Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Wanta Doktara Taʼuu Irra Wayyun Argadhe

Wanta Doktara Taʼuu Irra Wayyun Argadhe

“WANTI natti himaa jirtan kun wantan ijoollummaa kootii kaasee hawwaa ture dha!” Akkas jedhee kanan dubbadhe hiriyoota gaaʼelaa bara 1971⁠tti yaaliidhaaf na bira dhufanitti ture. Yeroo sanatti doktara taʼee hojjechuu ergan jalqabee baayʼee hin turre. Hiriyoonni gaaʼelaa yaaliidhaaf na bira dhufan kun eenyu faʼi? Wantin hawwaa ture hoo maali dha? Mariin isaanii wajjin godhe wantan jireenya koo keessatti dursa kennuuf akkan jijjiiru kan na taasise akkamitti akka taʼee fi hawwiin ijoollummaa kootii raawwatamuuf jedha jedhee akkan amanu kan na godhe maaliif akka taʼe isinittan hima.

Paaris, Faransaayi keessatti bara 1941⁠ttin dhaladhe; warri koo sooreyyii hin turre. Barumsa baayʼeen jaalladha ture; yeroo umuriin koo waggaa kudhan taʼu garuu baayʼee waan na dhukkubeef barumsa koo addaanan kute. Sombi koo dadhabee waan tureef doktaroonni akkan ciisu warra kootti himan. Kanaafuu, jiʼoota hedduudhaaf yeroo koo galmee jechootaa dubbisuudhaan, akkasumas sagantaa barnootaa raadiyoo Yunivarsiitiin Paaris tamsaasu dhaggeeffachuudhaanan dabarsa ture. Dhuma irratti doktarri koo akkan fayyee fi barumsatti deebiʼuu akkan dandaʼu yeroo dubbatu baayʼeen gammade. ‘Wanti doktaroonni hojjetan baayʼee nama ajaaʼiba!’ jedheen yaade. Yeroo sanaa kaasee namoonni dhukkubsatan dhukkuba isaanii irraa akka fayyan gargaaruuf hawwuun jalqabe. Yeroo abbaan koo, ‘Yeroo guddattu maal taʼuu barbaadda?’ jedhee na gaafatu hundumaatti, “Doktara taʼuu” jedheen isaaf deebisa ture. Kanaafuu, jireenya koo keessatti wanta kam iyyuu caalaa hojii yaalii fayyaatiifan dursa kenna ture.

SAAYINSIIN WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUF NA GARGAAREERA

Maatiin keenya amantaa Kaatolikii hordofa ture. Taʼus, waaʼee Waaqayyoo wanta baayʼee hin beekan; anis gaaffiiwwan deebii isaanii hin arganne hedduun qaban ture. Jireenyi kan argame uumamaan akka taʼe mirkanaaʼaa kanan taʼe yunivarsiitiitti barumsa yaalii fayyaa barachuu ergan jalqabee booda dha.

Yeroon jalqaba maaykiroskoppiidhaan seelii biqiltuu itti ilaale nan yaadadha. Seeliin sun hoʼaa fi qorra irraa akkamitti akka of eegu yeroon argu baayʼee na ajaaʼibe. Saayitoopilaazimaan (wanti seelii keessatti argamu) yeroo soogiddi isa tuqu akka shuntuuruu fi yeroo bishaan qulqulluu keessa kaaʼamu immoo akka diriirus argeera. Lubbu qabeeyyiin xixinnoon kun dandeettii kanaa fi kan biroo waan qabaniif qilleensa naannoo jijijjiiramutti baruu dandaʼaniiru. Seelonni hundi wal xaxoo akka taʼan hubachuun koo jireenyi kan argame akkuma tasaa akka hin taane na amansiiseera.

