Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Erga Cuuphamtee Booda “Namummaa Haaraa” Uffachuu Kee Itti Fufi

Erga Cuuphamtee Booda “Namummaa Haaraa” Uffachuu Kee Itti Fufi

“Namummaa haaraa . . . uffadhaa.”—QOL. 3:10.

FAARFANNAA 49 Yihowaa Gammachiisuu

QABIYYEE *

1. Wanti namummaa keenya irratti dhiibbaa godhu inni guddaan maali dha?

 KAN cuuphamne guyyoota muraasa duras taʼe waggoota hedduu dura, hundi keenyayyuu namummaa Yihowaan jaallatu qabaachuu barbaanna. Nama akkasii taʼuuf yaada keenya toʼachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, wanti namummaa keenya irratti dhiibbaa godhu inni guddaan yaada keenya dha. Yeroo hunda waaʼee of gammachiisuu kan yaannu yoo taʼe, wanta gadhee dubbachuu ykn raawwachuu dandeenya. (Efe. 4:17-19) Sammuu keenya yaadawwan gaggaariidhaan kan guunnu yoo taʼe garuu, wanta Abbaa keenya Yihowaa gammachiisu dubbachuu fi raawwachuun keenya hin oolu.—Gal. 5:16.

2. Mata duree kana keessatti gaaffilee kamfaa ilaalla?

2 Mata duree darbe irratti akkuma ilaalle, yaanni gaarii hin taane matumaa gara sammuu keenyaatti akka hin dhufne gochuu hin dandeenyu. Yaadawwan kanaan mooʼamuu dhiisuuf filachuu garuu ni dandeenya. Cuuphamuu keenya dura wanta Yihowaan jibbu dubbachuu fi raawwachuu dhiisuun nu barbaachisee ture. Kun namummaa moofaa of irraa baasnee gatuuf tarkaanfii isa jalqabaa fi isa guddaa dha. Haa taʼu malee, guutummaatti Yihowaa gammachiisuuf ajaja, “Namummaa haaraa . . . uffadhaa” jedhus hojiirra oolchuu qabna. (Qol. 3:10) Mata duree kana keessatti gaaffilee armaan gadiitiif deebii arganna: ‘Namummaa haaraan’ maali dha? Namummaa haaraa uffachuu fi akkuma uffannetti itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

‘NAMUMMAA HAARAAN’ MAALI DHA?

3. Galaatiyaan 5:22, 23 akka jedhutti ‘namummaa haaraan’ maali dha? Namni tokko namummaa haaraa uffachuu kan dandaʼu hoo akkamitti?

3 ‘Namummaa haaraan’ yaadaa fi gocha eenyummaa Yihowaa calaqqisiisu dha. Namni firii hafuura Waaqayyoo argisiisuudhaan namummaa haaraa uffatu tokko hafuurri qulqulluun yaada, miiraa fi gocha isaa irratti dhiibbaa akka godhu heyyama. (Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Yihowaa fi saba isaa ni jaallata. (Mat. 22:36-39) Namni akkasii yeroo rakkinni isa mudatutti illee gammachuu isaa hin dhabu. (Yaq. 1:2-4) Nama nagaa uumu dha. (Mat. 5:9) Warra kaanitti obsaa fi gaarummaa argisiisa. (Qol. 3:13) Wanta gaarii taʼe ni jaallata, akkasumas ni raawwata. (Luq. 6:35) Abbaa isaa isa samii irratti amantii cimaa akka qabu gocha isaatiin argisiisa. (Yaq. 2:18) Wanti isa aarsu yeroo isa mudatutti illee garraamummaa argisiisa; yeroo qoramus of toʼata.—1 Qor. 9:25, 27; Tit. 3:2.

4. Namummaa haaraa uffachuuf amaloota Galaatiyaa 5:22, 23 fi caqasoota kan biroo keessatti ibsaman hunda horachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Namummaa haaraa uffachuuf amaloota Galaatiyaa 5:22, 23 irrattii fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan biroo irratti ibsaman hunda horachuu qabna. * Amaloonni kun akka uffata kopha kophaatti uffatamuu miti. Amaloota kana keessaa hedduun isaanii amaloota kaanii wajjin wal fakkaatu. Fakkeenyaaf, nama tokko ni jaallatta yoo taʼe obsaa fi gaarummaa isatti argisiista. Garaadhaa gaarummaa argisiisuuf immoo, garraamii taʼuu fi of toʼachuu qabda.

