Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 37

Obboloota Kee Amanuu ni Dandeessa

Obboloota Kee Amanuu ni Dandeessa

“Jaalalli . . . waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata.”—1 QOR. 13:4, 7.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE *

1. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen warra kaan amanuun isaanitti ulfaachuun isaa kan nu hin ajaaʼibsiisne maaliifi?

 NAMOONNI addunyaa Seexanaa keessa jiran eenyuun amanuu akka qaban hin beekan. Daldaltootatti, akkasumas geggeessitoota siyaasaa fi geggeessitoota amantaatti abdii kutataniiru. Namoonni baayʼeen michoota isaanii, olloota isaanii fi miseensota maatii isaaniillee amanuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Kun taʼuun isaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun ‘guyyoota dhumaatti namoonni amanamoo kan hin taane, maqaa kan balleessanii fi gantoota akka taʼan’ dubbata. Karaa kan biraatiin namoonni eenyummaa waaqa sirna kanaa isa amanamaa hin taanee calaqqisiisaa jiru.—2 Xim. 3:1-4; 2 Qor. 4:4.

2. (a) Eenyuunfaa guutummaatti amanuu dandeenya? (b) Obboloonni tokko tokko maal jedhanii yaadu?

2 Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef guutummaatti Yihowaatti amanamuu akka dandeenyu beekna. (Er. 17:7, 8) Inni akka nu jaallatuu fi michoota isaa ‘matumaa akka hin dhiisne’ mirkanaaʼoodha. (Far. 9:10) Yesuus Kiristoos immoo lubbuu isaa waan nuuf kenneef isattis amanamuu dandeenya. (1 Phe. 3:18) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama amansiisaa akka qabate jireenya keenya keessatti argineerra. (2 Xim. 3:16, 17) Kanaafuu, Yihowaa, Yesuusii fi Kitaaba Qulqulluutti amanamuu akka dandeenyu mirkanaaʼoodha. Taʼus, obboloonni tokko tokko ‘Obbolootaa fi obboleettota yeroo hunda amanuun ni dandaʼamaa laata?’ jedhanii yaadu. Deebiin gaaffii kanaa ‘eeyyee’ yoo taʼe, isaan amanuuf sababii akkamii qabna?

DEGGERSI OBBOLOOTA KEENYAA NU BARBAACHISA

Addunyaa maratti obbolootaa fi obboleettota amanamoo akkuma keenya Yihowaa jaallatan qabna (Keeyyata 3 ilaali)

3. Mirga addaa akkamii qabna? (Maarqos 10:29, 30)

3 Yihowaan kutaa maatii waaqeffattoota isaa addunyaa maraa akka taanu nu filateera. Kun mirga addaa faayidaa guddaa nuuf argamsiisudha. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Addunyaa maratti obbolootaa fi obboleettota akkuma keenya Yihowaa jaallatanii fi ulaagaalee isaatiin jiraachuuf carraaqqii godhan qabna. Afaan keenya, aadaan keenyaa fi akkaataan uffannaa keenya kan isaaniirraa adda taʼus, yeroo jalqaba wal arginuttillee akka baayʼee walitti dhihaannu nutti dhagaʼama. Keessumaa waliin taanee Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe jajachuunii fi waaqeffachuun baayʼee nu gammachiisa.—Far. 133:1.

4. Deggersi obboloota keenyaa kan nu barbaachisu maaliifi?

4 Yeroo kamiyyuu caalaa yeroo ammaatti obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee itti fufuun keenya barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko obboloonni keenya baʼaa keenya baachuu nu gargaaru. (Rom. 15:1; Gal. 6:2) Tajaajila Yihowaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu fi karaa hafuuraa cimoo taanee akka itti fufnu nu jajjabeessu. (1 Tas. 5:11; Ibr. 10:23-25) Dhiibbaa Seexanaa fi addunyaa isaa warra diinota hunda keenyaa taʼanii akka dandamannuuf gumiin eegumsa nuuf hin godhu utuu taʼee miira nutti dhagaʼamu mee yaadi. Seexannii fi warri toʼannaa isaa jala jiran dhiheenyatti tajaajiltoota Waaqayyoo irratti haleellaa ni banu. Yeroo sanatti obboloota nu gargaaran qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna!

5. Obboloonni tokko tokko obboloota isaanii amanuun kan isaanitti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?

5 Haa taʼu malee, obboloonni tokko tokko obboloota isaanii amanuun isaanitti ulfaata; tarii akkas kan isaanitti dhagaʼamu obboleessi isaanii tokko iccitii isaanii waan isaaniif hin eegneef ykn waadaa isaaniif gale waan isaaniif hin raawwanneef taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo namni gumii keessa jiru tokko wanta baayʼee isaan miidhu dubbatee ykn raawwatee taʼuu dandaʼa. Haalawwan akkasii warra kaan amanuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼu. Maarree, obboloota keenyarratti amantii qabaachuuf maaltu nu gargaara?

