Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachuuf Carraaqqii Gochaan Ture

Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachuuf Carraaqqii Gochaan Ture

WALAKKAA galaana Meditiraaniyaa irra dooniidhaan utuu imalluu, dooniin koo inni dulloomaan waan urateef bishaan hedduun gara doonichaatti seenuu akka jalqabe yeroon beeketti baayʼeen naʼe. Achiis galaanicha irratti obomboleettiin ni kaʼe. Baayʼee waanan sodaadheef waggoota hedduu booda yeroo jalqabaatiif nan kadhadhe. Haala akkasii keessa kanan gale akkamitti? Mee jalqabaa kaaseen isinitti hima.

Umurii koo waggaa torbatti, anii fi maatiin koo Biraaziil keessa jiraachaa turre

Bara 1948⁠tti Neezarlaandi keessattan dhaladhe. Waggaa itti aanutti warri koo Saaʼoo Pooloo, Biraaziilitti galan. Warri koo yeroo hunda gara waldaa ni dhaqu; yeroo baayʼee irbaata erga nyaannee booda Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisna. Bara 1959⁠tti immoo gara Yuunaayitid Isteetisitti godaanne; achittis naannoo Maasaachuuseetis jedhamu keessa jiraachuu jalqabne.

Abbaan koo maatii keenya isa miseensota saddeet qabuuf wanta barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjeta ture. Gara naannoo garaa garaatti imaluudhaan hojii daldalaa hojjeteera, akkasumas ijaarsa daandii irrattii fi kaampaanii daandii xiyyaaraa idil addunyaa tokko keessatti hojjeteera. Yommuu kaampaanii xiyyaaraa keessaa hojii argatutti, kun xiyyaaraan biyyoota garaa garaa deemuuf carraa waan nuu banuuf hundi keenya baayʼee gammanne.

Yommuun barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti yeroo baayʼee, ‘Yommuun guddadhu maalan hojjedha?’ jedheen yaada ture. Hiriyoonni koo tokko tokko yunivarsiitii galuu barbaadu, kaan immoo loltoota taʼuu barbaadu turan. Ani garuu loltuu taʼuu matumaa hin barbaadun ture; sababiin isaas, lolli haa hafuutii falmii illee hin jaalladhun ture. Loltuu taʼuu waanan hin barbaanneef, yunivarsiitii galuufan murteesse. Haa taʼu malee, jireenyi koo kaayyoo dhugaa akka qabaatuuf namoota gargaaruun qaba jedheen yaade.

JIREENYA YUNIVARSIITII

Waggoota hedduudhaaf kaayyoo jireenyaa beekuuf carraaqqii gochaa tureera

Waaʼee madda jireenyaa beekuu waanan barbaaduuf, yunivarsiitiitti antiroopolojii barachuufan murteesse. Waaʼee jijjiirama tirannaa ni baranna turre; barsiisonni keenyas wanti kun dhugaa taʼuu isaa akka amannu barbaadu turan. Anaaf garuu ibsi kennamu tokko tokko kan nama amansiisu miti; ragaan sirrii taʼuu isaa mirkaneessu hin jiru ture; kun immoo saayinsii wajjin kan wal faallessu dha.

Mana barumsaa keessatti waaʼee naamusa gaarii qabaachuu nu hin barsiisan. Kanaa mannaa, milkaaʼina argachuuf wanta dandeenyu hundumaa akka goonu nu jajjabeessu turan. Yommuun hiriyoota koo wajjin mana sirbaa deemuu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuuf yaalu kanaan gammadu taʼus, gammachuun koo kun garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu ture. Kanaafuu, ‘Kun dhuguma jireenya kaayyoo qabu dhaa?’ jedheen yaada ture.

