Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 48

“Qulqulloota Taʼaa”

“Qulqulloota Taʼaa”

“Wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa.”—1 PHE. 1:15.

FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

QABIYYEE *

1. Pheexiros ergamaan Kiristiyaanotaaf gorsa akkamii kenne? Gorsa kana hojii irra oolchuun waan hin dandaʼamne kan fakkaatu maaliifi?

ABDIIN keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, gorsa Pheexiros ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif kenne qoruudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Pheexiros, “Akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa; sababiin isaas, ‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa’ jedhamee barreeffameera” jedhee barreesseera. (1 Phe. 1:15, 16) Yaada kana irraa akka hubannutti, fakkeenya Yihowaa isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼee hordofuu ni dandeenya. Wanta hojjennuun qulqulloota taʼuu ni dandeenya, taʼuus qabna. Mudaa waan qabnuuf, qulqulloota taʼuu akka hin dandeenye yaanna taʼa. Pheexiros iyyuu dogoggora tokko tokko kan raawwate taʼus, fakkeenyi isaa ‘qulqulloota taʼuu’ akka dandeenyu nuuf mirkaneessa.

2. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

2 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼanna: Qulqullummaa jechuun maal jechuu dha? Kitaabni Qulqulluun waaʼee qulqullummaa Yihowaa maal nu barsiisa? Wanta hojjennuun qulqulloota taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Akkasumas qulqullummaa fi michummaa Yihowaa wajjin qabnu gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira?

QULQULLUMMAA JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

3. Namoonni baayʼeen qulqullummaadhaaf ilaalcha akkamii qabu? Maarree hiika isaa isa sirrii akkamitti beekuu dandeenya?

3 Namoonni baayʼeen waaʼee nama qulqulluu taʼe tokkoo yommuu yaadan nama gammachuu hin qabnee fi uffata amantaa uffatu, akkasumas yeroo hundumaa amantii isaa irratti qofa xiyyeeffatutu gara sammuu isaaniitti dhufa. Garuu qulqulluu taʼuu jechuun akkas taʼuu jechuu miti. Yihowaan inni qulqulluu taʼe “Waaqa gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (1 Xim. 1:11) Sabni isa waaqeffatus “gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (Far. 144:15) Yesuus namoota uffata addaa uffatanii fi gocha qajeelummaa isaanii namoota duratti argisiifatan balaaleffateera. (Mat. 6:1; Mar. 12:38) Kiristiyaanonni dhugaan wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu irraa qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubataniiru. Waaqni keenya inni qulqulluu fi jaalala qabeessa taʼe wanta gochuu hin dandeenye matumaa akka nu hin ajajne mirkanaaʼoo dha. Kanaafuu Yihowaan, “Qulqulloota taʼaa” jedhee waan nu ajajeef, kana gochuu akka dandeenyu shakkii hin qabnu. Haa taʼu malee, wanta hojjennuun qulqulloota taʼuuf, qulqullummaa jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuun nu barbaachisa.

4. Jechoonni “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhan hiika akkamii qabu?

4 Qulqullummaa jechuun maal jechuu dha? Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni, “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhan adda durummaadhaan karaa naamusaa fi karaa amantaa qulqulluu taʼuu argisiisu. Jechoonni kun Waaqayyoon tajaajiluuf adda baafamus argisiisuu dandaʼu. Karaa kan biraatiin, naamusa qulqulluu yoo qabaanne, karaa fudhatama qabuun Yihowaa kan waaqeffannu yoo taʼee fi isaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaanne qulqulloota jedhamuu dandeenya. Keessumaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee qulqullummaa Yihowaa maal akka dubbatu yeroo hubannu, Waaqni keenya inni guutummaatti qulqulluu taʼe nuu wajjin michummaa cimaa qabaachuu barbaaduun isaa baayʼee nu ajaaʼiba!

