Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 47

Amantiin Kee Hammam Cimaa Dha?

Amantiin Kee Hammam Cimaa Dha?

“Garaan keessan hin raafamin. . . . Waaqayyotti amanaa.”—YOH. 14:1.

FAARFANNAA 119 Amantii Qabaachuu Qabna

QABIYYEE *

1. Maal jennee of gaafannee taʼuu dandaʼa?

YEROO tokko tokko wantoota gara fuulduraatti raawwataman, jechuunis waaʼee badiisa amantii sobaa, haleellaa Goog inni biyya Maagoog geessisuu fi waraana Armaagedoon yommuu yaaddu sodaan sitti dhagaʼamaa? ‘Yommuu wantoonni sodaachisoon kun raawwatamanitti amanamummaa koo eeguu nan dandaʼaa?’ jettee of gaafattee beektaa? Yaanni akkasii gara sammuu keetti dhufee beeka yoo taʼe, yaanni Yesuus caqasa mata duree kanaa keessatti dubbate si gargaaruu dandaʼa. Yesuus barattoota isaatiin, “Garaan keessan hin raafamin . . . . Waaqayyotti amanaa” jedhee ture. (Yoh. 14:1) Amantii cimaan, wantoota gara fuulduraatti raawwataman akka hin sodaanne nu gargaara.

2. Amantii keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Qorumsawwan yeroo ammaatti nu mudatan akkamitti akka dandamanne irratti yaaduudhaan qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudataniif amantii keenya cimsachuu dandeenya. Qorumsawwan yeroo ammaatti nu mudatan akkamitti dandamachaa akka jirru irratti yoo yaanne, gama kamiin amantii keenya cimsachuun akka nu barbaachisu hubanna. Qorumsa nu mudatu yommuu moonu amantiin keenya caalaatti cimaa deema. Kunis qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan moʼuuf nu gargaara. Mata duree kana keessatti, haalawwan barattoota Yesuus mudatanii fi amantii guddifachuun itti isaan barbaachisee ture afur ilaalla. Yeroo harʼaattis rakkoowwan wal fakkaatoo taʼan nu mudachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼee fi yeroo gara fuulduraatiif kan nu qopheessan akkamitti akka taʼe qorra.

WAAQAYYO WANTOOTA JIREENYAAF NU BARBAACHISAN AKKA NUUF KENNU AMANUU

Rakkinni dinagdee yoo nu mudate illee, amantiin keenya fedhii mootummichaa irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara (Keeyyata 3-6 ilaali)

3. Maatewos 6:30, 33 irratti akka galmeeffametti, Yesuus amantii ilaalchisee maal ifa godhe?

3 Mataan maatii tokko nyaata gaʼaa, uffataa fi mana jireenyaa haadha manaa isaa fi ijoollee isaatiif barbaachisu dhiheessuuf fedhii qabaachuun isaa sirrii dha. Yeroo rakkisaa taʼe kanatti akkas gochuun salphaa miti. Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko hojii isaanii dhabaniiru; hojii kan biraa argachuuf carraaqqii cimaa kan godhan taʼus, isaaniif hin milkoofne. Warri kaan immoo hojii Kiristiyaanotaaf hin taane hojjechuu dhiisuu filataniiru. Yeroo wantoonni akkasii nu mudatanitti, Yihowaan wantoota maatii keenyaaf barbaachisan akka dhiheessu amantii cimaa qabaachuun nu barbaachisa. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti kana duuka buutota isaatiif ifa godheera. (Maatewos 6:30, 33 dubbisi.) Yihowaan akka nu hin dhiisne yommuu guutummaatti amanamnu, xiyyeeffannaan keenya fedhii Mootummichaa irra akka taʼu gochuu dandeenya. Yihowaan wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akkamitti nuuf dhiheessaa akka jiru yommuu arginu inni caalaatti nuu dhugooma, amantiin keenyas ni cima.

