Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 13

Waaqeffannaa Dhugaan Gammachuu Siif Argamsiisa

Waaqeffannaa Dhugaan Gammachuu Siif Argamsiisa

“Yaa Waaqa keenya Yihowaa, . . . ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”—MUL. 4:11.

FAARFANNAA 31 Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi!

QABIYYEE *

1-2. Waaqeffannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama akka qabaatu kan godhu maali dha?

 JECHA “waaqeffannaa” jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Tarii obboleessa siree isaa bira jilbeenfatee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessutu gara sammuu keetti dhufa taʼa. Yookiin immoo waaʼee maatii gammachuudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokkoo yaadda taʼa.

2 Obboleessi jilbeenfatee kadhatus taʼe maatiin Kitaaba Qulqulluu qoʼatu sun waaqeffannaa irratti hirmaachaa jiru. Yihowaan waaqeffannaa isaanii ni fudhataa? Waaqeffannaan isaanii kaayyoo isaa wajjin kan walsimuu fi jaalalaa fi kabajaan kan dhihaate yoo taʼe ni fudhata. Yihowaa baayʼee jaallanna. Waaqeffannaan akka isaaf malu beekna; waaqeffannaa keenyas karaa hunda irra caaluun dhiheessuu barbaanna.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti bara duriitti gosti waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama argate kan akkamii akka taʼe ilaalla, akkasumas kutaawwan waaqeffannaa yeroo harʼaatti fudhatama qaban saddeet irratti mariʼanna. Yeroo akkas goonutti, dhuunfaatti qulqullina waaqeffannaa keenyaa fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yaaduu dandeenya. Waaqeffannaa dhugaan gammachuu nuuf argamsiisa kan jennu maaliif akka taʼes ni ilaalla.

WAAQEFFANNAA BARA DURIITTI YIHOWAA DURATTI FUDHATAMA ARGATE

4. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii kabajaa fi jaalala isaaf qaban kan argisiisan akkamitti?

4 Namoonni amanamoon kan akka Abeel, Noh, Abrahaamii fi Iyyoob Yihowaadhaaf jaalalaa fi kabaja akka qaban argisiisaniiru. Akkamitti? Isaaf ajajamuudhaan, amantii isa irratti qabaachuudhaan, akkasumas aarsaa isaaf dhiheessuudhaani. Kitaabni Qulqulluun wanta waaqeffannaa isaanii irratti raawwatan hundumaa hin dubbatu. Taʼus, Yihowaadhaaf ulfina kennuuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa akka godhanii fi waaqeffannaan isaaniis Yihowaa duratti fudhatama akka argate ifa dha. Yeroo booda Yihowaan sanyii Abrahaamiif Seera Musee kenneera. Seerri kun qajeelfamoota waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsan qabateera.

5. Yihowaan Kiristiyaanonni akkamitti akka isa waaqeffatan barbaada?

5 Yesuus erga duʼee fi duʼaa kaafamee booda Yihowaan tajaajiltoonni isaa akka Seera Musee keessatti ibsametti akka isa waaqeffatan isaan irraa eeguu dhiiseera. (Rom. 10:4) Kiristiyaanonni seera haaraa, jechuunis “seera Kiristoos” akka eegan isaan irraa eegama. (Gal. 6:2) “Seera” kanaaf kan ajajaman seerota hedduu sammuutti qabachuu fi hordofuudhaan utuu hin taʼin, fakkeenya Yesuus hordofuu fi barumsa isaa hojii irra oolchuudhaani. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis Yihowaa gammachiisuu fi ofii isaaniitiif ‘boqonnaa argachuuf’ fakkeenya Yesuus hordofuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu.—Mat. 11:29.

