Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos ergamaan akka “daaʼima utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalatee” akka taʼe yeroo dubbatu maal jechuu isaati? (1 Qorontos 15:8)

▪ Phaawulos 1 Qorontos 15:8 irratti, “Hundumaa booda garuu, ana isa akka daaʼima utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalatee taʼetti mulʼate” jedheera. Kanaan dura, Phaawulos dubbachaa kan jiru, waaʼee yeroo Yesuus ulfina isaa isa samii argatee isatti mulʼatetti isa mudatee akka taʼe ibsinee turre. Jireenya samiitiif duʼaa kaʼuun jalqabuu isaa jaarraawwan hedduu dura, jireenya hafuuraatiif dursee ulfina dhalachuu ykn duʼaa kaʼuu argachuu isaa kan argisiisu akka taʼetti yaanna turre. Haa taʼu malee, qorannaan dabalataa caqasa kanarratti godhame, ibsa caqasa kanaarratti sirreeffama gochuun akka barbaachisu ifa godheera.

Phaawulos asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee wanta yeroo jijjiirametti raawwatamee akka taʼe ifadha. Haa taʼu malee, “daaʼima utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalate” yeroo ofiin jedhu maal jechuu isaati? Tarii akkana jechuu isaa taʼuu dandaʼa:

Kan jijjiirame akka tasaa fi karaa nama naasisuun ture. Yeroo baayʼee daaʼimni tokko utuu yeroon isaa hin gaʼin kan dhalatu akkuma tasaati. Saaʼol (inni yeroo booda maqaa Phaawulos jedhamuun beekame) yeroo Kiristiyaanota ariʼachuuf gara Damaasqoo deemaa turetti Yesuus isa duʼaa kaafame mulʼataan akka argu hin eegne. Jijjiiramni Phaawulos isa qofaaf utuu hin taʼin, Kiristiyaanota magaalaa sanatti ariʼachuuf karoorfatee tureefis wanta hin eegamnedha. Kana malees, haalli baayʼee nama naasisu kun yeroodhaaf agartuu ija isaa isa dhabsiiseera.—HoE. 9:1-9, 17-19.

“Yeroo sirrii hin taanetti” jijjiirame. Jechi Afaan Giriikii “daaʼima utuu yeroon isaa hin gaʼin dhalate” jedhamee hiikame “daaʼima yeroo sirrii hin taanetti dhalate” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Hiikkaan The Jerusalem Bible, “Akkuma waan yeroo namni tokkollee na hin eegnetti dhaladheeti” jedhee hiikeera. Phaawulos kan jijjiirame Yesuus gara samiitti erga deebiʼee boodadha. Phaawulos akka namoota lakkoofsota duraarratti caqasee Yesuus duʼaa kaafamee gara samiitti deebiʼuu isaa dura isa hin argine. (1 Qor. 15:4-8) Yesuus yeroo hin eegamnetti Phaawulositti mulʼachuun isaa, “yeroo sirrii hin taane” fakkaatus, Phaawulos isa arguuf carraa isaaf baneera.

Waaʼee ofii isaa gad of qabuudhaan dubbachaa ture. Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti, jechi Phaawulos as irratti itti fayyadame of ceephaʼaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Wanti Phaawulos yaade kana taanaan, mirgi isaaf kenname akka isaaf hin malle dubbachaa jira jechuudha. Itti fufuudhaan akkana jedheera: “Ani gumii Waaqayyoo ariʼachaa waanan tureef, ergamoota hundumaatii gad kanan taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun kan naaf hin malle dha. Haa taʼu malee, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera.”—1 Qor. 15:9, 10.

Kanaafuu, Phaawulos dubbachaa kan jiru Yesuus kan isatti mulʼate akka tasaa fi karaa nama naasisuun akka taʼe, kan jijjiirame yeroo hin eegamnetti akka taʼe ykn mulʼata dinqisiisaa taʼe arguun kan isaaf hin malle akka taʼe argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Wanti inni dubbachuuf yaade maaliyyuu yoo taʼe, Phaawulos wanta isa mudate kanaaf iddoo guddaa akka kennu ifadha. Yesuus duʼaa akka kaafame guutummaatti isaaf mirkaneesseera. Yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu Yesuus lallabutti yeroo baayʼee wanta isa mudate kana akka caqase beekamaadha.—HoE. 22:6-11; 26:13-18.