Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Masaraa Eegumsaa waggaa kanaa akka gaariitti dubbisteettaa? Taanaan gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Yaaqoob 5:11 “Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?

Yihowaan gara laafinaan kakaʼee balleessaa raawwannuuf dhiifama akka nuuf godhu beekna. Yaaqoob 5:11 inni jaalala guddaadhaan kakaʼee gargaarsa akka nuuf godhu nuuf mirkaneessa. Nutis fakkeenya isaa hordofuu qabna.—w21.01, ful. 21.

Yihowaan matummaa kan hundeesse maaliifi?

Qophii kana kan qopheesse jaalalaan kakaʼee ti. Qophiin kun maatiin isaa amanamoo taʼan karaa seeraa fi nagaa qabuun akka jiraatan gargaara. Miseensonni maatii qophii kanaa wajjin wal simanii jiraatan hundi murtoo isa dhumaa kan godhuu fi maaticha kan geggeessu eenyu akka taʼe beeku.—w21.02, ful. 3.

Kiristiyaanonni appilikeeshinoota ergaa walii erguuf gargaaranitti yommuu fayyadaman of eeggannoo gochuu kan qaban maaliifi?

Namni tokko appilikeeshinoota akkasii fayyadamuuf yoo filate namoota michoota isaa akka taʼan barbaadu of eeggannoodhaan filachuu qaba. Garee namoota hedduu of keessatti qabate keessatti yeroo walii barreessinu garuu akkas gochuun rakkisaa dha. (1 Xim. 5:13) Kana malees, oduuwwan hin mirkanoofne babalʼisuu fi teessoo tiʼookraasii dhimma daldalaatiif fayyadamuu dabalatee balaawwan tokko tokko qabaachuu dandaʼa.—w21.03, ful. 31.

Sababiiwwan Yihowaan Yesuus dhiphatee akka duʼu itti heyyame tokko tokko maal faʼi?

Sababiin inni tokko, Yesuus muka irratti fannifamuu isaatiin kan kaʼe Yihudoonni abaarsa tokko jalaa bilisa baʼuu ni dandaʼu turan. (Gal. 3:10, 13) Sababiin inni lammaffaan immoo, Yihowaan gaʼee Yesuus Luba Ol Aanaa taʼuudhaan raawwatuuf isa leenjisaa ture. Sadaffaa, Yesuus hamma duʼaatti amanamaa taʼuun isaa namoonni yeroo qorumsi cimaan isaan irra gaʼutti illee amanamoo taʼuu akka dandaʼan mirkaneesseera. (Iyo. 1:9-11)—w21.04, ful. 16-17.

Tajaajila irratti namoota argachuun ulfaataa yoo taʼe maal gochuu dandeessu?

Yeroo namoonni manatti argamanitti lallabuuf carraaqqii gochuu dandeessu. Bakka adda addaatti tajaajiluufis carraaqqii gochuu dandeessu. Akkasumas malawwan kan biroo kan akka xalayaa barreessuu jiranitti fayyadamuu dandeessu.—w21.05, ful. 15-16.

Phaawulos ergamaan, “Ani karaa seerichaa seerichaaf duʼeera” yeroo jedhu maal jechuu isaa ti? (Gal. 2:19)

Seerri Musee mudaan ilmaan namootaa qaban akka mulʼatu gochuudhaan saba Israaʼel gara Kiristoositti geesseera. (Gal. 3:19, 24) Kunis Phaawulos Kiristoosiin akka fudhatu godheera. Phaawulos kana gochuu isaatiin “seerichaaf duʼeera”; sana booda seericha jalaa bilisa baʼeera.—w21.06, ful. 31.

Yihowaan obsa argisiisuu irratti fakkeenya kan nuuf taʼu akkamitti?

Yihowaan arrabsoo maqaa isaa irra gaʼaa jiru, mormii ol aantummaa isaa irratti kaʼe, ijoolleen isaa tokko tokko yeroo isa irratti fincilan, soba Seexanni utuu wal irraa hin kutin dubbatu, rakkina tajaajiltoota isaa irra gaʼaa jiru, michoota isaa duʼan irraa adda baʼuu, miidhaa ilmaan namootaa irra gaʼaa jiru, akkasumas lafti inni uume yeroo mancaʼu utuma arguu obsaa jira.—w21.07, ful. 9-12.

Obsa ilaalchisee Yoseef irraa maal baranna?

Jalʼina haqaa obboloonni isaa isa irratti raawwatan obseera. Gocha isaanii kanaan kan kaʼe biyya Gibxiitti sobaan himatameera, akkasumas waggoota hedduudhaaf hidhameera.—w21.08, ful. 12.

Haageen 2:6-9, 20-22 saboonni sochoofamuu isaanii ilaalchisee raajii akkamii qabateera?

Saboonni ergaa Mootummichaa kan hin fudhanne taʼus namoonni hedduun gara dhugaatti dhufaa jiru. Yeroo dhihootti saboonni yeroo dhumaatiif sochoofamuudhaan ni balleeffamu.—w21.09, ful. 15-19.

Tajaajila keenya yeroo raawwannutti abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

Yihowaan carraaqqii goonu ni arga, akkasumas nutti gammada. Yoo abdii kutachuu baanne jireenya bara baraa arganna.—w21.10, ful. 25-26.

Leewwonni boqonnaa 19 gorsa, “Wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa” jedhu hojii irra oolchuuf kan nu gargaaru akkamitti? (1 Phe. 1:15)

Yaanni kun Leewwota 19:2 irraa kan fudhatame fakkaata. Boqonnaan 19 fakkeenyota gorsa 1 Pheexiros 1:15 irra jiru jireenya keenya keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu argisiisan qabateera.—w21.12, ful. 3-4.