Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

Jaalalli Yihowaa Inni Amanamaan Siif Hiika Akkamii Qaba?

Jaalalli Yihowaa Inni Amanamaan Siif Hiika Akkamii Qaba?

“Jaalalli [Yihowaa] inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.”—FAR. 136:1.

FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

QABIYYEE *

1. Yihowaan gorsa akkamii nuu kenneera?

YIHOWAAN jaalala amanamaatti ni gammada. (Hos. 6:6) Tajaajiltoonni isaas amala kanaaf iddoo guddaa akka kennan barbaada. Waaqayyo karaa Miikiyaas raajichaa “jaalala amanamaa akka [jaallannu]” nu gorseera (Mik. 6:8, milj.) Haa taʼu malee, akkas gochuuf jaalala amanamaa jechuun maal jechuu akka taʼe beekuun nu barbaachisa.

2. Jaalalli amanamaan hiika akkamii qaba?

2 Jaalala amanamaa jechuun maal jechuu dha? Yaanni, ‘Jaalala amanamaa’ jedhu Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti gara siʼa 230 argama. Hiikni isaa hoo maali dha? Akka “Ibsa Jechoota Kitaaba Qulqulluu” hiikkaa sanaa keessatti ibsametti, jaalalli amanamaan “jaalala kutannoo, qulqullummaa, amanamummaa fi michummaa cimaa irratti hundaaʼe argisiisa. Yeroo baayʼee jaalala Waaqayyo namootaaf qabu kan argisiisu taʼus, namoonnis jaalala kana walitti ni argisiisu.” Jaalala amanamaa argisiisuu irratti Yihowaadhaan kan gitu hin jiru. Mata duree kana keessatti, Yihowaan namootatti jaalala amanamaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo, tajaajiltoonni Yihowaa fakkeenya isaa hordofuudhaan jaalala amanamaa walitti argisiisuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

‘JAALALLI YIHOWAA INNI AMANAMAAN BAAYʼEE DHA’

3. Yihowaan waaʼee ofii isaa Museetti maal hime?

3 Israaʼelonni biyya Gibxiitii baʼanii utuu baayʼee hin turin, Yihowaan waaʼee maqaa isaa fi amalawwan isaa Museetti himee ture. Akkana jedhe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe, jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu, dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu.” (Bau. 34:6, 7) Yihowaan jechoota namatti tolan kanatti fayyadamuudhaan waaʼee jaalala isaa isa amanamaa wanta baayʼee adda taʼe tokko Museetti himeera. Wanti isatti hime kun maali dha?

4-5. (a) Yihowaan waaʼee ofii isaa maal jedhe? (b) Gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

4 Yihowaan waaʼee ofii isaa yeroo dubbatu jaalala amanamaa akka qabu qofa utuu hin taʼin, “jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee” akka taʼe dubbateera. Ibsi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa baayʼee caqasameera. (Lak. 14:18; Nah. 9:17; Far. 86:15; 103:8; Yoe. 2:13; Yon. 4:2) Jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee ykn hedduu akka taʼe kan dubbatame Yihowaadhaaf qofa dha; namoota keessaa eenyuuf iyyuu akkas jedhamee hin beeku. Yihowaan iyyuu yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti jaalala amanamaa baayʼee ykn hedduu akka qabu dubbachuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Inni jaalala amanamaadhaaf iddoo guddaa akka kennu hin shakkisiisu. * Daawit Mootichi, “Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan hamma samiitti . . . ni gaʼa. Yaa Waaqayyo, jaalalli kee inni amanamaan hammam ulfina qabeessa dha! Ilmaan namootaa gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu” kan jedhe kanaafi. (Far. 36:5, 7) Nuti hoo, akkuma Daawit jaalala Waaqayyoo isa amanamaa taʼeef dinqisiifannaa guddaa qabnaa?