NAMUMMAA HAARAA UFFACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Akka Yesuus yaadutti yaaduu barachaa yeroo deemnu namummaa isaa calaqqisiisuu irratti caalaatti milkaaʼina argachaa deemna (Keeyyata 5, 8, 10, 12, 14 ilaali)

5. ‘Yaada Kiristoos qabaachuu’ jechuun maal jechuu dha? Waaʼee jireenya Yesuus qoʼachuu kan qabnu hoo maaliifi? (1 Qorontos 2:16)

5 Qorontos Tokkoffaa 2:16 dubbisi. Namummaa haaraa uffachuuf ‘yaada Kiristoos qabaachuu’ nu barbaachisa. Karaa kan biraatiin, akkaataa Yesuus itti yaadu barachuu fi fakkeenya isaa hordofuu qabna jechuu dha. Yesuus firii hafuura Waaqayyoo guutummaatti argisiiseera. Akkuma daawwitii qulqulluu taʼe tokkootti amaloota Yihowaa akkuma jiranitti calaqqisiiseera. (Ibr. 1:3) Yeroo akka Yesuusitti yaadaa deemnu, caalaatti wanta inni godhe gochuu fi eenyummaa isaa calaqqisiisuu irratti milkaaʼina argachuu dandeenya.—Filp. 2:5.

6. Namummaa haaraa uffachuuf yeroo carraaqnu dhugaawwan kamfaa sammuutti qabachuu qabna?

6 Dhuguma fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenyaa? ‘Yesuus mudaa hin qabu. Ani matumaa akka isaa taʼuu hin dandaʼu’ jennee yaanna taʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama yoo taʼe dhugaawwan armaan gadii yaadadhu: Tokkoffaa, uumamumaan dandeettii Yihowaa fi Yesuusiin fakkaachuu qabda. Kanaafuu, isaan fakkaachuuf filachuu ni dandeessa; hamma tokkos isaan fakkaachuu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeessa. (Uma. 1:26) Lammaffaa, hafuurri Waaqayyoo humna kamirra iyyuu ni caala. Gargaarsa isaatiin wantoota ofii keetiin raawwachuu hin dandeenye raawwachuu ni dandeessa. Sadaffaa, Yihowaan yeroo ammaatti firii hafuuraa guutummaatti akka argisiistu sirraa hin eegu. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe namoonni bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qaban mudaa kan hin qabne akka taʼan gochuuf waggaa 1,000 ramadeera. (Mul. 20:1-3) Yihowaan yeroo ammaatti wanta nuuf dandaʼame hunda akka goonuu fi gargaarsa argachuuf akka isatti amanamnu nurraa eega.

7. Kanatti aansinee waaʼee maalii ilaalla?

7 Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee amaloota firii hafuura Waaqayyoo taʼan afur gabaabsinee haa ilaallu. Amaloota kana tokko tokkoon yeroo qorru karaa itti Yesuus amaloota kana argisiise irraa maal barachuu akka dandeenyu ilaalla. Kana malees, gaaffilee namummaa haaraa uffachuu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf nu gargaaran tokko tokko ilaalla.

8. Yesuus jaalala kan argisiise akkamitti?

8 Yesuus Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba; jaalalli isaa kun Abbaa isaatiifis taʼe nuuf jecha aarsaa akka kaffalu isa kakaaseera. (Yoh. 14:31; 15:13) Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti namoota hammam akka jaallatu argisiiseera. Namoonni tokko tokko kan isa morman taʼus, guyyaa hunda jaalalaa fi gara laafina argisiiseera. Karaan namoota akka jaallatu itti argisiise inni guddaan immoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiisuudhaani. (Luq. 4:43, 44) Kana malees, Yesuus harka cubbamootaa irratti duʼa suukanneessaa duʼuuf of dhiheessuudhaan Waaqayyoo fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu argisiiseera. Kana gochuudhaan hundi keenya bara baraaf akka jiraannu karaa nuuf baneera.

9. Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Nutis Abbaa keenya isa samii waan jaallannuuf isaaf of murteessinee cuuphamneerra. Kanaafuu, akkuma Yesuus akkaataa itti namoota qabnuun jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu qabna. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 4:20) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jaalalan namootaaf qabu guddifadheeraa? Namoonni yeroo na hin kabajnetti illee gara laafina isaanitti nan argisiisaa? Jaalalli, yeroo fi qabeenya koo warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf akkan itti fayyadamu na kakaasaa? Namoonni baayʼeen carraaqqii koo kan hin dinqisiifanne ykn kan na morman yoo taʼe illee kana gochuuf fedhii qabaa? Hojii barattoota gochuu irratti yeroo dabalataa dabarsuuf carraa nan barbaadaa?’—Efe. 5:15, 16.

