Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 16

Wanta Hundarra Caalu Yihowaadhaaf Kennuudhaan Gammadi

Wanta Hundarra Caalu Yihowaadhaaf Kennuudhaan Gammadi

“Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru.”—GAL. 6:4.

FAARFANNAA 37 Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajiluu

QABIYYEE a

1. Wanti gammachuu guddaan nuuf argamsiisu maali dha?

 YIHOWAAN gammachuu akka qabaannu barbaada. Kana hubachuuf kan nu gargaaru gammachuun kutaa firii hafuura Waaqayyoo taʼuu isaati. (Gal. 5:22) Fudhachuu irra kennuun caalaatti waan nama gammachiisuuf, tajaajila keenya irratti hirmaannaa guutuu yeroo goonu, akkasumas karaa garaa garaatiin obboloota keenya yeroo gargaarru baayʼee gammanna.—HoE. 20:35.

2-3. (a) Galaatiyaa 6:4 irratti akka ibsametti wantoonni tajaajila Yihowaa keessatti gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaaran lamaan maal faʼi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Phaawulos ergamaan Galaatiyaa 6:4 irratti wantoota gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaaran lama caqaseera. (Dubbisi.) Tokkoffaa, galmi keenya wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuu taʼuu qaba. Akkas hamma goonetti gammaduu qabna. (Mat. 22:36-38) Lammaffaa, warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu qabna. Haalli fayyaa keenyaa, leenjiin arganne ykn dandeettiin qabnu maal iyyuu yoo taʼe, wanta raawwachuu dandeenyeef Yihowaa galateeffachuu qabna. Wanta qabnu hunda isa irraa arganne. Karaa kan biraatiin immoo, obboloonni kaan gosa tajaajilaa tokko tokko irratti nu caalaa buʼa qabeeyyii yoo taʼan, dandeettii isaanii warra kaan irra akka caalan argisiisuuf ykn faayidaa ofii isaaniitiif utuu hin taʼin, Yihowaa jajachuuf itti fayyadamaa waan jiraniif gammaduu qabna. Isaaniin morkachuu mannaa, isaan irraa barachuu qabna.

3 Mata duree kana keessatti, tajaajila keenya irratti hamma barbaannu hirmaachuu yeroo hin dandeenyetti, haala isaa dandamachuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla. Dandeettii qabnu kamiyyuu karaa gaarii taʼeen itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi warra kaan irraa maal barachuu akka dandeenyus ni ilaalla.

YEROO HAALLI KEENYA DAANGEFFAMU

Umurii keenya guutuu wanta dandeenyu gochuun keenya Yihowaa ni gammachiisa (Keeyyata 4-6 ilaali) b

4. Wanti namoonni tokko tokko abdii akka kutatan godhu maal taʼuu dandaʼa? Fakkeenya kenni.

4 Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko yeroo sababa umuriitiin ykn sababa fayyaatiin haalli isaanii jijjiiramu itti baruun isaanitti ulfaata. Obboleettiin Kaaral jedhamtu haalli akkasii ishii mudatee ture. Iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemtee tajaajiluuf mirga argattee turte. Yeroo kanatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu 35 argatte; namoonni hedduun of murteessanii akka cuuphamanis gargaarteetti. Kaaral tajaajila irratti milkaaʼina guddaa argattee turte. Sana booda garuu baayʼee dhukkubsachuu ishiitiin kan kaʼe manaa hin baatu turte. Akkana jetteetti: “Wanta warri kaan godhan gochuu kanan hin dandeenye waan na dhukkubuuf akka taʼe beeka; taʼus, hamma isaanii amanamtuu akkan hin taane natti dhagaʼama. Wantan raawwachuu barbaadu hundumaa raawwachuu hin dandaʼu, kun immoo abdii na kutachiisa.” Kaaral Yihowaadhaaf wanta dandeessu hundumaa gochuu barbaaddi. Kun wanta ishii galateeffachiisu dha! Waaqni keenya inni gara laafessa taʼe wanta dandeessu hundumaa gochaa waan jirtuuf akka ishii dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

5. (a) Haalli keenya daangeffamuun isaa abdii yoo nu kutachiise maal yaadachuu qabna? (b) Obboleessi suuraawwan kana irratti mulʼatu tajaajila Yihowaa keessatti wanta dandaʼu hunda gochuu isaa kan itti fufe akkamitti?

