Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Warri lafarratti duʼaa kaafaman eenyufaʼi? Duʼaa kaʼuu akkamii argatu?

Deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffilee kanaaf kennu ilaali.

Hojiin Ergamootaa 24:15 “qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaafaman” dubbata. Qajeelota kan jedhaman namoota duʼuu isaanii dura Waaqayyoof ajajamaa turanidha; kanaafuu, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera. (Mil. 3:16) Jalʼoonnimmoo namoota waaʼee Yihowaa barachuuf carraa gaʼaa utuu hin argatin duʼan dabalata; kanaafuu, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne.

Yohaannis 5:28, 29 waaʼee gareewwan Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsaman lamaanii dubbata. Yesuus “warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa” akka baʼan dubbateera. Qajeelonni warra duʼuu isaanii dura wanta gaarii hojjechaa turanidha. Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akkuma barreeffametti waan jiruuf, duʼaa kaʼuu jireenyaatiif awwaala keessaa baʼu. Jalʼoonnimmoo duʼuu isaanii dura wanta hamaa hojjechaa turan. Kanaafuu, duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa baʼu. Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti waan hin barreeffamneef, yeroo murtii ykn yeroo qorumsaa keessa darbu. Yeroo kanatti waaʼee Yihowaa barachuu fi maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akka barreeffamu gochuuf carraa argatu.

Mulʼanni 20:12, 13 namoonni duʼaa kaafaman hundi wanta “maraa kitaabaa sana keessatti barreeffame,” jechuunis seerota haaraa addunyaa haaraa keessatti hojiirra oolaniif ajajamuu akka qaban ibsa. Warri hin ajajamne ni balleeffamu.—Isa. 65:20.

Daaniʼel 12:2, “[Namoota duʼan keessaa] tokko tokko jireenya bara baraatiif, kaan immoo arrabsoo fi salphina bara baraatiif ni kaʼu” jedha. Caqasni kun waaʼee murtii dhumaa namoota duʼaa kaafaman irratti dabarfamuu dubbata; innis “jireenya bara baraa” ykn “salphina bara baraati.” Kanaafuu, dhuma waggaa 1,000​tti namoonni tokko tokko jireenya bara baraa argatu, warri kaanimmoo bara baraaf balleeffamu.—Mul. 20:15; 21:3, 4.

Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Haalli gareewwan duʼaa kaafaman lamaanii haala namoota biyya ormaa biyya kan biraa jiraachuu barbaadanitti fakkeeffamuu dandaʼa. Qajeelonni namoota viizaa hojii ykn viizaa jireenyaa hamma tokko beekamtii fi bilisummaa isaaniif argamsiisu argatanitti fakkeeffamuu dandaʼu. Faallaa kanaatiin, jalʼoonni namoota biyya ormaa viizaa yeroodhaaf ykn daawwattoota taʼanii turuuf isaan dandeessisu qabanitti fakkeeffamu. Namoonni biyya ormaa kun biyya sana keessa jiraachuu isaanii akka itti fufan akka isaaniif heyyamamuuf wanta isaan irraa eegamu guutuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun, jalʼoonni duʼaa kaafamanis Jannata keessa jiraachuu isaanii itti fufuuf seerota Yihowaa eeguu fi qajeelota taʼuu isaanii mirkaneessuu qabu. Namoonni biyya ormaa viizaan jalqabarratti argatan kan akkamiiyyuu yoo taʼe, isaan keessaa tokko tokko yeroo booda lammummaan kan isaaniif kennamu yeroo taʼu kaan immoo biyyaa baafamuu dandaʼu. Kana kan murteessu ilaalchaa fi amala biyyattii keessatti argisiisanidha. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni duʼaa kaafaman hundis wanta dhumarratti isaanirra gaʼu kan murteessu amanamoo taʼuu isaanii fi amala addunyaa haaraa keessatti argisiisanidha.

Yihowaan Waaqa gara laafinaa qofa utuu hin taʼin Waaqa haqaas akka taʼe beekna. (Kes. 32:4; Far. 33:5) Qajeelotas taʼe jalʼoota duʼaa kaasuudhaan jaalala isaa argisiisa. Taʼus, hundi isaanii ulaagaalee naamusaa isaa warra ol aanoo akka eegan isaan irraa eega. Addunyaa haaraa keessa jiraachuu isaanii akka itti fufan kan isaaniif heyyamamu namoota isa jaallatanii fi ulaagaalee isaa eegan qofadha.