Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

Amanamaa Taʼuu Kee Argisiisi

Amanamaa Taʼuu Kee Argisiisi

“Namni amanamaan . . . iccitii eega.”—FAK. 11:13.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

QABIYYEE *

1. Namni tokko amanamaa taʼuusaa akkamitti beekuu dandeenya?

 NAMNI amanamaan waadaa gale eeguu fi dhugaa dubbachuuf carraaqqii godha. (Far. 15:4) Warri kaanis isa amanu. Obboloonni keenyas waaʼee keenya akkas akka isaanitti dhagaʼamu barbaanna. Maarree, obboloonni keenya akka nu amananiif maal gochuu dandeenya?

2. Amanamoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Warri kaan akka nu amanan dirqisiisuu hin dandeenyu. Namoonni akka nu amananiif amanamoo taʼuu keenya argisiisuu qabna. Warri kaan akka nu amanan gochuun maallaqa argachuu wajjin wal fakkaata. Argachuun carraaqqii kan gaafatu taʼus, salphaatti dhabuu dandeenya. Yihowaan amanamaa akka taʼe argisiiseera. ‘Wanti inni godhu hundi kan amanamu’ waan taʼeef yeroo hunda isa amanuu dandeenya. (Far. 33:4) Yihowaan fakkeenya isaa akka hordofnu nurraa eega. (Efe. 5:1) Mee waaʼee tajaajiltoota Yihowaa amanamoo fakkeenya Abbaa isaanii isa samii hordofanii fi amanamoo taʼuu isaanii argisiisan tokko tokkoo haa ilaallu. Amaloota amanamoo taʼuuf nu gargaaran shanis ni ilaalla.

TAJAAJILTOOTA YIHOWAA AMANAMOO TAʼANIRRAA BARADHU

3-4. Daaniʼel raajichi amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? Kun hoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

3 Daaniʼel raajichi amanamaa taʼuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Boojuudhaan gara Baabilonitti fudhatamee utuma baayʼee hin turin, amanamaa taʼuu isaa argisiiseera. Yommuu gargaarsa Yihowaatiin abjuu Nebukadnezaar isa mootii Baabilon taʼee hiikettimmoo namoonni caalaatti isa amananiiru. Yeroo tokko Daaniʼel Yihowaan akka isatti hin gammanne mootichatti himuu qaba ture; ergaan kun ergaa mootichi dhagaʼuu barbaadu miti. Mootichi nama akka malee aaru waan taʼeef Daaniʼel ergaa kana himuuf ija jabinni isa barbaachiseera. (Dan. 2:12; 4:20-22, 25) Waggoota hedduu boodas Daaniʼel amanamaa taʼuu isaa argisiiseera; Baabilon keessatti ergaa iccitii girgiddaa mana mootiirratti barreeffame sirriitti hiikeera. (Dan. 5:5, 25-29) Boodas Daariyos inni nama Medoon taʼee fi abbootiin taayitaa isaa “hafuurri adda taʼe isa keessa [akka] jiru” hubataniiru. Daaniʼel “amanamaa, kan hin dhiboofnee fi balleessaa tokko illee kan hin qabne” akka taʼe ifatti hubataniiru. (Dan. 6:3, 4) Eeyyee, namoonni Yihowaa hin waaqeffannellee tajaajilaan Waaqayyoo kun amanamaa taʼuu isaa hubataniiru.

4 Fakkeenya Daaniʼel sammuutti qabachuudhaan akkana jennee of haa gaafannu: ‘Gumiidhaa alatti maqaa akkamiin qaba? Nama itti gaafatamummaa isaa baʼuu fi amanamuu dandaʼu akka taʼettan ilaalamaa?’ Gaaffilee kana of gaafachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amanamoo taʼuun keenya Yihowaadhaaf ulfina waan fiduufi.