“QULQULLUU, QULQULLUU, QULQULLUU DHA YIHOWAAN”

5. Maleekota amanamoo taʼan irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

5 Yihowaan karaa hundumaatiin qulqulluu dha. Kanas wanta suraafelonni, jechuunis maleekonni teessoo Yihowaatti dhihoo jiran dubbatan irraa ifatti hubanna. Isaan keessaa tokko tokko, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa” jechuudhaan labsaniiru. (Isa. 6:3) Maleekonni kun Waaqa isaanii isa qulqulluu taʼee wajjin michummaa cimaa qabaachuuf, ofii isaaniitii qulqulloota taʼuu akka qaban ifa dha, qulqulloota dhas. Maleekaan tokko lafa irratti waan argameef qofa iddoon inni itti argame sun qulqulluu kan taʼu kanaafi. Yeroo Museen harangamaa bobaʼaa turetti dhihaatetti wanti taʼes kanuma.—Bau. 3:2-5; Iya. 5:15.

Marata mataa luba ol aanaa irratti wanti diriiraan warqii irraa hojjetamee fi “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhu maxxanfamee ture (Keeyyata 6-7 ilaali)

6-7. (a) Museen Baʼuu 15:1, 11 irratti qulqullummaa Yihowaa kan addeesse akkamitti? (b) Wanti qulqullummaa Yihowaa Israaʼelota yaadachiisu maal ture? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

6 Sabni Israaʼel geggeessaa Museetiin Galaana Diimaa erga ceʼanii booda Museen Waaqni isaanii Yihowaan qulqulluu taʼuu isaa addeesseera. (Baʼuu 15:1, 11 dubbisi.) Namoonni waaqolii Gibxii waaqeffatan qulqulloota akka hin taane ifa dha. Namoonni waaqolii Kanaʼaan waaqeffatanis qulqulloota hin turre. Waaqeffannaan isaanii daaʼimman aarsaa gochuu fi gocha saalqunnamtii jibbisiisaa taʼe raawwachuu kan dabalatu ture. (Lew. 18:3, 4, 21-24; Kes. 18:9, 10) Yihowaan garuu waaqolii tolfamoo kana irraa haala faallaa taʼeen, waaqeffattoonni isaa wanta isaan salphisu kam iyyuu akka raawwatan hin barbaadu. Inni guutummaatti qulqulluu dha. Wanta diriiraa warqii irraa tolfamee fi marata mataa luba ol aanaa irratti maxxanfame irraa kana ifatti hubanna. Achi irratti yaanni, “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhu bocamee ture.—Bau. 28:36-38.

7 Namni barreeffama kana ilaalu kam iyyuu Yihowaan dhugumaan qulqulluu taʼuu isaa ifatti hubata. Tarii namni Israaʼel tokko luba ol aanaatti dhihaachuu waan hin dandeenyeef, barreeffama kana arguu hin dandaʼu taʼa. Maarree, namni kun Yihowaan qulqulluu taʼuu isaa beekuu hin dandaʼu jechuu dhaa? Lakki! Israaʼelonni hundi yeroo Seerichi dhiirota, dubartootaa fi ijoollee duratti dubbifametti ergaa kana dhagaʼaniiru. (Kes. 31:9-12) Yeroo sanatti achi jirta utuu taʼee jechoota, “Ani Waaqa keessan Yihowaa dha; ani qulqulluu waanan taʼeef, . . . qulqulloota taʼuu qabdu,” akkasumas “Ani Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, . . . isin anaaf qulqulloota taʼaa” jedhan ni dhageessa turte.—Lew. 11:44, 45; 20:7, 26.