4-5. Maatiin tokko wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuun yeroo isaanitti ulfaatetti wanti isaan gargaare maali dha?

4 Maatiin Veenzuweelaa keessa jiraatu tokko yommuu wantoota jireenyaaf isa barbaachisan dhabetti gargaarsa Yihowaa kan argate akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yeroo taʼe tokkotti, maatiin Miigal galii gaarii oomisha qonnaa isaanii irraa argataniin jiraatu turan. Achiis, namoonni meeshaa waraanaa hidhatan lafa isaanii irraa fudhatanii isaan ariʼan. Miigal akkana jedheera: “Yeroo ammaatti lafa xinnoo namni yeroodhaaf nuuf kenne irratti oomishnee jiraanna. Yihowaan wanta guyyichaaf nu barbaachisu akka nuuf dhiheessun kadhadha.” Maatii kanaaf jireenyi ulfaataa dha; taʼus, maatiin Miigal Abbaan keenya inni jaalala qabeessi wanta jireenya guyyaa guyyaatiif isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuuf humna akka qabu guutummaatti waan amananiif, yeroo hunda walgaʼii gumii irratti ni argamu, tajaajila irrattis ni hirmaatu. Jireenya isaanii keessatti Mootummichaaf dursa waan kennaniif, Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessa.

5 Yeroo rakkisaa kanatti Miigalii fi haati manaa isaa Yuuraayi kunuunsa Yihowaan isaaniif godhu irratti xiyyeeffataniiru. Yeroo tokko tokko Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuuf ykn Miigal hojii akka argatu gargaaruuf obbolootatti fayyadama ture. Yeroo tokko tokko immoo, Yihowaan waajjira dameetti fayyadamee wantoota jireenyaaf barbaachisan isaaniif dhiheessa. Yihowaan matumaa isaan hin ganne. Kanaan kan kaʼes, amantiin maatii isaanii cimeera. Hoosaliin intalli isaanii ishiin angafaa gargaarsa Yihowaan isaaniif godhe keessaa tokko erga caqastee booda, “Akkaataan Yihowaan itti nu gargaare kan nama jajjabeessu dha. Akka michuu kootti waanan isa ilaaluuf, yeroo hunda isatti amanamuu nan dandaʼa” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Qorumsawwan maatii keenya irra gaʼan qorumsawwan ciccimoo gara fuulduraatti dhufaniif nu qopheessaniiru” jetteetti.

6. Rakkinni diinagdee yommuu si mudatutti amantii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

6 Rakkinni diinagdee si mudachaa jiraa? Taanaan, yeroon kun siif yeroo ulfaataa dha. Haa taʼu malee, yeroo kanatti fayyadamuudhaan amantii kee cimsachuu dandeessa. Yihowaa kadhadhu, achiis yaada Yesuus dubbatee fi Maatewos 6:25-34 irratti galmeeffame dubbisuudhaan irratti xiinxali. Muuxannoowwan bara keenyaa Yihowaan warra isa tajaajiluu irratti xiyyeeffataniif wanta isaan barbaachisu akka isaaniif dhiheessu ibsan ilaali. (1 Qor. 15:58) Akkas kan gootu yoo taʼe, Yihowaan akkuma namoota haala ati keessa jirtuu wajjin wal fakkaatu keessa jiran gargaare, siinis akka gargaaru amanannaan qabdu ni cima. Inni wanta si barbaachisu beeka, wanta sana akkamitti akka siif dhiheessus beeka. Gargaarsa Yihowaa jireenya kee keessatti arguun kee amantiin kee akka cimu godha; kun immoo qorumsawwan guguddaa gara fuulduraatti dhufan moʼuuf si gargaara.—An. 3:17, 18.

