoo isaan gaafannee fi isaan dhaggeeffanne faayidaa hedduu arganna.

12. Gumii keenya keessa obbolootaa fi obboleettota akkamiitu jira?

12 Gumii keenya keessattis maanguddoota amanamoo fakkeenya gaarii taʼan argachuu dandeenya. Obboleettiin Hariitaa jedhamtu gumii ishii Niwu Jeersii, Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessatti waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilteetti. Achiis intala ishii wajjin jiraachuuf gara naannoo biraa deemte. Obboloonni gumii ishii isa haaraa keessa jiran ishiitti dhihaachuuf yeroo carraaqqii godhan, wanta gatii guddaa qabu ishii irraa argataniiru. Seenaa tajaajilaa naannoo bara 1925⁠tti yeroo dhugaa barattetti raawwatame isaanitti himuudhaan isaan jajjabeessiteetti. Bara sanatti, yeroo tajaajila baatu kamitti iyyuu hidhamuu waan dandeessuuf, yeroo hunda buruushii ilkaanii qabattee tajaajila baati turte. Bara 1933⁠tti yeroo lama hidhamtetti; yeroo lamaanuu torbee tokkoof mana hidhaa keessa turteetti. Yeroo sanatti abbaan manaa ishii inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanee fi ishii deggeru ijoollee isaanii sadan kunuunsa ture. Dhuguma iyyuu, maanguddoonni amanamoon akka Hariitaa jiran kabaja argachuun isaaniif mala!

13. Maanguddoon jaarmiyaa Yihowaa keessatti iddoo akkamii qabu?

13 Obboloonnii fi obboleettonni keenya maanguddoota taʼan Yihowaa fi jaarmiyaa isaa biratti iddoo guddaa qabu. Yihowaan isaaniinis taʼe jaarmiyaa isaa karaa garaa garaatiin kan eebbise akkamitti akka taʼe arganiiru. Dogoggora raawwatan irraas barumsa guddaa argataniiru. Akka ‘burqaa ogummaatti’ isaan ilaaluudhaan muuxannoo isaanii irraa baradhu. (Fak. 18:4) Isaanitti dhihaachuuf carraaqqii yoo goote amantiin kee ni jabaata, wanta hedduus isaan irraa ni baratta!

MUUXANNOO MAANGUDDOOTAA IRRAA GUUTUMMAATTI FAYYADAMI

Akkuma Eelsaaʼi, Eeliyaasii wajjin taʼuudhaan faayidaa argate, obboloonnii fi obboleettonnis muuxannoo maanguddoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan isaanitti himan irraa faayidaa argatu (Keeyyata 14-15 ilaali)

14. Yaanni Keessa Deebii 32:7 irratti argamu dargaggoonni maal akka godhan jajjabeessa?

14 Dursa fudhadhuutii maanguddoota haasofsiisi. (Keessa Deebii 32:7 dubbisi.) Iji isaanii dadhabus, miilli isaanii laafus, akkasumas sirriitti dubbachuun kan isaan rakkisu taʼus, onneen isaanii akkuma kan dargaggeessaa ti; Yihowaa birattis “maqaa gaarii” qabu. (Lal. 7:1) Yihowaan iddoo guddaa kan isaaniif kennu maaliif akka taʼe yaadadhu. Isaan kabajuu kee itti fufi. Fakkeenya Eelsaaʼi hordofi. Eelsaaʼi yeroo guyyaa dhumaatiif Eeliyaas wajjin turetti isa irraa gargar baʼuu dideera. Eeliyaasiin siʼa sadii, “Ani si irraa gargar hin baʼu” jedhee ture.—2 Mot. 2:2, 4, 6.

15. Gaaffiiwwan akkamii maanguddoota gaafachuu dandeenya?

15 Maanguddoota gaarummaadhaan gaaffii gaafachuudhaan garaadhaa akka isaaniif yaaddu argisiisi. (Fak. 1:5; 20:5; 1 Xim. 5:1, 2) Akkana jedhii isaan gaafadhu: “Dhugaa akka argatte wanti si amansiise maali dha?” “Mudannoon caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf si gargaare isa kami?” “Tajaajila Yihowaa keessatti gammadaa taatee itti fufuuf kan si gargaare maali dha?” (1 Xim. 6:6-8) Achiis yommuu seenaa isaanii sitti himan xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffadhu.

16. Maanguddoonnii fi dargaggoonni waliin haasaʼuun isaanii lamaan isaanii iyyuu kan fayyadu akkamitti?

16 Maanguddoonnii fi dargaggoonni yeroo waliin haasaʼan lamaan isaanii iyyuu ni fayyadamu. (Rom. 1:12) Dargaggoonni Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka kunuunsu caalaatti mirkanaaʼoo taʼu; maanguddoonni immoo, ulfina akka argatan isaanitti dhagaʼama. Maanguddoonni Yihowaan hammam akka isaan eebbise dargaggootatti himuun isaan gammachiisa.

17. Maanguddoon amanamoo taʼan caalaatti miidhagaa deemu kan jennu maaliifi?

17 Yeroo umuriin keenya dabalaa deemu miidhaginni bifa keenyaa badaa deema; namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan garuu, yommuu umuriin isaanii dabalaa deemu miidhaginni isaaniis isa biratti caalaatti dabalaa deema. (1 Tas. 1:2, 3) Akkas kan jennu maaliifi? Umurii isaanii keessatti hafuurri Yihowaa akka isaan sirreessuu fi akka isaan haaressu heyyamaniiru. Obbolootaa fi obboleettota keenya maanguddoo taʼan yommuu caalaatti beekaa, isaan kabajaa fi isaan irraa barachaa deemnu caalaatti gatii guddaa akka qabanitti isaan ilaalaa deemna!

18. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

18 Gumiin tokko kan cimu yommuu dargaggoonni maanguddootaaf iddoo guddaa kennanitti qofa utuu hin taʼin, yeroo maanguddoonnis dargaggootaaf iddoo guddaa kennanitti dha. Mata duree itti aanu irratti maanguddoon dargaggoota gumii keessa jiraniif iddoo guddaa akka kennan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe mariʼanna.

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

^ key. 5 Maanguddoonni amanamoo taʼan iddoo guddaa qabu. Mata dureen kun dinqisiifannaa isaaniif qabnu akka guddifannu nu jajjabeessa; akkasumas ogummaa fi muuxannoo isaanii irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Maanguddoonni amanamoo taʼan jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa akka qaban mirkanaaʼoo akka taʼanis isaan gargaara.