Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 6

Yihowaan Yeroo Hunda Wanta Sirrii Akka Raawwatu ni Amantaa?

Yihowaan Yeroo Hunda Wanta Sirrii Akka Raawwatu ni Amantaa?

“Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha.”—KES. 32:4.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE *

1-2. (a) Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun warra aangoo qaban amanuun kan isaan rakkisu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

YEROO harʼaatti namoonni baayʼeen namoota aangoo qaban amanuun isaanitti ulfaata. Yeroo baayʼee mootummoonnii fi seerri isaan baasan namoota sooreyyii fi aangoo qabaniif yommuu loogan, namoota hiyyeeyyii garuu haqa yommuu dhowwatan ni argu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jechuudhaan ifatti dubbata. (Lal. 8:9) Kana malees, geggeessitoonni amantaa tokko tokko wanta hamaa taʼe hedduu raawwatu. Kun immoo namoonni tokko tokko Waaqayyo irratti amantii akka dhaban godheera. Kanaafuu, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu tokko Yihowaa irrattis taʼe namoota inni lafa irratti muude irratti amantii akka qabaatu gargaaruun rakkisaa taʼuu dandaʼa.

2 Dhugaa dha, Yihowaa irrattis taʼe jaarmiyaa isaa irratti amantii qabaachuun kan isaan barbaachisu namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu qofa miti. Yihowaa kan tajaajille waggoota hedduudhaaf yoo taʼe illee, Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii akka raawwatu dagachuu hin qabnu. Yeroo tokko tokko haalli amantii Yihowaa irratti qabnu qoruu dandaʼu nu mudata. Mata duree kana keessatti haalawwan amantiin keenya itti qoramuu dandaʼu sadii ilaalla. (1) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yeroo dubbisnu, (2) jaarmiyaa Yihowaa irraa qajeelfamni yeroo nuu kennamuu fi (3) gara fuulduraatti haalli rakkisaan yeroo nu mudatu.

KITAABA QULQULLUU YEROO DUBBISTU YIHOWAATTI AMANAMI

3. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko amantii Yihowaa irratti qabnu kan qoran akkamitti?

 3 Dubbii Waaqayyoo yeroo dubbisnu walitti dhufeenya Yihowaan namoota tokko tokkoo wajjin qabuu fi murtoo inni godhe tokko tokko ilaalchisee gaaffiin nutti uumamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kitaabni Lakkoofsaa namni Israaʼel tokko guyyaa Sanbataatti qoraan waan funaaneef Yihowaan duʼa akka isatti murteesse dubbata. Kitaaba Saamuʼel isa lammaffaa irratti immoo jaarraawwan hedduu booda Daawit Mootichi ejjaa fi ajjeechaa kan raawwate taʼus, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe ibsameera. (Lak. 15:32, 35; 2 Sam. 12:9, 13) Tarii, ‘Yihowaan Daawit isa ejjaa fi ajjeechaa raawwateef dhiifama godhee, namicha cubbuu hamma isaa hin raawwanne irratti garuu duʼa kan murteesse maaliifi?’ jennee gaafanna taʼa. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf wantoota yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnutti sammuutti qabachuu qabnu sadii haa ilaallu.

4. Uumamni 18:20, 21 fi Keessa Deebiin 10:17 amanannaa murtii Yihowaan kennu irratti qabnu kan nuuf cimsan akkamitti?

4Kitaabni Qulqulluun waaʼee seenaa tokkoo ibsa balʼaa kan kennu yeroo hunda miti. Fakkeenyaaf, Daawit balleessaa isaa irraa garaadhaa yaada akka geddarate beekna. (Far. 51:2-4) Garuu namichi seera Sanbataa cabse sun nama akkamii ture? Wanta raawwatetti gaabbeeraa? Kanaan dura seera Yihowaatiif utuu hin ajajamin hafeeraa laata? Akeekkachiisa sana dura isaaf kenname tuffateeraa? Yookiin fudhachuu dideeraa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Haa taʼu malee, Yihowaan “matumaa haqa [akka] hin jalʼisne” mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Kes. 32:4) Murtiin isaa jette jettee, jibba halaalaa ykn wantoota yeroo baayʼee murtii namootaa jalʼisan irratti utuu hin taʼin dhugaa jiru irratti kan hundaaʼe dha. (Uumama 18:20, 21; Keessa Deebii 10:17 dubbisi.) Waaʼee Yihowaa fi waaʼee ulaagaalee isaa caalaatti barachaa yommuu deemnu amanannaan murtii inni kennu irratti qabnus caalaatti dabalaa deema. Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko ilaalchisee gaaffiiwwan yeroo ammaatti deebii isaanii argachuu hin dandeenye yoo qabaanne illee waaʼee Waaqa keenyaa sirriitti waan beeknuuf inni “karaawwan isaa hundumaatiin qajeelaa” akka taʼe shakkii tokko illee hin qabnu.—Far. 145:17.