Boodas gara magaalaa Boostan dhaqeen yunivarsiitii tokkotti barachuun jalqabe. Maallaqan mana barumsaatiif kaffallu argachuuf yeroo manni barumsaa cufamutti hojiin hojjedha; Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kanan wal arges bakka hojiitti ture. Namni naa wajjin hojjetu tokko raajii Daaniʼel boqonnaa 4 irratti argamuu fi waaʼee ‘bara torbaa’ dubbatu natti himuudhaan bara dhumaa keessa jiraachaa akka jirru naaf ibse. (Dan. 4:13-17) Kitaaba Qulqulluu irratti isaa wajjin mariʼachuu koo yoon itti fufee fi wantan baradhe yoon amane jireenya koo keessatti jijjiirama gochuun akka na barbaachisu yeruma sanan hubadhe. Kanaafuu, isaa wajjin wal arguu dhiisuuf wantan dandaʼu hundumaan godhe.

Yunivarsiitiitti barumsa hojii tola ooltummaa Ameerikaa Kibbaa keessatti hojjechuuf na dandeessisun baradhe. Hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuun koo jireenya kaayyoo qaba jiraachuuf na gargaara jedhee yaadeen ture. Taʼus, kunis jireenya kaayyoo qabu jiraachuuf na gargaaruu akka hin dandeenyen hubadhe. Waanan abdii kutadheefis dhuma simisteeraatti yunivarsiitii addaan kuteen baʼe.

BIYYOOTA FAGAATANII ARGAMAN KEESSATTIS JIREENYA KAAYYOO QABU JIRAACHUUF CARRAAQQII GOCHUU KOO ITTAN FUFE

Caamsaa 1970⁠tti kaampaanii daandii xiyyaaraa abbaan koo keessatti hojjechaa ture keessatti hojjechuuf gara Amistardaam, Neezarlaandin dhaqe. Hojii koo kanaan kan kaʼes, biyyoota Afriikaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa, Awurooppaa fi Baha Fagoo keessatti argaman garaa garaa siʼa hedduu daawwachuu dandaʼeera. Namoota biyyoottan daawwadhe hunda keessa jiran rakkinni ciccimaan akka mudatu, namni rakkina isaanii kanaaf furmaata kennuu dandaʼus akka hin jirren hubadhe. Jireenya koo keessatti wanta baayʼee barbaachisaa taʼe milkeessuu waanan barbaaduuf, gara Yuunaayitid Isteetisitti deebiʼee yunivarsiitii Boostanitti barachuufan murteesse.

Garuu utuma baayʼee hin turin, barumsi yunivarsiitii keessatti baradhu gaaffiiwwan jireenya ilaalchisee qabu kamiif iyyuu deebii naaf kennuu akka hin dandeenyen hubadhe. Wantan godhu waanan wallaaleef, piroofeesara nu barsiisu tokkon gorsa gaafadhe. “Maaliif barachuu kee itti fufta? Ammuma maaliif hin dhiistu?” yommuu naan jedhu baayʼee na ajaaʼibe. Gorsi isaa baayʼee waan natti toleef, yunivarsiitii dhiiseen baʼe; lammatas itti hin deebine.

Amma iyyuu jireenyi koo kaayyoo akka hin qabne waan natti dhagaʼameef, garee namoota duudhaawwan tokko tokko dhiisuudhaan nagaa fi jaalala akka babalʼisan dubbatanittan makame. Michoota koo waliin taʼuudhaan Yuunaayitid Isteetisiin qaxxaamurree hanga Akaapuulkoo, Meeksikootti imalleerra. Namoota addunyaa irraa adda baʼanii jiraatanii fi jireenya rakkinaa fi yaaddoo hin qabne jiraachaa jiran fakkaatanii wajjin jiraachuu jalqabne. Garuu yommuun isaanii wajjin jiraachaa turetti utuma baayʼee hin turin akkaataan jireenyaa isaanii kaayyoo akka hin qabnee fi gammachuu dhugaa akka hin argamsiisnen hubadhe. Baayʼeen isaanii amanamoo hin turre.

DOONIIDHAAN BARBAACHA KOO ITTAN FUFE

Yeroon michuu koo tokko wajjin odola jannata taate barbaadaa turretti

Yeroo sanatti wantan yeroo ijoollee turetti gochuu barbaadu irratti irra deebiʼeen yaade. Ofuma kootiin doonii oofaa galaana irra imaluun barbaade. Kana gochuuf immoo doonii bitachuun qaba. Michuun koo Toom jedhamus akkuma koo fedhii akkasii waan qabuuf dooniidhaan addunyaa naannaʼuuf murteessine. Odola bareedduu addunyaa kana irraa adda baʼee jiraachuuf na gargaartu argachuun barbaada ture.

