Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Kaanii Wajjin Waltaʼiinsaan ni Hojjettaa?

Warra Kaanii Wajjin Waltaʼiinsaan ni Hojjettaa?

“ANI hojjetaa dandeettii qabu taʼee isa maddiin ture. . . . yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture.” (Fak. 8:30) Caqasni kun Ilmi Waaqayyoo gara lafaa dhufuu isaa dura waggoota hedduudhaaf Abbaa isaa wajjin miira akkamiitiin hojjechaa akka ture nuuf ibsa. Caqasa kana irraa miira Yesuus yeroo Waaqayyoo wajjin hojjechaa turetti isatti dhagaʼames hubadhu; isa duratti ni “gammada” ture.

Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura amaloota warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuuf isa gargaaran barateera. Yeroo lafa irra turettis namoota kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu irratti fakkeenya gaarii ture. Fakkeenya Yesuus irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya isaa gad fageenyaan qoruudhaan, dhugaawwan buʼuuraa warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuuf nu gargaaran sadii argachuu dandeenya. Dhugaawwan buʼuuraa kun tokkummaa fi waltaʼiinsa nu gidduu jiru cimsachuuf nu gargaaru.

Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuudhaan, beekumsaa fi muuxannoo keessan warra isinii wajjin hojjetaniif hiruuf qophaaʼoo taʼaa

DHUGAA BUʼUURAA 1: ‘WAL KABAJAA’

Namni warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjetu gad of qaba, namoota isaa wajjin hojjetaniif iddoo guddaa kenna, xiyyeeffannaas ofitti hin harkisu. Yesuus amala gad of qabuu Abbaa isaa irraa barateera. Uumaa jedhamee waamamuu kan dandaʼu Yihowaa qofa taʼus, hojii guddaa Ilmi isaa hojjete warri kaan akka beekan barbaada. Yaada Waaqayyo, “Akka fakkaattii keenyaatti . . . nama haa tolchinu” jechuudhaan dubbate irraa kana ifatti hubanna. (Uma. 1:26) Yesuus Yihowaan Waaqa gad of qabu akka taʼe kana irraa hubateera.—Far. 18:35.

Yesuusis yeroo lafa irra turetti amala gad of qabu argisiiseera. Wantoota inni raawwateef namoonni yeroo isa jajanitti Waaqayyoof beekamtii kenneera. (Mar. 10:17, 18; Yoh. 7:15, 16) Yesuus barattoota isaa wajjin nagaa qabaachuuf carraaqqii godheera; akka garboota isaatti utuu hin taʼin akka michoota isaatti isaan ilaaleera. (Yoh. 15:15) Amala gad of qabuu isaan barsiisuuf jecha miila isaanii illee dhiqeera. (Yoh. 13:5, 12-14) Nutis fedhii keenyaaf dursa kennuu mannaa, namoota nuu wajjin hojjetaniif iddoo guddaa kennuu qabna. Kan ‘wal kabajnu’ yoo taʼee fi namoonni kaan akka nu jajan kan hin barbaanne taanaan, wanta hedduu raawwachuu dandeenya.—Rom. 12:10.

Kana malees, namni gad of qabu ‘gorsitoota hedduudhaan milkaaʼinni akka argamu’ ni hubata. (Fak. 15:22) Muuxannoo ykn dandeettii akkamii iyyuu yoo qabaanne, namni wanta hundumaa beeku akka hin jirre yaadachuu qabna. Yesuus iyyuu wanta hin beekne akka qabu dubbateera. (Mat. 24:36) Kana malees, wanta barattoonni isaa mudaa qaban beekan ykn yaadan beekuuf fedhii qaba ture. (Mat. 16:13-16) Namoonni isaa wajjin hojjetan isa waliin taʼuun kan isaan hin dhiphisne kanaafi. Haaluma wal fakkaatuun nutis, gad of qabuudhaan hanqina keenya hubannee warri kaan akka nu gargaaran yoo heyyamne, isaanii wajjin nagaa qabaachuu ni dandeenya, akkasumas waliin taʼuudhaan ‘milkaaʼina ni arganna.’

