Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

Jaalala Yihowaa fi Obboloota Keetiif Qabdu Cimsadhu

Jaalala Yihowaa fi Obboloota Keetiif Qabdu Cimsadhu

“Ani gara Abbaa koo fi gara Abbaa keessanitti . . . ol nan baʼa.”—YOH. 20:17.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE *

1. Namoonni amanamoo taʼan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qabaatu?

MAATIIN waaqeffattoota Yihowaa, Yesuus isa “angafa uumama hundumaa” taʼee fi maleekota kan dabalatu dha. (Qol. 1:15; Far. 103:20) Yesuus yeroo lafa irra turetti namoonni amanamoo taʼan Yihowaa akka Abbaa isaanitti ilaaluu akka dandaʼan ibseera. Waaʼee Yihowaa barattoota isaatti yeroo himu, “Abbaa koo fi . . . Abbaa keessan” isaaniin jedheera. (Yoh. 20:17) Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinee cuuphamnutti maatii obbolootaa fi obboleettota jaalala qabeeyyii taʼaniitti makamna.—Mar. 10:29, 30.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Namoonni tokko tokko, Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa taʼetti ilaaluun isaanitti ulfaata. Tokko tokko immoo, obbolootaa fi obboleettota isaaniitti jaalala argisiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe hin beekan taʼa. Yesuus, Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa salphaatti itti dhihaatamutti akka ilaallu barbaada; mata duree kana keessatti Yesuus gama kanaan kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe baranna. Walitti dhufeenya obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin qabnu irrattis karaawwan fakkeenya Yihowaa itti hordofuu dandeenyu ilaalla.

YIHOWAAN AKKA ISATTI DHIHAATTU BARBAADA

3. Kadhannaan fakkeenya taʼu Yihowaatti kan nu dhiheessu akkamitti?

3 Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa dha. Yesuus ilaalcha Yihowaadhaaf qabu nutis akka qabaannu barbaada; akka qaama yeroo hundumaa ajaja dabarsuutti utuu hin taʼin, akka Abbaa gaarii fi jaalala qabeessa salphaatti itti dhihaatamutti akka isa ilaallu barbaada. Yesuus barattoonni isaa maal jedhanii akka kadhatan yeroo isaan barsiisetti kana ifatti argisiiseera. Kadhannaa fakkeenya taʼu, “Yaa Abbaa keenya” jechuudhaan jalqabe. (Mat. 6:9) Yesuus Yihowaa “Isa Hundumaa Dandaʼu,” “Uumaa” ykn “Mootii bara baraa” jennee akka waamnu nutti himuu dandaʼa ture; maqaawwan ulfinaa kun Kitaaba Qulqulluu keessatti waan ibsamaniif maqaawwan kanatti fayyadamuun dogoggora miti. (Uma. 49:25; Isa. 40:28; 1 Xim. 1:17) Haa taʼu malee, Yesuus jecha “Abbaa” jedhutti fayyadameera.

4. Yihowaan akka isatti dhihaannu kan barbaadu taʼuu isaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa taʼetti ilaaluun sitti ulfaataa? Obboloota tokko tokkotti ni ulfaata. Tarii akkaataan guddinaa keenya gaarii waan hin taaneef, yaada abbaa jaalala qabeessa jedhu fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan miira keenya guutummaatti akka hubatu beekuun baayʼee nu jajjabeessa. Inni nutti dhihaachuu barbaada. Dubbiin isaa, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhee kan nu jajjabeessus kanaafi. (Yaq. 4:8) Yihowaan nu jaallata, akka Abbaa keenyaatti akka isa ilaallus nu affeereera.

5. Luqaas 10:22 akka jedhutti Yesuus Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5 Yesuus Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaara. Inni Yihowaa akka gaariitti beeka; amalawwan isaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yoh. 14:9) Yesuus akkuma obboleessa angafaa Abbaa keenya kabajuu fi isaaf ajajamuu, akkasumas wanta isa gaddisiisu irraa fagaachuu fi isa biratti fudhatama argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Keessumaa Yesuus yeroo lafa irra jiraatetti Yihowaan hammam gaarii fi jaalala qabeessa akka taʼe argisiiseera. (Luqaas 10:22 dubbisi.) Mee fakkeenyota muraasa haa ilaalu.

Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe maleekaa tokkotti fayyadamee Ilma isaa jajjabeesseera (Keeyyata 6 ilaali) *

6. Fakkeenyota Yihowaan kadhannaa Yesuus akka dhagaʼe argisiisan kenni.

6 Yihowaan ijoollee isaa ni dhaggeeffata. Mee Ilma isaa isa angafaa akkamitti akka dhaggeeffate haa ilaalu. Yihowaan yeroo Ilmi isaa lafa irra turetti kadhannaawwan inni dhiheessaa ture akka dhagaʼe hin shakkisiisu. (Luq. 5:16) Kadhannaawwan Yesuus murtoowwan ciccimoo kan akka yeroo ergamoota 12n filatetti dhiheessee jiran dhagaʼeera. (Luq. 6:12, 13) Yihowaan kadhannaawwan Yesuus yeroo dhiphatee turetti dhiheesses dhagaʼeera. Yesuus dabarfamee kennamuu jala yeroo gaʼetti qorumsa cimaa isa irra gaʼu ilaalchisee cimsee Abbaa isaa kadhateera. Yihowaan kadhannaa Yesuus dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, Ilma isaa jaallatamaa kana akka jajjabeessuuf maleekaa tokko ergeera.—Luq. 22:41-44.

7. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu beekuun keenya maaltu akka nutti dhagaʼamu godha?

7 Yihowaan yeroo harʼaattis kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessan dhagaʼuu isaa itti fufeera; kadhannaa isaaniitiif yeroo sirrii taʼettii fi karaa hunda irra wayyuun deebii kenna. (Far. 116:1, 2) Mee obboleettiin biyya Hindii keessa jiraattu takka kana jireenya ishii keessatti kan argite akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Obboleettiin tun dhiphina sammuu cimaa taʼee wajjin walʼaansoo gooti turte; kana ilaalchisees cimsitee Yihowaa kadhatteetti. Akkana jettee barreessiteetti: “Sagantaan JW Biroodkaastingii Caamsaa 2019 inni yaaddoo fi dhiphina dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsu baayʼee na gargaareera. Deebii kadhannaa kootii ture.”

8. Yihowaan Yesuusiin akka jaallatu kan argisiise karaawwan kamiini?

8 Yihowaan akkuma Yesuusiin jaallatuu fi yeroo inni lafa irra turetti akka isaaf yaadu argisiisaa ture, nuunis nu jaallata, akkasumas nuuf yaada. (Yoh. 5:20) Inni wanta karaa hafuuraa, karaa miiraa fi karaa qaamaa Yesuusiif barbaachisu hundumaa isaaf guuteera. Yihowaan Ilma isaa akka jaallatuu fi akka isatti gammadu dubbachuu irraa duubatti hin jenne. (Mat. 3:16, 17) Yesuus Abbaan isaa inni jaalala qabeessa taʼe, yeroo hundumaa isaa wajjin akka taʼee fi akka isa gargaaru waan beekuuf, kophummaan isatti dhagaʼamee hin beeku.—Yoh. 8:16.

9. Yihowaan akka nu jaallatu akkamitti beekna?

9 Hundi keenya iyyuu akkuma Yesuus, jaalala Yihowaan nuuf qabu karaa garaa garaatiin argineerra. Mee yaadi: Yihowaan ofitti nu harkiseera, akkasumas gammachuu fi jajjabina argachuu akka dandeenyuuf maatii hafuuraa jaalalaa fi tokkummaa qabu nuuf kenneera. (Yoh. 6:44) Nyaata hafuuraa amantiin keenya cimee akka itti fufu nu gargaarus nuuf kenna. Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka argannu illee nu gargaara. (Mat. 6:31, 32) Jaalala Yihowaan nutti argisiise irratti yeroo yaannu jaalalli isaaf qabnu ni guddata.

