Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 25

Yihowaan Warra Dhiifama Godhan ni Eebbisa

Yihowaan Warra Dhiifama Godhan ni Eebbisa

“Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.”—QOL. 3:13.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

QABIYYEE *

1. Yihowaan cubbamoota yaada geddarataniif maal gochuuf waadaa galeera?

 YIHOWAAN Uumaa keenya, seera kan nuuf kennuu fi Abbaa Murtii keenya qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessadha. (Far. 100:3; Isa. 33:22) Yeroo isarratti cubbuu hojjennuu fi garaadhaa yaada geddarannu dhiifama nuu gochuuf dandeettii qofa utuu hin taʼin, fedhii guddaas qaba. (Far. 86:5) Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa, “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa” jedheera.—Isa. 1:18.

2. Warra kaan wajjin nagaa qabaachuuf maal gochuu qabna?

2 Cubbamoota waan taaneef wanta warra kaan mufachiisu dubbachuu fi raawwachuu dandeenya. (Yaq. 3:2) Kana jechuun garuu namoota wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu hin dandeenyu jechuu miti. Warra kaaniif dhiifama gochuu yoo baranne isaan wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu dandeenya. (Fak. 17:9; 19:11; Mat. 18:21, 22) Namni tokko wanta nu miidhu yoo dubbate ykn yoo raawwate Yihowaan dhiifama akka goonu barbaada. (Qol. 3:13) Akkas gochuuf sababa gaarii qabna. Yihowaan “dhiifamni isaa guddaa” waan taʼeef tolaan dhiifama nuuf godha.—Isa. 55:7.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti ilmaan namootaa cubbamoota taʼan warra kaaniif dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla. Cubbuuwwan jaarsoliitti himuu qabnu kamfaʼi? Yihowaan warra kaaniif dhiifama akka goonu kan barbaadu maaliifi? Obbolootaa fi obboleettota cubbuu warra kaaniitiin miidhaman tokko tokko irraa maal barachuu dandeenya?

KIRISTIYAANNI TOKKO CUBBUU CIMAA YEROO HOJJETU

4. (a) Tajaajilaan Yihowaa tokko cubbuu cimaa yoo hojjete maal gochuu qaba? Nama cubbuu hojjete sana wajjin haala walqabateen jaarsoliin itti gaafatamummaa akkamii qabu?

4 Cubbuuwwan ciccimoo taʼan jaarsoliitti himamuu qabu. Cubbuuwwan kana keessaa tokko tokko 1 Qorontos 6:9, 10 irratti ibsamaniiru. Cubbuuwwan ciccimoon gochawwan hamoo seera Waaqayyoo cabsuudhaan raawwatamanidha. Kiristiyaanni tokko cubbuu akkasii yoo hojjete kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu fi jaarsolii gumii haasofsiisuu qaba. (Far. 32:5; Yaq. 5:14) Jaarsoliin itti gaafatamummaa akkamii qabu? Aarsaa furichaarratti hundaaʼuudhaan cubbuu keenyaaf guutummaatti dhiifama gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. * Haa taʼu malee, Yihowaan jaarsoliin gumii namni cubbuu hojjete sun gumii keessa turuu kan dandaʼu taʼuu fi dhiisuu isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii akka murteessan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (1 Qor. 5:12) Wantoota jaarsoliin gochuu qaban keessaa tokko gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuudha: Cubbuun kun taʼe jedhamee kan hojjetamedhaa? Namni kun cubbuu kana kan hojjete dursee itti yaadeetii? Warra kaan jalaa dhoksuuf hoo yaaleeraa? Cubbuu kana yeroo dheeraadhaaf hojjechaa tureeraa? Hunda caalaammoo, garaadhaa yaada akka geddarate ragaan argisiisu jiraa? Wanti Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe argisiisu hoo jiraa?—HoE. 3:19.

5. Wanti jaarsoliin hojjetan buʼaa akkamii argamsiisa?

5 Jaarsoliin yeroo nama cubbuu hojjete haasofsiisan kaayyoon isaanii murtoo dursee samiirratti murteeffame lafarratti murteessuudha. (Mat. 18:18) Qophiin kun gumicha kan fayyadu akkamitti? Cubbamoonni yaada hin geddaranne gumiidhaa akka baafamanii fi tajaajiltoota Yihowaa akka hin miine gochuudhaan gumichaaf eegumsa godha. (1 Qor. 5:6, 7, 11-13; Tit. 3:10, 11) Namni cubbuu hojjete sun yaada akka geddaratuu fi dhiifama Yihowaa akka argatus gumaacha gochuu dandaʼa. (Luq. 5:32) Jaarsoliin nama yaada geddarate sana bakka buʼuudhaan Yihowaan karaa hafuuraa bayyanachuuf akka isa gargaaru kadhatu.—Yaq. 5:15.