Keessumaa jaarsoliin yeroo waliin hojjetanitti akkuma Yesuus gad of qabuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha. Hafuurri qulqulluun jaarsa kamitti iyyuu fayyadamuu akka dandaʼu yaadachuu qabu. Jaarsoliin walgaʼiiwwan isaanii irratti jaarsi kam iyyuu yaada isaa bilisummaadhaan akka dubbatu kan jajjabeessan yoo taʼe, waliin taʼuudhaan murtoo guutummaa gumichaa fayyadu gochuu ni dandaʼu.

DHUGAA BUʼUURAA 2: “YAADA OFIITTI KAN HIN CICHINE TAʼUUN KEESSAN . . . KAN BEEKAME HAA TAʼU”

Namni warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjetu yaada ofitti hin cichu. Kanaa mannaa, akka barbaachisummaa isaatti yaada isaa ni jijjiira; yaada warra kaanis ni fudhata. Yesuus Abbaan isaa yaada ofitti kan hin cichine akka taʼe ilaaluuf carraa hedduu argateera. Fakkeenyaaf, Yihowaan ilmaan namootaa duuti kan isaaniif malu taʼus, duʼa jalaa isaan furuuf jecha Yesuusiin ergeera.—Yoh. 3:16.

Yesuusis yeroo barbaachisaa taʼutti ykn yeroo sirrii taʼutti yaada warra kaanii ni fudhata ture. Inni kan ergame mana Israaʼeliif taʼus dubartii biyya Fiinqee akka gargaare yaadadhu. (Mat. 15:22-28) Wanta barattoota isaa irraa eeguunis yaada ofiitti kan hin cichine akka taʼe argisiiseera. Yeroo Pheexiros inni michuu isaa taʼe uummata duratti isa ganetti Yesuus dhiifama isaaf gochuuf qophaaʼaa ture. Yeroo booda immoo, itti gaafatamummaa iddoo guddaa qabu isaaf kenneera. (Luq. 22:32; Yoh. 21:17; HoE. 2:14; 8:14-17; 10:44, 45) Fakkeenya Yesuus irraa ifatti akka hubannutti yaada warra kaanii fudhachuudhaan, ‘yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya namoota hundumaa biratti kan beekame akka taʼu’ gochuu qabna.—Filp. 4:5.

Yaada ofitti kan hin cichine taʼuun keenya namoota garaa garaa wajjin hojjechuuf jecha akka haala isaatti jijjiira gochuufis nu kakaasa. Yesuus namoota naannoo isaa turan karaa gaarii taʼeen qaba ture; diinonni isaa warri isatti hinaafan “michuu warra qaraxa sassaabanii fi cubbamoota” ergaa isaa fudhatanii taʼuu isaatti kan isa komatan kanaafi. (Mat. 11:19) Nuti hoo akkuma Yesuus namoota nu irraa adda taʼanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu ni dandeenyaa? Luwas, inni hojii daawwannaa irrattii fi Beetelitti obboloota garaa garaa wajjin hojjete akkana jedheera: “Namoota mudaa qaban kan biroo wajjin hojjechuun dhagoota boca garaa garaa qaban fayyadamanii girgiddaa ijaaruu wajjin tokko dha. Dhagoonni kun garaa gara waan taʼaniif kun hojii carraaqqii dabalataa gaafatu dha; taʼus, girgiddaan sun wal qixxaatee hojjetamuu dandaʼa. Namoota kaanii wajjin nagaadhaan hojjechuuf jecha sirreeffama tokko tokko gochuuf yaalaan ture; kunis hojichi akka hojjetamuufi.” Kun ilaalcha gaarii dha.

