Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

Warra Kaan Tajaajiluudhaan Fakkeenya Yesuus Hordofi

Warra Kaan Tajaajiluudhaan Fakkeenya Yesuus Hordofi

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—HOE. 20:35.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

QABIYYEE *

1. Sabni Yihowaa hojii gaarii akkamii hojjechaa jiru?

YEROO dheeraa dura Kitaabni Qulqulluun sabni Waaqayyoo qajeelfama Yesuus hordofuudhaan Yihowaa tajaajiluuf ‘fedhiidhaan akka of dhiheessan’ raajii dubbateera. (Far. 110:3) Raajiin kun yeroo harʼaatti guutummaatti raawwatamaa jira. Waggaa waggaadhaan tajaajiltoonni Yihowaa hinaaffaa qaban saʼaatii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu hojii lallabaa irratti dabarsu. Hojii kana irratti kan hirmaatan fedhiidhaan, akkasumas kaffaltii malee dha. Obboloota isaanii karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa gargaaruufis yeroo ni ramadu. Obboloonni muudaman immoo, kutaa gumii qophaaʼuu fi obboloota isaanii jajjabeessuuf saʼaatii hedduu dabarsu. Hojii kana hundumaa raawwachuuf maaltu isaan kakaasa? Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabani dha.—Mat. 22:37-39.

2. Roomaa 15:1-3 irratti akkuma ibsame Yesuus fakkeenya akkamii nuuf taʼeera?

2 Yesuus fedhii ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif dursa kennuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Nutis faana isaa hordofuuf carraaqqii guddaa gochaa jirra. (Roomaa 15:1-3 dubbisi.) Namoonni fakkeenya isaa hordofan eebba hedduu argatu. Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera.—HoE. 20:35.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti aarsaa Yesuus warra kaan tajaajiluuf kaffale tokko tokkoo fi fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Fedhii warra kaan tajaajiluuf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

FAKKEENYA YESUUS HORDOFI

Yesuus kan dadhabe taʼus yeroo namoonni hedduun gara isaa dhufan maal godhe? (Keeyyata 4 ilaali)

4. Yesuus fedhii ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif dursa kan kenne akkamitti?

4Yesuus yeroo dadhabee turetti illee warra kaan gargaareera. Yesuus gaara Qifirnaahomitti dhihoo jiru tokko biratti yeroo namoonni hedduun gara isaa dhufan maal akka godhe yaadi! Halkan guutuu kadhachaa waan buleef, baayʼee dadhabee taʼuu qaba. Taʼus, namoota hiyyeeyyii fi dhukkubsatan hedduu yommuu argu baayʼee isaaniif gadde. Yesuus namoota kana fayyisuu qofa utuu hin taʼin, haasaa baayʼee nama jajjabeessuu fi Lallaba Gaaraa jedhamee beekamu isaaniif dhiheesseera.—Luq. 6:12-20.

Jireenya keenya keessatti fedhii keenya aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali)

5. Mataawwan maatii yeroo dadhabanitti fedhii ofii aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaa kan jiran akkamitti?

5Mataawwan maatii fakkeenya Yesuus hordofaa kan jiran akkamitti? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu! Mataan maatii tokko guyyaa guutuu hojii hojjechaa erga oolee booda baayʼee dadhabee manatti gale. Galgala sana waaqeffannaa maatii gochuu dhiisuuf qoramee kan ture taʼus, Yihowaan jabina qoʼannaa sana geggeessuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu kadhate. Yihowaanis kadhannaa isaatiif deebii waan kenneef, akkuma yeroo kaanii qoʼannaa sana geggeessuu dandaʼeera. Galgala sana ijoolleen isaa warri isaanii wanta kam iyyuu caalaa wantoota hafuuraatiif dursa akka kennan barataniiru.