6. Namni tokko gumiidhaa yoo baafame Yihowaan dhiifama isaaf gochuu dandaʼaa? Ibsi.

6 Fakkeenyaaf, namni tokko jaarsoliin yeroo isa haasofsiisan yaada geddarachuu dide haa jennu. Yeroo akkasiitti namni sun gumiidhaa baafama. Jaarsoliin namni sun seera biyyattii cabseera yoo taʼe rakkina gama kanaan isarra gaʼu irraa eegumsa isaaf hin godhan. Yihowaan abbootiin taayitaa namni seera cabse kamiyyuu yaada geddaratus geddarachuu baatus, akka itti murteessanii fi akka isa adaban heyyameera. (Rom. 13:4) Taʼus, namni sun yeroo booda gara qalbii isaatti yoo deebiʼee fi garaadhaa yaada yoo geddarate, akkasumas cubbuu isaa irraa yoo deebiʼe Yihowaan dhiifama isaaf gochuuf fedhii qaba. (Luq. 15:17-24) Namni sun akkas yoo godhe cubbuun inni hojjete cimaa yoo taʼellee Yihowaan dhiifama isaaf godha.—2 Sen. 33:9, 12, 13; 1 Xim. 1:15.

7. Nama cubbuu nurratti hojjete tokkoof dhiifama gochuu kan dandeenyu karaa kamiini?

7 Yihowaan nama tokkoof dhiifama gochuu fi dhiisuu isaa murteessuun akka nu hin barbaachisne beekuun keenya nu gammachiisa. Taʼus, wanti murteessuun nu barbaachisu tokko jira. Wanti kun maalidha? Yeroo tokko tokko namni tokko cubbuu nurratti hojjechuu dandaʼa; sana booda dhiifama akka isaaf goonu nu gaafata taʼa. Yeroo tokko tokko garuu dhiifama gaafachuu dhiisuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti illee nama sanaaf dhiifama gochuudhaan haaloo qabachuu fi isatti aaruu dhiisuuf filachuu dandeenya. Dhugaa dubbachuuf garuu, keessumaa baayʼee miidhamneerra yoo taʼe, kun yeroo fi carraaqqii gaafachuu dandaʼa. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1994 akkana jedha: “Nama cubbuu hojjete tokkoof dhiifama gooteetta jechuun cubbuu sana salphistee ilaalta jechuu miti. Kiristiyaanni tokko dhiifama yeroo godhu Yihowaatti amanamuudhaan dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisa. Inni Abbaa Murtii qajeelaa uumama hundumaa waan taʼeef, yeroo sirrii taʼetti haqa ni raawwachiisa.” Yihowaan dhiifama akka goonu kan nu jajjabeessuu fi haqa raawwachiisuu garuu akka isaaf dhiisnu kan nurraa eegu maaliifi?

YIHOWAAN DHIIFAMA AKKA GOONU KAN NU JAJJABEESSU MAALIIFI?

8. Warra kaaniif dhiifama gochuun keenya gara laafina Yihowaan nutti argisiiseef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisa kan jennu maaliifi?

8 Dhiifama gochuun keenya dinqisiifannaa akka qabnu argisiisa. Yesuus fakkeenya tokkorratti Yihowaa gooftaa tokko wajjin wal fakkeesseera; gooftaan kun garbicha liqii hedduu isarra jiru kaffaluu hin dandeenyeef liqii dhiise. Haa taʼu malee, garbichi dhiifamni isaaf godhame kun garbicha maallaqa kan isaarra baayʼee xinnaatu isarraa liqeeffatetti gara laafina utuu hin argisiisin hafeera. (Mat. 18:23-35) Barumsi Yesuus dabarsuu barbaade maalidha? Gara laafina guddaa Yihowaan nutti argisiise garaadhaa kan dinqisiifannu yoo taʼe, warra kaaniif dhiifama gochuuf kakaana. (Far. 103:9) Masaraan Eegumsaa waggoota hedduu dura yaada kana yeroo ibsu akkana jedhee ture: “Namoota akkuma keenya taʼaniif hammamiyyuu irra deddeebinee dhiifama kan goone yoo taʼe, hamma Waaqayyo aarsaa Kiristoosirratti hundaaʼuudhaan dhiifama nuuf godhe warra kaaniif dhiifama gochuu hin dandeenyu.”