8. Leewwota 19:2 fi 1 Pheexiros 1:14-16 irraa maal baranna?

8 Mee yaada Leewwota 19:2 irratti galmeeffamee fi Israaʼelota hundumaaf dubbifamee ture irratti haa xiyyeeffannu. Yihowaan Museedhaan, “Akkana jedhiitii guutummaa yaaʼii Israaʼelitti dubbadhu: ‘Ani Waaqni keessan Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu’” jedhee ture. Pheexiros, “Qulqulloota taʼaa” jedhee yeroo Kiristiyaanota gorsu, yaada caqasa kana irratti argamu fudhatee taʼuu dandaʼa. (1 Pheexiros 1:14-16 dubbisi.) Nuti Seera Musee jala akka hin jirre beekamaa dha. Taʼus, wanti Pheexiros barreesse yaanni Leewwota 19:2 irra jiru dhugaa taʼuu isaa nuuf mirkaneessa; Yihowaan qulqulluu dha, namoonni isa jaallatanis qulqulloota taʼuuf carraaqqii gochuu qabu. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa ishii jannata taatu irra jiraachuu gorsi kun hunda keenyaaf iyyuu ni hojjeta.—1 Phe. 1:4; 2 Phe. 3:13.

“WANTA HOJJETTAN HUNDUMAATIIN QULQULLOOTA TAʼAA”

9. Leewwota boqonnaa 19 qoruudhaan faayidaa akkamii arganna?

9 Waaqa keenya isa qulqulluu taʼe gammachiisuuf fedhii waan qabnuuf, qulqulloota taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe beekuu barbaanna. Yihowaanis gorsa qulqulloota taʼuuf nu gargaaru nuuf kenneera. Gorsa kanas Leewwota boqonnaa 19 irraa argachuu dandeenya. Hayyuun Ibrootaa Maarkas Kaalish jedhamu, “Boqonnaan ajaaʼibsiisaa taʼe kun kitaaba Leewwotaa keessaas taʼe kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan keessaa boqonnaa baayʼee barbaachisaa taʼe dha” jechuudhaan barreesseera. Mee lakkoofsota boqonnaa kanaa jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisee barumsawwan gaggaarii qabatan muraasa haa ilaallu. Leewwonni boqonnaan 19 jechoota, “Qulqulloota taʼuu qabdu” jedhaniin akka jalqabu yaadadhu.

Seerri warra ilaalchisee Leewwota 19:3 irratti kenname waaʼee maalii akka yaadan Kiristiyaanota kakaasuu qaba? (Keeyyata 10-12 ilaali) *

10-11. Leewwonni 19:3 maal gochuu akka qabnu dubbata? Qajeelfama kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

10 Yihowaan Israaʼelonni qulqulloota taʼuu akka qaban erga dubbatee booda, “Tokkoon tokkoon namaa haadha isaa fi abbaa isaa haa kabaju . . . Ani Waaqa keessan Yihowaa dha” jedheera.—Lew. 19:2, 3.

11 Ifatti akka hubannutti, qajeelfama Yihowaan warra keenya akka kabajnu nuuf kenneef ajajamuu qabna. Deebii Yesuus namicha, “Jireenya bara baraa argachuuf wanta gaarii akkamii gochuun qaba?” jedhee isa gaafateef kenne yaadadhu. Deebii Yesuus isaaf kenne keessatti yaanni, “Abbaa kee fi haadha tee kabaji” jedhus caqasameera. (Mat. 19:16-19) Yesuus Fariisotaa fi barsiisota seeraa warra isaaniitiif kabaja akkasii hin qabne illee balaaleffateera. Isaan gocha isaanii kanaan kan kaʼe “dubbii Waaqayyoo gatii [dhabsiisaniiru].” (Mat. 15:3-6) “[Dubbiin] Waaqayyoo” Ajajawwan Kurnan keessaa isa shanaffaas taʼe yaada Leewwota 19:3 irratti argamu kan dabalatu dha. (Bau. 20:12) Qajeelfamni Leewwota 19:3 irratti argamuu fi haadha keenyaa fi abbaa keenya akka kabajnu ajaju yaada, “Ani Waaqni keessan Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu” jedhutti aansee kan caqasame taʼuu isaa yaadadhu.