Nahimiyaan hojii barbaachisaa akka hojjetan namoota amanamoo filateera (Keeyyata 5 ilaali)

5. Hanaaniyaan amanamaa taʼuu kan dandaʼe akkamitti?

5 Dhaloota Kiristoos Dura bara 455​tti Nahimiyaan inni bulchaa ture dallaawwan Yerusaalem erga ijaaree booda namoota amanamoo magaalattiidhaaf eegumsa godhan barbaadaa ture. Namoota Nahimiyaan filate keessaa tokko ajajaa Dallaa Dhagaa kan taʼe Hanaaniyaa ture. Kitaabni Qulqulluun Hanaaniyaan “namoota kaan hundumaa caalaa nama baayʼee amanamaa taʼee fi Waaqa dhugaa sodaatu” akka taʼe dubbata. (Nah. 7:2) Hanaaniyaan Yihowaadhaaf jaalala qabaachuun isaa fi akka isa hin gaddisiisne sodaachuun isaa hojii isaaf kenname kamiyyuu hojjechuuf isa kakaaseera. Amaloonni kun tajaajila Yihowaa keessatti amanamoo taʼuuf nu gargaaru.

6. Tikiqoos Phaawulosiif michuu amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

6 Mee amma immoo fakkeenya Tikiqoos isa Phaawulosiif michuu amanamaa turee haa ilaallu. Phaawulos yeroo mana isaa keessatti hidhamee turetti Tikiqoos “tajaajilaa . . . amanamaa” akka taʼetti ibsuudhaan akka isatti amanamu argisiiseera. (Efe. 6:21, 22) Obboloota Efesoonii fi Qolosaayis keessa jiraniif xalayaa akka geessu qofa utuu hin taʼin, akka isaan jajjabeessus isatti amanameera. Tikiqoos obboloota amanamoo yeroo harʼaatti karaa hafuuraa kunuunsa nuuf godhan nu yaadachiisa.—Qol. 4:7-9.

7. Amanamoo taʼuu ilaalchisee jaarsolii fi tajaajiltoota gumii gumii keessan keessa jiranirraa maal baratta?

7 Yeroo harʼaatti jaarsolii fi tajaajiltoota gumii amanamoo taʼan qabaachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Isaanis akkuma Daaniʼel, Hanaaniyaa fi Tikiqoos itti gaafatamummaa isaaniitiif iddoo guddaa kennu. Fakkeenyaaf, walgaʼii torban gidduurratti yeroo argamnu kutaawwan hundi nama dhiheessuuf akka ramadaman hin shakkinu. Jaarsoliin obboloonni kutaan isaaniif kenname hundi kutaa isaanii qophaaʼanii yeroo dhiheessan baayʼee gammadu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haasaa sabaa akka dhiheessu mirkanaaʼaa waan taaneef namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu walgaʼii dhuma torbaniitti geggeeffamurratti affeeruurraa duubatti hin jennu. Barreeffama tajaajilaaf nu barbaachisu akka argannus ni amanna. Obboloonni amanamoon kun akka gaariitti nu kunuunsu; kanaafis Yihowaa baayʼee galateeffanna. Haa taʼu malee, amanamoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

ICCITII EEGUUDHAAN AMANAMAA TAʼUU KEE ARGISIISI

8. Warra kaaniif akka yaannu yeroo argisiisnu madaallii keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 11:13)

8 Obbolootaa fi obboleettota keenya waan jaallannuuf haala isaan keessa jiran beekuu barbaanna. Haa taʼu malee, dhimma dhuunfaa isaanii keessa galuu hin qabnu. Obboloonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko “wantoota dubbachuu hin qabne dubbachuudhaan hamattootaa fi dhimma namootaa keessa kan galan” turan. (1 Xim. 5:13) Nuti akka isaanii taʼuu akka hin barbaanne beekamaadha. Tarii namni tokko iccitii isaa erga nutti himee booda nama kan biraatti akka hin himne nu gaafata. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko dhibee fayyaa qabdu ykn rakkina ishii mudachaa jiru kan biraa erga nutti himtee booda nama kan biraatti akka hin himne nu gaafatti taʼa. Kanaafuu, iccitii ishii eeguufii qabna. * (Fakkeenya 11:13 dubbisi.) Mee haalawwan iccitii eeguun itti nu barbaachisu kan biroo haa ilaallu.