9. Yihowaan namoota akkamiitti gara laafina argisiisa? (Maatewos 6:14, 15)

9 Warra kaaniif dhiifama yoo goone Yihowaan dhiifama nuuf godha. Yihowaan gara laafina kan argisiisu namoota gara laafina argisiisanittidha. (Mat. 5:7; Yaq. 2:13) Yesuus akkamitti akka kadhatan barattoota isaa yeroo barsiisetti kana ifa godheera. (Maatewos 6:14, 15 dubbisi.) Wanta Yihowaan tajaajilaa isaa Iyyoobitti hime irraas barumsa akkasii arganna. Namni amanamaan kun wanta namoonni sadan, jechuunis Eliifaaz, Bildaadii fi Zofaar dubbataniin baayʼee miidhamee ture. Yihowaan akka isaaniif kadhatu Iyyoobitti himee ture. Iyyoob erga isaaniif kadhatee booda Yihowaan isa eebbiseera.—Iyo. 42:8-10.

10. Haaloo qabachuun kan nu miidhu akkamitti? (Efesoon 4:31, 32)

10 Haaloo qabachuun numa miidha. Haaloo qabachuun baʼaa ulfaataadha; Yihowaan haaloo qabachuu dhiisuudhaan boqonnaa akka argannu barbaada. (Efesoon 4:31, 32 dubbisi.) ‘Dheekkamsa irraa akka of dhowwinu, aariis akka dhiisnuʼ nu jajjabeessa. (Far. 37:8) Gorsa kana hordofuun ogummaadha. Haaloo qabachuun qaama keenyas taʼe sammuu keenya miidhuu dandaʼa. (Fak. 14:30) Fakkeenyaaf, summii yoo dhugne nu miidha; haaluma wal fakkaatuun haaloo yoo qabannes kan miidhamu nama nu gaddisiise utuu hin taʼin numadha. Kanaafuu, yeroo dhiifama goonus ofuma fayyadaa jirra jechuudha. (Fak. 11:17) Nagaa sammuu ni qabaanna, Yihowaa tajaajiluu keenyas itti fufuu ni dandeenya.

11. Kitaabni Qulqulluun haaloo baʼuu ilaalchisee maal jedha? (Roomaa 12:19-21)

11 Haaloo baʼuun kan Yihowaati. Yihowaan namni tokko yeroo cubbuu nurratti hojjetutti nama sanarratti haaloo akka baanu aangoo nuuf hin kennine. (Roomaa 12:19-21 dubbisi.) Akkaataan wanta tokko itti ilaallu daangeffamaa fi mudaa kan qabu waan taʼeef, akka Waaqayyoo dhimma tokkorratti murtii sirrii kennuu hin dandeenyu. (Ibr. 4:13) Yeroo tokko tokkommoo miirri keenya wanta sirrii akka hin goone dhiibbaa nurratti godha. Yihowaan, “Dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu” jedhee akka barreessu Yaaqoobiin kakaaseera. (Yaq. 1:20) Yihowaan wanta sirrii akka raawwatuu fi haqni akka raawwatamu akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

Dheekkamsaa fi haaloo irraa haa fagaannu. Dhimmicha Yihowaadhaaf haa dhiisnu. Inni miidhaa sababa cubbuutiin nurra gaʼe hunda ni sirreessa (Keeyyata 12 ilaali)

12. Haqa Yihowaarratti amantii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Dhiifama gochuun keenya haqa Yihowaarratti amantii akka qabnu argisiisa. Dhimmicha Yihowaadhaaf dhiisuudhaan inni miidhaa sababa cubbuutiin nurra gaʼe hunda akka sirreessu amanannaa akka qabnu argisiisna. Addunyaa haaraa Yihowaan waadaa nuuf gale keessatti wantoonni gaddisiisoon matumaa “hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan.” (Isa. 65:17) Haa taʼu malee, yeroo namni tokko baayʼee nu miidhutti dhuguma isatti aaruu fi haaloo isatti qabachuu dhiisuu ni dandeenyaa? Mee namoonni tokko tokko kana gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

DHIIFAMA GOCHUUN EEBBA ARGAMSIISA

13-14. Muuxannoo Toonii fi Hoosaa irraa dhiifama gochuu ilaalchisee maal baratte?