6. Fakkeenya Yesuus warra kaan gargaaruuf yeroo isaa aarsaa akka godhe argisiisu tokko kenni.

6Yesuus warra kaan gargaaruuf yeroo isaa arjummaadhaan kenneera. Yesuus michuun isaa Yohaannis Cuuphaan akka ajjeefame yeroo dhagaʼetti maaltu akka isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Baayʼee gaddee taʼuu qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus yeroo kana dhagaʼu, kophaa isaa taʼuuf achii kaʼee bidiruu yaabbatee iddoo namni hin jirre deeme” jedha. (Mat. 14:10-13) Yesuus kophaa isaa taʼuu kan barbaade maaliif akka taʼe nuu gala. Baayʼeen keenya yeroo gaddinu kophaa taʼuu barbaanna. Taʼus, Yesuus kophaa isaa taʼuu hin dandeenye. Namoonni baayʼeen isa dursanii bakka sana gaʼan. Maarree, Yesuusitti maaltu dhagaʼame? Wanta namoota sanatti hanqate waan hubateef, “baayʼee isaaniif gadde.” Karaa hafuuraa jajjabinni akka isaan barbaachisu hubatee ture. Kanaafuu, fedhii isaanii kana guutuuf tarkaanfii fudhateera. Wanta muraasa utuu hin taʼin, ‘wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe.’—Mar. 6:31-34; Luq. 9:10, 11.

7-8. Fakkeenya jaarsoliin yeroo gargaarsi barbaachisutti fakkeenya Yesuus hordofaa akka jiran argisiisu kenni.

7Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan fakkeenya Yesuus hordofaa kan jiran akkamitti? Hojii jaarsoliin nuuf jedhanii fedhii isaanii aarsaa gochuudhaan hojjetan baayʼee dinqisiifanna. Hojii isaan hojjetan hedduu obboloonni gumii keessa jiran baayʼeen hin beekan. Fakkeenyaaf, yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa barbaachisutti obboloonni Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti hojjetan obbolootaa fi obboleettota isaanii gargaaruuf dafanii tarkaanfii fudhatu. Yeroo baayʼee haalli ariifachiisaan akkasii halkan walakkaa mudata. Haa taʼu malee, jaarsolii jaallatamoon kunis taʼan maatiiwwan isaanii gara laafina obboloota isaanii dhiphina keessa jiraniif qabaniin kakaʼanii fedhii ofii irra fedhii obboloota isaaniitiif dursa kennu.

8 Kana malees, jaarsoliin ijaarsa Galmawwan Walgaʼii fi gamoowwan kaanii irratti, akkasumas hojii gargaarsaa irratti ni hirmaatu. Jaarsoliin gumii keenya keessa jiranis nu barsiisuuf, nu jajjabeessuu fi nu deggeruuf saʼaatii hedduu dabarsu. Obboloota kanaa fi maatiiwwan isaanii hunda garaadhaa galateeffachuu qabna. Yihowaan aarsaa isaan kaffalaniif isaan haa eebbisu! Akkuma warra kaanii jaarsoliinis madaallii isaanii eeggachuun akka isaan barbaachisu beekamaa dha. Hamma maatii isaanii dagatanitti sochiiwwan tiʼookraasii akkasii irratti yeroo dheeraa dabarsuu hin qaban.

AMALA FEDHII OFII AARSAA GOCHUU HORACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

9. Filiphisiyus 2:4, 5 akka jedhutti Kiristiyaanonni hundi ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

9 Filiphisiyus 2:4, 5 dubbisi. Jaarsolii qofa utuu hin taʼin hundi keenya iyyuu fedhii ofii aarsaa gochuu irratti fakkeenya Yesuus hordofuu barachuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun Yesuus “bifa garbummaa” akka qabaate dubbata. (Filp. 2:7) Kana irraa maal barachuu dandeenya? Garbi ykn tajaajilaan tokko gooftaa isaa gammachiisuuf carraa barbaada. Atis garba Yihowaa fi tajaajilaa obboloota keetii waan taateef, Yihowaa fi obboloota kee caalaatti fayyaduuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Yaadawwan kanatti aananii ibsaman ilaaluudhaan kana gochuu dandeessa.

10. Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya?

10Ilaalcha kee gamaaggami. Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu: ‘Warra kaan gargaaruuf jedhee aarsaa kaffaluuf fedhii qabaa? Fakkeenyaaf, obboleessa maanguddoo tokko dhaqee akkan gaafadhu ykn obboleettii maanguddoo takka gara walgaʼiitti akkan geessu yoon gaafatame deebii akkamiin kenna? Bakka walgaʼii guddaan itti geggeeffamu qulqulleessuuf ykn Galma Walgaʼii suphuuf gargaarsi yeroo barbaachisutti dafee of nan dhiheessaa?’ Yihowaan yeroo fi qabeenya keenya warra kaan gargaaruuf karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen yeroo kenninu ni gammada. Hundi keenya iyyuu yeroo of murteessinetti wantoota qabnu hundumaa akka isaaf kenninu waadaa galleerra. Maarree, sirreeffama gochuun akka nu barbaachisu yoo hubanne maal gochuu dandeenya?