Barumsa yaalii fayyaa barachuu jalqabee waggaa lammaffaatti ragaawwan Waaqayyo jiraachuu isaa mirkaneessan dabalataa argadheera. Yeroo waaʼee qaama namaa barachaa turretti, kutaan harka keenyaa ciqilee keenya irraa kaasee jiru qubawwan keenya dachaasuu fi diriirsuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe baranneerra. Akkaataan maashaaleen lafee wajjin itti wal qabatanii fi qindoominaan itti hojjetan baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Fakkeenyaaf, ribuun maashaalee harka keenya keessa jiran keessaa isa tokko lafee quba keenyaa isa lammaffaa wajjin wal qabsiisu jira; ribuun kun bakka lamatti hiramee akka riqichaa waan taʼuuf, ribuun gara fiixee qubaatti deemu isa jala hulluuquu dandaʼa. Ribuuwwan ciccimoon kun lafee qubaatti maxxananii jiru. Qubawwan keenya kan hojjetaman akkanatti utuu taʼuu baatee, ribuuwwan keenya diriiroo waan taʼaniif qubawwan keenya akka gaariitti hojjechuu hin dandaʼan turan. Kanaan kan kaʼes qaama namaa kan tolche Uumaa ogummaa guddaa qabu akka taʼe hubachuu dandaʼeera.

Hojiin Uumaa caalaatti kan na ajaaʼibsiise immoo daaʼimni tokko dhalatee hafuura baafachuu kan jalqabu akkamitti akka taʼe yeroon beeketti dha. Daaʼimni tokko dhalachuu isaa dura oksijiinii kan argatu haadha isaa irraa karaa ujummoo handhuuraa akka taʼe baradheera. Korojoon qilleensaa somba isaa keessa jiru qilleensa kan hin qabaanne kanaafi. Taʼus, daaʼimni sun dhalachuu isaa torban muraasa dura keessi korojoo kanaa dhangalaʼaa adda taʼeen uwwifama. Achiis daaʼimni sun dhalatee yommuu yeroo jalqabaatiif hafuura fudhatu wanta baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼetu uumama. Qaawwi onnee daaʼimichaa keessa jiru ni cufama; kun immoo dhiigni gara somba isaatti akka yaaʼu godha. Dhangalaʼaa adda taʼe sanaan kan kaʼe, korojoon somba keessa jiru yeruma sana qilleensaan guutama. Kanaafuu, daaʼimni sun yeruma sana ofuma isaatiin hafuura baafachuu dandaʼa.

Qaama wanta dinqisiisaa akkasii uume beekuu waanan barbaadeef Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Seerri qulqullinaa waggaa 3,000 dura Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne baayʼee na ajaaʼibsiise. Waaqayyo bobbaa isaanii akka awwaalan, irra deddeebiʼanii bishaaniin akka dhiqatan, akkasumas nama dhukkuba daddarbaadhaan qabame kophaatti akka baasan Israaʼelota ajajee ture. (Lew. 13:50; 15:11; Kes. 23:13) Kitaabni Qulqulluun waaʼee wantoota kanaa ni dubbata; saayintistoonni garuu dhukkuboonni akkamitti akka daddarban erga beekanii waggaa 150 qofa dha. Seerri kitaaba Leewwotaa keessatti saalqunnamtii ilaalchisee kennames guutummaan sabichaa fayya buleeyyii akka taʼan gargaareera. (Lew. 12:1-6; 15:16-24) Uumaan seerawwan kana Israaʼelotaaf kan kenne fayyaa isaaniitiif waan yaaduuf akka taʼee fi warra ajajawwan isaa eegan akka eebbisus nan hubadhe. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqa ani yeroo sanatti maqaa isaa hin beekne akka taʼe mirkanaaʼaan taʼe.

GAAʼELAN DHAABBADHE, YIHOWAAS NAN BEEKE

Liidii fi ani guyyaa cidha keenyaatti, Ebla 3, 1965

Yunivarsiitiitti barumsa yaalii fayyaa barachaa utuun jiruu, shamarree Liidii jedhamtuu wajjin wal barre; achiis ishiin jaalladhe. Utuman barumsa irra jiruu bara 1965⁠tti gaaʼela dhaabbanne. Hanga bara 1971⁠tti ijoollee keenya jaʼan keessaa sadan isaanii dhalatanii turan. Liidiin hojiin doktara taʼuudhaan hojjedhu irrattis taʼe maatii keenya keessatti gargaarsa guddaa naaf gooti.

