Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’

‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’

“Warri namoota hedduu gara qajeelummaatti [fidan] akka urjiileetti baraa hamma bara baraatti ni ifu.”—DAN. 12:3.

FAARFANNAA 151 Isaan ni Waama

QABIYYEE *

1. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti yeroo gammachiisaa akkamiitu nu eeggata?

 YEROO Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti lafarratti guyyaan namoonni duʼaa kaafamuu itti jalqaban baayʼee gammachiisaa taʼa. Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hundi deebiʼanii isaan arguuf baayʼee hawwu. Yihowaanis akkasuma isatti dhagaʼama. (Iyo. 14:15) Namoonni hundi namoonni jaallatan yeroo duʼaa kaafaman hammam akka gammadan mee yaadi. Akkuma mata duree darberratti ilaalle, “qajeelonni” maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame “duʼaa kaʼuu jireenyaatiif” awwaala keessaa ni baʼu. (HoE. 24:15; Yoh. 5:29) Tarii namoonni jaallannu hedduun warra lafarratti jalqaba duʼaa kaafaman keessaa tokko taʼuu dandaʼu. * Kana malees, “jalʼoonni,” jechuunis namoonni duʼuu isaanii dura Yihowaa beekuu fi isa tajaajiluuf carraa gaʼaa hin arganne “duʼaa kaʼuu murtiitiif” awwaala keessaa ni baʼu.

2-3. (a) Akka Isaayyaas 11:9, 10 irratti ibsametti, sagantaan barumsaa seenaa ilmaan namootaa keessatti guddaa taʼe isa kami? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Namoonni duʼaa kaafaman hundi barumsa argachuun isaan barbaachisa. (Isa. 26:9; 61:11) Kanaafuu, sagantaan barnootaa guddaan seenaa ilmaan namootaa keessatti geggeeffamee hin beekne ni barbaachisa. (Isaayyaas 11:9, 10 dubbisi.) Maaliif? Tokkoffaa, jalʼoonni duʼaa kaafaman waaʼee Yesuus Kiristoos, waaʼee qophii Mootummichaa, waaʼee furichaa, akkasumas dhimma maqaa Yihowaa fi olaantummaa isaa wajjin haala wal qabateen kaʼe barachuun isaan barbaachisa. Qajeelonnillee wanta Yihowaan kaayyoo lafaaf qabu ilaalchisee irraa jalaan saba isaatiif ifa godhe barachuun isaan barbaachisa. Namoota amanamoo kana keessaa tokko tokko kan duʼan Kitaabni Qulqulluun barreeffamee xumuramuu isaa duradha. Jalʼoonnis taʼan qajeelonni wanti barachuun isaan barbaachisu hedduun jira.

3 Mata duree kana keessatti gaaffilee kana ilaalla: Sagantaan barumsaa guddaan kun akkamitti geggeeffama? Deebiin namoonni barumsa kanaaf kennan maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti dhaabbataadhaan barreeffamuu fi dhiisuu isaarratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Yeroo harʼaatti deebii gaaffilee kanaa beekuun keenya barbaachisaadha. Akkuma itti aansuudhaan ilaallutti, raajiiwwan dinqisiisoon kitaaba Daaniʼelii fi Mulʼataa keessatti argaman tokko tokko, yeroo namoonni duʼaa kaafamanitti wanta taʼu caalaatti hubachuuf nu gargaaru. Jalqaba, taʼee gammachiisaa raajii Daaniʼel 12:1, 2 irratti ibsame haa ilaallu.

‘NAMOONNI BIYYOO KEESSA RAFANII JIRAN NI KAʼU’

4-5. Daaniʼel 12:1 waaʼee yeroo dhumaa maal jedha?

4 Daaniʼel 12:1 dubbisi. Kitaabni Daaniʼel taʼeewwan yeroo dhumaa keessatti raawwataman duraa duuba akkamiitiin akka raawwataman ibsa. Fakkeenyaaf, Daaniʼel 12:1 Mikaaʼel, jechuunis Yesuus Kiristoos “saba [Waaqayyootiif] akka dhaabbatu” dubbata. Raajiin kun raawwii isaa argachuu kan jalqabe bara 1914​tti yeroo Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudamettidha.

5 Haa taʼu malee, Yesuus ‘kan kaʼu’ yeroo “yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne” jiraatu keessa akka taʼus Daaniʼelitti himameera. “Yeroon dhiphinaa” kun ‘rakkina guddaa’ Maatewos 24:21 irratti ibsamedha. Yesuus saba Waaqayyootiif eegumsa gochuuf kan kaʼu ykn tarkaanfii kan fudhatu dhuma yeroo dhiphinaa kanatti, jechuunis yeroo Armaagedoonittidha. Kitaabni Mulʼataa warri kun ‘tuuta uummataa guddaa rakkina guddaa keessaa dhufan’ akka taʼan ibsa.—Mul. 7:9, 14.