5. Cubbamoota taʼuun keenya ilaalcha haqaaf qabnu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (Saanduqa, “ Cubbamoota Taʼuun Keenya Ilaalcha Haqaaf Qabnu ni Jalʼisa” jedhus ilaali.)

5Cubbamoota waan taaneef yeroo hunda murtii sirrii kennuu hin dandeenyu. Waaqayyo akka bifa isaatti waan nu uumeef namoonni haqa akka argatan barbaanna. (Uma. 1:26) Haa taʼu malee, dhimma tokko ilaalchisee wanta hunda akka beeknu yeroo nutti dhagaʼamutti illee cubbamoota waan taaneef murtoo sirrii hin taane kennuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yoonaas murtoo Yihowaan namoota Nanawweetti gara laafina argisiisuuf godhetti hammam akka gadde yaadadhu. (Yon. 3:10–4:1) Haa taʼu malee, Yihowaan gara laafina isaanitti argisiisuun isaa buʼaa akkamii argamsiise? Namoonni Nanawwee yaada geddaratan 120,000 ol taʼan ooluu dandaʼaniiru. Dhuma irratti ilaalcha dogoggoraa kan qabu Yihowaa utuu hin taʼin, Yoonaas akka ture ifa taʼeera.

6. Yihowaan sababa itti murtoo tokko godhe nutti himuuf dirqama hin qabu kan jennu maaliifi?

6Yihowaan sababii murtoo tokko itti godhe namootaaf ibsuuf dirqamni isa irra hin jiru. Dhugaa dha, Yihowaan kanaan dura tajaajiltoonni isaa murtoo inni godhe ykn gochuuf jedhu tokko ilaalchisee miira isaanii akka ibsan heyyameera. (Uma. 18:25; Yon. 4:2, 3) Murtoo tokko kan godhe maaliif akka taʼe yeroo itti ibses qaba. (Yon. 4:10, 11) Haa taʼu malee, Yihowaan sababa itti murtoo tokko godhe nutti himuuf dirqamni isa irra hin jiru. Uumaa keenya waan taʼeef tarkaanfii tokko fudhachuu isaa dura ykn erga fudhatee booda heyyama keenya argachuun isa hin barbaachisu.—Isa. 40:13, 14; 55:9.

YEROO QAJEELFAMNI SIIF KENNAMU YIHOWAATTI AMANAMI

7. Haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa? Maaliif?

7 Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii kan raawwatu taʼuu isaa irratti akka walii gallu hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, namoota inni muude irratti amantii qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Tarii gaaffiin, ‘Namoonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qaban wanta tokko kan raawwatan qajeelfama Yihowaa hordofuudhaani moo ofuma isaaniitiin kakaʼanii ti?’ jedhu nutti uumamuu dandaʼa. Namoonni bara duriitti turan tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼamuu hin oolu. Mee fakkeenyota  keeyyata 3 irratti caqasaman haa ilaallu. Firri namicha seera Sanbataa cabse sanaa tokko, ‘Museen murtii duʼaa dabarsuu isaa dura Yihowaa gaafateeraa?’ gaaffiin jedhu isatti uumamee taʼuu dandaʼa. Michuun Uuriyaa Heetichaa tokkos Daawit adaba isaaf malu jalaa ooluuf aangoo mootummaa isaatti akka fayyadame yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaan namoota lafa irratti muude irratti amantii qaba. Kanaafuu, nutis obboloota kana irratti amantii utuu hin qabaatin Yihowaa irratti amantii qabna jennee dubbachuu akka hin dandeenye ifa dha.

8. Gabaasa Hojii Ergamootaa 16:4, 5 irratti argamuu fi akkaataa gumiin Kiristiyaanaa yeroo harʼaatti itti hojjetu kan wal fakkeessu maali dha?