Anii fi Toom gara magaalaa Baarselonaa Ispeenitti dhihaattuu fi Areeniis dee Maar jedhamtutti imalle. Achittis doonii meetira 9.4 dheeratuu fi Liigraa jedhamu bitanne. Nagaadhaan galaana irra imaluu akka dandeenyuuf doonii bitanne sana ni haaressine. Waan hin ariifanneef mootora doonichaa buqqisnee iddoo isaa bishaan dhugaatiidhaaf taʼu dabalataa kaawwanne. Doonii keenyaan iddoo garaa garaa buufachuuf akka nu gargaaruuf, batoo meetira shan dheeratu lama bitanne. Dhuma irrattis, gara Siisheels ishii Garba Hindiitti argamtu dhaquudhaaf imala jalqabne. Karoorri keenya gara qarqara dhiha Afriikaa fi naannoo Keep of Guud Hoop, Afriikaa Kibbaa imaluu ture. Kallattii sirrii irra imaluuf akka nu gargaaruuf urjiilee, kaartaawwan, kitaabotaa fi meeshaalee sasalphaatti fayyadamaa turre. Iddoo jirru sirriitti beekuun keenya baayʼee na dinqisiisa ture.

Utuu baayʼee hin turin, dooniin keenya inni dulloomaa taʼee fi muka irraa hojjetamte galaana irra deemuu akka hin dandeenye hubanne. Saʼaatii tokko keessatti bishaan liitirii 22 taʼu gara doonii keenyaatti seena ture! Akkuman seensa koo irratti caqase yeroo obomboleettiin sun galaana irratti kaʼetti baayʼee waanan sodaadheef, waggoota hedduu booda yeroo jalqabaatiif kadhannaa dhiheessuudhaan, ‘Yoon oole waaʼee kee beekuufan yaala’ jedheen Waaqayyoof waadaa gale. Obomboleettiin sun ni dhaabbate, anis waadaan gale nan raawwadhe.

Galaana irra utuu imalaa jirruu Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Walakkaa Galaana Meditiraaniyaa keessa utuun dooniidhaan imaluu qurxummii garaa garaa, akkasumas galaana balʼaa fi samii ilaaluun hammam akka nama gammachiisu mee tilmaamaa! Galgala galgala urjiilee dinqisiisoo hedduu ilaaluun koo Waaqni ilmaan namootaatiif yaadu akka jiru caalaatti akkan amanu na gargaareera.

Torban muraasa galaana irra erga turree booda buufata doonii Alikaanti, Ispeen geenye; achittis doonii keenya gurgurannee doonii haaraa bitachuu yaanne. Haa taʼu malee, nama doonii dulloomaa mootora hin qabnee fi bishaan galchu kana bitatu argachuun salphaa hin turre. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo gaarii argadheen ture.

Hammuman Kitaaba Qulqulluu dubbise hammasuma kitaabni kun kitaaba jireenya keenya keessatti milkaaʼina argachuuf nu gargaaru akka taʼe hubachuun jalqabe. Kitaabni Qulqulluun jireenya qulqulluu fi naamusa qabu jiraachuu ilaalchisee barumsa ifa taʼe kennuun isaa baayʼee na dinqisiise; achiis, ‘Ana dabalatee namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hojii irra kan hin oolchine maaliifi?’ jedhee yaaduun jalqabe.

Jireenya koo qulqulleessuuf tarkaanfiiwwan guguddaa fudhachuufan murteesse; kanaafuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun dhiise. Namoonni ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchan jiraachuu qabu jedhee waanan yaadeef isaan argachuun barbaade. Yeroo lammaffaatiif yeroon kadhadhetti, kadhannaan koo Waaqayyo namoota kana argachuuf akka na gargaaru gaafachuu ture.