5 Mee gaaffiiwwan jaalala amanamaa ilaalchisee hubannaa qabnu guddifachuuf nu gargaaran lama haa ilaallu: Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu eenyu faʼitti? Jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼe irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

YIHOWAAN JAALALA AMANAMAA KAN ARGISIISU EENYU FAʼITTI?

6. Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu eenyu faʼitti?

6 Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu eenyu faʼitti? Kitaabni Qulqulluun wantoota hedduu kan akka “hojii qonnaa,” “daadhii wayinii fi zayitii,” “adaba,” “beekumsa,” akkasumas “ogummaa” jiranii jaallachuu akka dandeenyu dubbata. (2 Sen. 26:10; Fak. 12:1; 21:17; 29:3) Haa taʼu malee, jaalalli amanamaan amala namootatti qofa argisiifamu dha malee, amala wantoota kaanitti argisiifamu miti. Taʼus, Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu nama hundatti miti. Amala kana kan argisiisu warra isaa wajjin walitti dhufeenya addaa qabanitti dha. Waaqni keenya michoota isaatiif amanamaa dha. Kaayyoo adda taʼe isaaniif qaba, matumaas abdii isaanitti hin kutatu.

Yihowaan namoota isa hin waaqeffanne dabalatee, ilmaan namootaa hundaaf wantoota gaggaarii hedduu kenneera (Keeyyata 7 ilaali) *

7. Yihowaan ilmaan namootaa hundatti jaalala kan argisiise akkamitti?

7 Yihowaan ilmaan namootaa hundatti jaalala ni argisiisa. Yesuus Niqoodimosiin, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedhee ture.—Yoh. 3:1, 16; Mat. 5:44, 45.

Akkuma Daawit Mootichii fi Daaniʼel raajichi barreessanitti, Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu warra isa beekan, isa sodaatan, isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganitti dha (Keeyyata 8-9 ilaali)

8-9. (a) Yihowaan tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa kan argisiisu maaliifi? (b) Kanatti aansinee maal ilaalla?

8 Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabanitti qofa dha. Wanta Daawit Mootichii fi Daaniʼel raajichi dubbatan irraa kana ifatti hubanna. Fakkeenyaaf Daawit, “Warra si beekanitti jaalala kee isa amanamaa . . . argisiisuu kee itti fufi,” akkasumas, “Yihowaan . . . jaalala isaa isa amanamaa warra isa sodaatanitti bara baraaf ni argisiisa” jedheera. Daaniʼel immoo, “Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif . . . jaalala amanamaa kan argisiistu, Waaqa dhugaa . . . kan taate yaa Yihowaa” jedheera. (Far. 36:10; 103:17; Dan. 9:4) Yaadawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kana irraa ifatti akka hubannutti, Yihowaan tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa kan argisiisu waan isa beekaniif, isa sodaataniif, isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganiifi. Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu namoota karaa sirrii taʼeen isa tajaajilanitti qofa dha.

9 Yihowaa tajaajiluu jalqabuu keenya duras jaalala inni ilmaan namootaa hundatti argisiisu arganneerra. (Far. 104:14) Isa tajaajiluu erga jalqabnee booda garuu, jaalala isaa isa amanamaa irraas fayyadamaa jirra. Yihowaan, “Jaalalli koo inni amanamaan . . . si irraa hin kaafamu” jechuudhaan tajaajiltoota isaatiif mirkaneesseera. (Isa. 54:10) Akkuma Daawit jireenya isaa keessatti arge, “Yihowaan isa isaaf amanamaa taʼe karaa adda taʼeen [qaba].” (Far. 4:3) Yihowaan kunuunsa addaa nuuf gochuun isaa maal gochuuf nu kakaasuu qaba? Faarfatichi, “Namni ogeessa taʼe kam iyyuu wantoota kana ni hubata, gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa irratti hundaaʼanis of eeggannoodhaan ilaala” jedheera. (Far. 107:43) Gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kenname kana sammuutti qabachuudhaan karaawwan tajaajiltoonni Yihowaa jaalala isaa isa amanamaa irraa faayidaa itti argatan sadii haa ilaallu.

