Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 43

Abdii hin Kutatinaa!

Abdii hin Kutatinaa!

“Wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.”—GAL. 6:9.

FAARFANNAA 68 Sanyii Mootummichaa Facaasuu

QABIYYEE *

1. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyatti kan gammannuu fi kan boonnu maaliifi?

DHUGAA BAATOTA YIHOWAA taʼuu keenyatti baayʼee gammanna, akkasumas ni boonna! Saba Yihowaa waan taaneef, hojii lallabaa fi barattoota gochuu irratti hirmaachuudhaan dhugaa baatota isaa akka taane argisiisna. Namni “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii” qabu Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼu yeroo gargaarru baayʼee gammanna. (HoE. 13:48) Gama kanaan akkuma Yesuus nutti dhagaʼama; Yesuus yeroo barattoonni isaa duula lallabaa milkaaʼina qabu irratti hirmaatanii deebiʼanitti “hafuura qulqulluudhaan gammadee” ture.—Luq. 10:1, 17, 21.

2. Tajaajila keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu akkamitti argisiisuu dandeenya?

2 Tajaajila keenyaaf iddoo guddaa kennina. Phaawulos ergamaan, “Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni” jedhee Ximotewosiin jajjabeesseera. Itti dabaluudhaanis, “Kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita” isaan jedheera. (1 Xim. 4:16) Kanaafuu, hojiin lallabaa keenya lubbuu namootaa kan oolchu dha. Lammiilee Mootummaa Waaqayyoo waan taaneef, ofii keenyaaf yeroo hundumaa xiyyeeffannaa ni kennina. Yeroo hundumaa karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun, akkasumas haala misiraachoo lallabnuu wajjin wal simuun jiraachuu barbaanna. (Filp. 1:27) Tajaajila jalqabuu keenya dura akka gaariitti qophaaʼuudhaan, akkasumas Yihowaan tajaajila keenya akka nuuf eebbisu kadhachuudhaan, ‘barumsa barsiisnuuf xiyyeeffannaa akka kenninu’ argisiisuu dandeenya.

3. Namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu dandaʼu? Fakkeenya kenni.

3 Misiraachicha lallabuuf wanta dandeenyu hundumaa kan goonu taʼu illee, namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hedduun ergaa mootummichaa dhagaʼuuf fedhii hin qaban taʼa. Mee muuxannoo obboleessa keenya Joorji Lindaal haa ilaallu; obboleessi keenya kun bara 1929 hanga 1947⁠tti guutummaa Aayislaandi keessatti kophaa isaa lallabeera. Barreeffamoota kuma kudhaniin lakkaaʼaman kan raabse taʼus, namni dhugaa fudhate tokko illee hin turre. “Namoonni tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan morman fakkaatu, namoonni baayʼeen immoo fedhii hin qaban” jedhee barreesseera. Misiyoononni Giiliyaadii eebbifaman gara naannichaa dhaqanii misiraachicha kan babalʼisan taʼus, namoonni Aayislaandi muraasni Yihowaadhaaf of murteessanii kan cuuphaman waggaa sagal booda ture. *

4. Yeroo namoonni misiraachicha fudhachuu didanitti maaltu nutti dhagaʼamuu dandaʼa?

4 Yeroo namoonni ergaa keenya fudhachuu didan ni gaddina. Tarii akkuma Phaawulos nutti dhagaʼama taʼa; Phaawulos yeroo guutummaan saba Yihudaa Yesuus Masiihii abdachiifame taʼuu isaa fudhachuu didetti “gaddi guddaanii fi dhiphinni wal irraa hin cinne” isatti dhagaʼamee ture. (Rom. 9:1-3) Nama qoʼachiistu tokko gargaaruuf garaadhaa carraaqqii kan gootee fi kan isaaf kadhatte taʼus, namni sun yoo guddina gochuu baatee fi qoʼannaa keessan addaan kutuun barbaachisaa yoo taʼe maaltu sitti dhagaʼama? Yookiin immoo namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistee akka cuuphamu gargaarte tokko illee hin jiru yoo taʼe hoo? Kun balleessaa kee akka taʼee fi Yihowaan tajaajila kee eebbisaa akka hin jirre sitti dhagaʼamuu qabaa? Mata dureen kun gaaffiiwwan lamaan armaan gadiitiif deebii kenna: (1) Hojii lallabaa keenya irratti akka milkoofne wanti argisiisu maali dha? (2) Yeroo namootaaf lallabnu maal eeguu qabna?