Namni warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjetu, wanta hundumaa ofii isaatiin toʼachuuf jecha odeeffannoo barbaachisu hin dhoksu

Warra gumii keenya keessa jiranitti yaada ofitti kan hin cichine akka taane argisiisuuf carraa akkamii qabna? Yeroo garee tajaajilaa keenyaa wajjin hojjennu kana argisiisuuf carraa ni arganna. Babalʼistoonni wajjin tajaajillu itti gaafatamummaa maatii nu irraa adda taʼe kan qaban ykn umuriidhaan nuu gad ykn nuu ol taʼuu dandaʼu. Tajaajila isaanii irraa gammachuu akka argatan gargaaruuf haala keenya irratti jijjiira gochuu ykn mala tajaajilaa isaan filatan irratti hirmaachuu ni dandeenya.

DHUGAA BUʼUURAA 3: “WARRA KAANIIF HIRUUF QOPHAAʼOO” TAʼAA

Namni warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjetu, ‘warra kaaniif hiruuf qophaaʼaa taʼa.’ (1 Xim. 6:18) Yesuus Abbaa isaa maddii taʼee yeroo hojjechaa turetti, inni wanta hojjetu akka isa hin dhoksine argeera. Yesuus yeroo Yihowaan “samii qopheessetti,” ‘achi waan tureef’ isa irraa barachuu dandaʼeera. (Fak. 8:27) Boodas Yesuus ‘wanta Abbaa isaa irraa dhagaʼe’ barattoota isaatti himeera. (Yoh. 15:15) Nutis fakkeenya isaa hordofuudhaan, beekumsa keenyaa fi muuxannoo keenya warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Namni warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjetu, wanta hundumaa ofii isaatiin toʼachuuf jecha odeeffannoo barbaachisu ykn fayyadu warra kaan akka hin dhoksine beekamaa dha. Kanaa mannaa, wantoota gaggaarii barate, warra kaanitti himuun isa gammachiisa.

Warra nu waliin hojjetan dubbii keenyaanis jajjabeessuu dandeenya. Namni tokko carraaqqii goone hubatee, yeroo garaadhaa nu galateeffatu baayʼee jajjabaanna mitii? Yesuus yeroo ramadee warra isaa wajjin hojjetanitti wanta gaarii isaan irratti arge isaanitti himeera. (Maatewos 25:19-23; Luqaas 10:17-20 wajjin walbira qabii ilaali.) ‘Hojii inni hojjete irra caalu’ akka hojjetan illee isaanitti himeera. (Yoh. 14:12) Galgala duʼuu isaa dura turetti ergamoota isaa amanamoo taʼaniin, “Isin qorumsa koo keessatti ana irraa adda hin baane” jechuudhaan isaan galateeffateera. (Luq. 22:28) Mee, wanti inni dubbate kun hammam garaa isaanii akka tuqee fi hojiidhaaf akka isaan kakaase yaadi. Nutis yeroo fudhannee warra nu wajjin hojjetan kan galateeffannu yoo taʼe, caalaatti gammaduu, hojii isaanii irrattis caalaatti milkaaʼina argachuu dandaʼu.

WARRA KAANII WAJJIN WALTAʼIINSAAN HOJJECHUU NI DANDEESSA

Obboleessi Kayoodee jedhamu, “Namni tokko warra kaanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuuf nama mudaa hin qabne taʼuun isa hin barbaachisu; taʼus, namoonni kaan akka gammadanii fi isaa wajjin hojjechuun akka isaanitti salphatu godha” jedheera. Ati nama akkasiitii? Obbolootaa fi obboleettota sii wajjin hojjetan gama kanaan waaʼee kee wanta isaanitti dhagaʼamu gaafachuu dandeessa. Barattoonni Yesuus isaa wajjin hojjechuun akkuma isaan gammachiisu, obboloonni kunis sii wajjin hojjechuun isaan gammachiisa taanaan, akkuma Phaawulos ergamaa, “Nuti gammachuu keessaniif isinii wajjin hojjenna” jechuu dandeessa.—2 Qor. 1:24.