Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu

Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu

WAGGAA waggaadhaan hoolonni gatii guddaa qaban hedduun gara gumii Kiristiyaanaatti deebiʼaa jiru. Yeroo tokkoon tokkoon isaanii gara gumiitti deebiʼan “samii irratti gammachuu guddaan” akkamii akka jiraatu mee yaadi! (Luq. 15:7, 10) Gara gumiitti deebitetta yoo taʼe, Yesuus, maleekonnii fi Yihowaan deebitee dhugaa cinaa dhaabbachuu kee arguu isaaniitti baayʼee akka gammadan mirkanaaʼaa taʼi. Haa taʼu malee, michummaa Yihowaa wajjin qabdu haareffachuuf carraaqqii yeroo gootu, rakkoowwan tokko tokko si mudachuu dandaʼu. Isaan keessaa tokko tokko maal faʼi? Wanti haala isaa dandamachuuf si gargaaru hoo maali dha?

RAKKOOWWAN SI MUDACHUU DANDAʼAN MAAL FAʼI?

Obboloonni hedduun gara gumiitti erga deebiʼanii boodas abdii kutatu. Tarii miirri Daawit Mootichatti dhagaʼame siif gala taʼa. Daawit cubbuu isaatiif dhiifama erga argatee booda illee, “Dogoggorawwan koo na liqimsaniiru” jedheera. (Far. 40:12; 65:3) Namni tokko gara Yihowaatti erga deebiʼee boodas, waggoota hedduudhaaf miirri balleessaa ykn qaaniin isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Izaabeel ishiin waggaa 20 booda gara gumiitti deebite, “Yihowaan akka dhiifama naaf godhe amanuun baayʼee natti ulfaatee ture” jetteetti. * Abdii yoo kutatte ammas karaa hafuuraa deebitee dadhabuu dandeessa. (Fak. 24:10) Haalli akkasii akka si irra hin geenye carraaqqii godhi.

Warri kaan immoo, ‘Michummaan Yihowaa wajjin qabu haareffachuuf wanta gochuun na barbaachisu hundumaa raawwachuu hin dandaʼuu laata?’ jedhanii yaaddaʼu. Atwaan gara gumiitti erga deebiʼee booda, “Wantoota yeroon Dhugaa Baatuu Yihowaa turetti baradhee fi raawwachaa ture hedduu irraanfadheen ture” jedheera. Obboloonni tokko tokko miirri akkasii waan isaanitti dhagaʼamuuf sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaannaa guutuu gochuu irraa duubatti jedhu.

Fakkeenyaaf, namni manni isaa obomboleettiidhaan jalaa miidhame tokko yeroo fi humna mana sana deebisee ijaaruuf isa barbaachisu irratti yeroo yaadu abdii kutachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, cubbuu cimaa raawwachuu keetiin kan kaʼe michummaan Yihowaa wajjin qabdu yoo si jalaa bade, michummaa kana haareffachuuf carraaqqii guddaa gochuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, gargaarsa ni argatta.

Yihowaan affeerraa, “Kottaa, rakkina nu gidduutti uumameef furmaata haa kenninu” jedhu nuuf dhiheesseera. (Isa. 1:18) ‘Rakkina uumameef furmaata kennuuf’ jabaattee hojjetteetta. Yihowaan carraaqqii akkasii waan gooteef baayʼee sitti gammada. Mee yaadi: Yihowaan ati gara gumiitti waan deebiteef, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuuf siin akka fakkeenyaatti ni fayyadama!—Fak. 27:11.

Gara Yihowaatti deebiʼuudhaan, isatti dhihaatteetta; innis akka sitti dhihaatu waadaa siif galeera. (Yaq. 4:8) Gara gumiitti deebiʼuu kee warri kaan arguun isaanii gaarii dha; taʼus, wanta kana irra caalu gochuu qabda. Jaalala Yihowaa isa Abbaa kee fi Michuu kee taʼeef qabdu cimsachuu kee itti fufuun si barbaachisa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

GALMAWWAN BIRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU

Galmawwan bira gaʼuu dandeessu baafachuuf yaali. Barumsawwan buʼuuraa waaʼee Yihowaa fi waadaawwan inni gale ilaalchisee baratte amma iyyuu ni yaadatta. Taʼus, barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun si barbaachisa; fakkeenyaaf, yeroo hundumaa lallabuu, walgaʼii irratti argamuu fi obbolootaa fi obboleettota kee wajjin yeroo dabarsuu qabda. Mee galmawwan armaan gadii irratti yaadi.