6. Tuutni uummataa guddaan rakkina guddaarraa erga oolanii booda maaltu taʼa? ibsi. (“Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessatti argamuu fi waaʼee duʼaa kaʼuu lafarratti raawwatamuu dubbatus ilaali.)

6 Daaniʼel 12:2 dubbisi. Tuutni uummataa guddaan yeroo dhiphinaa kanarraa erga oolanii booda maaltu taʼa? Akka kanaan dura hubachaa turretti, raajiin kun duʼaa kaʼuu fakkeenyaa isa bara dhumaa keessatti raawwatamu, jechuunis tajaajiltoonni Waaqayyoo karaa hafuuraa bayyanachuu isaanii kan argisiisu miti. * Kanaa mannaa, yaanni kun kan argisiisu duʼaa kaʼuu warra duʼanii addunyaa haaraa keessatti raawwatamudha. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi “biyyoo” jedhu jecha Iyyoob 17:16 irratti “Awwaala” jedhame wajjin tokkodha. Dhugaan kun yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamu duʼaa kaʼuu guyyoonni dhumaa erga xumuramanii fi waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee booda raawwatamu akka argisiisu ifa godha.

7. (a) Yaanni namoonni tokko tokko “jireenya bara baraatiif” duʼaa akka kaafaman dubbatu hiika akkamii qaba? (b) Duʼaa kaʼuun kun “duʼaa kaʼuu isa caalu” kan taʼe akkamitti?

7 Haa taʼu malee, yaanni Daaniʼel 12:2 irratti argamuu fi namoonni tokko tokko “jireenya bara baraatiif” duʼaa akka kaafaman dubbatu hiika akkamii qaba? Yaanni kun waggaa 1,000 keessatti namoonni duʼaa kaafamanii fi waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus beekumsa argatan ykn beekumsa argachuu isaanii itti fufanii fi ajajaman dhumarratti jireenya bara baraa akka argatan argisiisa. (Yoh. 17:3) Duʼaa kaʼuun kun duʼaa kaʼuu kanaan dura lafarratti raawwatamerra “duʼaa kaʼuu isa caalu” taʼa. (Ibr. 11:35) Maaliif? Sababiin isaas, namoonni cubbamoon kanaan dura duʼaa kaafaman deebiʼanii duʼaniiru.

8. Namoonni tokko tokko “arrabsoo fi salphina bara baraatiif” duʼaa kan kaafaman akkamitti?

8 Haa taʼu malee, sagantaa barumsaa Yihowaan qopheessu kan fudhatan namoota duʼaa kaafaman hunda miti. Raajiin Daaniʼel namoonni tokko tokko duʼaa kan kaafaman “arrabsoo fi salphina bara baraatiif” akka taʼe dubbata. Namoonni kun waan fincilaniif maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamu, akkasumas jireenya bara baraa hin argatan. Kanaa mannaa, “salphina bara baraa” ykn badiisatu isaanirra gaʼa. Kanaafuu, Daaniʼel 12:2 namoonni duʼaa kaafaman hundi wanta erga duʼaa kaafamanii booda raawwataniin kan kaʼe dhumarratti maaltu akka isaanirra gaʼu ibsa. * (Mul. 20:12) Tokko tokko jireenya bara baraa argatu, kaanimmoo hin argatan.

‘NAMOOTA HEDDUU GARA QAJEELUMMAATTI FIDUU’

9-10. Rakkina guddaa booda wanta kan biraa akkamiitu raawwatama? ‘Akka samii guyyaatti kan ifan’ eenyufaʼi?

9 Daaniʼel 12:3 dubbisi. “Yeroo dhiphinaa” gara fuulduraatti dhufu booda wanta kan biraa akkamiitu taʼa? Daaniʼel 12:2 qofa utuu hin taʼin lakkoofsi 3s waaʼee wanta rakkina guddaa booda raawwatamuu ni dubbata.

10 ‘Akka samii guyyaatti kan ifan’ eenyufaʼi? Wanti Yesuus Maatewos 13:43 irratti dubbatee fi “Yeroo sanatti qajeelonni Mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu” jedhu deebii isaa argachuuf nu gargaara. Yaada naannoo isaa jiru yeroo ilaallu Yesuus waaʼee “ilmaan Mootummichaa,” jechuunis obboloota isaa dibamoo Mootummaa samii keessatti isa wajjin tajaajilanii dubbachaa jira. (Mat. 13:38) Kanaafuu, Daaniʼel 12:3 kan dubbatu waaʼee dibamtootaa fi hojii isaan Bulchiinsa Barkumee keessatti hojjetaniiti.