JAALALLI OBBOLOOTA KEENYA AMANUUF NU GARGAARA

6. Jaalalli warra kaan amanuuf kan nu gargaaru akkamitti? (1 Qorontos 13:4-8)

6 Warra kaan amanuuf jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Qorontos Tokkoffaa boqonnaan 13 amaloota jaalalli argisiisu garaa garaa ibsa; amaloonni kun warra kaan amanuuf, akkasumas amantii isaanirratti qabnu deebifachuuf nu gargaaru. (1 Qorontos 13:4-8 dubbisi.) Fakkeenyaaf, lakkoofsi 4 “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa” jedha. Yihowaan yeroo cubbuu isarratti hojjennuttillee nuuf obsa. Kanaafuu, nutis obboloonni keenya wanta nu aarsu ykn wanta nu gaddisiisu yeroo dubbatanis taʼe yeroo raawwatanitti isaaniif obsuu qabna. Lakkoofsi 5 immoo, “[Jaalalli] hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼes galmeessee hin qabatu” jedha. Obboloonni keenya akka nu gaddisiisan yeroo hunda yaadachuudhaan ‘miidhaa nu irra gaʼe galmeessinee qabachuu’ hin barbaannu. Lallabni 7:9, “Aariidhaaf hin ariifatin” jedha. Kanaafuu, yaada Efesoon 4:26 irratti argamuu fi “Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin” jedhu hojiirra oolchuun faayidaa guddaa qaba.

7. Seerri buʼuuraa Maatewos 7:1-5 irratti argamu warra kaan amanuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Wanti obboloota keenya amanuuf nu gargaaru kan biraan ilaalcha Yihowaan isaaniif qabu qabaachuudha. Waaqayyo isaan jaallata, cubbuu isaaniis galmeessee hin qabatu. Nutis akkas gochuu hin qabnu. (Far. 130:3) Dogoggora isaaniirratti xiyyeeffachuu mannaa, amaloota gaggaarii isaan qabanii fi wanta gaarii raawwachuu dandaʼanirratti xiyyeeffachuuf carraaqqii gochuu qabna. (Maatewos 7:1-5 dubbisi.) Jaalalli ‘waan hundumaa waan amanuuf’ obboloonni keenya wanta gaarii gochuu akka barbaadanii fi matumaa nu miidhuu akka hin barbaanne ni amanna. (1 Qor. 13:7) Kana jechuun, Yihowaan sababii malee akka isaan amannu nurraa eega jechuu miti; kanaa mannaa, amanamoo taʼuu isaanii waan argisiisaniif akka isaan amannu barbaada. *

8. Obboloota keerratti amantii qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

8 Nama tokko amanuun yeroo gaafata. Maarree, obboloota kee amanuu kan dandeessu akkamitti? Akka gaariitti isaan beekuuf carraaqqii godhi. Walgaʼiiwwan gumiirratti isaan haasofsiisi. Isaan wajjin tajaajiluuf sagantaa qabadhu. Obsa isaanitti argisiisi, amanamoo taʼuu isaanii akka argisiisan carraa isaaniif kenni. Nama akka gaariitti hin beekne tokkotti, jalqabarratti dhimma dhuunfaa kee hunda itti himuu dhiisuu dandeessa. Hariiroon keessan cimaa yeroo deemu garuu, miira sitti dhagaʼamu isaaf ibsuuf caalaatti bilisummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Luq. 16:10) Haa taʼu malee, obboleessi tokko iccitii kee yoo siif eeguu baate maal gochuu dandeessa? Daftee abdii isatti hin kutatin; kanaa mannaa, yeroo dabalataa isaaf kenni. Kana malees, gochi namoota tokko tokkoo amantii obboloota keerratti qabdu akka si dhabsiisu hin heyyamin. Mee fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa tokko tokkoo haa ilaallu; tajaajiltoonni amanamoon kun namoonni tokko tokko kan isaan gaddisiisan taʼus warra kaan amanuu isaanii itti fufaniiru.

