Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 14

Jaarsoliin, Fakkeenya Phaawulos Ergamaa Hordofuu Keessan Itti Fufaa

Jaarsoliin, Fakkeenya Phaawulos Ergamaa Hordofuu Keessan Itti Fufaa

“Fakkeenya koo hordofaa.”—1 QOR. 11:1.

FAARFANNAA 99 Obboloota Kumaatama

QABIYYEE *

1-2. Fakkeenyi Phaawulos ergamaa jaarsolii yeroo harʼaatti argaman gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

 PHAAWULOS ergamaan obboloota isaa ni jaalata. Isaan kunuunsuuf dadhabe utuu hin jedhin hojjeteera. (HoE. 20:31) Kanaan kan kaʼes, obboloonni isaa baayʼee isa jaalatu turan. Yeroo tokko jaarsoliin Efesoon deebiʼanii akka isa hin argine yeroo hubatan “akka malee booʼan.” (HoE. 20:37) Haaluma walfakkaatuun jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis obbolootaa fi obboleettota isaanii baayʼee jaalatu; isaan gargaaruufis wanta isaaniif dandaʼame hunda ni godhu. (Filp. 2:16, 17) Yeroo tokko tokko garuu jaarsoliin haalli rakkisaan isaan mudata. Haala rakkisaa isaan mudatu kana mooʼuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?

2 Jaarsoliin cimanii hojjetan fakkeenya Phaawulos qoruun isaan fayyada. (1 Qor. 11:1) Phaawulos akkuma isaanii nama ture. Nama mudaa qabuu fi yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe gochuuf qabsaaʼaa ture dha. (Rom. 7:18-20) Rakkoowwan hedduunis isa mudataniiru. Haa taʼu malee, Phaawulos abdii hin kutanne ykn gammachuu isaa hin dhabne. Jaarsoliinis fakkeenya Phaawulos kan hordofan yoo taʼe, rakkoowwan isaan mudatan mooʼuudhaan gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuu dandaʼu. Mee kana gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti, haalawwan rakkisoo yeroo baayʼee jaarsolii mudatan afur ilaalla: (1) hojii lallabaatii fi itti gaafatamummaa kaan raawwachuuf yeroo gaʼaa argachuu, (2) tiksitoota gaarii taʼuu, (3) dadhabina ofii wajjin waldhaansoo gochuu, akkasumas (4) dadhabina warra kaanii dandamachuu. Phaawulos haalawwan rakkisoo kana kan dandamate akkamitti akka taʼee fi jaarsoliin fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe mariʼanna.

HOJII LALLABAATII FI ITTI GAAFATAMUMMAA KAANIIF YEROO GAʼAA ARGACHUU

4. Jaarsoliin hojii lallabaa irratti dursa fudhachuun rakkisaa isaanitti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

4 Rakkisaa kan taʼe maaliifi? Jaarsoliin hojii lallabaa irratti dursa fudhachuu malees itti gaafatamummaa hedduu qabu. Fakkeenyaaf, walgaʼii torban gidduu irratti dabareedhaan dura taaʼaa taʼanii tajaajilu, akkasumas Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii geggeessu. Haasaawwan kan biroos ni dhiheessu. Tajaajiltoota gumii leenjisuufis taʼe obbolootaa fi obboleettota isaanii jajjabeessuuf carraaqqii cimaa godhu. (1 Phe. 5:2) Jaarsoliin tokko tokko immoo, Galmawwan Walgaʼii fi gamoowwan tiʼookraasii kan biroo ijaaruu fi suphuu irratti hirmaatu. Taʼus, akkuma babalʼistoota gumii keessa jiran kaanii hojiin jaarsolii inni guddaan misiraachicha lallabuu dha.—Mat. 28:19, 20.

