Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaan Jibbaan Guutameera

Addunyaan Jibbaan Guutameera

Jibbi bakka hundatti babalʼateera.

Gabaasawwan oduu fi weebsaayitiiwwan hawaasaa dubbii jibbaatiin, ergaa jibbaatiin akkasumas yakka sababa jibbaatiin raawwatamuun kan guutamani dha. Namoota hedduu irra jibbi halaalaa, qoosaan, arrabsoonii fi doorsisni gaʼaa jira, akkasumas qabeenyi isaanii jalaa balleeffamaa jira. Namni sababa jibbaatiin miidhaan irra hin geenye hin jiru!

Barruun kun jibba injifachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa. Kun abjuu miti. Ammayyuu addunyaa maratti namoonni hedduun jibba injifachaa jiru.