8 Yeroo harʼaatti Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee geggeessa. (Mat. 24:45) Akkuma qaama ol aanaa jaarraa jalqabaa garbichi kun saba Waaqayyoo addunyaa maratti argaman ni geggeessa, jaarsolii gumiitiifis qajeelfama kenna. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5 dubbisi.) Jaarsoliin immoo qajeelfama kana gumii keessatti hojii irra oolchu. Qajeelfama jaarmiyichaa fi jaarsolii irraa arganne hojii irra oolchuudhaan Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka raawwatu akka amannu argisiisuu dandeenya.

9. Murtoo jaarsoliin godhan deggeruun kan nutti ulfaatu yeroo akkamiitti taʼuu dandaʼa? Maaliif?

9 Yeroo tokko tokko murtoo jaarsoliin godhan deggeruun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waggoota dhihoodhaa asitti gumiiwwanii fi aanaalee hedduun akka haaraatti gurmaaʼaniiru. Haalawwan tokko tokko keessatti, teessoowwan Galma Walgaʼii keenya keessa jiranitti akka gaariitti fayyadamuun akka dandaʼamuuf, jaarsoliin babalʼistoonni tokko tokko gumii biraa akka dhaqan gaafataniiru. Gumii haaraa tokko akka dhaqnu yoo gaafatamne michootaa fi maatii keenya irraa adda baʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Jaarsoliin babalʼistoota eessatti akka ramadan ilaalchisee Waaqayyo biraa kallattiidhaan qajeelfama ni argatuu? Lakki! Kun qajeelfama isaan nuuf kennan fudhachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan murtoo akkasii akka godhan jaarsoliidhaaf itti gaafatamummaa kan kenne waan isaan amaneefi. Kanaafuu, nutis isaan amanuu qabna. *

10. Jaarsolii deggeruu kan qabnu maaliifi? (Ibroota 13:17)

10 Murtoon jaarsoliin godhan yoo nutti toluu baate illee, murtoo isaanii deggeruu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuun keenya saba Yihowaa gidduu tokkummaan akka jiraatu gumaacha godha. (Efe. 4:2, 3) Obboloonni gumii keessa jiran hundi gad of qabuudhaan murtoo qaamni jaarsolii dabarseef kan bitaman yoo taʼe gumichi ni guddata. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Hundumaa caalaa immoo obboloota Yihowaan amanee akka nu kunuunsaniif muude deggeruudhaan akka isa amannu argisiisna.—HoE. 20:28.

11. Amanannaa qajeelfama jaarsoliin kennan irratti qabnu cimsachuuf maaltu nu gargaara?

11 Jaarsoliin dhimma gumii ilaallatu tokko irratti mariʼachuu isaanii dura hafuura qulqulluu argachuuf akka kadhatan yaadachuun keenya qajeelfama isaan nuu kennan irratti amanannaa qabnu cimsachuuf nu gargaara. Kana malees, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhimmichaa wajjin wal qabatanii fi qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa qopheesse of eeggannoodhaan qoru. Fedhiin isaanii inni guddaan Yihowaa gammachiisuu fi saba isaatiif hamma isaaniif dandaʼame kunuunsa gaarii gochuu dha. Dhiironni amanamoon kun akkaataa itti gaafatamummaa isaanii itti raawwatan ilaalchisee Waaqayyo duratti akka itti gaafataman beeku. (1 Phe. 5:2, 3) Mee yaadi: Addunyaa sanyiidhaan, amantaa fi siyaasaan qoqqoodame kana keessatti sabni Yihowaa tokkummaadhaan Waaqa dhugaa isa tokkicha waaqeffatu. Kun taʼuu kan dandaʼe Yihowaan jaarmiyaa isaa waan eebbiseef qofa dha.

12. Jaarsoliin namni tokko yaada kan geddarate taʼuu isaa beekuuf maalfaa tilmaama keessa galchuu qabu?

12 Yihowaan jaarsoliin qulqullina gumii akka eeganiif itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kenneera. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete, Yihowaan jaarsoliin Kiristiyaanni sun gumiidhaa akka baafamu ykn gumii keessa akka turu akka murteessan isaan irraa eega. Jaarsoliin hundumaa caalaa namni sun cubbuu hojjeteef garaadhaa yaada geddarachuu fi dhiisuu isaa beekuu barbaadu. Tarii yaada akka geddarate ni dubbata taʼa. Garuu dhugumaan gocha raawwate sana ni jibbaa? Cubbuu sanatti deebiʼuu dhiisuuf kutateeraa? Cubbuu akka raawwatu kan isa taasise michummaa gadhee yoo taʼe, michummaa akkasii kana addaan kutuuf fedhii qabaa? Jaarsoliin waaʼee dhimmichaa ni kadhatu; ragaawwan jiranii fi wanta Kitaabni Qulqulluun jedhus ni ilaalu. Akkasumas, namni cubbuu hojjete sun wanta raawwate ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼame ni qoru. Achiis, namni sun gumii keessa turuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessu. Haala tokko tokko keessatti namni sun gumii keessaa baafamuun isa barbaachisuu dandaʼa.—1 Qor. 5:11-13.