9. Miseensonni maatii akka amanaman argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

9 Maatii keessatti amanamaa taʼi. Miseensonni maatii hundi iccitii maatii eeguuf itti gaafatamummaa qabu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haati manaa isaa amala isa kolfisiisu qabaachuu dandeessi. Maarree, wanta kana warra kaanitti himuudhaan ishii qaanessuu qabaa? Akkas gochuu akka hin qabne ifadha. Haadha manaa isaa waan jaallatuuf matumaa wanta ishii miidhu gochuu hin barbaadu. (Efe. 5:33) Ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran hamma tokko kabajamuu barbaadu. Warri kana yaadachuun isaanii barbaachisaadha. Dogoggora ijoolleen isaanii raawwatan warra kaanitti himuudhaan isaan qaanessuu hin qabani. (Qol. 3:21) Ijoolleenis odeeffannoo miseensota maatichaa tokko tokko qaanessuu dandaʼu warra kaanitti akka hin himne barachuu qabu. (Kes. 5:16) Miseensonni maatii hundi iccitii maatichaa eeguudhaaf gaʼee mataa isaanii yeroo baʼan walitti dhufeenyi maatichaa ni cima.

10. Michuu dhugaan maal godha? (Fakkeenya 17:17)

10 Michoota keetiif amanamaa taʼi. Baayʼeen keenya jireenya keenya keessatti yeroo taʼe tokkotti iccitii keenya michuu itti dhihaannu tokkotti himuun nu barbaachisuun isaa hin oolu. Yeroo tokko tokko akkas gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Wanta garaa keenya keessa jiru warra kaanitti himuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; michuun keenya wanta itti himne nama kan biraatti akka hime yoo hubanne baayʼee miidhamna. Karaa kan biraatiin immoo nama iccitii keenya nuuf eegu baayʼee dinqisiifanna. Namni akkasii “michuu dhugaa” dha.—Fakkeenya 17:17 dubbisi.

Jaarsoliin gumii dhimma iccitii taʼe miseensota maatii isaaniitti hin himan (Keeyyata 11 ilaali) *

11. (a) Jaarsoliinii fi haadhotiin manaa isaanii amanamoo akka taʼan kan argisiisan akkamitti? (b) Karaa jaarsi gumii maatii qabu tokko dhimma gumii iccitii taʼe itti qaberraa maal hubanna? (Fakkicha ilaali.)

11 Gumii keessatti amanamaa taʼi. Jaarsoliin iccitii eegan warra kaaniif ‘bakka bubbee jalaa itti baqatanii fi bakka daʼoo itti argatan ni taʼu.’ (Isa. 32:2) Jaarsoliin iccitii keenya akka nuuf eegan waan amannuuf bilisummaadhaan isaan haasofsiisna. Wanta iccitii taʼe akka nutti himanis dhiibbaa isaanirratti hin goonu. Kana malees, haadhotiin manaa jaarsolii abbootiin manaa isaanii waaʼee warra kaanii wanta iccitii taʼe akka isaanitti himan waan hin gaafanneef baayʼee isaan dinqisiifanna. Haati manaa jaarsa gumii tokko waaʼee obboloota ishii wanti iccitii taʼe ishiitti himamuu dhiisuun isaa ishii fayyada. Haati manaa jaarsa gumii tokkoo akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo waaʼee obboloota gargaarsi jaarsolii isaan barbaachisuu maqaa isaanii dabalatee wanta tokkoyyuu natti himuu dhiisuu isaatti baayʼeen isa galateeffadha. Waaʼee dhimmoota ani homaa gochuu hin dandeenyee natti himuu dhiisuun isaa baʼaa hin barbaachisnerraa na oolcheera. Kanaan kan kaʼes, obboloota gumii keessa jiran hundumaa wajjin bilisummaadhaanan haasaʼa. Abbaan manaa koo miira natti dhagaʼame ykn wanta na mudate yeroon isatti himu iccitii koo akka naaf eegus isattan amanama.” Hundumti keenyayyuu amanamoo taʼuurratti maqaa gaarii qabaachuu barbaanna. Maarree, galma kanarra gaʼuuf amaloonni nu gargaaran kamfaʼi? Mee amaloota kana gochuuf nu gargaaran shan haa ilaallu.