6. Mata duree kana irraa fayyadamuuf maal gochuu qabna?

6 Wantoota Yihowaa waaqeffachuuf goonu irratti yeroo mariʼannu, ‘Gama kanaan guddina akkamiin godhe?’ jedhii of gaafadhu. Kana malees, ‘Qulqullina waaqeffannaa kootii fooyyessuu nan dandaʼaa?’ jettee gaafatta taʼa. Guddina gootetti gammaduu kan qabdu taʼus, gama fooyyaʼiinsa gochuun itti si barbaachisu hubachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhachuu qabda.

WAAQEFFANNAAN KEENYA MAALFAA DABALATA?

7. Yihowaan kadhannaa keenya isa garaadhaa madde akkamitti ilaala?

7 Yommuu Yihowaa kadhannu isa waaqeffachaa jirra. Kitaabni Qulqulluun kadhannaa keenya ixaana of eeggannaadhaan qophaaʼee fi godoo qulqulluu keessatti, yeroo booda immoo mana qulqullummaa keessatti dhihaachaa turee wajjin wal fakkeessa. (Far. 141:2) Ixaanni sun urgaa Waaqayyoon gammachiisu qaba. Haaluma walfakkaatuun jechoota sasalphaatti kan fayyadamnu taʼus, kadhannaan keenya inni garaadhaa madde “isa gammachiisa.” (Fak. 15:8; Kes. 33:10) Yihowaan jaalalaa fi kabaja isaaf qabnu yeroo ibsinu dhagaʼuun akka isa gammachiisu amanuuf sababii gaʼaa qabna. Wanta nu yaaddessu, wanta abdannuu fi wanta hawwinu akka isatti himnu barbaada. Gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee dura wantoota kadhannaa kee irratti caqastu irratti yaaduun kee gaarii dha. Kana gochuudhaan Abbaa kee isa samiitiif “aarsaa ixaanaa” isa gammachiisu dhiheessuu dandeessa.

8. Waaqayyoon jajachuuf carraa addaa akkamii qabna?

8 Yommuu Yihowaa jajannu isa waaqeffachaa jirra. (Far. 34:1) Waaʼee amalootaa fi gochawwan isaa warra dinqisiisoo taʼanii namootatti himuudhaan Yihowaa jajanna. Isa jajachuuf kan kakaanu garaan keenya galateeffannaadhaan yoo guutame dha. Wantoota gaggaarii inni nuuf godhe irratti yeroo fudhannee yommuu xiinxallu sababii itti isa jajannu hedduu arganna. Hojiin lallabaa ‘Waaqayyoof aarsaa galataa, jechuunis firii hidhii keenyaa’ dhiheessuuf carraa addaa nuuf bana. (Ibr. 13:15) Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya dura, wanta kadhannaa keenya irratti caqasuu barbaannu irratti of eeggannoodhaan yaaduun akkuma nu barbaachisu, wanta namoota tajaajila irratti argannutti himnu irrattis of eeggannoodhaan yaaduun keenya barbaachisaa dha. “Aarsaan galataa” keenya hunda irra kan caalu akka taʼu barbaanna. Namootatti yeroo dhugaa himnu garaadhaa dubbanna.

9. Akkuma Israaʼelota durii walgaʼii irratti argamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Muuxannoo kee dubbadhu.

9 Yommuu walgaʼii irratti argamnu Yihowaa waaqeffachaa jirra. Israaʼelota duriitiif ajajni, “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii . . . Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan” jedhu kennamee ture. (Kes. 16:16) Yeroo kanatti namni mana isaaniis taʼe maasii isaanii isaaniif eegu hin jiraatu. Taʼus Yihowaan, “Fuula Waaqa kee Yihowaa ilaaluuf yommuu ol baatutti eenyu iyyuu biyya kee hin hawwu” jechuudhaan waadaa isaaniif galee ture. (Bau. 34:24) Israaʼelonni kun Yihowaa irratti amantii guutuu waan qabaniif ayyaanota waggaa irratti argamaniiru. Kana gochuu isaaniitiinis eebba guddaa argataniiru; seera Waaqayyoo caalaatti hubachuu, gaarummaa isaa irratti xiinxaluu, akkasumas obboloota isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan jajjabina argachuu dandaʼaniiru. (Kes. 16:15) Nutis aarsaa kaffaluudhaan walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo argamnu faayidaa akkasii arganna. Gara walgaʼii dhufuu keenya dura deebii gabaabaa itti yaadame yeroo qophoofnu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi.