NAMOOTA WARRA KAAN AMANUU ISAANII ITTI FUFANIRRAA BARADHU

Wanti Eeliin jalqabarratti godhe gaarii taʼuu baatus Haannaan qophii Yihowaarratti amantii hin dhabne (Keeyyata 9 ilaali)

9. (a) Haannaan namoonni Yihowaa bakka buʼan tokko tokko dogoggora kan raawwatan taʼus qophii isaarratti amantii qabaachuu ishii kan itti fufte akkamitti? (b) Qophii Yihowaarratti amantii qabaachuu ilaalchisee muuxannoo Haannaarraa maal baratte? (Fakkicha ilaali.)

9 Wanta obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko godhetti gadditee beektaa? Taanaan, fakkeenya Haannaa ilaaluun kee si fayyada. Yeroo sanatti Israaʼel keessatti waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhihaatu adda durummaadhaan kan geggeessu Eelii isa luba ol aanaa taʼe ture. Maatiin Eelii garuu fakkeenya gaarii hin turre. Ilmaan Eelii warri luboota taʼanii tajaajilanis yeroo hunda gocha qaanessaa naamusaan ala taʼe raawwatu turan; abbaan isaaniis sirreeffama barbaachisu isaaniif hin kennine. Taʼus, Yihowaan Eelii itti gaafatamummaa isaarraa yeruma sana hin kaasne. Haa taʼu malee, Haannaan yeroo inni luba ol aanaa taʼee tajaajilaa turetti godoo qulqulluu keessatti Yihowaa waaqeffachuurraa duubatti hin jenne. Yeroo tokko Haannaan baayʼee dhiphattee kadhachaa turte; yeroo kanatti Eeliin waan machoofte isatti fakkaate. Achiis dhimmicha utuu hin mirkaneeffatin Haannaa ishii baayʼee dhiphattee turte qeeqe. (1 Sam. 1:12-16) Taʼus, Haannaan ilma yoo deesse ilmi ishii godoo qulqulluu keessatti ajaja Eelii jalatti akka tajaajiluuf akka isa fiddu waadaa galte. (1 Sam. 1:11) Ilmaan Eelii ammayyuu sirreeffama gochuun isaan barbaachisa turee? Eeyyee, Yihowaan yeroo booda isaan adabeera. (1 Sam. 4:17) Waaqayyo ilma Saamuʼel jedhamu ishiidhaaf kennuudhaan Haannaa eebbiseera.—1 Sam. 1:17-20.

10. Daawit Mootichi namoonni tokko tokko kan isa ganan taʼus warra kaan amanuu isaa kan itti fufe akkamitti?

10 Michuun kee baayʼee itti dhihaattu tokko akka si gane sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, muuxannoo Daawit Mootichaa ilaali. Michoota Daawit keessaa tokko Ahitoofel jedhama. Taʼus Ahitoofel ilma Daawit kan taʼe Abishaalom mootummaa abbaa isaa fudhachuuf yeroo yaalii godhetti isa wajjin fincile. Daawit deggersa ilma isaa fi nama akka michuu isaatti ilaaluu dhabuun isaa baayʼee akka isa miidhe hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, gantummaan isarratti raawwatame kun warra kaan amanuu akka dhiisu isa hin goone. Michuu isaa Hushaay isa michuu amanamaa taʼee fi fincila kanarratti hirmaachuu dide amanuu isaa itti fufeera. Daawit Hushaayiin amanuuf sababii gaarii qaba ture. Hushaay Daawitiin gargaaruuf jecha lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan michuu gaarii taʼuu isaa argisiiseera.—2 Sam. 17:1-16.

11. Tajaajilaan Naabaal tokko warra kaanirratti amantii akka qabu kan argisiise karaa kamiini?

11 Mee ammammoo tajaajiltoota Naabaal keessaa tokko fakkeenya akkamii akka nuuf taʼu haa ilaallu. Daawitii fi namoonni isaa tajaajiltoota namicha Israaʼel Naabaal jedhamu tokkootiif gaarummaadhaan eegumsa gochaa turan. Yeroo booda, Daawit namoota isaatiif hammuma dandaʼe nyaata akka kennu Naabaal isa sooressa taʼe gaafate. Daawit yeroo Naabaal gaaffii isaa fudhachuu didu aariidhaan kakaʼee dhiirota mana Naabaal keessa jiran hunda ajjeesuuf murteesse. Achiis tajaajilaan Naabaal tokko haala kana haadha manaa Naabaal kan taate Abigaayilitti hime. Tajaajilaan kun miseensa maatichaa waan taʼeef Abigaayil lubbuu isaa isaaf oolchuu akka dandeessu beeka ture. Haala sana keessaa baqachuu mannaa, Abigaayil haala sana sirreessuu akka dandeessu ishiitti amanameera. Amantii akkasii ishiirratti qabaachuu kan dandaʼe, Abigaayil dubartii hubattuu taʼuu ishiitiin waan beekamtuuf ture. Wanti sana booda taʼe akka argisiisutti, ishiitti amanamuun isaa sirrii ture. Abigaayil, Daawit wanta yaade sana akka hin raawwanne amansiisuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhatte. (1 Sam. 25:2-35) Daawit wanta sirrii akka godhu amantee turte.