12. Ajaja Leewwota 19:3 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Ajaja Yihowaan warra keenya akka kabajnu nuuf kenne irratti yeroo yaannu, ‘Ani gama kanaan akkami?’ jennee of gaafanna taʼa. Kanaan dura wanta gochuu qabdu akka hin goone yoo sitti dhagaʼame, gara fuulduraatti fooyyaʼiinsa gochuuf murteessuu dandeessa. Wanta kanaan dura goote jijjiiruu hin dandeessu; taʼus caalaatti warra kee wajjin yeroo dabarsuu fi caalaatti isaan gargaaruuf ammuma murteessuu dandeessa. Tarii yeroo dabalataa isaanii wajjin dabarsitu argachuuf sirreeffama tokko tokko gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Yookiin karaa qaamaa, karaa hafuuraa fi karaa miiraa isaan deggeruudhaaf wanta dabalataa gochuu dandeessa taʼa. Akkana yoo goote ajaja Leewwota 19:3 irra jiru hojii irra oolchaa jirta jechuu dha.

13. (a) Leewwota 19:3 irraa gorsa dabalataa akkamii arganna? (b) Akkuma Luqaas 4:16-18 irratti galmeeffametti, yeroo harʼaatti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Leewwonni 19:3 waaʼee Sanbata eeguus kan dubbatu yeroo taʼu, kana irraas qulqulluu taʼuu ilaalchisee wanta dabalataa baranna. Kiristiyaanonni Seericha jala waan hin jirreef, Sanbata hin eegan. Haa taʼu malee, akkaataa Israaʼelonni Sanbata itti eeganii fi faayidaa kana gochuu isaaniitiin argatan irraa barumsa hedduu arganna. Guyyaan Sanbataa yeroo hojii isaanii irraa boqochuudhaan dhimmoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa itti kennani dha. * Yesuus guyyaa Sanbataatti gara mana sagadaa magaalaa itti guddate keessa jiru tokkoo dhaquudhaan Dubbii Waaqayyoo irraa kan dubbise kanaafi. (Bau. 31:12-15; Luqaas 4:16-18 dubbisi.) Ajajni Waaqayyo Leewwota 19:3 irratti, “Sanbatawwan [koo] eegaa” jechuudhaan kenne jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhimmoota hafuuraatiif caalaatti xiyyeeffannaa kennuuf nu kakaasuu qaba. Kana ilaalchisee sirreeffama gochuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼamaa? Yeroo hundumaa dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuuf yeroo kan ramaddu yoo taʼe Yihowaatti ni dhihaatta; kun immoo qulqulluu taʼuuf wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dha.

MICHUMMAA YIHOWAA WAJJIN QABDU CIMSADHU

14. Guutummaa Leewwota boqonnaa 19 keessatti dhugaa buʼuuraa akkamiitu addeeffame?

14 Leewwonni boqonnaan 19 dhugaa buʼuuraa qulqulluu taanee itti fufuuf nu gargaaru tokko irra deddeebiʼee caqasa. Lakkoofsi 4 xumura irratti, “Ani Waaqa keessan Yihowaa dha” jedha. Boqonnaa kana keessatti yaanni kun siʼa 16 caqasameera. Kun ajaja jalqabaa, “Ani Waaqa kee Yihowaa . . . dha. Ana biratti waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin” jedhu nu yaadachiisa. (Bau. 20:2, 3) Kiristiyaanni qulqulluu taʼuu barbaadu hundi wanti akkamii iyyuu ykn eenyu iyyuu michummaa Waaqa isaa wajjin qabu akka jalaa balleessu heyyamuu hin qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, gocha maqaa isaa salphisu ykn xureessu kam irraa iyyuu fagaachuuf murteessineerra.—Lew. 19:12; Isa. 57:15.