“OBOMBOLEETTII CIMAA” DANDAMACHUUF AMANTIIN NU BARBAACHISA

Amantiin keenya qorumsawwan obomboleettii cimaatti fakkeeffaman dandamachuuf nu gargaara (Keeyyata 7-11 ilaali)

7. Akka Maatewos 8:23-26 jedhutti obomboleettii cimaan amantii barattoota Yesuus kan qore akkamitti?

7 Yesuusii fi barattoonni isaa galaana irra utuu deemanii obomboleettiin yeroo kaʼetti, Yesuus haala kanatti fayyadamee barattoonni isaa amantii cimaa qabaachuun akka isaan barbaachisu isaan hubachiiseera. (Maatewos 8:23-26 dubbisi.) Obomboleettichi cimaa yeroo deemettii fi bishaanichi bidirichatti namʼuu yeroo jalqabetti Yesuus rafaa ture. Barattoonni isaa baayʼee waan sodaataniif, isa dammaqsanii akka isaan oolchu isa gaafatan; inni garuu tasgabbiidhaan, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?” isaaniin jedhe. Barattoonni isaa sodaatan kun Yihowaan Yesuusii fi warra isaa wajjin jiran oolchuuf dandeettii akka qabu hubachuu qabu turan. Kana irraa maal barachuu dandeenya? Amantii cimaa qabaachuun keenya obomboleettii cimaa kallattiidhaan nu irra gaʼus taʼe qorumsawwan obomboleettiitti fakkeeffaman dandamachuuf nu gargaara.

8-9. Amantiin Aaneel kan qorame akkamitti? Wanti ishii gargaare hoo maali dha?

8 Mee obboleettiin qeenxeen Aaneel jedhamtuu fi Porto Riikoo keessa jiraattu qorumsi cimaan ishii irra gaʼun isaa amantii ishii kan cimse akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Wanti ishii irra gaʼe kallattiidhumaan obomboleettii cimaa ture. Qorumsi ishii irra gaʼe kun kan jalqabe bara 2017⁠tti yommuu obomboleettiin Harikeen Maariyaa jedhamu mana ishii diigetti ture. Kana malees, obomboleettiin kun hojii ishii ishii dhabsiiseera. Aaneel, “Yeroowwan rakkisoo sanatti dhiphinni na mudatee ture, taʼus kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu baradheera. Akkasumas, dhiphinni wanta gochuun na barbaachisu akka na dhowwu hin heyyamne” jetteetti.

9 Aaneel wanti qorumsa dandamachuuf ishii gargaare kan biraan ajajamuu akka taʼe dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Qajeelfama jaarmiyichi kennu hordofuun koo tasgabbaaʼuuf na gargaareera. Gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni karaa hafuuraa fi karaa qaamaa naaf godhaniin harka Yihowaa arguu dandaʼeera.” Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan wantan isa gaafadhe caalaa naaf kenneera; amantiin koos caalaatti naaf cimeera” jetteetti.

10. Rakkinni cimaan yoo si mudate maal gochuu dandeessa?

10 Jireenya kee keessatti obomboleettii cimaan si mudachaa jiraa? Tarii balaa uumamaatiin kan kaʼe rakkinni sirra gaʼaa jira taʼa. Yookiin immoo wanti akka obomboleettiitti fakkeeffamu, kan akka dhibee fayyaa cimaa abdii akka kutattuu fi wanta gootu akka wallaaltu si taasise si mudatee taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko dhiphachuu dandeessa; taʼus, dhiphinni amantii Yihowaa irratti qabdu akka si jalaa balleessu hin heyyamin. Kadhannaa garaadhaa maddeen isatti dhihaadhu. Gargaarsa Yihowaan kanaan dura siif godhe irratti xiinxaluudhaan amantii kee cimsadhu. (Far. 77:11, 12) Inni ammas taʼe gara fuulduraatti matumaa akka si hin dhiisne mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