MAATII HAFUURAA KEETIIF ILAALCHA YIHOWAAN QABU QABAADHU

10. Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuu ilaalchisee Yihowaa irraa maal baranna?

10 Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya ni jaallata. Nuuf garuu, miseensota maatii hafuuraa keenyaaf jaalala qabaachuu fi jaalala keenya isaaniif ibsuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kun kan taʼes, aadaa fi akkaataan guddinaa keenya garaa gara waan taʼeefi. Akkasumas, hundi keenya iyyuu dogoggora warra kaan aarsu ykn gaddisiisu ni raawwanna. Taʼus, jaalalli maatii hafuuraa keenya gidduu jiru akka cimu gumaacha gochuu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalala Abbaan keenya obbolootaa fi obboleettota keenyatti argisiise hordofuudhaani. (Efe. 5:1, 2; 1 Yoh. 4:19) Mee gama kanaan Yihowaa irraa maal akka barannu waliin haa ilaallu.

11. Yesuus “gara laafina guddaa” argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofe akkamitti?

11 Yihowaan “gara laafina guddaa” nutti argisiiseera. (Luq. 1:78) Namni gara laafessa taʼe namoonni dhiphachaa akka jiran yeroo beekutti ni gadda; isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessuufis tarkaanfii fudhata. Yesuus akkaataa namoota itti qabe irratti akkuma Yihowaa akka isaaniif yaadu argisiiseera. (Yoh. 5:19) Yeroo namoota hedduu argetti, “baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan.” (Mat. 9:36) Yesuus garaa isaaniif laafuun isaa isaaniif gadduuf qofa utuu hin taʼin, isaan gargaaruufis isa kakaaseera. Namoota dhukkubsatan fayyiseera, akkasumas namoonni ‘dadhabanii fi baʼaan isaanitti ulfaate’ boqonnaa akka argatan gargaareera.—Mat. 11:28-30; 14:14.

Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan obbolootaa fi obboleettota keetti gara laafinaa fi arjummaa argisiisi (Keeyyata 12-14 ilaali) *

12. Fakkeenya gara laafina argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsu kenni.

12 Obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisuuf, rakkina isaan mudachaa jiru beekuu qabna. Fakkeenyaaf, obboleettiin takka dhukkuba cimaa qabaachuu dandeessi. Waaʼee dhukkuba ishii dubbachuu baattus gargaarsa utuu argattee baayʼee gammaddi. Obboleettiin tun maatii ishiitiif wanta karaa qaamaa isaan barbaachisu dhiheessuun ishiitti ulfaateeraa? Nyaata qopheessuu ykn mana qulqulleessuu irratti nama ishii gargaaru ni barbaaddii laata? Obboleessi tokko immoo hojii isaa dhabee taʼuu dandaʼa. Hamma hojii argatutti maallaqa xinnoo isaaf kennuu ni dandeenyaa laata? Tarii maallaqichi kan keenya akka taʼe isatti himuun nu hin barbaachisu taʼa.

13-14. Akka Yihowaa arjaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yihowaan arjaa dha. (Mat. 5:45) Obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisuuf hamma isaan gargaarsa nu gaafatanitti eeguu hin qabnu. Akkuma Yihowaa dursa fudhachuu qabna. Inni utuu nuti isa hin gaafatin yeroo hundumaa aduu nuuf baasa! Ifa aduu irraa kan fayyadamanis namoota isa galateeffatan qofa utuu hin taʼin namoota hunda dha. Yihowaan wantoota nu barbaachisan nuuf kennuudhaan jaalala nutti argisiisaa jira. Yihowaan gaarii fi arjaa waan taʼeef baayʼee isa jaallanna!

