Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 7

“Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”

“Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”

“Gurra kee itti qabiitii dubbii ogeeyyii dhaggeeffadhu.”—FAK. 22:17.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

QABIYYEE *

1. Karaawwan kamiin gorsa argachuu dandeenya? Hundi keenya iyyuu gorsi kan nu barbaachisu hoo maaliifi?

HUNDI keenya iyyuu darbee darbee gorsi nu barbaachisa. Yeroo tokko tokko nama kabajnu tokko gorsa gaafanna taʼa. Yeroo tokko tokko immoo, obboleessi waaʼeen keenya isa yaaddesse tokko gara keenya dhufee, tarkaanfiin fudhachuuf jennu dogoggoraa fi booda kan itti gaabbinu akka taʼe nutti hima taʼa. (Gal. 6:1) Tarii immoo gorsi kan nuuf kennamu dogoggora cimaa erga raawwannee booda taʼuu dandaʼa. Karaan gorsa itti argannu maal iyyuu yoo taʼe gorsa dhagaʼuu qabna. Akkas gochuun keenya baayʼee nu fayyada. Lubbuu keenya illee nuuf oolchuu dandaʼa.—Fak. 6:23.

2. Gorsa dhagaʼuu kan qabnu maaliifi? (Fakkeenya 12:15)

2 Caqasni mata dureen keenya irratti hundaaʼe ‘dubbii ogeeyyii akka dhaggeeffannu’ nu jajjabeessa. (Fak. 22:17) Namni wanta hundumaa beeku hin jiru. Yeroo hundumaa namni beekumsaan ykn muuxannoodhaan nu caalu jira. (Fakkeenya 12:15 dubbisi.) Kanaafuu, gorsa dhagaʼuun keenya akka gad of qabnu argisiisa. Dadhabina keenya akka beeknuu fi galma keenya irra gaʼuuf gargaarsi warra kaanii akka nu barbaachisu akka hubanne argisiisa. Solomoon inni mootii ogeessa taʼe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Gorsitoota hedduudhaan . . . milkaaʼinni ni argama” jedhee barreesseera.—Fak. 15:22.

Fudhachuun kan sitti ulfaatu isa kami? (Keeyyata 3-4 ilaali)

3. Gorsa kan argannu karaawwan kamiini?

3 Gorsi kallattiidhaan ykn karaa kan biraatiin nuuf kennamuu dandaʼa. Gorsi karaa kan biraatiin nuuf kennama yeroo jennu maal jechuu keenya? Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama keenya tokko yeroo dubbisnu yaada wanta gochaa jirru irratti dhaabbannee akka yaannuu fi ilaalchaa fi gocha keenya irratti sirreeffama akka goonu nu kakaasu argachuu dandeenya. (Ibr. 4:12) Kun gorsa kallattiidhaan utuu hin taʼin, gorsa karaa kan biraatiin argamu dha. Gorsi kallattiidhaan nuuf kennamu hoo kan akkamii ti? Jaarsi gumii tokko ykn obboleessi gaʼumsa qabu kan biraan wanta irratti hojjechuu qabnu adda baasee nutti hima taʼa. Kun gorsa kallattiidhaan kennamu dha. Namni tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe nuuf kennuudhaan hammam akka nu jaallatu erga argisiisee, nuti immoo gorsa isaa sana fudhannee hojii irra oolchuudhaan akka isa galateeffannu argisiisuu qabna.

4. Lallabni 7:9 akka jedhutti yeroo gorsi nuu kennamu maal gochuu irraa fagaachuu qabna?

4 Gorsa kallattiidhaan nuuf kennamu hojii irra oolchuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Tarii nu mufachiisuu illee dandaʼa. Maaliif? Mudaa akka qabnu kan amannu taʼus, namni tokko dogoggora raawwanne tokko adda baasee caqasuudhaan gorsa yeroo nuuf kennu gorsa isaa fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Lallaba 7:9 dubbisi.) Tarii sababa dhiheessuuf yaalla taʼa. Kakaʼumsa nama gorsa nuu kenne sanaa shakkina ykn immoo akkaataa itti gorsa nuu kennetti mufanna taʼa. ‘Inni na gorsuuf mirga maalii qaba? Innis dogoggora ni raawwata!’ jechuudhaan nama gorsa nuuf kenne sana qeeqna taʼa. Kana malees, gorsa isaa hin jaallanne taanaan, gorsa inni nuu kenne dhiisnee nama wanta barbaannu nutti himu gorsa gaafanna taʼa.

5. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

5 Mata duree kana keessatti seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota gorsa fudhachuu didanii fi namoota gorsa fudhatanii ibsan ilaalla. Wanti gorsa fudhachuu fi faayidaa irraa argachuuf nu gargaaru maal akka taʼes ni ilaalla.

GORSA FUDHACHUU DIDANIIRU

6. Wanta Rooboʼaam Mootichi yeroo gorsi isaaf kennametti godhe irraa maal baranna?

6 Mee fakkeenya Rooboʼaam haa ilaallu. Yeroo mootii Israaʼel taʼetti namoonni isa jalatti bulan gaaffii tokko isa gaafachuuf gara isaa dhufanii turan. Baʼaa abbaan isaa Solomoon isaan irratti feʼe akka isaaniif salphisu isa gaafatanii turan. Rooboʼaam namoota kanaaf maal jedhee akka deebisu maanguddoota Israaʼel gorsa gaafachuun isaa gaarii ture. Maanguddoonni kunis mootichi wanta sabichi isa gaafate yoo godhe sabichi yeroo hundumaa akka isa deggeru isa gorsan. (1 Mot. 12:3-7) Rooboʼaam garuu gorsa isaanii kanatti waan hin gammanneef, namoota isaa wajjin guddatan mariisise. Namoonni kun umuriin isaanii naannoo waggaa 40 taʼuu waan dandaʼuuf, hamma tokko muuxannoo akka qaban ifa dha. (2 Sen. 12:13) Taʼus, yeroo kanatti Rooboʼaamiif gorsa gaarii hin kennine. Baʼaa sabichaa caalaatti akka dabalu gorsa isaaf kennan. (1 Mot. 12:8-11) Rooboʼaam yaanni garaa garaa lama waan isaaf kennameef, gorsa isa kam fudhachuu akka qabu kadhannaadhaan Yihowaa gaafachuu ni dandaʼa ture. Taʼus, Rooboʼaam gorsa isatti tole fudhachuu fi wanta hiriyoonni isaa jedhan gochuuf murteesse. Kunis, Rooboʼaam irrattis taʼe saba Israaʼel irratti rakkina guddaa fideera. Haaluma wal fakkaatuun, nutis gorsi nutti hin tolle nuuf kennamuu dandaʼa. Taʼus, gorsi sun Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe yoo taʼe fudhachuu qabna.

7. Fakkeenya Ooziyaa Mootichaa irraa maal baranna?

7Ooziyaa Mootichi gorsa fudhachuu didee ture. Mana qulqullummaa keessa iddoo luboonni qofti akka seenan heyyamamu seenuudhaan ixaana aarsuuf yaalee ture. Luboonni Yihowaa garuu, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti! . . . ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha” isaan jedhan. Ooziyaan maal godhe ree? Gad of qabuudhaan gorsa isaaf kenname fudhatee yeruma sana mana qulqullummaa keessaa baʼeera utuu taʼee, silaa Yihowaan dhiifama isaaf gochuu dandaʼa ture. ‘Ooziyaan garuu ni dheekkame.ʼ Gorsa isaaf kenname fudhachuu kan dide maaliifi? Mootii waan taʼeef wanta barbaade gochuu akka dandaʼu isatti dhagaʼamuu hin oolu. Yihowaan garuu akkas isatti hin dhagaʼamne. Ooziyaan gocha of tuulummaa raawwachuu isaatiin kan kaʼe “hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate.” (2 Sen. 26:16-21) Fakkeenyi Ooziyaa aangoon qabnu maal iyyuu yoo taʼe gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhachuu diduun Yihowaa biratti fudhatama akka nu dhabsiisu nu barsiisa.