BARBAACHAN AMANTAA DHUGAA ARGACHUUF GODHE

Amantaa dhugaa hamman argadhutti amantaawwan jiran hunda qoruufan murteesse. Daandiiwwan Alikaanti irra utuun deemuu, manneen amantaa hedduun arge. Garuu baayʼeen isaanii waaqolii tolfamoo waan qabaniif, amantaa dhugaa akka hin taanen hubadhe.

Gaaf tokko Dilbata waaree booda tabba irra taaʼee buufata doonii utuun ilaaluu, Yaaqoob 2:1-5 isa namni tokko sooressa waan taʼeef qofa isaaf looguu akka hin qabne dubbatu dubbisaan ture. Utuun gara doonii keenyaatti deebiʼaa jiruu bakka walgaʼii iddoo waaqeffannaa fakkaatu tokkon arge; balbalichaa olitti barreeffamni “Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu barreeffamee ture.

Achiis namoonni kun akkamitti akka na simatan ilaaluuf isaan qoruufan murteesse. Kanaafuu, gara Galma Walgaʼichaa miilla duwwaa, areeda koo utuu hin haaddatinii fi jiinsii ciccitaa uffadheen seene. Keessummeessaan tokko maanguddoo takka bira akkan taaʼu godhe; ishiinis caqasa Kitaaba Qulqulluu namni haasaa dhiheessu dubbatu baafachuuf na gargaarte. Erga walgaʼiin dhumee booda, gaarummaan namoota dhufanii nagaa na gaafatanii baayʼee na dinqisiise. Namichi tokko mana isaa dhaqee akkan isaa wajjin mariʼadhu na affeere; ani garuu Kitaaba Qulqulluu dubbisee waanan hin fixneef, “Yommuu naa mijatun sitti hima” isaan jedhe. Hammasitti garuu, walgaʼiiwwan hunda irratti hirmaachaan ture.

Torban muraasa booda gara mana namicha sanaan dhaqe; innis gaaffiiwwan kootiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii naaf kenne. Torban tokko booda, shaanxaa uffatawwan babbareedoodhaan guutame naa kenne. Abbaan uffatawwan kanaa ajaja Kitaaba Qulqulluu akka wal jaallannuu fi waraana akka hin baranne dubbatuuf waan ajajameef, mana hidhaa akka gale natti hime. (Isa. 2:4; Yoh. 13:34, 35) Yeroo kanatti namootan barbaadaa ture, jechuunis namoota ajaja Kitaabni Qulqulluun jireenya qulqulluu fi naamusa qabu jiraachuu ilaalchisee kenneef ajajaman akkan argadhe mirkanaaʼaan taʼe! Kana booda kaayyoon koo odola jannata taate argachuu utuu hin taʼin, Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuu taʼe. Kanaafuu, gara Neezarlaandittan deebiʼe.

HOJII BARBAADDACHUU

Magaalaa Girooningan ishii Neezarlaanditti argamtu gaʼuuf guyyaa afur natti fudhate. Achitti wanta jireenyaaf na barbaachisu argachuuf hojii argachuun na barbaachisa ture. Kanaafuu, mana mukaa tokko keessatti qacaramuufin gaafadhe; isaanis foormii naa kennan; foormicha irras gaaffiin, ‘Amantiin kee maali dha?’ jedhu jira ture. Anis, “Dhugaa Baatuu Yihowaa” jedheen barreesse. Abbaan qabeenyaa sun foormicha yommuu dubbisu fuulli isaa ni jijjiirame. Achiis, “Sin waama” naan jedhe. Garuu na hin waamne.

Mana mukaa kan biraas nan gaafadhe. Innis diippiloomaa fi muuxannoo hojii na gaafate. Doonii muka irraa hojjetame suphaa akkan turen itti hime. Kan baayʼee nama dinqisiisu, “Waaree booda jalqabuu dandeessa; garuu waan tokko irratti walii galuu qabna. Ani Dhugaa Baatuu Yihowaa qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluutiin jiraadhu waanan taʼeef, rakkina akkamii iyyuu akka uumtu hin barbaadu” naan jedhe. Anis dinqisiifannaadhaan isa ilaalaa, “Anis Dhugaa Baatuu Yihowaa ti!” jedheen isaaf deebise. Rifeensi koo fi areedni koo dheeraa waan tureef, Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan hin taane bare; kanaafuu, “Kitaaba Qulqulluu waliin qoʼachuu dandeenya!” naan jedhe. Anis gammachuudhaanan affeerrii isaa fudhadhe. Namichi jalqabaa sun kan na hin waamne maaliif akka taʼe amma naa gale. Yihowaan kadhannaa kootiif deebii kennaa ture. (Far. 37:4) Mana mukaa obboleessa sanaa keessa waggaa tokkoofan hojjedhe. Innis yeroo sanatti Kitaaba Qulqulluun na qoʼachiise; achiis Amajjii 1974⁠tti nan cuuphame.