11. Kadhannaan amala fedhii ofii aarsaa gochuu horachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11Garaadhaa Yihowaa kadhadhu. Kallattiiwwan tokko tokkoon sirreeffama gochuun akka si barbaachisu kan hubatte taʼus, jijjiirama barbaachisu gochuuf kakaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Yeroo akkasiitti kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessi. Wanta dhugumaan sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Akkasumas “fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu isa kadhadhu.—Filp. 2:13.

12. Dargaggoonni cuuphaman gumii isaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

12 Dargaggeessa cuuphamte yoo taate, Yihowaan gumicha caalaatti gargaaruuf fedhii akka qabaattu akka si gargaaru kadhadhu. Biyyoota tokko tokko keessatti tajaajiltoota gumii irra jaarsoliitu baayʼata; tajaajiltoota gumii kana keessaa baayʼeen isaanii immoo dargaggoota miti. Jaarmiyichi guddachaa yommuu deemu dargaggoonni saba Yihowaa kunuunsuu irratti nu gargaaran dabalataan nu barbaachisu. Bakka gargaarsi barbaachisutti tajaajiluuf fedhii yoo qabaatte baayʼee gammadda. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaa ni gammachiista, maqaa gaarii ni qabaatta, akkasumas gammachuu warra kaan gargaaruudhaan argamu ni argatta.

Kiristiyaanonni Yihudaadhaa dhufan Laga Yordaanos ceʼanii magaalaa Peelaatti baqatan. Warri dursanii achi gaʼan obboloota isaanii isaan booda gara magaalattii dhufaniif nyaata hiraa jiru (Keeyyata 13 ilaali)

13-14. Obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

13Wanta warra kaan barbaachisu hubachuuf yaali. Phaawulos ergamaan, “Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa; Waaqayyo aarsaawwan akkasiitti baayʼee gammada” jechuudhaan warra Ibrootaa gorseera. (Ibr. 13:16) Kun gorsa gaarii dha. Kiristiyaanonni Yihudaa xalayaan kun isaan gaʼee utuma baayʼee hin turin mana isaanii, hojii isaanii fi firoottan isaanii warra hin amanne dhiisanii ‘gara gaarotaatti baqachuun’ isaan barbaachiseera. (Mat. 24:16) Yeroo sanatti wal gargaaruun baayʼee isaan barbaachisa ture. Sana dura wanta qaban waliif hiruudhaan gorsa Phaawulos hojii irra oolchaniiru yoo taʼe, jireenya isaanii isa haaraatti baruun isaanitti hin ulfaatu.

14 Obboloonnii fi obboleettonni keenya wanta isaan barbaachisu yeroo hunda nutti himuu dhiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, obboleessi haati manaa isaa jalaa duute tokko gama geejjibaatiin, nyaata qopheessuu ykn hojii mana keessaa hojjechuu irratti gargaarsi isa barbaachisaa laata? Obboleessi kun baʼaa nutti taʼuu waan hin barbaanneef, gargaarsa gaafachuu irraa duubatti jedha taʼa. Haa taʼu malee, dursa fudhannee gargaarsa isa barbaachisu yoo isaaf goone baayʼee dinqisiifata. Namni taʼe tokko isa gargaara ykn yeroo gargaarsi isa barbaachisutti nutti hima jennee yaaduu hin qabnu. ‘Utuu haalli akkasii na mudatee gargaarsi akkamii akka naaf godhamun barbaada?’ jedhii of gaafadhu.

