Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 37

“Ani Saboota Hundumaa Nan Sochoosa”

“Ani Saboota Hundumaa Nan Sochoosa”

“Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis saboota hundumaa keessaa ni dhufu.”—HAG. 2:7.

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

QABIYYEE *

1-2. Sochii bara keenyatti raawwatamu ilaalchisee Haagee raajichi maal dubbate?

“DAQIIQAAWWAN muraasa keessatti suuqiiwwanii fi manneen dullooman jijjiguu jalqaban.” “Namni hundi baayʼee naʼe . . . Namoonni baayʼeen kirkirri lafaa sun daqiiqaa lamaaf qofa akka ture dubbatanii turan. Anatti garuu baayʼee dheeratee ture.” Yaadawwan kun yaada namoonni kirkira lafaa bara 2015⁠tti Neeppaal keessatti uumame irraa oolan muraasni kennani dha. Haalli sodaachisaan akkasii utuu si mudatee haala sana matumaa hin irraanfattu taʼa.

2 Nuti garuu, yeroo harʼaatti sochii kana irraa adda taʼe argaa jirra; sochiin ykn kirkirri kun magaalaa ykn biyya tokko qofa kan raasu miti. Kanaa mannaa, sochii saboota hundumaa sochoosuu fi waggoota hedduudhaaf raawwatamaa ture dha. Sochii kana ilaalchisee raajii kan dubbate Haagee raajicha dha. Haageen, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yeroo muraasa booda al tokko dabalee samiiwwanii fi lafa, akkasumas galaanaa fi lafa isa gogaa nan sochoosa’” jedhee barreesseera.—Hag. 2:6.

3. Sochiin Haageen raajichi dubbate kirkira lafaa irraa adda kan taʼe akkamitti?

3 Sochiin Haageen dubbate akka kirkira lafaa isa badiisa qofa geessisuu miti. Kanaa mannaa, sochii buʼaa gaarii argamsiisu dha. Yihowaan iyyuu, “Ani saboota hundumaa nan sochoosa; wantoonni gatii guddaa qabanis saboota hundumaa keessaa ni dhufu; mana kanas ulfinaan nan guuta” nuun jedheera. (Hag. 2:7) Raajiin kun namoota bara Haageetti jiraataniif hiika akkamii qaba ture? Yeroo harʼaatti hoo nuuf hiika akkamii qaba? Mata duree kana keessatti deebii gaaffiiwwan kanaa irratti mariʼanna, akkasumas yeroo harʼaatti hojii saboota sochoosu irratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

ERGAA NAMOOTA BARA HAAGEE TURAN JAJJABEESSE

4. Yihowaan Haagee raajicha gara saba isaatti kan erge maaliifi?

4 Haagee raajichi Yihowaa irraa ergama baayʼee barbaachisaa taʼe fudhatee ture. Mee wanta isa dura uumame haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Dura bara 537⁠tti Yihudoonni muraasni boojuu Baabilon jalaa baʼanii gara Yerusaalemitti deebiʼaniiru; Haageenis gara Yerusaalemitti kan deebiʼe baruma kanatti taʼuu hin oolu. Namoonni amanamoon kun biyya isaanii gaʼaniin utuu baayʼee hin turin buʼuura mana qulqullummaa Yihowaa kaaʼan. (Iz. 3:8, 10) Taʼus, yeruma sana wanti nama gaddisiisu tokko ni uumame. Mormii isaan mudateen abdii waan kutataniif hojii ijaarsaa kana dhaaban. (Iz. 4:4; Hag. 1:1, 2) Kanaafuu, Yihowaan Dh.K.D. bara 520⁠tti Yihudoonni hinaaffaa isaanii duraanii deebisanii mana qulqullummaa ijaaruu jalqaban akka xumuran isaan kakaasuuf Haagee erge. *Iz. 6:14, 15.

5. Ergaan Haagee saba Waaqayyoo jajjabeessee ture kan jennu maaliifi?

5 Kaayyoon ergaa Haagee amantii Yihudoonni Yihowaa irratti qaban cimsuu dha. Haagee raajichi Yihudoota abdii kutataniin akkana jedheera: “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin namoonni biyyattii hundi, jabaadhaa hojjedhaa.’ Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira.’” (Hag. 2:4) Yaanni, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa” jedhu isaan jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Yihowaan raayyaa waraanaa maleekotaa irratti aangoo waan qabuuf, Yihudoonni milkaaʼina argachuu yoo barbaadan isatti amanamuu qabu.