GORSA FUDHATANIIRU

8. Iyyoob yeroo gorsi isaaf kennametti deebii akkamii kenne?

8 Kitaabni Qulqulluun fakkeenya akeekkachiisaa olitti ilaalle qofa utuu hin taʼin, fakkeenya namoota gorsa fudhachuudhaan eebba argataniis qabateera. Mee waaʼee Iyyoob haa ilaallu. Iyyoob nama Waaqayyoon sodaatu taʼus mudaa qaba ture. Baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe wanta dogoggora taʼe yeroo itti dubbate qaba. Kanaan kan kaʼes, kallattiidhaan gorsi isaaf kennameera; yeroo kanatti gorsa kan isaaf kenne Eliihuu fi Yihowaa ture. Maarree, yeroo kanatti Iyyoobitti maaltu dhagaʼame? Gad of qabuudhaan gorsa isaaf kenname fudhateera. “Hubannaa malee dubbadheera. . . . Wantan dubbadhetti nan gaabba, biyyoo fi daaraa irra taaʼees yaada nan geddaradha” jedheera. Iyyoob waan gad of qabeef, Yihowaan isa eebbiseera.—Iyo. 42:3-6, 12-17.

9. Museen gorsa fudhachuu irratti fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu akkamitti?

9 Gorsa yeroo dogoggora cimaa raawwannutti nuuf kennamu fudhachuu irratti Museen fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Museen yeroo tokko aaruu isaatiin kan kaʼe Yihowaadhaaf ulfina utuu hin kennin hafee ture. Kanaan kan kaʼes, Museen mirga Biyyattii Abdachiifamtetti galuu dhabeera. (Lak. 20:1-13) Museen murtoo kanatti gadduu isaa yeroo ibsetti Yihowaan, “Kana booda dhimma kana natti hin kaasin” isaan jedhee ture. (Kes. 3:23-27) Taʼus, Museen kanatti hin mufanne. Kanaa mannaa, murtoo Yihowaa fudhateera. Yihowaanis saba Israaʼel geggeessuuf isatti fayyadamuu isaa itti fufeera. (Kes. 4:1) Iyyoobis taʼe Museen gorsa fudhachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Iyyoob ilaalcha isaa sirreesseera, balleessaa raawwateefis sababii hin dhiheessine. Museen mirga baayʼee jaallatu dhabus Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuudhaan gorsa isaa akka fudhate argisiiseera.

10. (a) Fakkeenyi 4:10-13 faayidaa gorsa fudhachuun argamsiisu kan ibsu akkamitti? (b) Obboloonni tokko tokko gorsa isaaniif kennameef ilaalcha gaarii akka qaban kan argisiisan akkamitti?

10 Fakkeenya namoota amanamoo kan akka Iyyoobii fi Musee hordofuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. (Fakkeenya 4:10-13 dubbisi.) Obboloonni keenya hedduun fakkeenya isaanii hordofaniiru. Obboleessi Emaanuʼel jedhamuu fi Koongoo jiraatu akeekkachiisa isaaf kenname ilaalchisee maal akka jedhe qalbeeffadhu: “Obboloonni gumii kootii bilchina qaban karaa hafuuraa balaadhaaf akkan saaxilame waan hubataniif, na gargaaruuf yaalanii turan. Anis gorsa isaanii hojii irran oolche; akkas gochuun koo rakkina hedduu irraa na baraareera.” * Qajeelchituun Kaanaadaa jiraattuu fi Meegan jedhamtu gorsa ilaalchisee, “Gorsi naaf kenname wantan dhagaʼuu barbaadu taʼuu baatus, wanta dhagaʼuun na barbaachisu ture” jetteetti. Obboleessi Kirooʼeeshiyaa jiraatuu fi Maarkoo jedhamu immoo, “Mirga koo dhabeera; taʼus, duubatti deebiʼee yeroon yaadu gorsi naaf kenname karaa hafuuraa madaallii koo eeggachuuf na gargaareera” jedheera.