Warri 144,000 Yesuus Kiristoos wajjin dhiheenyatti hojjechuudhaan hojii barsiisuu lafarratti waggaa 1,000 keessatti raawwatamu geggeessu (Keeyyata 11 ilaali)

11-12. Warri 144,000 waggaa 1,000 keessatti hojii akkamii hojjetu?

11 Dibamtoonni “namoota hedduu gara qajeelummaatti” kan fidan akkamitti? Dibamtoonni Yesuus Kiristoos wajjin dhiheenyatti hojjechuudhaan sagantaa barsiisuu lafarratti waggaa 1,000 keessatti raawwatamu geggeessu. Warri 144,000 mootota taʼanii bulchuu qofa utuu hin taʼin luboota taʼaniis ni tajaajilu. (Mul. 1:6; 5:10; 20:6) Kanaafuu, “saboota fayyisuu” irratti, jechuunis namoonni dhawaata mudaa kan hin qabne akka taʼan gochuurratti gargaarsa godhu. (Mul. 22:1, 2; His. 47:12) Kun dibamtootaaf gammachuu guddaa argamsiisa.

12 ‘Namoonni hedduun’ gara qajeelummaatti fidaman eenyufaʼi? Namoota duʼaa kaafaman, warra Armaagedoon irraa oolan, akkasumas ijoollee addunyaa haaraa keessatti dhalatan kan dabalatudha. Xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi mudaa kan hin qabne taʼu. Maarree, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti irsaasiidhaan utuu hin taʼin, dhaabbataadhaan qalamaan kan barreeffamu yoomi?

QORUMSA DHUMAA

13-14. Namoonni mudaa hin qabnee fi lafarra jiraatan jireenya bara baraa argachuu isaanii dura maal argisiisuu qabu?

13 Namni tokko mudaa kan hin qabne taʼeera jechuun yeruma sana jireenya bara baraa argata jechuu akka hin taane yaadachuu qabna. Waaʼee Addaamii fi Hewaan yaadi. Isaan mudaa hin qaban turan; taʼus jireenya bara baraa argachuuf Yihowaadhaaf ajajamoo taʼuu isaanii argisiisuu qabu turan. Kan nama gaddisiisu garuu, utuu isaaf hin ajajamin hafan.—Rom. 5:12.

14 Dhuma waggaa 1,000 irratti haalli namoota lafarra jiraatanii maal fakkaata? Hundi isaaniiyyuu mudaa kan hin qabne taʼu. Maarree, namoonni mudaa hin qabne sun hundi bulchiinsa Yihowaa bara baraaf ni deggeruu laata? Moo isaan keessaa tokko tokko akkuma Addaamii fi Hewaan mudaa kan hin qabne taʼanis amanamoo utuu hin taʼin hafu? Gaaffiin kun deebii argachuu qaba; garuu akkamitti?

15-16. (a) Ilmaan namootaa hundi amanamummaa Yihowaadhaaf qaban argisiisuuf carraa kan argatan yoomi? (b) Qorumsa kana booda maaltu taʼa?

15 Seexanni waggaa 1,000f ni hidhama. Yeroo sanatti eenyuuniyyuu dogoggorsuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, xumura waggaa 1,000 irratti Seexanni ni gadhiifama. Achiis namoota mudaa hin qabne dogoggorsuuf yaala. Yeroo qorumsaa sanatti namoonni mudaa hin qabnee fi lafarra jiraatan hundi maqaa Waaqayyoo akka kabajanii fi oolaantummaa isaa akka deggeran ifatti argisiisuuf carraa argatu. (Mul. 20:7-10) Deebiin isaan dhuunfaatti carraaqqii Seexanni godhuuf kennan maqaan isaanii kitaaba jireenya keessatti dhaabbataadhaan barreeffamuu kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa murteessa.

16 Namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne akkuma Addaamii fi Hewaan amanamoo utuu hin taʼin akka hafanii fi bulchiinsa Yihowaa deggeruu akka hin barbaanne argisiisu. Namoota kana irra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:15 “Kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame” jedha. Eeyyee, finciltoonni kun bara baraaf haxaaʼamanii balleeffamu. Ilmaan namootaa mudaa hin qabne harki caalaan isaanii garuu qorumsa dhumaa kana ni darbu; maqaan isaaniis kitaaba jireenyaa keessatti dhaabbataadhaan ni barreeffama.