HOJII LALLABAA KEENYA IRRATTI AKKA MILKOOFNE WANTI ARGISIISU MAALI DHA?

5. Hojiin Yihowaadhaaf hojjennu yeroo tokko tokko akka yaannu kan hin taane maaliifi?

5 Kitaabni Qulqulluun nama fedhii Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee, “Wanti inni godhu hundi . . . isaaf ni milkaaʼa” jedha. (Far. 1:3) Haa taʼu malee, akkas jechuun wanti Yihowaadhaaf hojjechuuf yaanne hundi akka yaanne nuuf taʼa jechuu miti. Cubbuu nuti dhaalleenis taʼe warri kaan dhaalaniin kan kaʼe, jireenyi ilmaan namootaa “rakkinaan kan guutame” taʼeera. (Iyo. 14:1) Kana malees, namoonni nu morman yeroo tokko tokko misiraachicha ifatti akka hin lallabne nu dhowwu taʼa. (1 Qor. 16:9; 1 Tas. 2:18) Maarree, Yihowaan milkaaʼina keenya kan madaalu maaliini? Mee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu deebii gaaffii kanaa argachuuf nu gargaaran muraasa haa ilaallu.

Hojii lallabaa irratti kan hirmaannu namoota qaamaan haasofsiisuudhaan, xalayaadhaan ykn bilbilaanis taʼu, Yihowaan carraaqqii goonuuf bakka guddaa kenna (Keeyyata 6 ilaali)

6. Yihowaan hojii isaaf hojjennu kan madaalu maaliini?

6 Yihowaan carraaqqii goonuu fi jabaannee dhaabbachuu keenya ni hubata. Namoonni ergaa keenya dhagaʼuuf fedhii kan hin qabne taʼus, Yihowaan tajaajila keenya hinaaffaa fi jaalalaan akka raawwannu yeroo argu hojicha irratti milkaaʼina akka argannetti ilaala. Phaawulos, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedhee barreesseera. (Ibr. 6:10) Carraaqqiin goone buʼaa yaadame kan hin argamsiisne taʼus, Yihowaan carraaqqii goonee fi jaalala argisiisne ni yaadata. Phaawulos gumii Qorontosiin, “Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane [beekaa]” jedhee ture. Kanaafuu, dadhabbiin kee buʼaa eegde kan hin argamsiisne taʼus, gatii kan hin qabne akka hin taane mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Qor. 15:58.

7. Wanta Phaawulos ergamaan tajaajila isaa ilaalchisee dubbate irraa maal baranna?

7 Phaawulos ergamaan misiyoonii cimaa magaalota hedduu keessatti gumii hundeesse dha. Phaawulos namoonni tokko tokko inni tajaajilaa Kiristoos taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne yeroo dubbatanitti, gaʼumsa qabaachuu isaa ibsuuf namoonni baayʼeen amantoota akka taʼan gargaaruu isaa akka ragaatti hin caqasne. Kanaa mannaa, namoota akka isa caalan argisiisuu barbaadan ilaalchisee, “Isaan caalaa hojjedheera” jedhee barreesseera. (2 Qor. 11:23) Akkuma Phaawulos, Yihowaan iddoo guddaa kan kennu carraaqqii goonuu fi jabaannee dhaabbachuu keenyaaf akka taʼe yaadachuu qabna.

8. Tajaajila keenya ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

8 Tajaajilli keenya Yihowaa ni gammachiisa. Yesuus ergaa Mootummichaa akka lallabaniif barattoota isaa 70 ergee ture; barattoonni isaa kunis tajaajila isaanii erga xumuranii booda “gammachuudhaan deebiʼan.” Wanti isaan gammachiise maali dha? “Jinniiwwan illee maqaa keetiin nuuf ajajamaniiru” jedhaniiru. Haa taʼu malee Yesuus, “Maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni hamoon waan isiniif ajajamaniif hin gammadinaa” jechuudhaan ilaalcha isaanii kana sirreesseera. (Luq. 10:17-20) Yesuus tajaajila isaanii irratti buʼaa adda taʼe akkasii kan argatan yeroo hunda akka hin taane beeka. Namoota barattoota kana dhaggeeffatan keessaa namoonni hammamii amantoota akka taʼan hin beeknu. Barattoonni kun gammaduu kan qaban buʼaa argatanitti utuu hin taʼin, Yihowaan carraaqqii isaanitti akka gammade beekuu isaanitti taʼuu qaba.