11. Obboleessi keenya Kaarl Kileeyin gorsa fudhachuu ilaalchisee maal jedhe?

11 Obboleessi gorsa isaaf kenname irraa faayidaa argate kan biraan immoo, obboleessa keenya Kaarl Kileeyin isa miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajilaa ture dha. Obboleessi keenya Kaarl seenaa jireenyaa isaa irratti yeroo tokko Joseef Raazarfoordi inni michuu isaa taʼe gorsa cimaa isaaf kennee akka ture ibseera. Obboleessi keenya Kaarl gorsa isaaf kennametti jalqaba irratti mufatee akka ture ifatti dubbateera. Akkana jedheera: “Yeroo itti aanutti [obboleessi keenya Raazarfoordi] na argee, ‘Akkami Kaarl?’ naan jedhe. Ani garuu akkuman mufadhetti waanan tureef, gungumaan isaaf deebise. Achiis inni, ‘Kaarl of eeggadhu! Diyaabilos kiyyoo keessa si galchuuf yaalaa jira!’ naan jedhe. Anis qaanaʼee, ‘Lakki obboleessa Raazarfoordi, sitti hin aarre’ jedheen deebise. Taʼus, akkan isatti mufadhe waan beekeef, ‘Haa taʼu. Garuu of eeggadhu. Diyaabilos kiyyoo keessa si galchuuf yaalaa jira’ naan jedhe. Obboleessi keenya Raazarfoordi dhugaa isaa jedhe. Obboleessi tokko keessumaa wanta dubbachuun isa irra jiru waan dubbateef, haaloo kan isatti qabannu yoo taʼe . . . kiyyoo Diiyaabilosiif of saaxilla.” * (Efe. 4:25-27) Obboleessi keenya Kaarl gorsa obboleessa keenya Raazarfoordi waan fudhateef, michummaan isaanii itti fufuu dandaʼeera.

GORSA FUDHACHUUF MAALTU NU GARGAARA?

12. Amalli gad of qabuu gorsa fudhachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Faarfannaa 141:5)

12 Gorsa fudhachuuf maaltu nu gargaara? Gad of qabuudhaan cubbamoota akka taanee fi yeroo tokko tokko gocha gowwummaa raawwachuu akka dandeenyu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. Akkuma olitti ilaalle, Iyyoob ilaalcha dogoggoraa qaba ture. Booda garuu, ilaalcha isaa kana waan sirreesseef Yihowaan isa eebbiseera. Yihowaan kan isa eebbise maaliifi? Iyyoob nama gad of qabu waan taʼeefi. Akka gad of qabu kan argisiises gorsa Eliihuun inni umuriidhaan baayʼee isaa gad taʼe isaaf kenne fudhachuudhaani. (Iyo. 32:6, 7) Amala gad of qabuu qabaachuun keenya, gorsi nuuf kenname tokko akka nu hin barbaachisne yeroo nutti dhagaʼamutti ykn namni gorsa nuu kenne umuriidhaan yeroo nuu gad taʼutti illee gorsa sana hojii irra oolchuuf nu gargaara. Jaarsi gumii Kaanaadaa jiraatu tokko, “Akka warri kaan nu ilaalanitti waan of hin ilaalleef, namni nu gorsu hin jiru taanaan akkamitti guddina gochuu dandeenya?” jedheera. Nu keessaa namni firii hafuuraa horachuu irrattii fi tajaajila Kiristiyaanaa raawwachuu irratti guddina gochuun isa hin barbaachisne eenyu?—Faarfannaa 141:5 dubbisi.

13. Gorsa nuu kennamuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

13Gorsi jaalala Waaqayyo siif qabu kan argisiisu akka taʼetti ilaali. Yihowaan wanta hunda irra wayyu akka argannu barbaada. (Fak. 4:20-22) Dubbii isaatti, barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokkotti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti fayyadamee yeroo gorsa nuuf kennu jaalala isaa nuuf ibsaa jira. Akka Ibroonni 12:9, 10 jedhutti, gorsa kan nuuf kennu “faayidaa keenyaaf” jedhee ti.