6. Sochiin Haageen raajiidhaan dubbate buʼaa akkamii argamsiise?

6 Yihowaan saboota hundumaa akka sochoosu Yihudootatti akka himuuf Haagee erge. Ergaan kun Yihudoota abdii kutachuu isaaniitiin kan kaʼe mana qulqullummaa ijaaruu dhaaban jajjabeesseera; ergichi Yihowaan Faarsi ishii yeroo sanatti mootummaa addunyaa taate akka sochoosu kan ibsu dha. Sochiin kun buʼaa akkamii argamsiisa? Tokkoffaa, sabni Waaqayyoo ijaarsa mana qulqullummaa ni xumuru. Kana malees, namoonni Yihudoota hin taane illee mana qulqullummaa deebiʼee ijaarame keessatti isaanii wajjin Yihowaa ni waaqeffatu. Kun saba Waaqayyoof ergaa baayʼee nama jajjabeessu ture!—Zak. 8:9.

HOJII YEROO HARʼAATTI ADDUNYAA SOCHOOSAA JIRU

Hojii sochoosuu yeroo harʼaatti hojjetamaa jiru irratti hirmaannaa guutuu gochaa jirtaa? (Keeyyata 7-8 ilaali) *

7. Yeroo harʼaatti hojii addunyaa sochoosu akkamii irratti hirmaachaa jirra? Ibsi.

7 Raajiin Haagee yeroo harʼaatti hiika maalii nuuf qaba? Ammas Yihowaan saboota hundumaa sochoosaa jira; nutis hojii kana irratti hirmaachaa jirra. Wanta raawwatame kana ilaali: Yihowaan bara 1914⁠tti Mootummaa isaa isa samii irratti Yesuus Kiristoosiin Mootii godhee muudeera. (Far. 2:6) Mootummaan kun hundeeffamuun isaa bulchitoota addunyaatiif oduu gaddisiisaa dha. Hundeeffamuun Mootummaa kanaa, “barri sabootaaf murteeffame,” jechuunis barri bulchaan Yihowaa bakka buʼu itti hin jiraanne raawwatamuu isaa ykn xumuramuu isaa argisiisa. (Luq. 21:24) Kanaan kan kaʼes, sabni Yihowaa keessumaa bara 1919 eegalee abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuu isaa adda baasanii ibsaa jiru. Hojiin lallabaa ‘misiraachoo Mootummichaa’ kun guutummaa addunyaa sochoosaa jira.—Mat. 24:14.

8. Akka Faarfannaan 2:1-3 jedhutti saboonni hedduun ergaa kanaaf deebii akkamii kennu?

8 Namoonni ergaa kanaaf deebii akkamii kennaa jiru? Baayʼeen isaanii ergaa kana fudhachaa hin jiran. (Faarfannaa 2:1-3 dubbisi.) Saboonni jeeqamaniiru. Bulchaa Yihowaan muude fudhachuu didaniiru. Ergaa Mootummichaa nuti lallabnu akka ‘misiraachootti’ hin ilaalan. Mootummoonni hojii lallabaa dhorkan illee jiru! Bulchitoonni sabootaa hedduun Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, aangoo isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan. Kanaafuu, akkuma bulchitoonni bara Yesuus turan godhan, bulchitoonni yeroo harʼaatti argamanis duuka buutota isaa irratti haleellaa banuudhaan isa Yihowaan dibe mormaa jiru.—HoE. 4:25-28.

9. Yihowaan namoota ergaa isaa hin fudhanne gargaaruuf yaalaa kan jiru akkamitti?

9 Yihowaan saboota ergaa isaa hin fudhanne irratti murtoo akkamii dabarsa? Faarfannaan 2:10-12 deebii akkana jedhu kenna: “Kanaafuu, isin mootonni hubannaa qabaadhaa; isin abbootiin murtii lafaas sirreeffama fudhadhaa. Sodaadhaan Yihowaa tajaajilaa, isaaf hollachuuttis gammadaa. Ilma isaatiif ulfina kennaa, taʼuu baannaan Waaqayyo ni dheekkama, isinis karaa irraa ni balleeffamtu, sababiin isaas, dheekkamsi isaa dafee bobaʼa. Warri isatti kooluu galan hundi gammadoo dha.” Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee mormitoota kanaaf carraa kenneera. Amma iyyuu yaada isaanii jijjiiranii Mootummaa Yihowaa fudhachuu ni dandaʼu. Taʼus, jiraachaa kan jirru “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessa waan taʼeef yeroon hafe muraasa dha. (2 Xim. 3:1; Isa. 61:2) Kanaafuu, dafanii dhugaa barachuudhaan Yihowaa tajaajiluu caalaa wanti ariifachiisaa taʼe hin jiru.