10. Faarfannaan kutaa waaqeffannaa iddoo guddaa qabu dha kan jennu maaliifi?

10 Yommuu obboloota keenyaa wajjin faarfannu Yihowaa waaqeffachaa jirra. (Far. 28:7) Israaʼelonni faarfannaa akka kutaa waaqeffannaa iddoo guddaa qabuutti ilaalu turan. Daawit Mootichi mana qulqullummaa keessatti faarfattoota taʼanii akka tajaajilaniif Leewwota 288 muudee ture. (1 Sen. 25:1, 6-8) Yeroo harʼaatti faarfannaa galataa faarfachuudhaan jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuu dandeenya. Kana gochuuf dirqama sagalee gaarii qabaachuun nu hin barbaachisu. Mee yaadi: “Hundi keenya yeroo baayʼee [yeroo dubbannu] ni gufanna”; kun taʼuun isaa garuu gumii irrattis taʼe tajaajila irratti dubbachuu irraa duubatti akka jennu nu hin taasisu. (Yaq. 3:2) Haaluma walfakkaatuun, sagaleen keenya gaarii akka hin taane nutti dhagaʼamuun isaa faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu irraa duubatti akka jennu akka nu taasisu heyyamuu hin qabnu.

11. Akka Faarfannaa 48:13 irratti ibsametti maatiidhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi?

11 Dubbii Yihowaa yeroo qoʼannuu fi waaʼee isaa ijoollee keenya yeroo barsiisnu isa waaqeffachaa jirra. Israaʼelotaaf guyyaan Sanbataa carraa hojii isaanii irraa itti boqotanii fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban itti cimsatan isaaniif argamsiiseera. (Bau. 31:16, 17) Namoonni amanamoon isaan gidduutti argaman ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa fi gaarummaa isaa ni barsiisu turan. Nutis Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Kun kutaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuti, isatti dhihaachuufis nu gargaara. (Far. 73:28) Yeroo maatiidhaan qoʼannu dhaloonni haaraan, jechuunis ijoolleen keenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaarra.—Faarfannaa 48:13 dubbisi.

12. Ilaalcha Yihowaan hojii namoonni miʼawwan godoo qulqulluu hojjetan raawwataniif qabu irraa maal baranna?

12 Bakka waaqeffannaa yeroo ijaarruu fi yeroo suphinu Yihowaa waaqeffachaa jirra. Kitaabni Qulqulluun godoo qulqulluus taʼe miʼawwan godoo qulqulluu hojjechuun “hojii qulqulluu” akka taʼe dubbata. (Bau. 36:1, 4) Yeroo harʼaattis Yihowaan Galma Walgaʼiis taʼe gamoowwan tiʼookraasii kan biroo ijaaruu tajaajila qulqulluu akka taʼetti ilaala. Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko hojii akkasii irratti yeroo dheeraa dabarsu. Gumaacha hojii Mootummichaatiif godhamu kana baayʼee dinqisiifanna. Obboloonni kun hojii lallabaa irrattis ni hirmaatu. Isaan keessaa tokko tokko qajeelchitoota taʼuu illee ni barbaadu. Jaarsoliin gumii obboloonnii fi obboleettonni jabaatanii hojjetan kun ulaagaa isaa kan guutan yoo taʼe qajeelchitoota taʼanii akka tajaajilan isaaniif heyyamuudhaan hojii ijaarsaa akka deggeran argisiisuu dandaʼu. Dandeettii hojii ijaarsaa qabaannus qabaachuu baannus, hundi keenya iyyuu gamoowwan kun qulqulluu akka taʼanii fi haala gaarii irratti akka argamaniif gumaacha gochuu dandeenya.