5 Yeroo tokko tokko haala si daangessu tokkoon kan kaʼe abdii kan kutattu yoo taʼe, ‘Yihowaan maal narraa barbaada?’ jedhii of gaafadhu. Yihowaan haalli amma keessa jirtu maal iyyuu yoo taʼe wantuma dandeessu akka gootu barbaada. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Obboleettiin waggaa 80 takka wanta yeroo umurii ishii waggaa 40⁠tti raawwachaa turte yaadachuudhaan, hamma yeroo sanaa tajaajila irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef abdii kutatte. Wanta dandeessu hunda gochaa kan jirtu taʼus, Yihowaa gammachiisuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼama. Garuu kun dhugaa dhaa? Mee yaadi. Obboleettiin tun yeroo waggaa 40 turtetti wanta dandeessu gooteetti erga taʼee, amma yeroo umuriin ishii waggaa 80 taʼettis wanta dandeessu gochaa jirti; kana jechuun wanta dandeessu hunda gochuu ishii hin dhiisne jechuu dha. Yihowaan tajaajila isaaf dhiheessaa jirrutti gammadaa akka hin jirre nutti dhagaʼamuu yoo jalqabe, wanta isa gammachiisu ilaalchisee ulaagaa kan baasu isa akka taʼe yaadachuu qabna. Wanta dandeenyu hamma goonetti Yihowaan, “Baʼeessa goote!” nuun jedha.—Maatewos 25:20-23 wajjin walbira qabii ilaali.

6. Fakkeenya Maariyaa irraa maal baranna?

6 Wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeenyu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu keenya eeggachuu dandeenya. Mee waaʼee obboleettii Maariyaa jedhamtuu haa ilaallu; Maariyaan dhukkuba ishii mudateen kan kaʼe hamma barbaaddu tajaajila Yihowaa irratti hirmaachuu hin dandeessu. Jalqaba irratti baayʼee dhiphattee, akkasumas gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamee ture. Booda garuu Maariyaan waaʼee obboleettii gumii isaanii keessa jirtuu fi siree irraa kaʼuu hin dandeenyee yaaduu jalqabde; achiis ishii gargaaruuf murteessite. Maariyaan akkana jetteetti: “Bilbilaa fi xalayaadhaan ishii wajjin tajaajiluufan haala mijeesse. Yeroo wajjin tajaajillu hundumaatti obboleettii koo akkan gargaare waan natti dhagaʼamuuf gammadeen manatti deebiʼa.” Nutis wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeenyu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu keenya guddifachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, isa ammaa caalaa wanti gochuu dandeenyu jira yoo taʼe hoo? Yookiin immoo ammuma iyyuu gosa tajaajilaa tokko tokko irratti sochii gaarii gochaa jirra yoo taʼe hoo?

DANDEETTII QABDUTTI ‘FAYYADAMI’!

7. Pheexiros Kiristiyaanotaaf gorsa gaarii akkamii kenneera?

7 Pheexiros ergamaan xalayaa isaa isa jalqabaa irratti dandeettii qaban kamiyyuu obboloota isaanii jajjabeessuuf akka itti fayyadaman obboloota isaatiif gorsa kenneera. Pheexiros, “Gaarummaa Waaqayyoo isa [guddaadhaaf] tajaajiltoota gaarii waan taataniif, kennaa argattanitti hammuma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa” jedheera. (1 Phe. 4:10) Warri kaan hinaafuu ykn abdii kutachuu dandaʼu jennee yaaduudhaan dandeettii keenyatti akka gaariitti fayyadamuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Duubatti kan jennu yoo taʼe, wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu Yihowaadhaaf kennuu hin dandeenyu.