NAMOOTA ERGAA ADDUNYAA KANA SOCHOOSAA JIRU FUDHATAN

10. Hojii saboota sochoosuu ilaalchisee Haagee 2:7-9 irratti wanti nama gammachiisu akkamii ibsameera?

10 Namoonni tokko tokko garuu ergaa saboota sochoosuu fi Haageen raajiidhaan dubbate fudhataniiru. Haageen sababa sochii kanaan, ‘wantoonni gatii guddaa qaban [namoonni garaa qajeelaa qaban] saboota hundumaa keessaa’ Yihowaa waaqeffachuuf akka dhufan dubbateera. * (Haagee 2:7-9 dubbisi.) Isaayyaasii fi Miikiyaasis “guyyoota dhumaatti” wantoonni kun akka raawwataman raajii dubbataniiru.—Isa. 2:2-4; Mik. 4:1, 2.

11. Obboleessi tokko yommuu jalqaba ergaa Mootummichaa dhagaʼetti maal godhe?

11 Mee obboleessi Keen jedhamuu fi yeroo ammaatti waajjira muummee keessatti tajaajilu ergaa gammachiisaa kana yeroo dhagaʼetti maal akka godhe haa ilaallu. Keen wanta gara waggaa 40 dura yommuu yeroo jalqabaatiif ergaa Mootummichaa dhagaʼetti isatti dhagaʼame sirriitti yaadata. Akkana jedheera: “Yommuun jalqaba dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru dhagaʼetti, guyyoota dhumaa sirna kanaa keessa akka jirru beekuu kootti baayʼeen gammade. Waaqayyo biratti fudhatama argachuu fi jireenya bara baraa argachuuf kutaa addunyaa kanaa taʼuu dhiisuu fi Yihowaa cinaa jabaadhee dhaabbachuu akkan qabun hubadhe. Kanaafuu, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan dafeen tarkaanfii fudhadhe. Addunyaa kana keessaa baʼuudhaan Mootummaa Waaqayyoo isa eegumsi isaa balleeffamuu hin dandeenye jalatti kooluu galeera.”

12. Guyyoota dhumaa kanatti manni qulqullummaa hafuuraa Yihowaa wantoota gatii guddaa qabaniin guutamaa kan jiru akkamitti?

12 Yihowaan saba isaa eebbisaa akka jiru ifatti mulʼachaa jira. Guyyoota dhumaa kanatti namoonni isa waaqeffatan baayʼee dabalaa jiru. Bara 1914⁠tti lakkoofsi keenya kuma muraasa qofa ture. Yeroo ammaatti garuu namoonni hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajillu miliyoona saddeetii oli taaneerra; namoonni kan biroon miliyoonaan lakkaaʼaman immoo waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo nu waliin kabajaa jiru. Kanaan kan kaʼes, mooraan mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa inni lafa irraa, jechuunis qophiin inni waaqeffannaa qulqulluutiif godhe, ‘wantoota gatii guddaa qabanii fi saboota hundumaa keessaa dhufaniin’ guutamaa jira. Namoonni kun namummaa haaraa uffachuudhaan yeroo jijjiiraman maqaan Yihowaas ulfina argata.—Efe. 4:22-24.