JAALALA YIHOWAA ISA AMANAMAA IRRAA FAAYIDAA ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Yihowaan namoota isa waaqeffataniif eebba dabalataa ni kenna (Keeyyata 10-16 ilaali) *

10. Jaalalli Yihowaa inni amanamaan bara baraaf jabaattee akka dhaabbatu beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (Faarfannaa 31:7)

10 Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata. Yaanni kun Faarfannaa 136 irratti siʼa 26 caqasameera. Caqasni jalqabaa, “Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedha. (Far. 136:1) Faarfannaa kana irratti yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu lakkoofsa hunda irratti argama. Akkuma faarfannaa kana keessatti ibsame Yihowaan utuu addaan hin kutin karaawwan garaa garaatiin jaalala isaa isa amanamaa argisiisuun isaa baayʼee nama dinqisiisa. Yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu siʼa hedduu caqasamuun isaa jaalalli Waaqayyo saba isaatiif qabu kan hin jijjiiramne akka taʼe nuuf mirkaneessa. Yihowaan tajaajiltoota isaatti dafee abdii akka hin kutanne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! Kanaa mannaa, warra isa tajaajilanitti ni maxxana; keessumaa yeroo dhiphina isaanitti baayʼee isaanitti dhihaata. Kana beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yihowaan akka nutti maxxanu beekuun keenya, gammachuu fi jabina dhiphina keenya dandamachuu fi daandii jireenyaa irra deemuu keenya itti fufuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa.—Faarfannaa 31:7 dubbisi.

11. Faarfannaan 86:5 akka jedhutti, Yihowaan dhiifama gochuuf kan isa kakaasu maali dha?

11 Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan dhiifama gochuuf isa kakaasa. Yihowaan namni cubbuu raawwate tokko cubbuu isaa irraa yaada akka geddaratee fi dogoggora isaa irraa akka deebiʼe yommuu argu, jaalalli isaa inni amanamaan dhiifama isaaf gochuuf isa kakaasa. Daawit faarfatichi waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne” jedheera. (Far. 103:8-11) Daawit miirri balleessaa hammam baʼaa akka namatti taʼu muuxannoo isaa irraa argeera. Haa taʼu malee, Yihowaan “dhiifama [gochuuf] qophaaʼaa” taʼuu isaas barateera. Yihowaan dhiifama gochuuf kan isa kakaasu maali dha? Deebiin isaa Faarfannaa 86:5 irratti galmeeffameera. (Dubbisi.) Eeyyee, akkuma Daawit kadhannaa isaa irratti ibse, Yihowaan dhiifama kan godhu warra isa waammatan hundumaatiif jaalala amanamaa hedduu waan qabuufi.

12-13. Dogoggora kanaan dura raawwanneen kan kaʼe miirri balleessaa cimaan nutti dhagaʼamaa jira taanaan maaltu nu gargaara?

12 Cubbuu raawwannetti gaabbuun keenya sirrii dha, akkasumas barbaachisaa dha. Gaabbiin cubbuu keenya irraa yaada geddarachuu fi dogoggora keenya sirreessuuf tarkaanfii fudhachuuf nu kakaasa. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dogoggora duraan raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa yeroo hunda isaanitti dhagaʼama. Garaan isaanii inni isaan ceephaʼu cubbuu isaanii irraa yaada kan geddaratan taʼus, Yihowaan matumaa dhiifama akka isaaniif hin goone isaan amansiiseera. Miira akkasii wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe, Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamootti jaalala amanamaa argisiisuu akka barbaadu beekuun kee si fayyada.