13. Michuun keenya ykn firri keenya tokko yoo gumiidhaa baafame maaltu nu yaaddessuu dandaʼa?

13 Amantiin jaarsolii irratti qabnu kan qoramu akkamitti taʼuu dandaʼa? Namni gumiidhaa baafame sun michuu keenya ykn fira keenya miti taanaan murtii jaarsoliin dabarsan fudhachuun nutti ulfaachuu dhiisuu dandaʼa. Namni gumiidhaa baafame sun michuu nutti dhihaatu yoo taʼe garuu akkas nutti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa; tarii jaarsoliin ragaa jiru hunda hin ilaalle jennee yaaddofna taʼa. Yookiin immoo dhimmicha irratti murtii kan kennan karaa Yihowaan barbaaduun taʼuu isaa shakkina taʼa. Murtii isaan dabarsaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

14. Murtoon jaarsoliin nama cubbuu hojjete tokko irratti dabarsan dhuunfaatti kan nu tuqu yoo taʼe, murtoo isaanii deggeruuf maaltu nu gargaara?

14 Qophiin gumiidhaa baasuu qophii Yihowaan godhe akka taʼee fi gumichas taʼe nama balleessaa hojjete sana akka fayyadu yaadachuun keenya gaarii dha. Namni cubbuu hojjetee yaada hin geddaranne tokko gumii keessa akka turu yoo isaaf heyyamame warra kaan irratti dhiibbaa gadhee gochuu dandaʼa. (Gal. 5:9) Kana malees, namni sun cubbuun isaa hammam cimaa akka taʼe hubachuu dhiisuu, akkasumas Yihowaa biratti fudhatama argachuuf ilaalcha isaa fi gocha isaa irratti sirreeffama gochuuf kakaʼumsa qabaachuu dhiisuu dandaʼa. (Lal. 8:11) Jaarsoliin namni tokko gumiidhaa akka baafamu yommuu murteessan itti gaafatamummaa isaanii kana salphisanii akka hin ilaalle mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Akkuma Abbootii Murtii Israaʼel durii keessa turanii ‘namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf akka murteessan’ ni hubatu.—2 Sen. 19:6, 7.

YEROO AMMAATTI YIHOWAATTI AMANAMUUN KEENYA GARA FUULDURAATIIF KAN NU LEENJISU AKKAMITTI?

Qajeelfama yeroo rakkina guddaatti nuuf kennamutti amanamuuf maaltu nu gargaara? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Yeroo kam iyyuu caalaa amma qajeelfama Yihowaan kennutti amanamuun kan nu barbaachisu maaliifi?

15 Yeroo kam iyyuu caalaa dhumni sirna kanaa yommuu dhihaachaa deemu Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka raawwatu amanuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Maaliif? Yeroo rakkina guddaatti qajeelfamni hubachuun ykn hojii irra oolchuun ulfaataa fakkaatu nuuf kennamuu dandaʼa. Dhugaa dha, Yihowaan dhuunfaatti nutti hin dubbatu. Obboloota muudetti fayyadamuudhaan qajeelfama nuu kennuun isaa garuu hin oolu. Yeroon sun yeroo itti qajeelfama nuuf kennamu shakkinu ykn ‘Qajeelfamni kun Yihowaa biraa dhufe moo, ilaalchuma obboloota itti gaafatamummaa qabanii ti?’ jennee itti yaannu miti. Yeroo baayʼee murteessaa taʼe sanatti Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti ni amanamtaa? Deebiin gaaffii kanaa ilaalcha qajeelfama tiʼookraasii yeroo ammaatti nuu kennamuuf qabdu irratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. Qajeelfama yeroo ammaatti kennamu kan fudhattuu fi fedhiidhaan kan ajajamtu yoo taʼe, yeroo rakkina guddaattis akkasuma gochuun kee hin oolu.—Luq. 16:10.