Sabni Waaqayyoo addunyaa maratti argaman gammachuudhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namootatti himaa jiru (Keeyyata 13 ilaali)

13. Guddina gammachiisaa argameen kan kaʼe raajiiwwan akkamii raawwatamaa jiru? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

13 Guddinni dinqisiisaan argame raajiiwwan kan biroonis raawwii isaanii akka argatan godheera. Fakkeenyaaf, Isaayyaas 60:22 akkana jedha: “Inni xinnaan kuma, inni hundumaa irra xinnaatus saba jabaa ni taʼa. Ani Yihowaan yeroo isaatti kana nan saffisiisa.” Namoonni hedduun Yihowaa waaqeffachuu waan jalqabaniif, wantoonni dinqisiisoo taʼan raawwatamaa jiru. “Wantoonni gatii guddaa qaban” ykn namoonni kun dandeettii garaa garaa qaban fidanii dhufaniiru; “misiraachoo Mootummichaa” lallabuufis fedhii guddaa qabu. Kanaan kan kaʼes, sabni Yihowaa isa Isaayyaas, “aannan sabootaa” jechuudhaan dubbatetti fayyadamaa jiru. (Isa. 60:5, 16) Gargaarsa dhiirotaa fi dubartoota gatii guddaa qaban kanaan, hojiin lallabaa biyyoota 240 keessatti hojjetamaa jira; barreeffamoonni keenyas afaanota 1,000 oliin qophaaʼaa jiru.

YEROO MURTOO

14. Namoonni yeroo ammaatti murtoo akkamii gochuu qabu?

14 Yeroo dhumaa kanatti saboonni sochoʼuun isaanii namoonni murtoo akka godhan dirqisiisaa jira. Maarree, Mootummaa Waaqayyoo deggeruu moo mootummoota addunyaatti amanamuu filatu? Kun murtoo namni hundi gochuu qabu dha. Sabni Yihowaa seera mootummaan biyya isaanii baasuuf kan ajajaman taʼus, siyaasa addunyaa kanaa irraa guutummaatti walaba dha. (Rom. 13:1-7) Rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata dhugaa kan argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeku. Mootummaan kun kutaa addunyaa kanaa miti.—Yoh. 18:36, 37.

15. Kitaabni Mulʼataa amanamummaan saba Waaqayyoo akka qoramu kan ibse akkamitti?

15 Kitaabni Mulʼataa bara dhumaatti amanamummaan saba Waaqayyoo akka qoramu ibsa. Qorumsi kun mormii fi ariʼatama cimaa nutti fiduu isaa itti fufa. Sirni siyaasaa addunyaa kanaa akka isa waaqeffannu barbaada; namoota isa hin deggerre immoo ni ariʼata. (Mul. 13:12, 15) “Harka isaanii mirgaa yookiin adda isaanii irratti mallattoo akka godhatan namoota hunda, jechuunis xinnaa fi guddaa, sooressaa fi hiyyeessa, isa bilisa taʼee fi isa garba taʼe” ni dirqisiisu. (Mul. 13:16) Garboonni bara durii turan kan eenyuu akka taʼan argisiisuuf, mallattoon isaan irratti ni godhama ture. Haaluma wal fakkaatuun, sirni siyaasaa addunyaa kanaa namni hundi harka isaa irratti ykn adda isaa irratti mallattoo akka godhatu barbaada. Namoonni hundi yaadaa fi gocha isaaniitiin sirna siyaasaa akka deggeran akka argisiisan barbaada.

16. Amanamummaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuun keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

16 Mallattoo sana godhachuudhaan sirna siyaasaa ni deggerraa? Namoota mallattoo sana hin godhanne irra balaa fi rakkinni ni gaʼa. Kitaabni Mulʼataa, “nama mallattoo sana . . . qabu malee, eenyu iyyuu bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenye” dubbata. (Mul. 13:17) Sabni Waaqayyoo garuu akkuma Mulʼata 14:9, 10 irratti ibsametti Waaqayyo namoota mallattoo sana qabanitti maal akka fidu beeku. Isaan mallattoo sana godhachuu mannaa, akka fakkeenyaatti yaada, “Ani kan Yihowaa ti” jedhu harka isaanii irratti ni barreeffatu. (Isa. 44:5) Amanamummaan Yihowaa irratti qabnu cimaa taʼuu isaa mirkaneeffachuu kan qabnu amma dha. Taanaan, Yihowaan kan isaa akka taane beekuun isaa isa gammachiisa!