Waggaa sadii hospitaala tokko keessatti ergan hojjedhee booda kiliinikan banadhe. Achiis utuma baayʼee hin turin, hiriyoonni gaaʼelaa olitti caqase yaaliidhaaf gara koo dhufan. Yeroon qoricha isaaf ajajuuf jedhutti haati manaa isaa, “Maaloo, Doktar, qorichichi dhiiga akka hin qabaanne” naan jette. Anis baayʼee waan na ajaaʼibeef, “Dhugaa kee tii? Maaliif?” jedheen ishii gaafadhe. Ishiinis, “Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa ti” jettee naaf deebiste. Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaas taʼe ejjennoo isaan dhiiga irratti qaban dhagaʼee hin beeku. Dubartiin sun Kitaaba Qulqulluu ishii baastee caqasa dhiiga fudhachuu irraa fagaachuuf isaan kakaase natti argisiiste. (HoE. 15:28, 29) Achiis ishiinii fi abbaan manaa ishii Mootummaan Waaqayyoo rakkina, dhukkubaa fi duʼa akka balleessu natti argisiisan. (Mul. 21:3, 4) Anis ajaaʼibsiifannaadhaan, “Wanti natti himaa jirtan kun wantan ijoollummaa kootii kaasee hawwaa ture dha! Doktara kanan taʼe namoonni dhiphina isaanii irraa akka boqotan gargaaruu waanan barbaaduufi” jedheen isaanitti hime. Baayʼee waanan gammadeef saʼaatii tokkoo fi walakkaadhaaf mariʼanne. Hiriyoonni gaaʼelaa sun yeroo na biraa baʼanitti garaa kootti ‘Ani kana booda Kaatolikii mitin’ ofiin jedhe; uumaan ani baayʼee dinqisiifadhu maqaa Yihowaa jedhamu akka qabu beekuun koos na gammachiise.

Hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan kanaa wajjin kiliinika koo keessatti siʼa sadii wal argineerra; siʼa sadanuu saʼaatii tokkoo oliif mariʼanne. Kitaaba Qulqulluu irratti saʼaatii dabalataatiif mariʼachuu akka dandeenyuuf mana koottan isaan affeere. Liidiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irratti argamuuf kan walii galte taʼus, barumsawwan Kaatolikii tokko tokko soba akka taʼan amanuun garuu ishiitti ulfaatee ture. Kanaafuu, qeesii tokkon manatti affeere. Kitaaba Qulqulluutti qofa fayyadamnee hanga halkan walakkaatti barumsawwan waldaa irratti wal falmine. Mariin kunis Liidiin Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa akka barsiisan akka amantu godhe. Sana booda, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu guddachaa waan deemeef bara 1974⁠tti cuuphamne.

YIHOWAADHAAF DURSA KENNUU

Kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee wantin baradhe wantan jireenya koo keessatti dursa kennuuf irratti jijjiirama akkan godhu na kakaaseera. Anii fi Liidiin jireenyi keenya Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu goone. Ijoollee keenyas akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti guddisuuf murteessinee turre. Ijoolleen keenya Waaqayyoo fi namoota akka jaallatan barsiisneerra; kun immoo maatiin keenya akka walitti dhihaatu godheera.—Mat. 22:37-39.

Anii fi Liidiin yeroo baayʼee ijoolleen keenya tokkummaa keenya akkamitti akka hubatan yaadachuudhaan kolfina. Ijoolleen keenya qajeelfamni Yesuus, “Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu” jechuudhaan kenne seera mana keenyaa akka taʼe beeku turan. (Mat. 5:37) Yeroo tokko intalli teenya angafaa yeroo umuriin ishii waggaa 17 turetti hiriyoota ishii wajjin yeroo dabarsuu barbaaddee kan turte taʼus Liidiin heyyamuufii didde. Achiis hiriyaan ishii takka, “Haati kee yoo si didde abbaa kee gaafadhu!” ishiidhaan jette. Intalli teenya garuu, “Kun jijjiirama hin fidu. Isaan yeroo hundumaa walii galu” jettee ishiidhaaf deebiste. Eeyyee, ijoolleen keenya jaʼanuu tokkummaadhaan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu yeroo hojii irra oolchinu arganiiru. Yeroo ammaatti miseensonni maatii keenyaa hedduun Yihowaa tajaajilaa waan jiraniif, baayʼee isa galateeffanna.