8. Akka 1 Qorontos 4:6, 7 jedhutti waaʼee dandeettii keenyaa dubbachuudhaan of jajuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

8 Dandeettii keenyatti akka gaariitti fayyadamuu kan qabnu taʼus, akka ittiin of hin jajne of eeggachuu qabna. (1 Qorontos 4:6, 7 dubbisi.) Fakkeenyaaf, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti dandeettii qabda taʼa. Dandeettii kee kanatti fayyadamuu irraa duubatti jechuu hin qabdu. Taʼus, akka ittiin of hin jajne of eeggachuun kee barbaachisaa dha. Dhiheenya kana qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu irratti muuxannoo nama gammachiisu argatteetta haa jennu. Muuxannoo kana garee tajaajilaa keetti himuuf hawwiteetta. Yeroo garee keetii wajjin wal argitu garuu obboleettiin takka muuxannoo barruu raabsuudhaan argatte dubbachaa jirti. Ishiin barruu tokko kennite, ati garuu qoʼannaa jalqabsiiste. Maarree maal goota? Muuxannoo argatte utuu dubbattee gareen kee akka jajjabaatu beekta; taʼus, obboleettiin barruu kennite sun hamma kee milkaaʼina akka hin arganne akka ishiitti dhagaʼamu waan hin barbaanneef, muuxannoo kee yeroo kan biraa dubbachuuf murteessita taʼa. Kun gaarummaa argisiisuu dha. Haa taʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeruu irraa duubatti hin jedhin. Dandeettii kee kanatti fayyadamuu kee itti fufi!

9. Dandeettii keenyatti fayyadamuu kan qabnu akkamitti?

9 Dandeettiin uumamaan arganne kamiyyuu kennaa Waaqayyoo akka taʼe yaadachuu qabna. Kennaa akkasii ittiin of jajuuf utuu hin taʼin, gumicha ijaaruuf itti fayyadamuu qabna. (Filp. 2:3) Humnaa fi dandeettii keenya fedha Waaqayyoo raawwachuuf kan itti fayyadamnu yoo taʼe waan ittiin gammannu arganna; kan gammannu garuu warra kaan caalaa waan hojjenneef ykn isaan irra waan caalleef utuu hin taʼin, kennaa keenyatti fayyadamnee Yihowaa jajachuu waan dandeenyeefi.

10. Namoota kaanii wajjin wal bira of qabuun sirrii kan hin taane maaliifi?

10 Namni tokko yoo of eeggachuu baate cimina isaa dadhabina warra kaanii wajjin wal bira qabuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haasaa gaarii dhiheessa taʼa. Kun cimina isaati. Keessa isaatti garuu obboleessa haasaa dhiheessuun isa rakkisu tokko akka caalu isatti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, obboleessi sun keessummaa simachuu kan jaallatu, ijoollee isaa akka gaariitti kan leenjisu ykn tajaajila irratti hinaaffaa cimaa kan qabu taʼuu dandaʼa. Obbolootaa fi obboleettota dandeettii isaanii Yihowaa tajaajiluu fi obboloota isaanii gargaaruuf itti fayyadaman hedduu qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna.

FAKKEENYA NAMOOTA KAANIIRRAA BARADHU

11. Fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

11 Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu kan qabnu taʼus, fakkeenya namoota amanamoo irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesuus irraa wanta hedduu baranna. Nuti akka isaa cubbuu irraa walaba taʼuu baannus, amaloota isaa fi wantoota gaggaarii inni raawwate irraa barachuu ni dandeenya. (1 Phe. 2:21) Hamma nuuf dandaʼametti fakkeenya isaa hordofuuf carraaqqii kan goonu yoo taʼe, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.

12-13. Daawit Mooticha irraa maal barachuu dandeenya?

12 Dubbii Waaqayyoo keessaa seenaawwan dhiirotaa fi dubartoota amanamoo mudaa qabaatanis fakkeenya nuuf taʼanii hedduu arganna. (Ibr. 6:12) Mee waaʼee Daawit Mootichaa yaadi; Yihowaan Daawitiin ilaalchisee, “Nama akka garaa koo taʼe,” akka hiika Kitaaba Qulqulluu kan biraatti immoo, “Nama hundumaa caalaa na gammachiise” jedheera. (HoE. 13:22) Taʼus, Daawit nama mudaa hin qabne hin turre. Cubbuuwwan ciccimoo illee raawwateera. Taʼus, fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, yeroo sirreeffamni isaaf kennametti balleessaa isaatiif sababa dhiheessuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, gorsa cimaa isaaf kenname fudhateera, akkasumas gocha isaatti garaadhaa akka gaabbe argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan dhiifama isaaf godheera.—Far. 51:3, 4, 10-12.