9. Akka Galaatiyaan 6:7-9 jedhutti tajaajiluu keenya yoo itti fufne buʼaa akkamii arganna?

9 Tajaajiluu keenya yoo itti fufne jireenya bara baraa arganna. Sanyiiwwan dhugaa Mootummichaa garaa guutuudhaan kan facaasnuu fi kan kunuunsinu yoo taʼe, hafuurri Yihowaa jireenya keenya keessatti bilisummaadhaan akka hojjetu heyyamuudhaan ‘hafuuraaf jennee akka facaasnu’ argisiisna. Namni tokko Waaqayyoof of murteessee akka cuuphamu gargaaruu baannus, “yoo abdii kutachuu baanne” Yihowaan jireenya bara baraa akka nuuf kennu waadaa nuuf galeera.—Galaatiyaa 6:7-9 dubbisi.

YEROO NAMOOTAAF LALLABNU MAAL EEGUU QABNA?

10. Deebiin namoonni tajaajila keenyaaf kennan kan hundaaʼe maal irratti dha?

10 Ergaa lallabnu fudhachuu fi dhiisuun isaanii adda durummaadhaan namoota nu dhaggeeffatan irratti hundaaʼa. Yesuus fakkeenya waaʼee nama gosa biyyoo garaa garaa irratti sanyii facaasee dubbate irratti dhugaa kana ifa godheera; sanyiin firii godhate isa biyyoo gaarii irra buʼe qofa dha. (Luq. 8:5-8) Yesuus biyyoon adda addaa garaa namoota ‘dubbii Waaqayyootiif’ deebii garaa garaa kennanii kan argisiisu akka taʼe dubbateera. (Luq. 8:11-15) Akkuma nama sanyii facaasuu nutis firii hojiin keenya argamsiisu toʼachuu hin dandeenyu; kun kan hundaaʼe garaa namoota nu dhaggeeffatanii irratti dha. Wanti nu irraa eegamu ergaa Mootummichaa isa sanyii gaarii taʼe facaasuu keenya itti fufuu dha. Akkuma Phaawulos ergamaan dubbate akka buʼaa hojii isaatti utuu hin taʼin, “namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata.”—1 Qor. 3:8.

Noh waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan lallabaa kan ture taʼus, maatii isaa irraa kan hafe namni isaa wajjin doonichatti gale hin jiru. Taʼus, Waaqayyoof ajajamuudhaan hojii inni isaaf kenne raawwateera. (Keeyyata 11 ilaali))

11. Noh ‘qajeelummaa lallabuu’ irratti milkaaʼina argateera kan jennu maaliifi? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

11 Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turanis namoonni ergaa isaaniitiif deebii gaarii hin kennine isaan mudatu turan. Fakkeenyaaf, Noh waggoota hedduudhaaf ‘qajeelummaa lallabaa’ ture. (2 Phe. 2:5) Namoonni ergaa isaa akka fudhatan eegee akka ture hin shakkisiisu; taʼus, Yihowaan kun akka taʼu hin dubbanne. Kanaa mannaa, yeroo Noh doonii akka ijaaru qajeelfama isaaf kennetti, “Ati doonichatti seeni; ilmaan kee, haati manaa tee fi haadhotiin manaa ilmaan keetiis sii wajjin achi keessa haa seenan” isaan jedhee ture. (Uma. 6:18) Noh yeroo Yihowaan dooniin inni hojjetu guddinni isaa hammam akka taʼu isatti himetti namoonni baayʼeen ergaa isaa akka hin fudhanne tilmaamee taʼuu dandaʼa; sababiin isaas, dooniin inni ijaaru qabachuu kan dandaʼu namoota muraasa qofa ture. (Uma. 6:15) Akkuma beeknu, addunyaa hamaa sana keessaa namni ergaa Noh lallabaa ture fudhate tokko illee hin turre. (Uma. 7:7) Maarree, Yihowaan Nohiin nama hin milkoofne akka taʼetti lakkaaʼeeraa? Matumaa! Noh wanta Yihowaan isa ajaje hundumaa amanamummaadhaan waan raawwateef, Waaqayyo akka nama milkaaʼetti isa ilaaleera.—Uma. 6:22.