15. Caqasoonni Leewwota boqonnaa 19 irratti argamanii fi waaʼee aarsaa dubbatan maal gochuuf nu kakaasuu qabu?

15 Israaʼelonni Yihowaan Waaqa isaanii akka taʼe kan argisiisan seerawwan isaatiif ajajamuudhaan ture. Leewwonni 18:4, “Heerawwan koo raawwadhaa; dambiiwwan koo hordofaa, ittiinis deddeebiʼaa. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha” jedha. Boqonnaan 19 “dambiiwwan” Israaʼelotaaf kennaman keessaa muraasa isaanii qabateera. Fakkeenyaaf, lakkoofsi 5-8, 21, 22 waaʼee aarsaa horii dubbata. Israaʼelonni aarsaa akkasii dhiheessuu kan qaban karaa ‘wanta qulqulluu isa kan Yihowaa taʼe hin xureessineen’ taʼuu qaba. Caqasoota kana dubbisuun keenya, Yihowaa gammachiisuu fi akkuma Ibroota 13:15 irratti jajjabeeffamnetti, aarsaa galataa isa biratti fudhatama qabu isaaf dhiheessuuf nu kakaasuu qaba.

16. Caqasni garaa garummaa namoota Waaqayyoon tajaajilanii fi hin tajaajille gidduu jiru nu yaadachiisu isa kami?

16 Qulqulloota taʼuuf namoota kaan irraa adda taʼuuf fedhii qabaachuu qabna. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko ijoolleen nu wajjin baratan, namoonni nu wajjin hojjetan, firoonni keenya hin amannee fi namoonni kaan sochiiwwan waaqeffannaa keenya nu jalaa tuqan irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. Haalli akkasii yeroo nu mudatu murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe gochuu qabna. Maarree, murtoo sirrii gochuuf maaltu nu gargaara? Mee dhugaa buʼuuraa xiyyeeffannaa namaa harkisuu fi Leewwota 19:19 irratti galmeeffame haa ilaallu; seerri kun, “Uffata foʼaa akaakuu adda addaa lama irraa dhaʼame hin uffatin” jedha. Seerri kun Israaʼelota saboota naannoo isaanii jiran irraa adda baasuuf tajaajileera. Yeroo harʼaatti, uffata foʼaa akaakuu adda addaa kan akka jirbii fi suufii irraa dhaʼame akka hin uffanne ajajni nuuf hin kennamne. Taʼus, namoota amantii ykn amala barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faalleessu qaban akka hin fakkaanne of eegganna; tarii, namoonni kun ijoollee nu wajjin baratan, namoota nu wajjin hojjetan ykn firoota keenya taʼuu dandaʼu. Firoota keenyaafis taʼe namoota kaaniif jaalala akka qabnu beekamaa dha. Haa taʼu malee, murtoowwan jireenya keenya keessatti goonu namoota naannoo keenya jiran irraa adda baanee akka mulʼannu kan godhan taʼanis, Yihowaadhaaf ajajamuu keenya itti fufna. Waaqayyoof adda baafamuun qulqulluu taʼuuf barabaachisaa akka taʼe yaadadhu. Qulqulloota taʼuu yoo barbaanne, Waaqayyoof adda baʼuun waan nu barbaachisuuf, kun wanta baayʼee murteessaa taʼe dha.—2 Qor. 6:14-16; 1 Phe. 4:3, 4.

Israaʼelonni Leewwota 19:23-25 irraa maal barachuu qabu turan? Atoo caqasa kana irraa maal baratte? (Keeyyata 17-18 ilaali) *

17-18. Leewwota 19:23-25 irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

17 Yaanni, “Ani Waaqa keessan Yihowaa dha” jedhu Israaʼelonni jireenya isaanii keessatti michummaa isaa wajjin qabaniif dursa kennuu akka qaban isaan yaadachiiseera. Akkamitti? Leewwonni 19:23-25 karaa kana gochuu itti dandaʼan tokko ibsa. (Dubbisi.) Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, jechoonni kun isaaniif hiika akkamii akka qaban mee haa ilaallu. Namni tokko muka yoo dhaabe waggaa sadiif firii muka kanaa nyaachuu hin qabu ture. Waggaa arfaffaatti firiin kun iddoo qulqulluu Waaqayyootiif adda baafama ture. Abbaan muka sanaa firii mukichaa irraa nyaachuu kan dandaʼu waggaa shanaffaatti qofa dha. Seerri kun Israaʼelonni fedhii isaaniitiif dursa kennuu akka hin qabne isaan hubachiisee taʼuu qaba. Yihowaan akka isaan kunuunsu amanannaa akka qabaatanii fi jireenya isaanii keessatti waaqeffannaa isaatiif dursa akka kennan barbaada ture. Innis nyaata gaʼaa isaaniif ni dhiheessa. Kana malees, Waaqayyo iddoo qulqulluu isa wiirtuu waaqeffannaa isaa taʼeef arjummaadhaan buusii akka godhan isaan jajjabeesseera.