16. Yeroo dhihootti amanannaan murtii Yihowaa irratti qabnu qoramuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Yeroo Yihowaan addunyaa hamaa kana irratti murtii dabarsu miira nutti dhagaʼamu irratti yaaduun keenyas baayʼee barbaachisaa dha. Yeroo ammaatti firoota keenya hin amanne dabalatee namoonni hedduun gara mana Yihowaatti ni dhufu jennee abdanna. Haa taʼu malee, yeroo waraana Armaagedoonitti Yihowaan Yesuusitti fayyadamee waaʼee egeree isaanii murtii dhumaa ni dabarsa. (Mat. 25:31-33; 2 Tas. 1:7-9) Namoota araara Yihowaa argatanii fi hin arganne kan murteessu nu miti. (Mat. 25:34, 41, 46) Maarree, murtii Yihowaan kennutti ni amanamna moo murtiin inni dabarsu gufuu nutti taʼa? Dhuguma iyyuu, gara fuulduraatti Yihowaatti guutummaatti amanamuuf yeroo ammaatti amanannaa isa irratti qabnu cimsachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.

17. Murtii Yihowaan addunyaa hamaa kana irratti dabarsu faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

17 Addunyaa haaraa keessatti buʼaa murtiin Yihowaa argamsiise yeroo arginu miirri akkamii akka nutti dhagaʼamu mee yaadi! Amantaan sobaa, sirni daldalaa sassataan guutamee fi sirni siyaasaa waggoota hedduudhaaf namoota cunqursaa fi dhiphisaa ture hin jiraatan. Dhibeen fayyaa, dullumnii fi nama jaallatan duʼaan dhabuun kutaa jireenya keenyaa hin taʼu. Seexannii fi jinniiwwan waggaa kuma tokkoof ni hidhamu; yeroo sanatti miidhaan fincila isaaniitiin kan kaʼe gaʼes hin jiraatu. (Mul. 20:2, 3) Yeroo sanatti, Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii akka raawwatu amanuu keenyatti baayʼee gammanna.

18. Fakkeenya Israaʼelotaa irraa maal barachuu dandeenya? (Lakkoofsa 11:4-6 fi 21:5)

18 Addunyaa haaraa keessattis haalawwan amantii Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii kan raawwatu taʼuu isaa irratti qabnu qoran tokko tokko nu mudachuu dandaʼu. Mee Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa erga baʼanii utuma baayʼee hin turin wanta raawwatame akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namoonni tokko tokko nyaata biyya Gibxiitti nyaachaa turan waan hawwaniif gungumuu jalqabanii turan; mannaa Yihowaan isaaniif kennes tuffatanii turan. (Lakkoofsa 11:4-6; 21:5 dubbisi.) Nuti hoo rakkinni guddaan erga darbee booda miirri akkasii nutti dhagaʼamaa laata? Lafa qulqulleessuunii fi gara jannataatti jijjiiruun hojii hammamii akka gaafatu hin beeknu. Jalqaba irratti hojii hedduunii fi wantoonni hin mijanne tokko tokko jiraachuu dandaʼu. Maarree, yeroo sanatti qophii Yihowaa irratti gungumuuf ija ni jabaannaa laata? Yeroo ammaatti qophii Yihowaa hin dinqisiifannu yoo taʼe, yeroo sanattis akkasuma akka goonu hin shakkisiisu.

19. Qabxiiwwan ijoon mata duree kana keessatti ibsaman maal faʼi?

19 Yihowaan yeroo hundumaa wanta sirrii raawwata. Kana amanuu qabna. Obboloota Yihowaan qajeelfama isaa akka raawwachiisaniif muude irrattis amantii qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Wanta Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa, ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jechuudhaan dubbate matumaa hin dagatin.—Isa. 30:15.

FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame

^ key. 5 Mata dureen kun amantii Yihowaa fi warra inni muude irratti qabnu cimsachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuuf nu gargaara. Kana gochuun keenya yeroo ammaatti kan nu fayyaduu fi rakkoowwan gara fuulduraatti nu mudataniif kan nu qopheessu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

^ key. 9 Yeroo tokko tokko namni tokko ykn maatiin tokko gumii isaanii duraanii keessa akka turan haalli dirqisiisu jiraachuu dandaʼa. “Saanduqa GaaffiiTajaajila Mootummaa, Sadaasa 2002 (Amaariffa) irratti argamu ilaali.