JIREENYA KAAYYOO QABU JIRAACHUUN JALQABE!

Jiʼa tokko booda qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe; kunis gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Jiʼa itti aanutti immoo, garee haaraa Afaan Ispeeniin geggeeffamu gargaaruuf gara Amistardaamin deeme. Afaan Ispeenii fi Afaan Poortugaaliin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun gammachuu guddaa naaf argamsiiseera! Caamsaa 1975⁠tti qajeelchaa addaa taʼeen muudame.

Gaaf tokko qajeelchituun addaa Iniikee jedhamtu gara walgaʼii keenya isa Afaan Ispeeniin geggeeffamuu dhuftee dubartii Kitaaba Qulqulluu qoʼattuu fi Booliiviyaatii dhufte takka wajjin wal nu barsiiste. Anii fi Iniikeen caalaatti wal baruuf xalayaa walii barreessuuf murteessine; achiis utuma baayʼee hin turin galma wal fakkaataa akka qabnu hubanne. Bara 1976⁠tti gaaʼela godhanne; hanga bara 1982⁠ttis qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluu keenya itti fufne; achiis mana barumsaa Giiliyaad kutaa 73⁠ffaa irratti akka hirmaannu affeeramne. Afriikaa Bahaatti yeroo ramadamnu baayʼee nu ajaaʼibee fi nu gammachiisee ture; magaalaa Mombaasaa ishii Keeniyaatti argamtu keessatti waggaa shaniif tajaajilleerra. Bara 1987⁠tti immoo Taanzaaniyaatti ramadamne; yeroo sanatti dhorkaan hojii keenya irra kaaʼame kaafamee ture. Waggaa 26f achitti erga tajaajillee booda gara Keeniyaatti deebine.

Namoonni Baha Afriikaa jiraatan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruun anaa fi haadha manaa kootiif gammachuu guddaa argamsiiseera

Namoota dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif dinqisiifannaa qaban gargaaruun jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godheera. Fakkeenyaaf, naman yeroo jalqabaatiif Mombaasaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiise kanan argadhe tajaajila irratti ture. Barruulee lama ergan kenneefii booda, “Kana ergan fixee booda hoo maalan godha?” jedhee na gaafate. Torbee itti aanutti kitaaba Lafa Irra Jannata Keessa Bara Baraaf Jiraachuu ni Dandeessa jedhamutti fayyadamnee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne; kitaabni sun Afaan Suwaahiliitiin reefu baʼa ture. Waggaa tokko booda ni cuuphame; achiis qajeelchaa yeroo hundaa taʼe. Sana booda, innii fi haati manaa isaa namoonni gara 100 taʼan of murteessanii akka cuuphaman gargaaraniiru.

Anii fi Iniikeen Yihowaan sabni isaa jireenya kaayyoo qabu akka jiraatan gochuudhaan akkamitti akka isaan eebbisu argineerra

Yommuun jalqaba kaayyoo jireenyaa hubadhetti miirri daldalaa callee gatii guddaa qabu argatee fi bitachuu barbaadetti dhagaʼametu natti dhagaʼame. (Mat. 13:45, 46) Kanaafuu, jireenya koo namoonni kaayyoo jireenyaa akka beekan gargaaruuf itti fayyadamuun barbaade. Anii fi haati manaa koo, Yihowaan sabni isaa jireenya kaayyoo qabu akka jiraatan gochuudhaan akkamitti akka isaan eebbisu ijuma keenyaan argineerra.