AMALOOTA AMANAMAA TAʼUUF SI GARGAARAN HORADHU

12. Amanamaa taʼuuf jaalalli baayʼee barbaachisaadha kan jennu maaliifi? Fakkeenya kenni.

12 Amanamaa taʼuuf jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Yesuus ajajawwan guguddaa lamaan Yihowaa jaallachuu fi nama jaallachuu akka taʼe dubbateera. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu fakkeenya inni guutummaatti amanamaa taʼuudhaan nuuf kaaʼe hordofuuf nu kakaasa. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnus iccitii isaanii eeguuf nu kakaasa. Wanta isaan miidhu, isaan qaanessu ykn isaan gaddisiisu matumaa gochuu hin barbaannu.—Yoh. 15:12.

13. Gad of qabuun amanamoo taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

13 Gad of qabuun amanamoo taʼuuf nu gargaara. Kiristiyaanni gad of qabu tokko wanta tokko dursee dubbachuudhaan warra kaan ajaaʼibsiisuuf hin yaalu. (Filp. 2:3) Akkasumas iccitii warra kaanitti himamuu hin qabne akka beeku dubbachuudhaan of hin jaju. Gad of qabuun dhimmoota Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenyarratti hin ibsamne ilaalchisee ilaalcha mataa keenyaa babalʼisuurraa of qusachuuf nu kakaasa.

14. Hubannaa qabaachuun amanamoo taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

14 Kiristiyaanni tokko hubannaa qabaachuun isaa ‘yoom callisuu akka qabuu fi yoom dubbachuu akka qabu’ beekuuf isa gargaara. (Lal. 3:7) Aadaa tokko tokko keessatti jechamni, “Dubbachuun meetiidha, callisuun garuu warqiidha” jedhu beekamaadha. Kana jechuun yeroo tokko tokko dubbachuurra callisuun gaarii taʼuu dandaʼa jechuudha. Fakkeenyi 11:12 gorsa, “Namni hubannaa dhugaa qabu . . . calluma jedha” jedhu kan kennu kanaafi. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko yeroo baayʼee haala rakkisaa gumiiwwan kan biroo mudaturratti gargaarsa akka godhu ni gaafatama. Jaarsi gumii tokko waaʼee obboleessa kanaa yeroo dubbatu, “Waaʼee gumiiwwan kan biroo wanta iccitii taʼe akka hin dubbanne baayʼee of eeggata” jedheera. Jaarsi kun hubataa taʼuun isaa kabaja obboloota qaama jaarsolii keessatti isa wajjin tajaajilanii isaaf argamsiiseera. Jaarsoliin kun iccitii isaanii warra kaanitti akka jalaa hin himne mirkanaaʼoodha.