14 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun fakkeenya Abbaa isaanii isa samii hordofuudhaan dursa fudhatanii arjummaa argisiisaa jiru. Fakkeenyaaf, bara 2013⁠tti, obomboleettiin Suuppar Taayifuun Haayaan jedhamu Filippiinsi keessatti balaa guddaa geessisee ture. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun manaa fi qabeenya isaanii dhabaniiru. Taʼus, maatiin hafuuraa isaanii addunyaa maratti argaman gargaarsa hatattamaa isaaniif godhaniiru. Obboloonni hedduun buusii gochuudhaan ykn piroojeektii ijaarsaa guddaa kana irratti hirmaachuudhaan gargaarsa godhaniiru; kanaan kan kaʼes, waggaa tokko utuu hin guutin manneen gara 750 taʼan suphamaniiru ykn ijaaramaniiru! Yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠ttis Dhugaa Baatonni Yihowaa obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaaruuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Maatii hafuuraa keenya dafnee yeroo gargaarru akka isaan jaallannu argisiisna.

15-16. Karaa barbaachisaan fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofuu itti dandeenyu tokko maali dha?

15 Yihowaan Waaqa dhiifama namaaf godhu dha. (Faarfannaa 86:5 dubbisi.) Abbaan keenya inni samii guyyaa guyyaadhaan dhiifama nuuf godha. (Far. 103:10-14) Yesuus duuka buutonni isaa dogoggora kan raawwatan taʼus, dhiifama isaaniif godha ture. Cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannuuf lubbuu isaa illee aarsaa godheera. (1 Yoh. 2:1, 2) Yihowaa fi Yesuus dhiifama kan godhan taʼuun isaanii caalaatti isaanitti nu dhiheessa.

16 Yommuu “tola waliif [dhiisnu]” jaalalli maatii hafuuraa keenya gidduu jiru akka cimu gumaacha goona. (Efe. 4:32) Yeroo tokko tokko dhiifama gochuun baayʼee ulfaataa taʼuu waan dandaʼuuf carraaqqii gochuu qabna. Obboleettiin takka mata dureen Masaraa Eegumsaa “Waliif Dhiisaa” jedhu kana gochuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. * Akkana jettee barreessiteetti: “Mata duree kana qoʼachuun koo warra kaaniif dhiifama gochuun kan na fayyadu akkamitti akka taʼe hubachuuf na gargaareera. Mata dureen sun akka ibsutti dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu jechuun, amala gadhee namoonni argisiisan gaarii akka taʼetti lakkaaʼuu ykn miidhaa amalli isaanii geessisu xiqqeessanii ilaaluu jechuu miti. Dhiifama gochuu jechuun, gocha gadhee raawwatame sanatti haaloo qabachuu dhiisuudhaan nagaa ofii eeggachuu jechuu dha.” Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf yeroo tola dhiisnu akka isaan jaallannuu fi fakkeenya Abbaa keenya Yihowaa akka hordofnu argisiisna.

IDDOO MAATII YIHOWAA KEESSATTI QABDUUF BAKKA GUDDAA KENNI

Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni obboloota isaaniitti jaalala ni argisiisu (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Akka Maatewos 5:16 jedhutti Abbaa keenya isa samii kabachiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Miseensota Maatii jaalala qabuu fi addunyaa maratti argamuu taʼuun keenya mirga guddaa dha. Hamma dandeenye namoonni hedduun nuu wajjin Waaqa keenya akka waaqeffatan gargaaruu barbaanna. Kanaafuu, wanta maqaa saba Yihowaa ykn maqaa Abbaa keenya isa samii xureessu akkamii iyyuu gochuu hin qabnu. Kanaa mannaa, amalawwan namoota gara misiraachichaatti harkisan qabaachuuf yaalla.—Maatewos 5:16 dubbisi.