12. Ermiyaas raajichi namoonni dantaa kan hin qabnee fi kan isa morman taʼinis tajaajila isaa irraa gammachuu kan argate akkamitti?

12 Haaluma wal fakkaatuun Ermiyaas raajichis namoota dantaa hin qabnee fi isa mormaniif waggoota hedduudhaaf lallabeera. Namoonni isa morman ‘isa arrabsuu fi isatti qoosuu’ isaaniitiin kan kaʼe baayʼee waan gaddeef, hojii isaaf kenname hojjechuu dhiisuuf illee yaadee ture. (Er. 20:8, 9) Taʼus, Ermiyaas abdii hin kutanne! Maarree, ilaalcha isaa sirreessuu fi tajaajila isaa irraa gammachuu argachuuf maaltu isa gargaare? Wantoota baayʼee barbaachisoo taʼan lama irratti xiyyeeffachuu isaa ti. Tokkoffaa, ergaan Waaqayyoo Ermiyaas sabichatti himaa ture, “wanta gara fuulduraatti abdiidhaan [eeggatan]” kan dabalatu ture. (Er. 29:11) Lammaffaa, Yihowaan maqaa isaatiin akka waamamu isa filachuu isaa ti. (Er. 15:16) Nutis ergaa namoonni abdii akka qabaatan godhu lallabna, akkasumas maqaa Yihowaatiin waamamna. Kanaafuu, dhugaawwan barbaachisoo taʼan lamaan kana irratti kan xiyyeeffannu taanaan, deebiin namoonni kennan maal iyyuu yoo taʼe tajaajila keenya irraa gammachuu argachuu dandeenya.

13. Fakkeenya Yesuus isa Maarqos 4:26-29 irratti galmeeffame irraa maal baranna?

13 Karaa hafuuraa guddina gochuun yeroo fudhata. Yesuus fakkeenya waaʼee namicha erga sanyii facaasee booda rafee dubbate irratti kun dhugaa taʼuu isaa ifa godheera. (Maarqos 4:26-29 dubbisi.) Namni tokko sanyii erga facaasee booda sanyiin sun kan guddatu suutuma suuta dha; akkasumas namni sun sanyichi saffisa inni barbaadeen akka guddatu gochuu hin dandaʼu. Nutis namni Kitaaba Qulqulluu barsiisnu tokko wanta barate hamma hojii irra oolchutti yeroo dheeraadhaaf obsaan eeguun nu barbaachisuu dandaʼa. Akkuma qotee bulaan tokko, sanyiin facaase saffisa inni barbaadeen akka guddatu gochuu hin dandeenye, nutis namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu saffisa nuti barbaanneen guddina hafuuraa akka godhan gochuu hin dandeenyu. Kanaafuu, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu guddina gochuuf isa yaanne caalaa yeroo dheeraa yoo fudhate abdii kutachuu hin qabnu. Akkuma hojii qonnaa hojiin barattoota gochuus obsa gaafata.—Yaq. 5:7, 8.

14. Muuxannoo tajaajilli keenya buʼaa kan argamsiisu suutuma suuta akka taʼe argisiisu dubbadhu.

14 Naannoowwan tokko tokkotti, buʼaan tajaajila keenyaa waggoota hedduudhaaf mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Mee muuxannoo obbolaa Gilaadisii fi Ruubii Alan jedhamanii haa ilaallu; obboleettonni kun bara 1959⁠tti qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii Kaanaadaatti magaalaa bulchiinsa Kuubeek keessatti argamtu tokkotti ramadamanii turan. * Dhiibbaa hawaasaa fi waldaa Kaatolikiitiin kan kaʼe, namoonni naannoo sana jiraatan ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf fedhii hin qaban turan. Gilaadis akkana jetteetti: “Waggaa lamaaf guyyaatti saʼaatii saddeetiif manaa gara manaatti kan tajaajille taʼus, namni tokko illee ergaa keenya hin fudhanne! Namoonni gara balbala isaanii dhufanii nu taʼuu keenya yommuu beekan calluma jedhanii deebiʼu turan. Taʼus, nuti abdii hin kutanne.” Yeroo booda garuu ilaalchi namoota naannoo sanaa jijjiiramaa waan dhufeef, isaan keessaa tokko tokko misiraachicha fudhachuu jalqaban. Yeroo ammaatti magaalaa sana keessa gumii sadiitu jira.—Isa. 60:22.