“BARA DHUMAATTI”

17. Wanta bara keenyatti raawwatamu ilaalchisee Daaniʼelitti maaltu himame? (Daaniʼel 12:4, 8-10)

17 Waaʼee wantoota gara fuulduraatti raawwataman kanaa yaaduun baayʼee nama gammachiisa. Haa taʼu malee, Daaniʼel waaʼee “bara dhumaa,” jechuunis waaʼee bara keenyaa maleekicharraa odeeffannoo barbaachisaa taʼe tokko tokkos argateera. (Daaniʼel 12:4, 8-10 dubbisi; 2 Xim. 3:1-5) Maleekichi ‘beekumsi dhugaan akka baayʼatu’ Daaniʼelitti himeera. Eeyyee, sabni Waaqayyoo raajii kitaaba isaa keessatti ibsame caalaatti ni hubatu. Maleekichi itti dabaluudhaan yeroo kanatti “Jalʼoonni jalʼina ni raawwatu; jalʼoota keessaa tokko illee dubbii kana hin hubatu” jedheera.

18. Dhiheenyatti jalʼootarra maaltu gaʼa?

18 Yeroo harʼaatti namoonni jalʼina raawwatan gocha isaaniitiif waan adabaman hin fakkaatu. (Mil. 3:14, 15) Haa taʼu malee, Yesuus dhiheenyatti namoota reʼootatti fakkeeffamanirratti murteessuudhaan namoota hoolotatti fakkeeffamanirraa gargar isaan baasa. (Mat. 25:31-33) Namoonni jalʼoota taʼan kun rakkina guddaarraa hin oolan, addunyaa haaraa keessa akka jiraataniifis duʼaa hin kaafaman. Maqaan isaaniis, ‘kitaaba yaadannoo’ Miilkiyaas 3:16 irraatti ibsame keessatti hin argamu.

19. Amma maal gochuu qabna? Maaliif? (Miilkiyaas 3:16-18)

19 Yeroon itti jalʼoota akka hin taane argisiisnu ammadha. (Miilkiyaas 3:16-18 dubbisi.) Yihowaan namoota akka “qabeenya addaa” ykn qabeenya gatii guddaa qabuutti ilaalu walitti qabaa jira. Nutis isaan keessaa tokko taʼuu akka barbaannu hin shakkisiisu.

Daaniʼel, namoonni jaallannuu fi namoonni kan biroo hedduun addunyaa haaraa keessatti qooda isaanii fudhachuuf yeroo ‘kaʼan’ gammachuu guddaatu taʼa! (Keeyyata 20 ilaali)

20. Waadaan Daaniʼeliif dhumarratti galame maalidha? Waadaan kun yeroo raawwatamu arguuf kan hawwinu maaliifi?

20 Dhugumayyuu, yeroo gammachiisaa keessa jiraachaa jirra. Dhiheenyatti immoo wantoonni caalaatti nu gammachiisan ni raawwatamu. Yeroo hamminni guutummaatti balleeffamu ni argina. Sana boodammoo waadaa Yihowaan, “Dhuma barichaatti gaʼee kee argachuuf ni kaata” jechuudhaan Daaniʼeliif gale yeroo raawwatamu ni argina. (Dan. 12:13) Daaniʼeliin dabalatee namoonni jaallattu deebiʼanii yeroo ‘kaʼaan’ arguuf ni hawwitaa? Taanaan, amanamaa taʼuuf wanta dandeessu hundumaa godhi; yoo akkas goote maqaan kee kitaaba jireenyaa Yihowaa keessatti akkuma barreeffametti akka itti fufu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’

^ Mata dureen kun sagantaa barumsaa isa guddaa Daaniʼel 12:2, 3 irratti ibsame ilaalchisee hubannaa kanaan dura qabnu kan sirreessudha. Wanti kun kan raawwatamu yoom akka taʼee fi kan irratti hirmaatan eenyufaa akka taʼan ni qorra. Sagantaan barumsaa kun warra lafarra jiraatan qorumsa dhumaa xumura Bulchiinsa Barkumee Kiristoosirratti jiraatuuf kan qopheessu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

^ Tarii duʼaa kaʼuun kan raawwatamu namoota amanamoo bara dhumaa keessa duʼanirraa jalqabee gara duubaatti dhaloota dhalootaan taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan, dhaloonni hundi namoota dhuunfaatti beekan simachuuf carraa argatu jechuudha. Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuun samii ‘dabareedhaan’ akka raawwatamu dubbata; kanaafuu, duʼaa kaʼuun inni lafarraas haaluma akkasiitiin dabareedhaan akka raawwatamu eeguu dandeenya.—1 Qor. 14:33; 15:23.

^ Ibsi kun hubannaa kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu boqonnaa 17 (Amaariffa) fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1987, ful. 21-25 (Ingiliffa) irratti argamu kan sirreessudha.

^ Faallaa kanaatiin, yaanni Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ‘qajeelonnii’ fi “jalʼoonni” jedhamee ibsame, akkasumas yaanni Yohaannis 5:29 irratti “warri wanta gaarii [hojjetanii]” fi “warri wanta hamaa hojjetan” jedhamee ibsame wanta namoonni duʼaa kaafaman sun duʼuu isaanii dura raawwatan argisiisa.