18. Ija jabinaan dhugaa baʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

18 Namoonni tokko tokko Abbaa keenya isa samiitiif waan ajajamnuuf nu tuffachuu, darbees nu ariʼachuu dandaʼu. Wanta itti amannu warra kaanitti himuun kan nu sodaachisu yoo taʼe hoo? Yihowaa fi Ilmi isaa akka nu gargaaran mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yesuus barattoonni isaa akkamitti dubbachuu ykn maal dubbachuu akka qaban yaaddaʼuun akka isaan hin barbaachisne isaanitti himeera. Maaliif? Yesuus, “Wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, . . . hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee, kan dubbatu isin qofa miti” jedheera.—Mat. 10:19, 20.

19. Fakkeenya namni tokko ija jabinaan dhugaa akka baʼe argisiisu tokko kenni.

19 Mee muuxannoo Roobarti akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yeroo barataa Kitaaba Qulqulluu haaraa turetti beekumsi qabu muraasa taʼus, Afriikaa Kibbaatti mana murtii duratti dhihaatee waraana irratti kan hin hirmaanne maaliif akka taʼe ibseera. Siyaasa keessa kan hin galle jaalala obboloota isaa Kiristiyaanota taʼaniif qabuun kan kaʼe akka taʼe ija jabinaan abbaa murtii duratti ibseera. Roobarti iddoo maatii hafuuraa keenya keessatti qabuuf iddoo guddaa kenneera! Abbaan murtii sun akkuma tasaa, “Obboloonni kee eenyu faʼi?” jedhee isa gaafate. Roobarti gaaffii akkasii na gaafata jedhee kan hin yaanne taʼus, yeruma sana caqasni guyyaa sanaa gara sammuu isaatti dhufe. Caqasichi Maatewos 12:50 isa, “Namni fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu hundi, obboleessa, obboleettii fi haadha koo ti” jedhu ture. Roobarti barataa Kitaaba Qulqulluu haaraa taʼus, hafuurri Yihowaa gaaffii kanaa fi gaaffiiwwan hin eegamne hedduu deebisuuf isa gargaareera. Yihowaan Roobartitti baayʼee akka boone hin shakkisiisu! Nutis isatti amanamuudhaan haala rakkisaa taʼe keessatti ija jabinaan dhugaa yeroo baanu baayʼee nutti boona.

20. Maal gochuuf murteessuu qabna? (Yohaannis 17:11, 15)

20 Kutaa maatii jaalala qabeessa taʼe kanaa taʼuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla. Abbaa hunda irra caalu, akkasumas obbolootaa fi obboleettota nu jaallatan hedduu qabna. Eebbawwan arganne kana matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Seexannii fi duuka buutonni isaa Abbaan keenya inni samii nu jaallachuu isaa akka shakkinu gochuu fi tokkummaa nu gidduu jiru balleessuuf yaalu. Haa taʼu malee, Yesuus tokkummaan maatii keenyaa akka hin banneef eegumsa akka nuu godhu Abbaa keenya nuuf kadhateera. (Yohaannis 17:11, 15 dubbisi.) Yihowaanis kadhannaa kanaaf deebii kennaa jira. Nutis akkuma Yesuus jaalalaa fi deggersa Abbaa keenya isa samii shakkuu irraa of haa eegnu. Yeroo kam iyyuu caalaa maatii hafuuraa keenyatti dhihaannee jiraachuuf haa murteessinu.

FAARFANNAA 99 Obboloota Kumaatama

^ key. 5 Miseensota maatii obbolootaa fi obboleettota jaalala qabeeyyii taʼanii taʼuudhaan mirga adda taʼe arganneerra. Hundi keenya iyyuu jaalala nu gidduu jiru cimsuu barbaanna. Maarree kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee, fakkeenya Yesuus, akkasumas fakkeenya obbolootaa fi obboleettota keenyaa hordofuudhaani.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Yihowaan iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti Yesuusiin jajjabeessuuf maleekaa tokko erge.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Yeroo weerara dhibee Kooviid 19⁠tti obboloonni hedduun nyaata qopheessuu fi raabsuuf ciminaan hojjetaniiru.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Haati takka intalli ishii obboleessa mana hidhaa jiru tokkoof xalayaa jajjabinaa akka barreessitu gargaaraa jirti.