12. Yesuus barattoonni isaa dogoggora kan raawwatan taʼus amantii akka isaanirratti hin dhabne kan argisiise akkamitti?

12 Yesuus barattoonni isaa dogoggora kan raawwatan taʼus, amantii isaanirratti hin dhabne. (Yoh. 15:15, 16) Yeroo Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummicha keessatti iddoo adda taʼe akka isaaniif kennu isa gaafatanitti, sababa Yihowaa tajaajiluuf itti kakaʼan hin shakkine ykn mirga ergamoota isaa taʼuu isaan hin dhoowwine. (Mar. 10:35-40) Boodas, galgala Yesuus qabametti barattoonni isaa hundi isa dhiisanii baqataniiru. (Mat. 26:56) Taʼus, Yesuus matumaa amantii isaanirratti hin dhabne. Dadhabina isaanii akka gaariitti kan beeku taʼus, “hamma dhumaatti [isaan] ni jaallate.” (Yoh. 13:1) Yesuus erga duʼaa kaafamee booda hojii barattoota gochuu akka geggeessanii fi hoolota isaa jaallatamoo akka kunuunsaniif ergamoota isaa amanamoo 11f itti gaafatamummaa guddaa kenneera. (Mat. 28:19, 20; Yoh. 21:15-17) Yesuus dhiirota mudaa qaban kana amanuuf sababii gaʼaa qaba ture. Hundi isaaniiyyuu hamma jireenya isaanii isa lafarraa xumuranitti amanamummaadhaan tajaajilaniiru. Dhugumayyuu, Haannaan, Daawit, tajaajilaan Naabaal, Abigaayilii fi Yesuus namoota mudaa qaban amanuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼu.

AMANTII WARRA KAANIRRATTI QABNU DEEBIFACHUU

13. Wanti warra kaan amanuun akka nutti ulfaatu godhu maal taʼuu dandaʼa?

13 Obboleessi amantee iccitii itti himte tokko iccitii kee si jalaa baasee beekaa? Haalli akkasii baayʼee nama gaddisiisa. Yeroo tokko, obboleettiin takka iccitii ishii jaarsa gumii tokkotti himtee turte. Guyyaa itti aanutti, haati manaa jaarsa sanaa obboleettii sana jajjabeessuuf ishiidhaaf bilbilte; jaarsi sun iccitii isatti himame haadha manaa isaatti akka hime ifadha. Obboleettiin sun sana booda jaarsa sana amanuun akka ishiitti ulfaatu beekamaadha. Haa taʼu malee, obboleettiin kun gargaarsa argachuuf tarkaanfii kan biraa fudhatte. Jaarsa gumii kan biraa kan haasofsiiste yeroo taʼu, innis amantii jaarsoliirratti qabdu akka deebifattu ishii gargaare.

14. Obboleessi tokko deebiʼee warra kaan akka amanu maaltu isa gargaare?

14 Obboleessi tokko yeroo dheeraadhaaf jaarsolii isa gaddisiisanii turan lama amanuu akka hin dandeenye isatti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, wanta obboleessi inni baayʼee kabaju tokko dubbaterratti yaaduu jalqabe. Obboleessi sun yaada ergaa guddaa qabuu fi “Diinni keenya obboloota keenya utuu hin taʼin Seexanadha” jedhu dubbatee ture. Obboleessi kun yaada kanarratti of eeggannoodhaan erga yaadee booda, jaarsolii sana wajjin yeroo booda nagaa buusuu dandaʼeera.

15. Amantii warra kaanirratti qabnu deebifachuun yeroo nutti fudhachuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya kenni.

