Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiphina Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Dhiphina Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

DHIPHINNI garaa keenya keessa jiru baʼaa ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. (Fak. 12:25) Jireenya kee keessatti dhiphinni cimaan sitti dhagaʼamee beekaa? Dhiphina sitti dhagaʼamu dandamachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, miira akkasii wajjin waldhaansoo kan godhu si qofa miti. Baayʼeen keenya sababii garaa garaatiin dadhabbii cimaan, dhiphinnii fi yaaddoon nutti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, miseensa maatii nu jalaa dhukkubsate yeroo kunuunsinu, nama jaallannu yeroo duʼaan dhabnu ykn balaan uumamaa yeroo nurra gaʼu miirri akkasii nutti dhagaʼama. Maarree, dhiphina keenya dandamachuuf maaltu nu gargaara? a

Dhiphina dandamachuu ilaalchisee fakkeenya Daawit Mootichaa qoruudhaan barumsa guddaa argachuu dandeenya. Daawit jireenya isaa keessatti rakkinoonni ciccimoo taʼan hedduun isa mudataniiru; yeroo duʼaaf itti saaxilame iyyuu qaba. (1 Sam. 17:34, 35; 18:10, 11) Maarree, dhiphina dandamachuuf maaltu isa gargaare? Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

DAAWIT DHIPHINA DANDAMACHUU KAN DANDAʼE AKKAMITTI?

Daawit takkaatti rakkinni hedduun isarra gaʼeera. Fakkeenyaaf, yeroo Saaʼol Mooticha jalaa baqachaa turetti haala isa mudate haa ilaallu. Daawitii fi namoonni isaa duula waraanaa tokko irraa yeroo deebiʼanitti haala baayʼee nama naasisutu isaan mudate; diinonni isaanii qabeenya isaanii jalaa saamanii, manneen isaanii gubanii, akkasumas maatii isaanii boojuudhaan fudhatanii turan. Yeroo kanatti Daawititti maaltu dhagaʼame? “Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan, booʼuuf hamma humna dhabanitti sagalee isaanii ol kaasanii booʼan.” Namoonni isaa “dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa waan turaniif” Daawit caalaatti dhiphatee ture. (1 Sam. 30:1-6) Daawit takkaatti rakkinoota ciccimoo sadiitu isa mudate: Maatiin isaa balaadhaaf saaxilameera, namoonni isaa isa ajjeesuu barbaadu, Saaʼol Mootichis isa ajjeesuuf isa barbaadaa jira. Yeroo kanatti Daawit garmalee dhiphatee akka ture ifa dha.

Maarree, Daawit maal godhe? Yeruma sana “gargaarsa Waaqa isaa Yihowaatiin of jajjabeesse.” Daawit kana kan godhe akkamitti? Daawit gargaarsa Yihowaa argachuuf akka kadhatuu fi gargaarsa inni sana dura isaaf godhe irratti akka xiinxalu beekna. (1 Sam. 17:37; Far. 18:2, 6) Daawit qajeelfama Yihowaa argachuun akka isa barbaachisu waan hubateef, maal gochuu akka qabu Yihowaa gaafateera. Qajeelfama Yihowaa erga argatee boodas yeruma sana tarkaanfii fudhate. Kanaan kan kaʼes, innii fi namoonni isaa eebba Yihowaa waan argataniif, maatii isaanii fi qabeenya isaanii deebifachuu dandaʼaniiru. (1 Sam. 30:7-9, 18, 19) Wantoota Daawit godhe sadan hubatteettaa? Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhateera, wanta Yihowaan sana dura isaaf godhe irratti xiinxaleera, akkasumas qajeelfama Yihowaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhateera. Nuti hoo fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