11. Warra dursa fudhatanii geggeessaniif ajajamuu kan qabnu maaliifi?

11 Wanti qorumsa dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼu kan biraan maali dha? Akkuma Aaneel jette ajajamuun nu gargaara. Warra Yihowaanii fi Yesuus itti amanamanitti amanamuu baradhu. Yeroo tokko tokko warri dursa fudhatanii geggeessan qajeelfama nu hin amansiisne kennu taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan warra ajajaman ni eebbisa. Dubbii isaa irraas taʼe muuxannoo obbolootaa amanamoo irraa ajajamuun lubbuu akka oolchu hubanneerra. (Bau. 14:1-4; 2 Sen. 20:17) Muuxannoowwan akkasii irratti xiinxalaa. Akkas gochuun keessan qajeelfama jaarmiyichi ammas taʼe gara fuulduraatti kennuuf ajajamuuf fedhii qabdan isiniif guddisa. (Ibr. 13:17) Kanaafuu, rakkina guddaa dhiheenyatti dhufu sababa itti sodaannu hin qabnu.—Fak. 3:25.

JALʼINA HAQAA DANDAMACHUUF AMANTIIN NU BARBAACHISA

Kadhachuu keenya yoo itti fufne amantiin keenya ni cima (Keeyyata 12 ilaali)

12. Luqaas 18:1-8 amantii qabaachuu fi jalʼina haqaa dandamachuu gidduu walitti dhufeenya jiru kan ibse akkamitti?

12 Yesuus jalʼinni haqaa amantii barattoota isaa akka qoru beeka. Haala kana akka dandamatan isaan gargaaruufis fakkeenya kitaaba Luqaas keessatti argamu isaanitti hime. Yesuus waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi haqa argachuuf abbaa murtii haqaan hin murteessine irra deddeebitee kadhattee dubbateera. Irra deddeebitee kadhachuun ishii akka ishii kiisu ni amanti turte. Yeroo booda abbaan murtii sun gaaffii ishiitiif deebii kenne. Seenaa kana irraa maal baranna? Yihowaan Waaqa haqa jalʼisu miti. Yesuus, “Maarree, Waaqayyo warra filatee fi halkanii fi guyyaa isatti iyyataniif haqa hin argamsiisuu?” jedheera. (Luqaas 18:1-8 dubbisi.) Achiis, Yesuus, “Ilmi namaa yommuu dhufu, dhuguma lafa irratti amantii akkanaa ni argataa laata?” jedhe. Yommuu jalʼinni haqaa nu irra gaʼutti obsuu fi irra deddeebinee gaafachuudhaan, akkuma dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa amantii cimaa akka qabnu argisiisuun nu barbaachisa. Amantiin akkasii Yihowaan dafees taʼe turee nuuf jecha tarkaanfii akka fudhatu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Kadhannaanis humna guddaa akka qabu amanuu qabna. Yeroo tokko tokko kadhannaan keenya karaa nuti hin yaanneen deebii argata taʼa.

13. Kadhannaan, maatii jalʼinni irratti raawwatame tokko kan gargaare akkamitti?

13 Mee muuxannoo obboleettii keenya Veeroo ishii Rippuubliikii Dimookraatawaa Koongoo keessa jiraattuu haa ilaallu. Veeroon yommuu gareen loltootaa ganda isaanii haleeletti, abbaa manaa ishii isa hin amannee fi intala ishii umurii waggaa 15 wajjin baqachuun ishii barbaachisee ture. Utuma baqachaa jiraniis keellaa loltoonni eegan bira gaʼan, isaanis akka isaan ajjeesan dubbachuudhaan isaan doorsisan. Yommuu Veeroon boossutti intalli ishii sagalee ishii ol kaastee kadhachuu fi kadhannaa ishii keessatti irra deddeebitee maqaa Yihowaatti fayyadamuudhaan ishii tasgabbeessuuf yaalte. Yommuu ishiin xumurtus ajajaan garee loltoota sanaa, “Intalo, kadhachuu eenyutu si barsiise?” jedhee ishii gaafate. Ishiinis, “Haadha kootu fakkeenya Maatewos 6:9-13 irra jirutti fayyadamtee na barsiiste” jechuudhaan deebiste. Ajajaan sunis, “Maatii kee wajjin nagaadhaan dhaqi, Waaqni kee Yihowaan eegumsa siif haa godhu!” ishiidhaan jedhe.