18 Seerri Leewwota 19:23-25 irratti galmeeffame wanta Yesuus Lallaba Isaa isa Gaaraa irratti dubbate nu yaadachiisa. Yesuus, “‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ . . . jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa,” akkasumas “Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka” jedheera. Waaqayyo akkuma simbirroota sooru, nuufis wanta nu barbaachisu nuuf guuta. (Mat. 6:25, 26, 32) Yihowaan akka nu kunuunsu ni amanna. Namoota rakkataniif “kennaa gara laafinaa” kan kenninu kanaafi. Baasii gumii keenyaaf buusii gochuunis nu gammachiisa. Yihowaan arjummaa karaa kanaan argisiisnuuf iddoo guddaa kenna, akkasumas nu badhaasa. (Mat. 6:2-4) Arjummaa argisiisuun keenya barumsa Leewwota 19:23-25 irraa arganne akka hubanne argisiisa.

19. Caqasoota kitaaba Leewwotaa kana qorachuu keetiin faayidaa akkamii argatte?

19 Lakkoofsonni muraasni Leewwota boqonnaa 19 irraa ilaalle, akka Waaqa keenya isa qulqulluu taʼee qulqulloota taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaraniiru. Fakkeenya isaa hordofuudhaan ‘wanta hojjennu hundumaatiin qulqulloota taʼuuf’ carraaqqii goona. (1 Phe. 1:15) Namoonni Yihowaa hin tajaajille hedduun amala gaarii sabni isaa argisiisaniif ragaa ni baʼu. Namoonni tokko tokko kana arguu isaaniitiin Yihowaadhaaf ulfina kennuuf kakaʼaniiru. (1 Phe. 2:12) Garuu, Leewwota boqonnaa 19 irraa wanti barachuu dandeenyu kan biraanis jira. Mata dureen itti aanu caqasoota boqonnaa kanaa dabalataa irratti ibsa kan kennu yeroo taʼu, akkuma Pheexiros nu jajjabeesse kallattiiwwan jireenya keenya keessatti ‘qulqulloota taʼuu’ itti dandeenyu kan biroo hubachuuf nu gargaara.

FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’

^ key. 5 Yihowaa baayʼee waan jaallannuuf, isa gammachiisuu barbaanna. Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, waaqeffattoonni isaas qulqulluu akka taʼan irraa eega. Garuu namoonni mudaa qaban qulqulloota taʼuu dandaʼuu? Eeyyee, ni dandaʼu. Gorsa Pheexiros ergamaan Kiristiyaanotaaf kennee fi qajeelfama Yihowaan Israaʼelota duriitiif kenne gad fageenyaan qoruun keenya wanta hojjennu hundumaatiin qulqulloota taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

^ key. 13 Masaraa Eegumsaa Muddee 2019 irraa mata duree, “Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba” jedhu ilaali; mata dureen kun waaʼee Sanbataa kan dubbatu yeroo taʼu barumsa irraa argachuu dandeenyus ni ibsa.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Ilmi of dandaʼee jiraatu tokko haadha manaa isaa fi intala isaa fuudhee warra isaa bira dhaquudhaan isaan wajjin yeroo dabarsaa jira; akkasumas yeroo baayʼee isaanii wajjin viidiyoodhaan haasaʼa.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Qonnaan bulaan Israaʼel tokko firii mukeetii dhaabee ilaalaa jira.