13 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun yeroo gocha namoota kaaniitiin baayʼee miidhamanitti illee dhiifama gochuuf filataniiru. Maarree, kana gochuu isaaniitiin eebba akkamii argatan?

14 Tooniin * inni Filippiinsi keessa jiraatu dhugaa barachuu isaa yeroo dheeraa dura obboloota isaa warra hangafaa keessaa isa tokko kan ajjeese nama Hoosaa jedhamu akka taʼe beeke. Yeroo sanatti Tooniin nama dafee aaru waan tureef haaloo baʼuu barbaadee ture. Hoosaan yakka raawwateen kan kaʼe mana hidhaa galee ture. Boodas, hidhaadhaa ni gadhiifame; yeroo kanatti Tooniin adamsee isa ajjeesuuf kakatee ture. Kaayyoo isaa kana raawwachuuf jecha shugguxii bitate. Achiis Tooniin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Qoʼannaa koorratti jijjiirama gochuun akka na barbaachisun baradhe; kunimmoo aarii koo dhiisuus kan dabalatu ture.” Yeroo booda Tooniin ni cuuphame, achiis jaarsa gumii taʼee muudame. Tooniin, Hoosaanis cuuphamee tajaajilaa Yihowaa akka taʼe yeroo beeku hammam gammadee akka ture tilmaamuu dandeessa. Toonii fi Hoosaan yommuu wal arganitti miira hoʼaadhaan wal hammatan; achiis Tooniin dhiifama akka isaaf godhe itti hime. Tooniin Hoosaadhaaf dhiifama gochuun isaa gammachuu guddaa jechaan ibsuu hin dandeenye akka isaaf argamsiise dubbateera. Eeyyee, Tooniin dhiifama gochuuf fedhii waan qabaateef Yihowaan isa eebbiseera.

Fakkeenyi Piitarii fi Suu aarii fi haaloo qabachuu dhiisuun akka dandaʼamu argisiisa (Keeyyata 15-16 ilaali)

15-16. Muuxannoo Piitarii fi Suu irraa dhiifama gochuu ilaalchisee maal baratte?

15 Bara 1985​tti yeroo Galma Walgaʼii tokko keessatti akkuma tasaa boombiin dhoʼetti Piitarii fi Suun galma sana keessa walgaʼiirra turan. Boombii sana Galma Walgaʼii sana keessa kan kaaʼe namicha tokkodha. Suun sababa balaa kanaatiin baayʼee miidhamteetti; balaan kun dandeettii arguu fi dhagaʼuu ishiirratti rakkina furamuu hin dandeenye geessiseera. Foolii adda baafachuus hin dandeessu. * Piitarii fi Suun yeroo baayʼee, ‘Namni gocha hamminaa akkasii raawwate nama akkamiiti?ʼ jedhanii yaadu turan. Waggoota hedduu booda namichi galma sana keessa boombii kaaʼe qabamee hidhaan umurii guutuu itti murteeffame; namichi kun tajaajilaa Yihowaa miti. Piitarii fi Suun, ‘Namicha kanaaf dhiifama gootaniittuu?ʼ jedhamanii yeroo gaafataman akkana jedhu: “Waaʼee miidhaa nurra gaʼee yeroo hunda yaaduunii fi haaloo qabachuun karaa qaamaas taʼe karaa miiraa akka nu miidhu Yihowaan nu barsiiseera. Kanaafuu, jalqabumaa kaasnee jireenya keenya nagaadhaan jiraachuu akka dandeenyuuf, aarii fi haaloo qabachuu irraa fagaachuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhachaa turre.”

16 Namicha sanaaf dhiifama gochuun isaaniif salphaa turee? Salphaa hin turre. Itti fufuudhaan akkana jedhaniiru: “Yeroo tokko tokko yommuu Suun miidhaa balaa sanaan ishiirra gaʼeen dhiphattu aariitu nutti dhagaʼama. Haa taʼu malee, waaʼee kanaa yaaduu keenya itti hin fufnu; kanaafuu, miirri sun dafee bada. Dhugaa dubbachuuf, namichi sun obboleessa keenya yoo taʼe miira hoʼaadhaan isa simanna. Muuxannoon kun qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu dhugumaan bilisa akka nu baasan nu barsiiseera; qajeelfamoonni kun karaa nuti tilmaamuu hin dandeenyeen bilisa nu baasu. Yihowaan miidhaa nurra gaʼe hundumaa yeroo dhihootti akka sirreessu beekuun keenyas baayʼee nu jajjabeessa.”