13 Kana beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Dogoggora kan raawwannu taʼus, qalbii qulqulluu qabaannee gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandeenya. Sababni isaas, “dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.” (1 Yoh. 1:7) Dogoggora raawwatte tokkoon kan kaʼe jeeqamaa jirta yoo taʼe, Yihowaan nama cubbuu isaa irraa yaada geddarateef dhiifama gochuuf fedhii guddaa akka qabu yaadadhu. Daawit jaalala amanamaa fi dhiifama gochuu akkamitti wal qabsiisee akka ibse qalbeeffadhu. Akkana jedheera: “Hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu, jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha. Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, balleessaa keenya nu irraa fageesseera.” (Far. 103:11, 12) Dhuguma iyyuu, Yihowaan “dhiifamni isaa guddaa” dha.—Isa. 55:7.

14. Daawit jaalalli Yihowaa inni amanamaan eegumsa kan nuuf godhu akkamitti akka taʼe kan ibse akkamitti?

14 Jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan eegumsa hafuuraa nuuf godha. Daawit kadhannaa isaa irratti akkana jedheera: “Ati anaaf iddoo dhokannaa ti; dhiphina irraas na eegda. Ililcha fayyinaatiin na marsita. . . . Namni Yihowaatti amanamu . . . jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera.” (Far. 32:7, 10) Bara duriitti dallaan magaalaa tokkotti marsee jiru jiraattota magaalattiitiif eegumsa godha ture. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaa inni amanamaan nutti marsee jirus, wantoota amanamummaa keenya balaadhaaf saaxilan irraa eegumsa hafuuraa nuuf godha. Kana malees, jaalalli Yihowaa inni amanamaan ofitti nu dhiheessuuf isa kakaasa.—Er. 31:3.

15. Jaalalli Yihowaa inni amanamaan iddoo kooluu itti galanii fi dahoo wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

15 Daawit eegumsa sabni Waaqayyoo argatan karaa kan biraatiinis ibseera. “Waaqayyo iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu, Waaqa isa jaalala amanamaa natti argisiisu dha” jedhee barreesseera. Kana malees, Daawit waaʼee Yihowaa, “Inni isa jaalala amanamaa natti argisiisuu fi isa dahoo koo taʼe dha, inni iddoo amansiisaa ani kooluu itti galuu fi isa na oolchu, gaachana koo fi isa ani gaaddisa godhadhe dha” jedheera. (Far. 59:17; 144:2) Daawit jaalala Yihowaa isa amanamaa iddoo kooluu itti galanii fi dahoo wajjin kan wal fakkeesse maaliifi? Yihowaan kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe, tajaajiltoota isaa hamma taanetti, eegumsa michoota isaa taanee itti fufuuf nu barbaachisu hundumaa nuuf godha. Faarfannaa 91 irrattis yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu ni argama. Barreessaan faarfannaa kanaa, “Ani Yihowaadhaan, ‘Ati iddoon kooluu itti galuu fi dahoo koo [ti]’ nan jedha” jedheera. (Far. 91:1-3, 9, 14) Museenis yaada iddoo kooluu itti galan jedhutti fayyadameera. (Far. 90:1, milj.) Kana malees, Museen duʼuu isaa yeroo muraasa dura ibsa namatti tolu kan biraatti fayyadameera. “Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha; irreen isaa inni bara baraas si jala jira” jedhee barreesseera. (Kes. 33:27) Yaanni, “Irreen isaa inni [bara baraa] si jala jira” jedhu waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

16. Eebbawwan lamaan arganne kam faʼi? (Faarfannaa 136:23)

16 Yihowaan iddoo kooluu itti gallu yeroo nuuf taʼu tasgabbiitu nutti dhagaʼama. Taʼus, yeroo tokko tokko baayʼee dhiphanna, akkasumas miira akkasii keessaa baʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama. Yihowaan yeroo akkasiitti gargaarsa akkamii nuuf godha? (Faarfannaa 136:23 dubbisi.) Irree isaa nu jala kaaʼee suuta jedhee ol nu kaasuudhaan miila keenyaan akka dhaabbannu nu gargaara. (Far. 28:9; 94:18) Kana beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yeroo hundumaa deggersa Waaqayyootti amanamuu akka dandeenyu beekuun keenya, eebbawwan arganne lama nu yaadachiisa. Tokkoffaa, kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe iddoo amansiisaa kooluu itti gallu qabna. Lammaffaa, Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe baayʼee nuuf yaada.