13. Buusii hojii mootummichaa deggeruuf goonuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

13 Yeroo buusii gochuudhaan hojii Mootummichaa deggerru Yihowaa waaqeffachaa jirra. Israaʼelonni harka duwwaa Yihowaa duratti dhihaachuu hin qaban turan. (Kes. 16:16) Akkuma humna isaaniitti kennaa fidanii dhufuu qabu turan. Kana gochuudhaan qophii hafuuraa isaaniif godhame hundumaaf dinqisiifannaa akka qaban argisiisu. Nutoo Yihowaadhaaf jaalala akka qabnuu fi qophii hafuuraa nuuf godhameef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana itti goonu keessaa tokko akkuma humna keenyaatti gumii keenyaafis taʼe hojii addunyaa maraatiif deggersa maallaqaa gochuu dha. Phaawulos ergamaan, “Jalqaba fedhiin yoo jiraate, kennaan nama tokkoo keessumaa fudhatama kan argatu, hamma qabuun yoo kenne malee, hamma hin qabneen yoo kenne miti” jedheera. (2 Qor. 8:4, 12) Hammi isaa hammam iyyuu yoo taʼe Yihowaan buusii garaadhaa kakaanee goonu ni dinqisiifata.—Mar. 12:42-44; 2 Qor. 9:7.

14. Akka Fakkeenyi 19:17 jedhutti Yihowaan deggersa obboloota gargaarsi isaan barbaachisuuf goonuuf ilaalcha akkamii qaba?

14 Obboloota keenya gargaarsi barbaachisu yeroo deggerru Yihowaa waaqeffachaa jirra. Yihowaan Israaʼelota hiyyeeyyiidhaaf garaa laafan akka eebbisu waadaa galee ture. (Kes. 15:7, 10) Eeyyee, Yihowaan yeroo obboleessa gargaarsi isa barbaachisuuf deggersa goonu hundumaatti, akka kennaa isaaf kennineetti ilaala. (Fakkeenya 19:17 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Phaawulos kennaa Kiristiyaanonni Filiphisiyus utuu inni mana hidhaa jiruu isaaf ergan akka ‘aarsaa fudhatama qabuu fi Waaqayyoon gammachiisuutti’ ilaaleera. (Filp. 4:18) Waaʼee obboloota gumii kee keessa jiranii yaaduudhaan, ‘Namni ani gargaaruu dandaʼu jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Yihowaan yommuu nuti yeroo, humna, dandeettii fi qabeenya keenyatti fayyadamnee warra gargaarsi keenya isaan barbaachisuuf deggersa goonu baayʼee gammada. Gocha akkasii akka kutaa waaqeffannaa keenyaatti ilaala.—Yaq. 1:27.

WAAQEFFANNAA DHUGAAN GAMMACHUU NUUF ARGAMSIISA

15. Waaqeffannaa dhugaan yeroo fi carraaqqii kan gaafatu taʼus baʼaa miti kan jennu maaliifi?

15 Waaqeffannaa dhugaan yeroo fi carraaqqii gaafata. Taʼus, baʼaa miti. (1 Yoh. 5:3) Akkana kan jennu maaliifi? Sababni isaas, Yihowaa kan waaqeffannu jaalala isaaf qabnuun kakaaneeti. Mee waaʼee mucaa xinnoo abbaa isaatiif waa kennuu barbaade tokkoo yaadi. Mucaan kun fakkii isaaf kennu kaasuuf yeroo dheeraa dabarse taʼa. Yeroo fakkicha kaasuuf dabarsetti hin gaabbu. Abbaa isaa waan jaallatuuf kennaa akkasii isaaf kennuun isa gammachiisa. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Yihowaa waan jaallannuuf, yeroo fi humna keenya isa waaqeffachuuf oolchuun nu gammachiisa.