SOCHII ISA DHUMAA

17. Obsa Yihowaa ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

17 Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti obsa guddaa argisiisaa jira. Inni namni tokko illee akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Namni kam iyyuu yaada jijjiirratee akka isa tajaajilu carraa isaaf kenneera. Taʼus, obsi isaa daangaa qaba. Namoonni carraa kana of dabarsan, haala Faraʼoon isa bara Museetti turee wajjin wal fakkaatutu isaan irra gaʼa. Yihowaan Faraʼooniin akkana jedhee ture: “Amma ani harka koo diriirsee sii fi saba kee dhaʼicha guddaadhaan rukutuu nan dandaʼan ture; atis lafa irraa haxaaʼamtee ni balleeffamta turte. Haa taʼu malee, ati lubbuudhaan akka jiraattu kanan godhe, humna koo sitti argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.” (Bau. 9:15, 16) Dhuma irratti saboonni hundi Waaqni dhugaan Yihowaa qofa taʼuu isaa ni hubatu. (His. 38:23) Kun kan taʼu garuu akkamitti?

18. (a) Haagee 2:6, 20-22 irratti sochii kan biraa akkamiitu ibsame? (b) Wanti Haageen dubbate gara fuulduraatti raawwii isaa akka argatu beekuu kan dandeenye akkamitti?

18 Haageen erga duʼee jaarraawwan hedduu booda, Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee yaanni Haagee 2:6, 20-22 irratti argamu gara fuulduraattis akka raawwatamu ibseera. (Dubbisi.) Akkana jedheera: “‘Al tokko dabalee lafa qofa utuu hin taʼin, samiis nan sochoosa’ jedhee waadaa galeera. Jechoonni ‘al tokko dabalee’ jedhan wantoonni hin sochoone akka itti fufaniif, wantoonni sochoʼan, jechuunis wantoonni tolfaman akka balleeffaman argisiisu.” (Ibr. 12:26, 27) Sochii Haagee 2:7 irratti ibsame irraa haala adda taʼeen, sochiin kun namoota akka Faraʼoon mirga Yihowaan bulchuuf qabu fudhachuu didan bara baraaf ni balleessa.

19. Wanti hin sochoone maali dha? Kana hoo beekuu kan dandeenye akkamitti?

19 Wanti hin sochoone ykn hin balleeffamne maali dha? Phaawulos itti fufuudhaan, “Mootummaa sochoʼuu hin dandeenye fudhachuuf akka jirru waan beeknuuf, gaarummaa guddaa isa karaa fudhatama qabuun, sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu itti dandeenyu fudhachuu keenya itti haa fufnu” jedheera. (Ibr. 12:28) Sochiin inni dhumaa yeroo raawwatamutti kan hin sochoone Mootummaa Waaqayyoo qofa dha. Mootummaan kun akkuma jabaatee dhaabbatetti itti fufa!—Far. 110:5, 6; Dan. 2:44.

20. Namoonni murtoo akkamii gochuu qabu? Nuti hoo isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

20 Yeroon hafe muraasa dha! Namoonni akkaataa jireenyaa addunyaan kun babalʼisu hordofuudhaan baduu ykn jireenya isaanii fedhii Waaqayyoo wajjin wal simsiisanii jireenya bara baraa argachuu keessaa tokko filachuu qabu. (Ibr. 12:25) Hojii lallabaa keenyatti fayyadamuudhaan namoonni murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe kana akka godhan gargaaruu dandeenya. Kanaafuu, namoonni gatii guddaa qaban hedduun Mootummaa Waaqayyoo akka deggeran haa gargaarru. Akkasumas, yaada Gooftaan keenya Yesuus akkana jechuudhaan dubbate yeroo hundumaa haa yaadannu: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”—Mat. 24:14.

FAARFANNAA 40 Ati Eenyuuf Jiraatta?

^ key. 5 Mata dureen kun hubannaa Haagee 2:7 irratti qabnu kan sirreessu dha. Mata duree kana keessatti, hojii dinqisiisaa saboota hundumaa sochoosu irratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. Namoonni ergaa saboota hundumaa sochoosu kana fudhatanii fi hin fudhanne akka jiranis ni baranna.

^ key. 4 Manni qulqullummaa sun Dh.K.D. bara 515⁠tti waan xumurameef ergamni Haagee milkaaʼeera.

^ key. 10 Kun hubannaa kanaan dura qabnu kan sirreessu dha. Sochoʼuun saboota hundumaa namoota garaa qajeelaa qaban gara Yihowaatti hin harkisu jennee amanna turre. “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2006 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Haageen sabni Waaqayyoo mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu irratti hinaaffaa akka qabaatan kakaaseera; sabni Waaqayyoo bara keenya jiranis ergaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan labsaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko waaʼee sochii isa dhumaa lallabaa jiru.