15. Warra kaan gargaaruu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

15Warri kaan sitti dhihaachuun akka isaanitti salphatu godhi. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo hundumaa warra kaan gargaaruuf qophaaʼoo taʼan gumii kee keessa akka jiran hin shakkisiisu. Obboloonni kun matumaa baʼaa akka isaanitti taane akka nutti dhagaʼamu hin godhan. Yeroo gargaarsi nu barbaachisu hundatti nu gargaaruuf fedhii akka qaban beekna. Nutis akka isaanii taʼuuf hawwina. Jaarsi gumii umuriin isaa waggaa 45 taʼee fi Aalan jedhamu warri kaan salphaatti akka isatti dhihaatan barbaada. Aalan fakkeenya Yesuus ilaalchisee akkana jedheera: “Yesuus nama hojiin itti baayʼatu kan ture taʼus, namoonni umurii kam irratti iyyuu argaman isatti dhihaachuu fi gargaarsa isa gaafachuun isaanitti hin ulfaatu ture. Garaadhaa akka isaaniif yaadu beeku turan. Anis akka Yesuus taʼuuf fedhii guddaan qaba. Nama salphaatti itti dhihaatamu, nama warra kaan jaallatuu fi warra kaaniif yaadu taʼuudhaan beekamuun barbaada.”

16. Yaada Faarfannaa 119:59, 60 irra jiru hojii irra oolchuun keenya fakkeenya Yesuus hordofuuf kan nu gargaaru akkamitti?

16 Fakkeenya Yesuus guutummaatti hordofuu yoo dadhabne abdii kutachuu hin qabnu. (Yaq. 3:2) Barataan tokko barsiisaa isaa hin caalu. Taʼus, dogoggora isaa irraa barachaa yommuu deemuu fi hamma isaaf dandaʼame barsiisaa isaa fakkaachuuf yommuu carraaqqii godhu fooyyaʼiinsa gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta karaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu baranne hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, akkasumas dadhabina qabnu kam iyyuu sirreessuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone fakkeenya Yesuus dhiheenyatti hordofuu dandeenya.—Faarfannaa 119:59, 60 dubbisi.

FEDHII OFII AARSAA GOCHUUN FAAYIDAA AKKAMII ARGAMSIISA?

Jaarsoliin akkuma Yesuus fedhii ofii aarsaa gochuudhaan dargaggootaaf fakkeenya taʼu (Keeyyata 17 ilaali) *

17-18. Fedhii keenya aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe buʼaa akkamii arganna?

17 Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu warra kaanittis darbuu dandaʼa. Jaarsi gumii Tiim jedhamu akkana jedheera: “Obboloonni dargaggoonni gumii keenya keessa jiran tokko tokko tajaajiltoota gumii taʼaniiru. Kana gochuuf wanti isaan kakaase inni tokko obboloonni kaan warra kaan gargaaruuf fedhii akka qaban arguu isaanii ti. Isaanis akkuma isaanii taʼuu barbaadan. Obboloonni dargaggoonni kun gumii keenya gargaaraniiru. Jaarsoliidhaafis gargaarsa dabalataa godhaniiru.”

18 Addunyaa ofittummaadhaan guutame keessa jiraanna. Sabni Yihowaa garuu namoota kaan irraa adda dha. Amalli fedhii ofii aarsaa gochuu Yesuus qabu baayʼee garaa keenya tuqeera. Nutis fakkeenya isaa hordofuuf kutanneerra. Fakkeenya isaa guutummaatti hordofuu kan hin dandeenye taʼus, “faana isaa dhiheenyatti hordofuu” ni dandeenya. (1 Phe. 2:21) Fedhii keenya aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuun keenya, Yihowaa biratti fudhatama waan nuuf argamsiisuuf gammachuu guddaa arganna.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

^ key. 5 Yesuus yeroo hunda fedhii ofii isaa caalaa kan warra kaaniitiif dursa kenna ture. Mata duree kana keessatti karaawwan fakkeenya isaa hordofuu itti dandeenyu tokko tokko ilaalla. Kana malees, fedhii ofii aarsaa gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun eebba bara baraa kan nuuf argamsiisu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi Daan jedhamu jaarsoliin lama hospitaala dhufanii abbaa isaa yommuu gaafatan ilaalaa jira. Daan fakkeenyi jaarsolii baayʼee waan isa tuqeef, warra kaan gargaaruuf kakaʼeera. Obboleessi dargaggeessi Been jedhamu immoo gargaarsa Daan warra kaaniif godhu ilaalaa jira. Fakkeenyi Daan, Been Galma Walgaʼii qulqulleessuu irratti akka hirmaatu is kakaaseera.