13 Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuudhaan Daawit irraa barachuu dandeenya: ‘Gorsa naaf kennamuuf deebii akkamiin kenna? Balleessaa koo dafeen amana moo sababa dhiheessuufan yaala? Balleessaan isaa kan warra kaanii akka taʼe dubbachuufan ariifadhaa? Balleessaa koo akkan irra hin deebine wanta naaf dandaʼame hundumaa nan godhaa?’ Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo kan biroo yeroo dubbistus gaaffiiwwan kanaa wajjin wal fakkaatan of gaafachuu dandeessa. Rakkinni isaan irra gaʼe rakkina keetii wajjin kan wal fakkaatu dhaa? Amaloota gaggaarii akkamii argisiisaniiru? ‘Tajaajilaa Yihowaa amanamaa kana fakkaachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu.

14. Fakkeenya obbolootaa irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Obboloota dargaggootaa fi maanguddoota taʼan ilaaluudhaanis fakkeenya isaanii irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, waaʼee nama rakkina isarra gaʼaa jiru amanamummaadhaan dandamachaa jiru tokkoo yaadi. Tarii namni kun dhiibbaa hiriyaa, mormii maatii ykn dhibee fayyaa wajjin waldhaansoo gochaa jiraa laata? Amalli gaariin namni kun qabuu fi ati horachuu barbaaddu jiraa? Fakkeenya isaa ilaaluudhaan barumsa rakkina kee dandamachuuf si gargaaru argachuu dandeessa. Obbolootaa fi obboleettota amantii argisiisuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼan akkasii qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna.—Ibr. 13:7; Yaq. 1:2, 3.

TAJAAJILA YIHOWAADHAAF DHIHEESSITUTTI GAMMADI

15. Phaawulos ergamaan gorsa tajaajila Yihowaatti gammaduu keenya itti fufuuf nu gargaaru akkamii kenneera?

15 Gumii keessa nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gochuuf hundi keenya wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu kennuu qabna. Mee fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa haa ilaallu. Kiristiyaanonni sun dandeettiin isaanii fi hojiin isaan hojjetan garaa gara ture. (1 Qor. 12:4, 7-11) Kun taʼuun isaa garuu, akka wal dorgomanii fi akka wal qoqqoodan isaan hin goone. Kanaa mannaa, Phaawulos “qaama Kiristoos [ijaaruuf]” wanta barbaachisu akka godhan isaan jajjabeesseera. Phaawulos Kiristiyaanota Efesooniif, “Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha” jedhee barreesseera. (Efe. 4:1-3, 11, 12, 16) Namoonni gorsa Phaawulos kenne kana hojii irra oolchan nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gumaacha godhaniiru; amaloonni kun amaloota yeroo harʼaatti gumii keenya keessatti arginu dha.

16. Maal gochuuf murteessuu qabna? (Ibroota 6:10)

16 Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuuf murteessi. Akkasumas, Yesuus irraa barachuu fi amaloota isaa horachuuf carraaqqii godhi. Namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi bara keenyatti argaman irraa baradhu. Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessu hundumaa yeroo gootu, ‘inni jalʼaa akka hin taanee fi hojii kee akka hin irraanfanne’ yaadadhu. (Ibroota 6:10 dubbisi.) Carraaqqii garaa guutuudhaan isa gammachiisuuf gootu akka dinqisiifatu beekuudhaan gammachuudhaan isa tajaajiluu kee itti fufi.

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

a Hundi keenya iyyuu fakkeenya warra kaanii irraa fayyadamuu ni dandeenya. Taʼus, warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu qabna. Mata dureen kun wanta raawwanne wanta warri kaan raawwatan wajjin wal bira qabuudhaan gammachuu keenya akka hin dhabne, akkasumas akka hin koorree fi akka abdii hin kutanne nu gargaara.

b IBSA FAKKII: Obboleessi tokko yeroo dargaggummaa isaatti Beetel keessa tajaajilaa jira. Achiis gaaʼela godhatee haadha manaa isaa wajjin qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa jiru. Ijoollee erga godhatanii booda tajaajila irratti isaan leenjisaa jira. Amma erga dulloomee booda immoo xalayaadhaan dhugaa baʼuudhaan wanta dandaʼu gochuu isaa itti fufeera.