15. Yaanni 1 Qorontos 3:6, 7 irra jiru hojii barattoota gochuu ilaalchisee maal nu barsiisa?

15 Namni tokko barataa akka taʼu kan gargaaran namoota hedduu dha. Namni tokko akka cuuphamu kan gargaaru guutummaa gumichaa ti. (1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.) Fakkeenyaaf, babalʼisaan tokko nama fedhii qabu tokkoof tiraaktii ykn barruu tokko kenna. Achiis obboleessi sun waan isaaf hin mijanneef, deddeebii gaaffii akka isaaf godhu babalʼisaa kan biraa gaafate. Babalʼisaan kun immoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabsiise. Achiis obbolootaa fi obboleettota garaa garaa qoʼannaa isaa irratti affeere; obboloonni affeeraman hundis karaa garaa garaatiin barataa sana jajjabeessan. Obboloonnii fi obboleettonni baratichaa wajjin wal argan sanyicha bishaan obaasuu irratti gumaacha godhu. Akka kanaan akkuma Yesuus jedhe, inni facaasuu fi inni haamu waliin gammadu.—Yoh. 4:35-38.

16. Haalli fayyaa keetii ykn humni kee kan daangeffame taʼus, tajaajila irraa gammachuu argachuu dandeessa kan jennu maaliifi?

16 Haala fayyaa keetiin ykn humni kee dadhabuu isaatiin kan kaʼe, akka kanaan duraa hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hirmaachuu hin dandeessu yoo taʼe hoo? Gumaacha amma hojii lallabaa irratti gochaa jirtutti gammaduu dandeessa. Mee yeroo Daawitii fi namoonni isaa, maatii isaanii fi qabeenya isaanii namoota Amaaleq irraa deebifatanitti wanta taʼe haa ilaallu. Isaan keessaa namoonni dhibbi lama baayʼee dadhabuu isaaniitiin kan kaʼe waraana irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef, isaan biraa hafanii miʼa eegaa turan. Daawit waraanicha irratti injifannoo erga argatanii booda boojuun argame hunduma isaaniitiif qixxeetti hiramuu akka qabu ajaje. (1 Sam. 30:21-25) Hojiin barattoota gochuu addunyaa maratti raawwatamaa jirus kanaa wajjin wal fakkaata. Hojii lallabaa fi barattoota gochuu irratti hamma barbaadde hirmaannaa gochuu hin dandeessu taʼa. Taʼus, wanta dandeessu hundumaa hamma gootetti yeroo namni haaraan tokko Yihowaa beekuu fi cuuphamu hundumaatti gammachuu guddaa argachuu ni dandeessa.

17. Yihowaa galateeffachuuf sababii akkamii qabna?

17 Ilaalchi Yihowaan tajaajila isaaf dhiheessinuuf qabu jaalala irratti kan hundaaʼe taʼuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. Yihowaan nuti namoonni akka nu dhaggeeffatanis taʼe, isa waaqeffachuu akka jalqaban dirqisiisuu akka hin dandeenye beeka. Taʼus, hammam jabaannee akka hojjennuu fi jaalala argisiisnu ni hubata; kanaafis nu badhaasa. Gaʼee hojii makaraa irratti qabnu irraa gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes, nu barsiisa. (Yoh. 14:12) Yoo abdii kutachuu baanne, Waaqayyo biratti fudhatama akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

FAARFANNAA 67 “Dubbicha Lallabi”

^ key. 5 Yeroo namoonni misiraachicha dhagaʼan ni gammanna, yeroo dhagaʼuu didan immoo ni gaddina. Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu tokko guddina hin godhu yoo taʼe ykn nama tokko qoʼachiisuudhaan akka cuuphamu gargaartee hin beektu yoo taʼe hoo? Hojii barattoota gochuu irratti milkaaʼina akka hin arganne sitti dhagaʼamuu qabaa? Mata duree kana keessatti tajaajila keenya irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya kan jennu maaliif akka taʼee fi namoonni nu dhagaʼanis nu dhagaʼuu baatanis gammachuu keenya eeggannee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 14 Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2002 (Amaariffa) irraa seenaa jireenyaa Gilaadis Alan isa mata dureen isaa, “Wantin Jijjiiru Tokko Iyyuu hin Jiru!” jedhu ilaali.