14. Wanti amantii keenya qoru maal taʼuu dandaʼa? Dandamachuuf kan nu gargaaru hoo maali dha?

14 Muuxannoowwan akkasii humna kadhannaan qabu matumaa salphisnee akka hin ilaalle nu barsiisu. Haa taʼu malee, kadhannaan keessan atattamaan ykn karaa dinqisiisaa taʼeen deebii yoo argachuu baate hoo? Akkuma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi fakkeenya Yesuus irratti ibsamtee kadhachuu keenya yoo itti fufne, Waaqni keenya akka nu hin dhiisne, akkasumas yeroo isaattii fi karaa taʼe tokkoon kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan hafuura isaa akka siif kennu kadhachuu kee itti fufi. (Filp. 4:13) Eebbi guddaan yeroo dhihootti Yihowaa biraa argattu rakkina si mudachaa jiru kam iyyuu kan si irraanfachiisu akka taʼe hin dagatin. Gargaarsa Yihowaatiin qorumsa si mudatu amanamummaadhaan dandamachaa deemuun kee qorumsa gara fuulduraatiif si cimsa.—1 Phe. 1:6, 7.

GUFUUWWAN NU MUDATAN MOʼUUF AMANTIIN NU BARBAACHISA

15. Akka Maatewos 17:19, 20 irratti galmeeffametti rakkinni barattoota Yesuus mudate maal ture?

15 Yesuus amantiin gufuu isaan mudatu moʼuuf akka isaan gargaaru barattoota isaa barsiiseera. (Maatewos 17:19, 20 dubbisi.) Barattoonni Yesuus jinnii baasanii kan beekan taʼus, yeroo tokko garuu akkas gochuu hin dandeenye. Rakkinni isaanii maal ture? Yesuus amantii isaanii guddifachuun akka isaan barbaachisu isaanitti hime. Amantii gaʼaa utuu qabaatanii gufuuwwan akka gaaraa taʼan illee sochoosuu akka dandaʼan isaanitti hime. Yeroo harʼaatti nuunis rakkoowwan moʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼaman nu mudatu taʼa.

Gadda guddaa keessa yoo jiraanne illee amantiin tajaajila Yihowaatiin akka qabamnu nu gargaara (Keeyyata 16 ilaali)

16. Amantiin Geedii gadda duʼa abbaa manaa ishiitiin ishii irra gaʼe dandamachuuf kan ishii gargaare akkamitti?

16 Mee waaʼee obboleettii keenya Geedii ishii Guwaatimaalaa jiraattuu haa ilaallu. Utuu walgaʼii gumii irraa gara manaatti deebiʼanii, abbaan manaa ishii Eediin ni ajjeefame. Maarree, amantiin Geedii gadda cimaa ishii irra gaʼe akka dandamattu kan ishii gargaare akkamitti? Akkana jetteetti: “Kadhannaan baʼaa koo Yihowaa irratti gatee dhiisuuf na gargaareera, kun immoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godheera. Kunuunsa Yihowaan karaa maatii koo fi karaa michoota koo gumii keessa jiranii naaf godhe argeera. Tajaajila Yihowaatiin qabamuun koo gaddi koo akka naaf salphatu godheera, akkasumas waaʼee borii utuun hin yaaddaʼin jiraachuuf na gargaareera. Rakkina kana keessa darbuun koo, gara fuulduraatti qorumsi akkamii iyyuu yoo na mudate gargaarsa Yihowaa, Yesuusii fi jaarmiyaa isaatiin dandamachuu akkan dandaʼu na hubachiiseera.”