5. Phaawulos hojii lallabaa irratti fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

5 Fakkeenya Phaawulos. Phaawulos Filiphisiyus 1:10 irratti wanti hojii lallabaa irratti milkaaʼina argachuuf gargaaru “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasanii] beekuu” akka taʼe ibseera. Phaawulos wanta dubbate kana hojii irra oolcheera. Tajaajilaaf muudamee kan ture yeroo taʼu, tajaajila kanas waggoota hedduudhaaf wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan keessaa tokko akka taʼetti ilaaleera. “Bakka namoonni walgaʼanittii fi manaa gara manaatti” lallabeera. (HoE. 20:20) Hojii lallabaa irratti hirmaachaa kan ture guyyaa keessaa saʼaatii murtaaʼe tokko qofatti ykn torbee keessaa guyyaa taʼe tokko qofa hin turre. Lallabuuf carraa argate hundatti fayyadameera! Fakkeenyaaf, yeroo Ateenaa keessatti michoota isaa eegaa turetti garee namoota beekamoo taʼan tokkotti misiraachicha himeera; isaan keessaa tokko tokkos deebii gaarii kennaniiru. (HoE. 17:16, 17, 34) Phaawulos yeroo ‘hidhamee’ turetti illee namoota naannoo isaa jiraniif lallabeera.—Filp. 1:13, 14; HoE. 28:16-24.

6. Phaawulos warra kaan leenjisuuf maal godheera?

6 Phaawulos yeroo isaatti akka gaariitti fayyadameera. Yeroo baayʼee warri kaan akka isa wajjin tajaajilan affeera ture. Fakkeenyaaf, adeemsa misiyoonummaa isaa isa tokkoffaa irratti Yohaannis Maarqos, isa lammaffaa irratti immoo Ximotewosiin fudhatee deemeera. (HoE. 12:25; 16:1-4) Phaawulos gumii gurmeessuun, tika gochuunii fi barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe isaan barsiisuuf carraaqqii godhee akka ture homaa hin shakkisiisu.—1 Qor. 4:17.

Dhugaa baʼuuf qophaaʼaa taʼuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofi (Keeyyata 7 ilaali) *

7. Jaarsoliin gorsa Phaawulos Efesoon 6:14, 15 irratti argamu hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

7 Barumsa jaarsoliin argatan. Jaarsoliin manaa gara manaa deemanii lallabuudhaan qofa utuu hin taʼin, carraa argatan hundatti fayyadamanii dhugaa baʼuuf qophaaʼoo taʼuu fi fedhii qabaachuudhaanis fakkeenya Phaawulos hordofuu dandaʼu. (Efesoon 6:14, 15 dubbisi.) Fakkeenyaaf, yeroo waa bitachuuf baʼan ykn bakka hojii isaaniitti dhugaa baʼuu dandaʼu. Yookiin immoo ijaarsa gamoowwan tiʼookraasii irratti yeroo hirmaatan namoota naannichaatiifis taʼe namoota meeshaa isaanitti gurguraniif lallabuu dandaʼu. Jaarsoliin akkuma Phaawulos yeroo tajaajila irratti dabarsan tajaajiltoota gumii dabalatee warra kaan leenjisuuf itti fayyadamuu dandaʼu.

8. Yeroo tokko tokko jaarsi gumii tokko maal gochuun isa barbaachisuu dandaʼa?

8 Jaarsoliin hojii lallabaatiif yeroo hamma dhabanitti hojii gumiitiin ykn hojii aanaatiin qabamuu hin qaban. Madaallii isaanii eeggachuuf darbee darbee hojii tokko tokko fudhachuu dhiisuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Dhimmicha irratti erga yaadanii fi erga kadhatanii booda hojii sana yoo fudhatan wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan raawwachuu akka hin dandeenye hubatu taʼa. Wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼan kun torban torbaniin waaqeffannaa maatii geggeessuu, hojii lallabaa irratti hirmaannaa guutuu gochuu ykn ijoolleen isaanii tajaajila irratti akka hirmaatan leenjisuu dabalata. Jaarsoliin tokko tokko mirga tajaajilaa tokko fudhachuu diduun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan wanta hundumaa irratti madaallii isaanii eeggachuuf fedhii isaan qaban akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.

TIKSEE GAARII TAʼUU

9. Jaarsoliin hojiin isaanitti baayʼatu haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?

9 Rakkisaa kan taʼe maaliifi? Saba Yihowaa irra rakkina hedduutu gaʼa. Guyyoota dhumaa kanatti hundi keenya iyyuu jajjabinnii fi deeggarsi nu barbaachisa. Obboloonni tokko tokko immoo, wanta dogoggora taʼe irraa fagaachuuf gargaarsi isaan barbaachisa. (1 Tas. 5:14) Jaarsoliin rakkoowwan saba Yihowaa mudatan hunda balleessuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, Yihowaan jaarsoliin hoolota isaa jajjabeessuu fi eeguuf wanta isaaniif dandaʼame hunda akka godhan barbaada. Maarree, jaarsoliin hojiin isaanitti baayʼatu obboloota isaaniitiif gargaarsa barbaachisu gochuuf yeroo argachuu kan dandaʼan akkamitti?