JAALALLI WAAQAYYOO INNI AMANAMAAN AMANANNAA ISA IRRATTI AKKA QABAANNU GODHA

17. Waaqayyo jaalala amanamaa waan nuuf qabuuf, amanannaa akkamii isa irratti qabaachuu dandeenya? (Faarfannaa 33:18-22)

17 Akkuma olitti ilaalle yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaan amanamummaa keenya eeggachuuf akka nu gargaaru amanannaa qabaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 4:7-9) Ermiyaas raajichi, “Nuti kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha, sababiin isaas, gara laafinni isaa matumaa dhuma hin qabu” jedheera. (Faru. 3:22) Akkuma faarfatichi, “Ijji Yihowaa warra isa sodaatan, warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan ni ilaala” jechuudhaan nuuf mirkaneesse, Yihowaan jaalala amanamaa nutti argisiisuu isaa akka itti fufu amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Faarfannaa 33:18-22 dubbisi.

18-19. (a) Maal yaadachuu barbaanna? (b) Mata duree itti aanu irratti maal irratti mariʼanna?

18 Maal yaadachuu barbaanna? Yihowaa tajaajiluu jalqabuu keenya duras, jaalala inni ilmaan namootaa hundatti argisiisu argachaa turre. Isa waaqeffachuu erga jalqabnee booda garuu jaalala isaa isa amanamaa irraas fayyadamaa jirra. Yihowaan jaalala kanaan kakaʼee irree isaa isa eegumsa argamsiisuun nu hammateera. Yeroo hundumaas ofitti nu dhiheessa; kaayyoo nuuf qabus ni raawwata. Inni akka nuuf milkaaʼu barbaada! (Far. 46:1, 2, 7) Kanaafuu, rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, Yihowaan jabina amanamummaa keenya eeguuf nu barbaachisu nuuf kenna.

19 Yihowaan tajaajiltoota isaatti jaalala amanamaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Nutis jaalala amanamaa akka walitti argisiisnu nu irraa eega. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree itti aanu irratti dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe kana irratti mariʼanna.

FAARFANNAA 136 ‘Gatii Guutuu’ Yihowaa Biraa Argamu

^ key. 5 Jaalala amanamaa jechuun maal jechuu dha? Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiisu eenyu faʼitti? Namoonni inni jaalala amanamaa itti argisiisu kan fayyadaman akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa mata dureewwan jalqabaa lamaan waaʼee amala adda taʼe kanaa ibsan keessatti ilaalla.

^ key. 4 Yaanni jaalalli Waaqayyoo inni amanamaan baayʼee ykn hedduu akka taʼe ibsu caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irrattis ni argama.—Nahimiyaa 13:22; Faarfannaa 69:13; 106:7 fi Faaruu Ermiyaas 3:32 ilaali.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Yihowaan tajaajiltoota isaa dabalatee ilmaan namootaa hundatti jaalala argisiisaa jira. Fakkiiwwan geengoo keessa jiran karaawwan Waaqayyo jaalalaa isaa itti argisiise muraasa ibsu. Karaan hunda irra caalu qophii furichaa ti.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Yihowaan namoota isa tajaajilanii fi qophii furichaa irratti amantii qaban karaa adda taʼeen kunuunsa. Tajaajiltoonni Yihowaa jaalala inni ilmaan namootaa hundatti argisiisu qofa utuu hin taʼin, jaalala isaa isa amanamaas ni argatu. Karaawwan jaalala isaa isa amanamaa itti argisiisu muraasni fakkiiwwan geengoo keessa jiran keessatti ibsamaniiru.