15. Fakkeenya dhugaa dubbachuun keenya warri kaan akka nu amanan akka godhu argisiisu tokko dubbadhu.

15 Amalli amanamoo taʼuuf nu gargaaru kan biraanimmoo dhugaa dubbachuudha. Nama yeroo hundumaa dhugaa dubbatu amanuun nutti hin ulfaatu. (Efe. 4:25; Ibr. 13:18) Fakkeenyaaf, dandeettii barsiisuu kee fooyyeffachuu barbaadde haa jennu. Kanaafuu, namni tokko si dhaggeeffatee yaada fooyyaʼiinsa gochuuf si gargaaru akka siif kennu gaafatte. Namni dhugumaan yaada sirrii akka siif kennu amantu eenyu? Nama wanta ati dhagaʼuu barbaaddu sitti himumoo, nama gaarummaadhaan dhugaa isaa sitti himudha? Deebiin isaa ifadha. Kitaabni Qulqulluun, “Jaalala dhokfame irra ifannaa ifatti kenname wayya. Madaan michuun geessisu amanamummaa irraa kan madde dha” jedha. (Fak. 27:5, 6) Michuun keenya dhugaa isaa nutti himuun isaa jalqabarratti nutti ulfaachuu kan dandaʼu taʼus, yeroo booda akka nu fayyadu ifadha.

16. Fakkeenyi 10:19 of toʼachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan nu hubachiisu akkamitti?

16 Warri kaan akka nu amananiif of toʼachuun keenya barbaachisaadha. Amalli kun yeroo iccitii nutti himame tokko dubbachuuf qoramnutti callisuuf nu gargaara. (Fakkeenya 10:19 dubbisi.) Tarii yeroo miidiyaalee hawaasaa fayyadamnu of toʼachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Yoo of eeggachuu baanne wanta iccitii taʼe utuu nutti hin beekamin namoota hedduutti himuu dandeenya. Meeshaa elektirooniksiitti fayyadamnee oduu tokko erga babalʼisnee booda akkaataa warri kaan odeeffannoo sana itti fayyadaman ykn balaa inni geessisu toʼachuu hin dandeenyu. Of toʼachuun keenya yeroo mormitoonni odeeffannoo obboloota keenya balaadhaaf saaxilu akka isaanitti himnu nu gowwoomsuuf yaalanittis callisuuf nu gargaara. Tarii haalli akkasii biyya hojiin keenya itti dhorkame ykn daangeffame keessatti yeroo poolisiin nu qoratutti nu mudachuu dandaʼa. Haala akkasiis taʼe kan biroo keessatti qajeelfama ‘afaan keenya hiinee eeggachuuf’ nu gargaaru hordofuu dandeenya. (Far. 39:1) Maatii, michoota, obbolootaa fi obboleettota keenya dabalatee nama kamiyyuu wajjin haala wal qabateen amanamoo taʼuu qabna. Amanamoo taʼuuf immoo of toʼachuun nu barbaachisa.

17. Gumii keessa wal amanuun akka jiraatu gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yihowaan kutaa obboloota jaalala qabeeyyii fi amanamoo taʼanii akka taanu nuuf heyyamuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. Hundi keenyayyuu obbolootaa fi obboleettota keenyaaf amanamoo taʼuuf itti gaafatamummaa qabna. Tokkoon tokkoon keenya jaalala argisiisuudhaan, gad of qabuudhaan, hubannaa argisiisuudhaan, dhugaa dubbachuu fi of toʼachuudhaan gumii keessa wal amanuun akka jiraatu gumaacha gochuu dandeenya. Warri kaan akka nu amananiif carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Kanaafuu, fakkeenya Waaqa keenya Yihowaa hordofuudhaan amanamoo taʼuu keenya argisiisuu keenya itti haa fufnu.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

^ Warri kaan akka nu amanan yoo barbaanne amanamoo taʼuu keenya argisiisuu qabna. Mata duree kana keessatti wal amanuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi amaloonni nama warri kaan amanan taʼuuf nu gargaaran maalfaa akka taʼan ilaalla.

^ Namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekne, gargaarsa jaarsolii akka gaafatu isa jajjabeessuu qabna. Yoo akkas gochuu baate garuu, amanamummaan Yihowaa fi gumii Kiristiyaanaatiif qabnu dhimmicha jaarsolii beeksisuuf nu kakaasuu qaba.

^ IBSA FAKKII: Jaarsi gumii tokko dhimma iccitiidhaan qabamuu qabu maatii isaatti hin himne.