Warra kaan galateeffadhu, akkasumas isaan jajjabeessi (Keeyyata 10, 12 ilaali) *

10. Akka 1 Tasalonqee 2:7 jedhutti Phaawulos saba Yihowaatiif akka yaadu kan argisiise akkamitti?

10 Fakkeenya Phaawulos. Phaawulos obboloota isaa galateeffachuu fi jajjabeessuuf carraa barbaada ture. Jaarsoliinis saba Yihowaa jaalalaan qabuudhaan fakkeenya isaa hordofuun isaanii gaarii dha. (1 Tasalonqee 2:7 dubbisi.) Phaawulos obboloota isaa akka jaalatuu fi Yihowaanis akka isaan jaalatu isaaniif mirkaneesseera. (2 Qor. 2:4; Efe. 2:4, 5) Phaawulos obboloota gumii keessa jiranii wajjin yeroo dabarsuudhaan akka michoota isaatti akka isaan ilaalu argisiiseera. Wanta isa sodaachisuu fi dadhabina isaa ifatti dubbachuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. (2 Qor. 7:5; 1 Xim. 1:15) Haa taʼu malee, Phaawulos rakkoowwan isa mudatan irratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, obboloota isaa gargaaruu barbaada ture.

11. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaatiif gorsa kan kenne maaliifi?

11 Phaawulos yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota isaa gorsuun isa barbaachiseera. Taʼus, aariidhaan kakaʼee akkas godhee hin beeku. Gorsa kan isaaniif kennu waan isaaniif yaaduu fi balaawwan adda addaa irraa isaan eeguu waan barbaaduufi. Gorsi kennu salphaa akka taʼu gochuuf yaaleera; gorsa isaa akka fudhatanis ni barbaada ture. Fakkeenyaaf, xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti gorsa cimaa kenneera. Xalayaa sana erga isaaniif barreessee booda Tiitoo gara isaaniitti ergeera. Phaawulos deebiin isaan xalayaa isaatiif kennan isa yaaddessee ture. Gorsa isaa akka fudhatan yeroo dhagaʼu baayʼee gammade!—2 Qor. 7:6, 7.

12. Jaarsoliin obboloota isaanii jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Barumsa jaarsoliin argatan. Jaarsoliin obboloota isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandaʼu. Karaan itti kana gochuu dandaʼan inni tokko warra kaanii wajjin akka gaariitti haasaʼuu akka dandaʼaniif dursanii gara Galma Walgaʼii dhaquu dha. Yeroo baayʼee obboleessa ykn obboleettii tokko jajjabeessuuf daqiiqaa muraasni gaʼaa dha. (Rom. 1:12; Efe. 5:16) Jaarsi fakkeenya Phaawulos hordofu tokko Dubbii Waaqayyootti fayyadamee obboloota isaa jajjabeessuu fi Waaqayyo akka isaan jaalatu isaaniif mirkaneessuudhaan amantii isaanii cimsuu dandaʼa. Kana malees, warra eegumsa isaa jala jiraniif jaalala isaa ni ibsa. Yeroo hunda isaan haasofsiisa, isaan galateeffachuufis carraa barbaada. Jaarsi tokko gorsa kennuun yoo isa barbaachise gorsi isaa Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu godha. Ifatti kan dubbatu taʼus, obboloonni gorsa isaa akka fudhatan waan barbaaduuf gaarummaadhaan gorsa kenna.—Gal. 6:1.

DADHABINA OFII WAJJIN WALDHAANSOO GOCHUU

13. Jaarsi tokko dadhabinni isaa dhiibbaa akkamii isa irraan gaʼuu dandaʼa?

13 Rakkisaa kan taʼe maaliifi? Jaarsoliin cubbuu irraa walaba miti. Akkuma warra kaanii isaanis dogoggora ni raawwatu. (Rom. 3:23) Yeroo tokko tokko dadhabina isaaniitiif ilaalcha madaalamaa qabaachuuf waldhaansoo gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko, hirʼina isaanii irratti garmalee waan xiyyeeffataniif abdii kutachuu dandaʼu. Warri kaan immoo, dogoggora isaanii salphisanii waan ilaalaniif sirreeffama gochuun akka isaan barbaachisu isaanitti hin dhagaʼamu taʼa.