10. Yesuus nagaa kan uume akkamitti?

10 Yesuus nama naga qabeessa ture. Yeroo namoonni hammina isa irratti raawwatan hamaa hamaadhaan hin deebisne. Kana caalaas wanta godhe qaba. Nagaa uumuuf dursa fudhateera, akkasumas warri kaan walitti buʼiinsa isaanii akka furan jajjabeesseera. Fakkeenyaaf, Yihowaan waaqeffannaa isaanii akka fudhatu yoo barbaadan obboloota isaanii wajjin nagaa uumuu akka qaban isaan barsiiseera. (Mat. 5:9, 23, 24) Kana malees, isaan keessaa hundumaa irra kan caalu eenyu akka taʼe wal falmuu isaanii akka dhiisan irra deddeebiʼee ergamoota isaa gargaareera.—Luq. 9:46-48; 22:24-27.

11. Nama nagaa uumu taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Nama nagaa uumu taʼuuf walitti buʼiinsi akka hin uumamne gochuu caalaa wanta dabalataa gochuu qabna. Warra kaanii wajjin nagaa uumuuf dursa fudhachuu fi obboloonnii fi obboleettonni keenya walitti buʼiinsa isaanii akka furan jajjabeessuu qabna. (Filp. 4:2, 3; Yaq. 3:17, 18) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Warra kaanii wajjin nagaa uumuuf aarsaa kaffaluuf fedhii qabaa? Obboleessi ykn obboleettiin tokko miira koo yoo miidhan haaloo nan qabadhaa? Namni kan biraan dursa fudhatee hamma nagaa uumuttin eega moo, balleessaa koo akka hin taane yoo natti dhagaʼame illee, nama sanaa wajjin nagaa uumuufan carraaqa? Yeroo sirrii taʼetti, namoonni walitti buʼan nagaa akka uuman nan jajjabeessaa?’

12. Yesuus gaarummaa kan argisiise akkamitti?

12 Yesuus nama gaarii ture. (Mat. 11:28-30) Haala rakkisaa keessatti illee garraamii fi nama yaada isaatti hin cichine taʼuudhaan gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, dubartiin biyya Fiinqee takka mucaa ishii akka fayyisu yeroo isa kadhattetti jalqaba irratti wanta ishiin gaafatte kan ishiidhaaf hin goone taʼus, amantii guddaa akka qabdu yeroo argu gaarummaadhaan ilma ishii fayyiseera. (Mat. 15:22-28) Yesuus gaarummaa kan argisiise taʼus, gorsa kennuu irraa duubatti hin jenne. Dhiibbaa michoota isaatiin ejjennoo isaa laaffisuu dhiisuudhaanis gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, yommuu Pheexiros fedhii Yihowaa akka hin raawwanne abdii isa kutachiisuuf yaaletti barattoota kaan fuulduratti isa sirreesseera. (Mar. 8:32, 33) Kana kan godhe Pheexirosiin qaanessuuf utuu hin taʼin, isa leenjisuu fi barattoonni kaanis akka of hin tuulle akeekkachiisuuf jedheeti. Pheexiros hamma tokko akka qaanaʼe beekamaa dha; taʼus, adaba isaaf kenname irraa fayyadameera.

13. Garaadhaa gaarummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Namoota jaallattutti garaadhaa gaarummaa argisiisuuf yeroo tokko tokko gorsa isaaniif kennuun si barbaachisuu dandaʼa. Yeroo akkas gootu gorsi kennitu qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu irratti akka hundaaʼu gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi. Garraamii taʼi. Namoonni gorsitu wanta sirrii taʼe raawwachuu akka barbaadan amani; namoonni siifis taʼe Yihowaadhaaf jaalala qaban gorsa jaalalaan kakaatee isaaniif kennituuf deebii gaarii akka kennanis amantii qabaadhu. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namni tokko dogoggora raawwachaa akka jiru yeroon argu dubbachuuf ija jabina qabaa? Gorsa kennuun yoo na barbaachise gaarummaadhaanan dubbadha moo, gara jabinaanan dubbadha? Gorsa kennuuf kan na kakaasu maali dha? Gorsa kanan kennu namni sun waan na aarseefi moo, isa gargaaruu waanan barbaadeefi?’

14. Yesuus arjummaa kan argisiise akkamitti?

14 Yesuus arjummaan maal akka taʼe beekuu qofa utuu hin taʼin hojiidhaanis argisiiseera. Yesuus Abbaa isaa waan jaallatuuf yeroo hunda kakaʼumsa sirriidhaan wanta sirrii raawwata. Namni arjaan yeroo hunda karaa itti warra kaan gargaaru barbaada, akkasumas arjummaa isaanitti argisiisa. Wanta sirrii taʼe beekuun qofti gaʼaa miti; wanta sirrii taʼe kakaʼumsa sirriidhaan raawwachuu qabna. Tarii namni tokko, ‘Wanta sirrii taʼe kakaʼumsa sirrii hin taaneen raawwachuun ni dandaʼamaa?’ jedhee gaafata taʼa. Eeyyee, ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Yesuus waaʼee namoota hiyyeeyyiidhaaf kennaa erga kennanii booda warri kaan akka isaaniif beekan godhanii dubbateera. Namoonni kun arjummaa kan argisiisan taʼus, Yihowaan isaanitti hin gammanne.—Mat. 6:1-4.