14. Yeroo gorsi nuuf kennamu maal irratti xiyyeeffachuu qabna?

14Akkaataa gorsi itti siif kenname irratti utuu hin taʼin, gorsa sana irratti xiyyeeffadhu. Yeroo tokko tokko akkaataan gorsi itti nuuf kenname gaarii akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, namni gorsa kennu kam iyyuu karaa fudhachuuf salphatuun kennuuf yaaluu qaba. * (Gal. 6:1) Gorsi nuuf kennameera taanaan garuu, akkaataan itti nuuf kenname nu gammachiisuu baatus, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Akkaataan itti gorsi naaf kenname natti toluu baatus, gorsa naa kenname keessaa wantin hojii irra oolchuu dandaʼu jiraa? Hirʼina nama sanaa irratti utuu hin taʼin, faayidaa gorsi inni naaf kenne qabu irratti xiyyeeffachuu nan dandaʼaa?’ Gorsi nuuf kennamu kam iyyuu akkamitti akka nu fayyadu yaaduun keenya gamnummaa dha.—Fak. 15:31.

GORSA GAAFACHUUDHAAN FAAYIDAA ARGADHU

15. Gorsa gaafachuu kan qabnu maaliifi?

15 Kitaabni Qulqulluun gorsa akka gaafannu nu jajjabeessa. Fakkeenyi 13:10, “Ogummaan . . . kan warra gorsa barbaadanii ti” jedha. Kun dhugaa dha mitii? Namoonni hamma namni tokko gara isaanii dhufee gorsa isaaniif kennutti eeguu mannaa, ofuma isaaniitiin gorsa gaafatan namoota gorsa hin barbaanne caalaa guddina hafuuraa godhu. Kanaafuu, ofuma keetii dursa fudhadhuutii gorsa gaafadhu.

Obboleettiin dargaggeettii taate tun obboleettii bilchina qabdu gorsa kan gaafattu maaliifi? (Keeyyata 16 ilaali)

16. Gorsa gaafachuu kan dandeenyu haalawwan akkamii keessatti?

16 Kiristiyaana tokko gorsa gaafachuun kan nu barbaachisu yoom taʼuu dandaʼa? Mee haalawwan tokko tokko haa ilaallu. (1) Obboleettiin takka babalʼistuu muuxannoo qabdu qoʼannaa ishii irratti erga affeertee booda, akkaataa itti barsiistu fooyyessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe gorsa ishii gaafatti. (2) Obboleettiin qeenxeen takka uffata bitachuuf jettee obboleettiin bilchina qabdu filannaa ishii irratti yaada akka ishiidhaaf kennitu gaafatti. (3) Obboleessi tokko immoo yeroo jalqabaatiif haasaan sabaa isaaf kenname. Obboleessi kun obboleessi haasaa kennuu irratti muuxannoo qabu akka isa dhaggeeffatuu fi wantoota fooyyessuu qabu ilaalchisee gorsa akka isaaf kennu gaafata. Obboleessi waggoota hedduudhaaf haasaa dhiheessaa ture illee obboloota haasaa dhiheessuu irratti muuxannoo qaban gorsa gaafatee gorsa isaaf kenname hojii irra oolchuun isaa baayʼee isa fayyada.

17. Gorsa nuuf kennamu irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti hundi keenya iyyuu kallattiidhaanis taʼe karaa kan biraatiin gorsi nuuf kennamuun isaa hin oolu. Yeroo gorsi siif kennamu wantoota mata duree kana keessatti ilaalle yaadadhu. Akka gad of qabdu argisiisi. Akkaataa itti gorsi siif kenname irratti utuu hin taʼin, ergaa isaa irratti xiyyeeffadhu. Achiis gorsa siif kenname sana hojii irra oolchi. Nu keessaa namni ogeessa taʼee dhalate hin jiru. Dubbiin Waaqayyoo ‘gorsa kan dhageenyuu fi adaba kan fudhannu yoo taʼe ogeeyyii’ akka taanu dubbata.—Fak. 19:20.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

^ key. 5 Sabni Yihowaa gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dhagaʼuun faayidaa akka qabu beeku. Haa taʼu malee, gorsa fudhachuun yeroo hunda salphaa miti. Akkas kan jennu maaliifi? Gorsa nuuf kennamu irraa faayidaa argachuuf hoo maaltu nu gargaara?

^ key. 10 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 11 Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 1, 1984, ful. 21-28 (Ingiliffa) ilaali.

^ key. 14 Mata duree itti aanu irratti namoonni gorsa kennan akkamitti malaan gorsa kennuu akka dandaʼan ilaalla.