17. Rakkoowwan akka gaaraa taʼan yeroo nu mudatan maal gochuu dandeenya?

17 Nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin gaddaa jirtaa? Taanaan, yeroo ramaddee seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota duʼaa kaʼanii ibsu dubbisuudhaan amantii abdii duʼaa kaʼuu irratti qabdu cimsadhu. Miseensi maatii kee tokko gumiidhaa waan baafameef gaddaa jirtaa? Taanaan, akkaataa Waaqayyo adaba itti kennu yeroo hunda sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, qorannoo godhi. Rakkinni kam iyyuu yommuu si mudatu carraa kana amantii kee cimsachuuf itti fayyadami. Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Warra kaan irraa adda of hin baasin, kanaa mannaa, obboloota kee fi obboleettota keetti dhihaachuu kee itti fufi. (Fak. 18:1) Yommuu wanta sirra gaʼe yaadatutti kan boossu taʼu illee, sochiiwwan haala isaa dandamachuuf si gargaaran irratti hirmaadhu. (Far. 126:5, 6) Walgaʼiiwwan irratti argamuu, tajaajila baʼuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kee itti fufi. Wantoota dinqisiisoo Yihowaan gara fuulduraatti siif qopheesse irratti xiyyeeffadhu. Yihowaan akkamitti si gargaaraa akka jiru hubachuun kee amantiin isa irratti qabdu caalaatti akka cimu godha.

“AMANTII KEENYA NUUF GUDDISI”

18. Amantiin kee laafaa akka taʼe yoo hubatte, maal gochuu dandeessa?

18 Qorumsi kanaan dura sirra gaʼe ykn sirra gaʼaa jiru amantiin ati qabdu laafaa akka taʼe kan argisiisu yoo taʼe abdii hin kutatin. Kun carraa amantii kee itti cimsattu akka taʼe godhii ilaali. Barattoonni Yesuus, “Amantii keenya nuuf guddisi” jedhanii gaafatanii turan, atis akkasuma jedhii gaafadhu. (Luq. 17:5) Kana malees, muuxannoowwan mata duree kana keessatti ilaalle irratti xiinxali. Akkuma Miigalii fi Yuuraayi yeroowwan Yihowaan itti si gargaare hundumaa yaadadhu. Akkuma intala Veeroo fi Aaneel cimsi Yihowaa kadhadhu, keessumaa immoo yeroo rakkinni cimaan si mudatutti akkana godhi. Akkuma Geedii Yihowaan wanta si barbaachisu karaa maatii keetii ykn michoota keetii siif dhiheessuu akka dandaʼu hubadhu. Yihowaan qorumsawwan yeroo ammaatti si mudatan moʼuuf akka si gargaaru yoo heyyamte, qorumsawwan gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu kam iyyuu moʼuuf akka si gargaaru caalaatti mirkanaaʼaa taata.

19. Yesuus amanannaa akkamii qaba? Atoo waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa?

19 Yesuus amantiin barattoota isaa hirʼina akka qabu kan isaanitti hime taʼus, gargaarsa Yihowaatiin qorumsa gara fuulduraatti isaan mudatu keessa darbuu akka dandaʼan garuu hin shakkine. (Yoh. 14:1; 16:33) Tuutni uummataa guddaan, amantii cimaa qabaachuun isaanii rakkina guddaa jalaa ooluuf akka isaan gargaaru amanannaa guddaa qaba. (Mul. 7:9, 14) Atoo rakkina guddaa irraa ni ooltaa? Yeroo ammaatti carraa argatte hundumaatti fayyadamtee amantii kee yoo cimsatte, gaarummaa Yihowaa isa guddaatiin ooluu ni dandeessa!—Ibr. 10:39.

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

^ key. 5 Yeroo sirni kun itti balleeffamu hawwiidhaan eegna. Taʼus, yeroo tokko tokko amantiin keenya hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuuf nu dandeessisuu fi dhiisuu isaa ni shakkina taʼa. Mata duree kana keessatti muuxannoowwanii fi barumsawwan amantii keenya cimsachuuf nu gargaaran ilaalla.