15. Garaadhaa arjummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Garaadhaa arjummaa argisiisuu kan dandeenyu wanta sirrii taʼe miira ofittummaa irraa walaba taʼeen kakaanee yoo raawwanne qofa dha. Kanaafuu akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Wanta sirrii taʼe beekuu qofa utuu hin taʼin raawwachaan jiraa? Arjummaa argisiisuuf kan na kakaasu maali?’

NAMUMMAA HAARAA UFFANNEEF EEGUMSA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

16. Guyyaa hunda maal gochuu qabna? Maaliif?

16 Carraaqqiin namummaa haaraa uffachuuf goonu yeroo cuuphamnutti ni dhaabbata jennee yaaduu hin qabnu. Uffanni keenya haaraan inni bareedaa taʼe yeroo hundumaa haala gaarii irratti akka argamu gochuu qabna. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko guyyaa guyyaadhaan firii hafuura Waaqayyoo argisiisuuf carraa barbaaduu dha. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan waa hojjechuuf hafuura isaatti fayyadama. (Uma. 1:2) Kanaafuu, amaloonni kutaa firii hafuuraa taʼan hundi hojiidhaaf nu kakaasuu dandaʼu, nu kakaasuus qabu. Fakkeenyaaf, Yaaqoob baratichi, “Amantiin hojii hin [qabne] duʼaa dha” jedhee barreesseera. (Yaq. 2:26) Amaloonni kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼan kaanis akkasuma. Firii hafuuraa yeroo argisiisnu hundatti hafuurri Waaqayyoo nu keessatti hojjechaa akka jiru mirkaneessina.

17. Firii hafuuraa utuu hin argisiisin yoo hafne maal gochuu qabna?

17 Kiristiyaanonni waggoota hedduu dura cuuphaman illee yeroo tokko tokko firii hafuuraa utuu hin argisiisin hafuu dandaʼu. Wanti guddaan garuu abdii kutachuu dhiisuu dha. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Uffanni jaallattu tokko utuu si jalaa tarsaʼee yeruma sana gattaa? Lakki. Suphamuu kan dandaʼu yoo taʼe of eeggannoodhaan suphita. Sana boodas uffatichaaf caalaatti of eeggatta. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo taʼe tokkotti nama tokkotti gaarummaa, obsa ykn jaalala utuu hin argisiisin yoo hafte abdii hin kutatin. Garaadhaa dhiifama gaafachuun walitti dhufeenya gaarii nama sana wajjin qabdu akka hin dhabne si gargaara. Gara fuulduraattis dogoggora kee irra deebiʼuu dhiisuuf kutadhu.

18. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

18 Yesuus fakkeenya gaarii waan nuu taʼeef baayʼee galateeffanna! Yaadaa fi ilaalcha isaa caalaatti hordofaa yeroo deemnu wanta inni raawwate raawwachuun nuuf salphachaa deema. Kun immoo, caalaatti namummaa haaraa uffachuuf nu gargaara. Mata duree kana keessatti amaloota kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼan afur qofa ilaalle. Amaloota kutaa firii hafuuraa taʼan kan biroo irratti qorannaa gochuu fi amaloota kana hammam argisiisaa akka jirtu irratti yaaduuf yeroo ramaduun kee gaarii dha. Mata dureewwan waaʼee firii hafuuraa ibsan Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe irraa kutaa “Jireenya Kiristiyaanummaa” jedhu keessaa, mata duree “Firii Hafuuraa” jedhu jalaa argachuu dandeessa. Ati wanta sirraa eegamu yoo goote, Yihowaan namummaa haaraa akka uffattuu fi akkuma uffattetti itti fufuuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

^ key. 5 Akkaataan guddinaa keenya maaliyyuu yoo taʼe “namummaa haaraa” uffachuu ni dandeenya. Kana gochuuf yaada keenya irratti sirreeffama gochuu fi fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Mata duree kana keessatti fakkeenyota yaadaa fi gocha Yesuus ibsan ilaalla. Erga cuuphamnee booda fakkeenya Yesuus hordofuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

^ key. 4 Galaatiyaa 5:22, 23 irratti amaloonni gaggaariin hafuurri Waaqayyoo horachuuf nu gargaaru hundi hin ibsamne. Waaʼee kanaa ibsa dabalataa argachuuf “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Waxabajjii 2020 irratti baʼe ilaali.