Yeroo hundumaa Yihowaa haasofsiisi. Abbaan kee Yihowaan miirri balleessaa sitti dhagaʼamu kadhachuun ulfaataa akka sitti taʼu akka godhu beeka. (Rom. 8:26) Haa taʼu malee, michuu isaa taʼuuf fedhii cimaa akka qabdu isatti himuudhaan ‘kadhannaatti jabaadhu.’ (Rom. 12:12) Andiraan, “Miirri balleessaa cimaa fi qaaniin natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, hammuman kadhannaa dhiheesse miirri kun naaf xiqqaachaa deeme. Amma caalaatti nagaa sammuu argadheera” jedheera. Maal jettee akka kadhattu hin beektu taanaan, kadhannaawwan Daawit Mootichi inni cubbuu isaa irraa yaada geddarate dhiheessee fi Faarfannaa 51 fi 65 irratti galmeeffame irratti yaadi.

Yeroo hundumaa Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu. Akkas gochuun kee karaa hafuuraa cimuu fi jaalala Yihowaaf qabdu guddifachuuf si gargaara. (Far. 19:7-11) Faalippaan akkana jedheera: “Jalqabas akkan dadhabuu fi Yihowaa akkan dhiisu kan na godhe, barsiifata hafuuraatiif dursa kennuu dhiisuu koo ti. Balleessaa koo irra deebiʼuu waanan hin barbaanneef, yeroo hundumaa qoʼannaa dhuunfaa gochuuf murteesseera.” Atis akkas gochuu dandeessa. Mata dureewwan qoʼannaa dhuunfaatiif itti fayyadamtu filachuun kan si rakkisu taanaan, obboleessa bilchina qabu gargaarsa gaafachuu dandeessa.

Michummaa obbolootaa fi obboleettota kee wajjin qabdu haareffadhu. Obboloonni gara gumiitti deebiʼan tokko tokko, ‘Warri kaan ilaalcha gaarii naaf hin qaban’ jedhanii yaaddaʼu. Laarisaan, “Baayʼeen qaanaʼa ture. Gumicha ganee akkan ture natti dhagaʼama. Miira kanaa wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaan ture” jetteetti. Yeroo karaa hafuuraa of haaromsuuf carraaqqii gootutti, jaarsolii fi obboloonni bilchina qaban si gargaaruu akka barbaadan mirkanaaʼaa taʼi. (Saanduqa, “ Jaarsoliin Maal Gochuu Dandaʼu?” jedhu ilaali.) Isaan gara gumiitti deebiʼuu keetti baayʼee gammadaniiru, atis akka gammaddu barbaadu!—Fak. 17:17.

Gumichatti dhihaachuuf maaltu si gargaara? Wanta obboloonnii fi obboleettonni gochaa jiran gochuuf, jechuunis walgaʼii irratti argamuu fi yeroo hundumaa tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii godhi. Akkana gochuun kee kan si fayyadu akkamitti? Fiiliksi akkana jedheera: “Gumichi hamman deebiʼutti hawwiidhaan na eegaa ture. Kanaafuu, akkan jaallatamu natti dhagaʼame. Hundi isaanii iyyuu deebiʼee kutaa maatichaa akkan taʼu, dhiifama akkan argadhe akka natti dhagaʼamuu fi Yihowaa tajaajiluu koo akkan itti fufu na gargaaraniiru.”—Saanduqa, “ Maal Gochuu Dandeessa?” jedhu ilaali.

ABDII HIN KUTATIN!

Seexanni yeroo michummaa Yihowaa wajjin qabdu haareffachuuf carraaqqii gootutti, si dadhabsiisuuf rakkoowwan dabalataa sitti fiduu isaa ittuma fufa. (Luq. 4:13) Michummaa Yihowaa wajjin qabdu ammuma cimsachuudhaan qophaaʼaa taʼi.

Yihowaan hoolota isaa ilaalchisee, “Isa bade nan barbaada; isa karaa irraa gore deebisee nan fida; isa miidhame huccuudhaan nan hidha; isa dadhabe nan cimsa” jedhee waadaa galeera. (His. 34:16) Yihowaan namoonni hedduun michummaa isaa wajjin qaban akka haareffatan gargaareera. Michummaa isaa wajjin qabdu cimsachuu kee akka itti fuftu siinis gargaaruu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi.

^ key. 4 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.