Dhugaan wantan jireenya koo keessatti dursa kennuuf kan jijjiire taʼus, barumsan doktara taʼuudhaan argadhe saba Waaqayyoo gargaaruuf itti fayyadamuun barbaade. Kanaafuu, mana Beetel Paaris keessatti argamutti, yeroo booda immoo mana Beetel Luuviyaa keessatti argamutti doktara taʼee fedhiidhaan tajaajiluun jalqabe. Gara waggaa 50tiif Beetelitti deddeebiʼee tajaajileera. Yeroo kanatti miseensota maatii Beetel keessaa michoota gaggaarii muraasa argadheera; isaan keessaa tokko tokko yeroo ammaatti umurii waggoota 90⁠nii keessatti argamu. Gaaf tokko miseensa maatii Beetel haaraa tokko wajjin wal baruun koo baayʼee na gammachiise. Waggaa 20 dura yeroo inni dhalatetti haadha isaa kan deessise ana ture!

YIHOWAAN SABA ISAATIIF BAAYʼEE AKKA YAADU HUBADHEERA

Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee saba isaa kan geggeessuu fi eegumsa kan isaaniif godhu akkamitti akka taʼe hubachuun koo jaalallin isaaf qabu akka guddatu godheera. Jalqaba bara 1980⁠niitti Qaamni Ol Aanaan Yuunaayitid Isteetis keessatti sagantaa ejjennoo Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga irratti qaban ogeeyyii fayyaatiif ibsu qopheessee ture.

Bara 1988 immoo, Qaamni Ol Aanaan Beetel keessatti dippaartimentii haaraa Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa jedhamu hundeesse. Jalqaba irratti, dippaartimentiin kun Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu fi Yuunaayitid Isteetis keessatti jalqabame toʼata ture; koreen kun Dhugaa Baatota Yihowaa dhukkubsatan doktaroota ejjennoo dhiiga irratti qabnu kabajanii wajjin wal qunnamsiisuuf kan hundaaʼe dha. Yeroo qophiin kun addunyaa maratti babalʼifametti Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu Faransaayi keessattis ni hundeeffame. Jaarmiyaan Yihowaa obbolootaa fi obboleettota dhukkubsataniif yeroo barbaachisutti jaalalaan kakaʼee deggersa akka isaaniif godhu arguun koo baayʼee na ajaaʼibsiise!

HAWWIIN KOO NI RAAWWATAMA

Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu keenya itti fufneerra

Jalqaba irratti wantin hawwu doktara taʼuu ture. Booda garuu wantan dursa kennuuf yeroon gamaaggamu namoonni waaʼee Yihowaa isa Madda jireenyaa taʼee akka beekanii fi akka isa tajaajilan gargaaruun doktara taʼuudhaan isaan gargaaruu caalaa barbaachisaa akka taʼe nan hubadhe. Akkuman sooroma baʼeen anii fi Liidiin qajeelchitoota taanee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan saʼaatii hedduu dabarsuu jalqabne. Amma iyyuu hojii lubbuu baraaru kana irratti hamma nuuf dandaʼame hirmaachaa jirra.

Liidii wajjin, 2021

Namoota dhukkubsatan gargaaruuf wantan dandaʼu gochuu koo itti fufeera. Taʼus, doktarri dandeettii guddaa qabu illee dhukkuba hunda fayyisuu ykn duʼa hambisuu akka hin dandeenye hubadheera. Kanaafuu, yeroo dhiphinni, dhukkubnii fi duuti itti hin jiraanne hawwiidhaanan eega. Addunyaa haaraa isa saffisaan dhihaachaa jiru keessatti waaʼee qaama namaa isa ajaaʼibsiisaa taʼee dabalatee, waaʼee uumamawwan Waaqayyoo bara baraaf barachuu nan dandaʼa. Dhugaa dha, wantin ijoollummaa kootti hawwaa ture guutummaatti hin raawwatamne. Taʼus, dhiheenyatti guutummaatti akka raawwatamu mirkanaaʼaa dha!