17. Muuxannoo Miiraa irraa dhiifama gochuu ilaalchisee maal baratte?

17 Obboleettiin Miiraa jedhamtu dhugaa kan baratte heerumtee ijoollee lama erga godhattee boodadha. Abbaan manaa ishii dhugaa hin fudhanne. Yeroo booda, ejja raawwate; achiis maatii isaa dhiisee deeme. Miiraan akkana jetteetti: “Yommuu abbaan manaa koo anaa fi ijoollee keenya lamaan dhiisee deemetti akkuma namoota nama jaallataniin ganaman kaanii naasuun, shakkiin, gaddi, gaabbiin, miirri balleessaa fi aariin natti dhagaʼamee ture.” Gaaʼelli isaanii erga diigamee boodas akka ganamte ishiitti dhagaʼama ture. Miiraan itti fufuudhaan, “Jiʼoota hedduudhaaf miirawwan kana wajjin waldhaansoo ergan godhee booda, miirri koo kun walitti dhufeenya Yihowaa wajjinis taʼe warra kaan wajjin qaburratti dhiibbaa gochaa akka jirun hubadhe” jetteetti. Amma Miiraan abbaa ijoollee ishiitti aaruu dhiisteetti, wanti gadheen akka isarra gaʼu hin barbaaddu. Gaaf tokko gara Yihowaa akka dhufu ni abdatti. Miiraan yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu dandeesseetti. Ijoollee ishii kan guddiste kophaa ishii taʼus, lamaan isaaniiyyuu Yihowaa akka tajaajilan gargaaruu dandeesseetti. Amma Miiraan ijoollee ishii fi maatii ijoollee ishii wajjin gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jirti.

YIHOWAAN ABBAA MURTII MUDAA HIN QABNEDHA

18. Yihowaa isa Abbaa Murtii Hundumaa Gararraa taʼerratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

18 Nama kamirrattiyyuu murteessuun akka nu hin barbaachisne beekuun keenya boqonnaa guddaa nuuf argamsiisa. Hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana kan hojjetu Yihowaa isa Abbaa Murtii Hundumaa Gararraa taʼedha. (Rom. 14:10-12) Inni yeroo hundumaa murtii kan kennu ulaagaalee wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee fi mudaa hin qabne wajjin haala wal simuun akka taʼe amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. (Uma. 18:25; 1 Mot. 8:32) Inni matumaa jalʼina hin raawwatu.

19. Yihowaan inni Abbaa Murtii mudaa hin qabne taʼe wanti akkamii akka raawwatamu godha?

19 Yeroo Yihowaan wantoota gadhee sababa mudaa fi cubbuu ilmaan namootaatiin dhufan hundumaa guutummaatti itti sirreessu hawwiidhaan eegganna. Yeroo sanatti madaan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nurra gaʼe hundi guutummaatti fayyifama. (Far. 72:12-14; Mul. 21:3, 4) Wantoonni akkasii matumaa hin yaadataman. Yommuu yeroo dinqisiisaa taʼe sana eeggannu kanatti, Yihowaan dhiifama gochuudhaan fakkeenya isaa akka hordofnu dandeettii waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna.

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

^ Yihowaan cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii guddaa qaba. Kiristiyaanota waan taaneef yeroo namni tokko nu mufachiisu fakkeenya isaa hordofuu barbaanna. Mata duree kana keessatti cubbuuwwan dhuunfaatti dhiifama gochuu qabnuu fi cubbuuwwan jaarsoliitti himuu qabnu ilaalla. Yihowaan dhiifama akka waliif goonu kan barbaadu maaliif akka taʼee fi yeroo akkas goonu eebba akkamii akka argannus ni ilaalla.

^Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa, Ebla 15, 1996 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

^ Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ Dammaqaa! Amajjii 8, 1992 (Ingiliffa), ful. 9-13 ilaali. Viidiyoo JW Biroodkaastingii irratti baʼee fi Piitarii fi Suu: Miidhaa Guddaa Dandamachuun ni Dandaʼama (Ingiliffa) jedhus ilaali.