YEROO DHIPHATTU FAKKEENYA DAAWIT HORDOFI

1. Kadhadhu. Yeroo dhiphinni nutti dhagaʼamuu jalqabu hundumaatti Yihowaan gargaarsa akka nuuf godhuu fi ogummaa akka nuuf kennu kadhachuu ni dandeenya. Yaaddoo nutti dhagaʼamu hundumaa kadhannaadhaan isatti himachuun keenya miira keenya nuuf tasgabbeessa. Haalli keessa jirru akkas gochuuf nuuf hin heyyamu taanaan immoo, sagalee keenya utuu hin dhageessisin kadhannaa gabaabaa dhiheessuu dandeenya. Yeroo Yihowaan akka nu gargaaru kadhannu hundumaatti akkuma Daawit isa irratti amanannaa akka qabnu argisiisna. Daawit, “Yihowaan kattaa koo, dahoo koo fi isa na oolchu dha. Waaqni koo, qarsaa koo isan kooluu itti galu dha” jedheera. (Far. 18:2) Kadhannaa dhiheessuun kee dhuguma si fayyadaa? Qajeelchituun Kaaliyaa jedhamtu, “Kadhannaa ergan dhiheessee booda tasgabbiitu natti dhagaʼama. Kadhannaan caalaatti akka Yihowaatti yaaduuf, akkasumas amanannaan isarratti qabu guddifachuuf na gargaara” jetteetti. Dhugumayyuu, kadhannaan kennaa Yihowaan nuuf kennee fi dhiphina dandamachuuf nu gargaaru dha.

2. Xiinxali. Duubatti deebitee waaʼee jireenya keetii yeroo yaaddu, gargaarsa Yihowaa utuu argachuu baattee rakkinoota si mudatan matumaa dandamachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa? Yihowaan nuunis taʼe tajaajiltoota isaa kan biroo akkamitti akka gargaare xiinxaluun keenya, keessa keenyatti cimina akka qabaannu godha, akkasumas amanannaa isarratti qabnu nuuf guddisa. (Far. 18:17-19) Jaarsi gumii Joshuwaa jedhamu, “Kadhannaawwan koo keessaa warra deebii argatan nan galmeeffadha. Akkana gochuun koo Yihowaa maalfaa akkan gaafadhee fi innis wantuma na barbaachisu akka naaf kenne na yaadachiisa” jedheera. Eeyyee, wanta Yihowaan nuu godhe irratti yaaduun keenya cimina dhiphina keenya dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa.

3. Tarkaanfii fudhadhu. Haala tokko ilaalchisee murtoo gochuu keenya dura Dubbii Waaqayyoo irraa qajeelfama amansiisaa argachuu ni dandeenya. (Far. 19:7, 11) Namoonni hedduun caqasa tokko irratti qorannaa gochuun isaanii caqasichi jireenya isaanii keessatti kan hojjetu akkamitti akka taʼe hubachuuf akka isaan gargaaru isaanitti dhagaʼama. Jaarsi gumii Jaarod jedhamu, “Qorannaa gochuun koo caqasicha akka gaariitti hubachuuf, akkasumas wanta Yihowaan naan jechaa jiru hubachuuf na gargaara. Kun immoo wantan dubbisu amanuuf waan na gargaaruuf, qajeelfama isaa hojii irra oolchuufan kakaʼa” jedheera. Kitaaba Qulqulluu irraa qajeelfama Yihowaa argachuuf yeroo carraaqqii goonuu fi qajeelfama sana yeroo hojii irra oolchinu dhiphina keenya caalaatti dandamachuu ni dandeenya.

YIHOWAAN JABAATTEE AKKA DHAABBATTU SI GARGAARA

Daawit dhiphina dandamachuu irratti milkaaʼina argachuuf gargaarsi Yihowaa akka isa barbaachisu hubatee ture. Daawit gargaarsa Yihowaan isaaf godhuuf dinqisiifannaa guddaa waan qabuuf, “Humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu nan dandaʼa. Waaqni dhugaan isa jabina natti uwwisu dha” jedheera. (Far. 18:29, 32) Rakkinni nu mudatu akkuma dallaa utaalamuu hin dandeenyee akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin rakkina akka dallaa taʼe kam iyyuu utaaluu ni dandeenya. Eeyyee, Yihowaan akka nu gargaaru kan kadhannu, wantoota inni kanaan dura nuuf godhe hundumaa irratti kan xiinxalluu fi tarkaanfii qajeelfama isaa wajjin wal simu kan fudhannu yoo taʼe, inni ciminaa fi ogummaa dhiphina keenya dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu amanannaa qabaachuu ni dandeenya.

a Namni dhiphinni baayʼee cimaa taʼe isatti dhagaʼamu yaaliin fayyaa isa barbaachisuu dandaʼa.