14. Filiphisiyus 4:13 akka jedhutti Phaawulos amala gad of qabuu qabaachuun isaa dadhabina isaa dandamachuuf kan isa gargaare akkamitti?

14 Fakkeenya Phaawulos. Phaawulos nama gad of qabu waan taʼeef, dadhabina isaa ofuma isaatiin dandamachuu akka hin dandeenye hubateera. Jabinni Waaqayyo kennu isa barbaachisa ture. Phaawulos sana dura nama mata jabeessaa fi Kiristiyaanota irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture dha. Booda garuu wanti gochaa ture dogoggora akka taʼe waan hubateef ilaalchaa fi eenyummaa isaa jijjiireera. (1 Xim. 1:12-16) Phaawulos gargaarsa Yihowaatiin tiksee jaalala qabeessa, gara laafessaa fi gad of qabu taʼuu dandaʼeera. Phaawulos hirʼina baayʼee akka qabu hubateera; taʼus, isa irratti xiyyeeffachuu mannaa Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu amaneera. (Rom. 7:21-25) Nama mudaa hin qabne taʼuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, namummaa Kiristiyaanaa uffate fooyyessuuf carraaqqii godheera; akkasumas hojii isaa fiixaan baasuuf gad of qabuudhaan Yihowaatti amanameera.—1 Qor. 9:27; Filiphisiyus 4:13 dubbisi.

Dadhabina kee mooʼuuf carraaqqii godhi (Keeyyata 14-15 ilaali) *

15. Jaarsoliin dadhabina isaaniitiif ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu qabu?

15 Barumsa jaarsoliin argatan. Jaarsoliin kan muudaman cubbuu irraa bilisa waan taʼaniif miti. Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora isaanii amananii akka fudhatanii fi namummaa Kiristiyaanaa uffatan akka fooyyessan isaan irraa eega. (Efe. 4:23, 24) Jaarsi tokko Dubbii Waaqayyootti fayyadamee of qoruu fi sirreeffama barbaachisu kam iyyuu gochuu qaba. Akkas yoo godhe, Yihowaan gammachuu akka qabaatuu fi milkaaʼina akka argatu isa gargaara.—Yaq. 1:25.

DADHABINA WARRA KAANII DANDAMACHUU

16. Jaarsi tokko dadhabina warra kaanii irratti kan xiyyeeffatu yoo taʼe maaltu uumamuu dandaʼa?

16 Rakkisaa kan taʼe maaliifi? Jaarsoliin obboloota gumii keessa jiranii wajjin yeroo dheeraa waan dabarsaniif, dadhabina isaan qaban hubachuun isaanii hin oolu. Haa taʼu malee, jaarsoliin of eeggachuu yoo baatan obboloota isaaniitti aaruu, gaarummaa utuu isaanitti hin argisiisin hafuu fi isaan qeequu dandaʼu. Phaawulos Seexanni akkas akka godhan kan barbaadu taʼuu isaa caqasuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera.—2 Qor. 2:10, 11.

17. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaatiif ilaalcha akkamii qaba?

17 Fakkeenya Phaawulos. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaatiif ilaalcha gaarii qaba ture. Wanta isaan raawwataniin miidhamee waan beekuuf dogoggora isaan raawwatan sirriitti beeka. Haa taʼu malee, Phaawulos amala gadhee qabaachuunii fi nama hamaa taʼuun garaa garummaa akka qabu beeka. Obboloota isaa waan jaalatuuf amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Obboloonni isaa wanta sirrii taʼe raawwachuuf waldhaansoo gochaa akka jiran yeroo argu kakaʼumsi isaanii sirrii akka taʼee fi gargaarsi akka isaan barbaachisu yaada ture.

18. Akkaataa itti Phaawulos Ewodiyaa fi Sinxiikee gargaare irraa maal baratte? (Filiphisiyus 4:1-3)

18 Phaawulos obboleettota gumii Filiphisiyus keessa jiran lama kan gargaare akkamitti akka taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (Filiphisiyus 4:1-3 dubbisi.) Ewodiyaa fi Sinxiikeen garaa garummaan isaanii akka walitti isaan buusu heyyamanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, Phaawulos gaarummaa utuu isaanitti hin argisiisin hin hafne ykn isaan hin qeeqne; kanaa mannaa, amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Obboleettonni amanamoon kun waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa turaniiru. Phaawulos Yihowaan akka isaan jaalatu beeka. Ilaalchi gaariin Phaawulos obboleettota kanaaf qabu walitti buʼiinsa isaanii akka furan isaan jajjabeessuuf isa kakaaseera. Ilaalcha akkasii qabaachuun isaa gammachuu isaa akka eeggatuu fi obboloota gumii sana keessa jiranii wajjin michummaa cimaa akka qabaatu isa gargaareera.