15 Mirga gumii keessatti qabdu tokko dhabdee beektaa? Taanaan, yeroo sanatti baayʼee gadditee taʼuu dandaʼa. Jarman keessa bara bulchiinsa Naaziitti, jechuunis bara 1930mmanii keessa hojiin keenya daangeffamee ture; yeroo sanatti Gireetii fi haati ishii amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan. Gireet maxxansa Masaraa Eegumsaa obboloota ishiitiif garagalchuuf mirga argattee turte; mirga kanas baayʼee dinqisiifatti turte. Taʼus obboloonni abbaan ishii dhugaa akka mormu yeroo beekan mirga kana ishiidhaaf kennuu dhiisan; akkana kan godhan abbaan ishii odeeffannoo gumichaa mormitootaaf kenna jedhanii waan sodaataniifi. Rakkinni Gireet dandamatte kana qofa miti. Obboloonni yeroo Waraanni Addunyaa Lammaffaan ture hundatti Gireetii fi haadha ishiitiif barruulee hin kennan turan; yeroo karaarratti isaan arganis isaan hin dubbisan turan. Kun baayʼee nama miidha. Gireet baayʼee waan miidhamteef, obboloota sanaaf dhiifama gochuu fi amantii isaanirratti qabdu deebifachuun yeroo dheeraa akka ishiitti fudhate dubbatteetti. Yeroo booda garuu, Yihowaan dhiifama isaaniif godhee taʼuu qaba jettee waan yaaddeef ishiinis dhiifama isaaniif gochuu akka qabdu hubatteetti. *

“Diinni keenya obboloota keenya utuu hin taʼin Seexanadha”

16. Obboloota keenyarratti amantii qabaachuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

16 Atis haalli gaddisiisaan akkasii si mudateera taanaan amantii warra kaanirratti qabdu deebifachuuf carraaqqii godhi. Amantii warra kaanirratti qabdu deebifachuun yeroo sitti fudhachuu dandaʼa; taʼus carraaqqiin kee si kiisa. Fakkeenyaaf, nyaata nyaatteen kan kaʼe dhukkubsattee beekta taanaan, sana booda nyaata nyaattu of eeggannoodhaan akka filattu beekamaadha. Haa taʼu malee, nyaanni tokko waan si dhukkubseef qofa guutummaatti nyaachuu hin dhiistu. Haaluma wal fakkaatuun, muudannoon gaarii hin taane tokko amantii obboloota keenya hundarratti qabnu akka nu jalaa laaffisu heyyamuu hin qabnu; namni hundi cubbamaa taʼee akka dhalate beekna. Warra kaan yeroo amannu caalaatti gammachuu qabaanna, akkasumas obboloonni gumii keessa jiran akka amantii walirratti qabaatan gargaaruurratti caalaatti xiyyeeffachuu dandeenya.

17. Warra kaan amanuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?

17 Addunyaa Seexanaa keessatti warra kaan amanuun salphaa miti; taʼus obboloota keenya wajjin waan wal jaallannuuf isaan amanuu ni dandeenya. Amantiin akkasii yeroo ammaatti gammachuu fi tokkummaa nuuf argamsiisa, gara fuulduraattimmoo yeroo haalli rakkisaan nu mudatu eegumsa nuuf taʼa. Namni tokko baayʼee si gaddisiisuu isaatiin kan kaʼe sana booda isa amanuun yoo sitti ulfaate hoo? Haala sanaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf carraaqqii godhi, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchi, jaalala obboloota keetiif qabdu cimsadhu, akkasumas namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanirraa baradhu. Miira gaddaa nutti dhagaʼamu mooʼuudhaan amantii warra kaanirratti qabnu deebifachuu ni dandeenya. Akkas kan goonu taanaan ‘michoota obboleessa caalaa nutti maxxanan’ hedduu arganna. (Fak. 18:24) Haa taʼu malee, warra kaan amanuun keenya qofti gaʼaa miti; nutis isaaniif amanamoo taʼuu qabna. Mata duree itti aanurratti, obboloota keenyaaf amanamoo taʼu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

FAARFANNAA 99 Obboloota Kumaatama

^ Obboloota keenya amanuu qabna. Taʼus yeroo tokko tokko waan nu gaddisiisaniif, isaan amanuun yeroo hunda salphaa miti. Mata duree kana keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuu dandeenyu tokko tokkoo fi fakkeenyota bara durii irratti xiinxaluu dandeenyu tokko tokko ilaalla. Kunis amantii obboloota keenyarratti qabnu cimsachuuf, akkasumas obboloonni keenya yoo nu gaddisiisan deebinee amantii isaanirratti qabaachuuf nu gargaara.

^ Kitaabni Qulqulluun namoonni gumii keessa jiran tokko tokko amanamoo taʼuu dhiisuu akka dandaʼan akeekkachiisa kenna. (Yih. 4) Darbee darbee, Kiristiyaanonni sobaa “dubbii micciiramaa” dubbachuudhaan warra kaan dogoggorsuuf yaaluu dandaʼu. (HoE. 20:30) Namoota akkasii amanuus taʼe wanta isaan dubbatan dhagaʼuu hin barbaannu.

^ Waaʼee muuxannoo Gireet caalaatti beekuuf, Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1974 ful. 129-131 (Ingiliffa) dubbisi.