16. Akka Ibroonni 6:10 jedhutti Yihowaan carraaqqii isa gammachiisuuf goonuuf ilaalcha akkamii qaba?

16 Warri jaalala qabeeyyii taʼan ijoollee isaanii irraa kennaa wal qixa taʼe hin eegan. Dandeettiin ijoollee isaanii garaa gara akka taʼe ni hubatu. Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan keenya inni samiis haala keenya nuuf hubata. Tarii, namoota beektuu fi jaallattu hedduu caalaa wanta baayʼee hojjechuu dandeessa taʼa. Yookiin immoo sababii umurii, fayyaa ykn itti gaafatamummaa maatii keessatti qabduun kan kaʼe hamma warra kaanii hojjechuu hin dandeessu taʼa. Taʼus, abdii hin kutatin. (Gal. 6:4) Yihowaan hojii kee hin irraanfatu. Kakaʼumsa gaariidhaan wanta qabdu keessaa isa hunda irra caalu yoo kennite sitti gammada. (Ibroota 6:10 dubbisi.) Yihowaan wanta gochuu barbaaddu illee beeka. Inni waaqeffannaa isaaf dhiheessuu dandeessutti akka gammaddu barbaada.

17. (a) Kutaa waaqeffannaa keenyaa tokko tokko irratti hirmaachuun yoo nutti ulfaate tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya? (b) Kutaawwan waaqeffannaa saanduqa, “ Gammachuu Kee Guddifadhu” jedhu keessatti ibsaman keessaa tokko kan si fayyade akkamitti?

17 Kutaawwan waaqeffannaa keenyaa tokko tokko fakkeenyaaf, qoʼannaa dhuunfaa gochuunii fi tajaajila dirree irratti hirmaachuun yoo nutti ulfaate maal gochuu dandeenya? Kutaawwan waaqeffannaa kana irratti hammuma hirmaachaa deemne caalaatti jaallachaa deemna, akkasumas irraa fayyadamna. Waaqeffannaa keenya ispoortii hojjechuu ykn meeshaa muuziqaa shaakaluu wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Sochiiwwan kana irratti kan hirmaannu darbee darbee yoo taʼe guddina gochuun nu rakkisa. Guyyaa guyyaadhaan kan irratti hirmaannu yoo taʼe hoo? Jalqaba irratti yeroo muraasa kan ramannu taʼus, suutuma suuta yeroo isaa dheeressaa deemna. Buʼaa gaarii carraaqqiin keenya argamsiise ilaalaa yeroo deemnu, sochiiwwan kana irratti hirmaachuuf ni hawwina, akkasumas caalaatti nu gammachiisu. Kun waaqeffannaa keenyaa wajjin haala walqabateenis ni hojjeta.

18. Kaayyoo itti uumamne kan raawwannu akkamitti? Kana gochuun keenya hoo maal nuuf argamsiisa?

18 Garaa guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuudhaan kaayyoo itti uumamne raawwachuu dandeenya. Kana kan goonu yoo taʼe jireenya gammachiisaa fi hiika qabu jiraanna, akkasumas abdii bara baraaf Yihowaa waaqeffachuu qabaanna. (Fak. 10:22) Yihowaan yeroo rakkinni isaan irra gaʼu tajaajiltoota isaa akka gargaaru waan beeknuuf ammayyuu nagaa sammuu qabna. (Isa. 41:9, 10) Abbaa keenya isa jaalala qabeessa isa uumamawwan isaa hundumaa irraa ‘ulfinaa fi kabaja fudhachuun isaaf malu’ waan waaqeffannuuf gammaduuf sababa qabna.—Mul. 4:11.

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

^ key. 5 Yihowaan Uumaa wantoota hundumaa waan taʼeef, isa waaqeffachuun keenya sirrii dha. Yihowaan waaqeffannaa isaaf dhiheessinu kan fudhatu seeraa fi qajeelfama isaatiif yoo ajajamne qofa dha. Mata duree kana keessatti kutaawwan waaqeffannaa keenyaa saddeet irratti mariʼanna. Karaa wantoota kana itti raawwannu fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun keenya gammachuu kan nuuf argamsiisu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.