Warra kaan qeequu irraa of qusadhu (Keeyyata 19 ilaali) *

19. (a) Jaarsoliin obboloota isaaniitiif ilaalcha gaarii qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Suuraa jaarsa gumii Galma Walgaʼii qulqulleessaa jiru argisiisu irraa maal baratte?

19 Barumsa jaarsoliin argatan. Jaarsoliin, amaloota gaggaarii obboloonni keessan qaban irratti xiyyeeffadhaa. Namni hundi mudaa kan qabu taʼus amala gaariis qaba. (Filp. 2:3) Jaarsoliin darbee darbee obboleessa ykn obboleettii tokkoof gorsa kennuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Tarii wanti namni sun dubbatuu fi raawwatu kan nama aarsu taʼuu dandaʼa; taʼus jaarsoliin akkuma Phaawulos wanta akkasii irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf carraaqqii gochuu qabu. Kanaa mannaa, jaalala namni sun Yihowaadhaaf qabu, tajaajila Waaqayyoo keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa fi wanta sirrii taʼe raawwachuuf fedhii inni qabu irratti xiyyeeffachuun isaanii gaarii dha. Jaarsoliin ilaalcha gaarii qaban gumii keessa nagaa fi gammachuun akka jiraatu gumaacha guddaa godhu.

FAKKEENYA PHAAWULOS HORDOFUU KEESSAN ITTI FUFAA

20. Jaarsoliin fakkeenya Phaawulos irraa fayyadamuu isaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

20 Jaarsoliin fakkeenya Phaawulos qoʼachuun keessan isin fayyada. Fakkeenyaaf, birooshura “Caaffanni Qulqullaaʼaan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha (Maatewosii–Qolosaayisitti) jedhamu fuula 23, keeyyata 19 fi birooshura “Caaffanni Qulqullaaʼaan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha (1 Tasaloniiqee–Mulʼataatti) jedhamu fuula 12-13, keeyyata 8-9 ilaaluu dandeessu. Waaʼee Phaawulos caalaatti barachaa yeroo deemtan akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Yeroon jaarsa taʼee tajaajilutti gammachuu koo eeggachuuf fakkeenyi Phaawulos kan na gargaaru akkamitti?’

21. Jaarsoliin waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu?

21 Jaarsoliin, Yihowaan cubbuu irraa walaba akka taatan akka isin irraa hin eegne yaadadhaa; kanaa mannaa, amanamoo akka taatan isin gaafachaa jira. (1 Qor. 4:2) Yihowaan Phaawulos jabaatee hojjechuu isaattii fi amanamaa taʼuu isaatti gammadeera. Isinis wanta tajaajila isaa keessatti raawwattaniif Waaqayyo iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Yihowaan matumaa “hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.”—Ibr. 6:10.

FAARFANNAA 87 Kottaa Haaromaa

^ key. 5 Hojii jaarsoliin nu gargaaruuf cimanii hojjetaniif dinqisiifannaa guddaa qabna! Mata duree kana keessatti, rakkoowwan yeroo baayʼee isaan mudatan afur irratti mariʼanna. Rakkoowwan kana mooʼuuf fakkeenyi Phaawulos ergamaa kan isaan gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Mata dureen kun hundi keenya miira jaarsolii akka hubannu, jaalala akka isaanitti argisiisnuu fi deeggarsa akka isaaniif goonu nu kakaasa.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko bakka hojii isaatii utuu baʼaa jiruu nama isa wajjin hojjetutti misiraachicha himaa jira.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Jaarsi tokko obboleessa warra kaan irraa adda of baasu tokko jajjabeessaa jira.

^ key. 65 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko nama dhimma tokkotti mufate tokkoof gorsa gaarii kennaa jira.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Jaarsi tokko yeroo obboleessi tokko hojii fedhiidhaan irratti hirmaachaa jiru irraa xiyyeeffannaan isaa hihirametti isa hin qeeqne.