Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami

3 | Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurraa Fayyadami

KITAABNI QULQULLUUN . . . Waaʼee namoota amanamoo “miira akka keenyaa” qabanii ni dubbata.—YAAQOOB 5:17.

Maal Jechuudha?

Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota miira garaa garaa qabaniitiin kan guutamedha. Seenaa isaanii yeroo dubbisnu namoota miira akka keenyaa qaban argachuu dandeenya.

Fakkeenyi Isaanii kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Hundi keenyayyuu warri kaan miira keenya akka nuuf hubatan barbaanna. Keessumaa yeroo dhibee sammuu wajjin walʼaansoo goonu, warri kaan akka nu hubatan barbaanna. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu namoonni tokko tokko miira akka keenyaa akka qaban hubachuu dandeenya taʼa. Warri kaanis akkuma keenya akka dhiphatan hubachuun keenya yeroo dhiphinni nutti dhagaʼamuu fi miirri keenya jeeqamu kophummaan akka nutti hin dhagaʼamne godha.

  • Kitaabni Qulqulluun yaada namoonni abdii kutatan dubbatan hedduu qabateera. ‘Kana caalaa hin dandaʼu’ jettee yaaddee beektaa? Museen, Eeliyaasii fi Daawit akkas isaanitti dhagaʼameera.—Lakkoofsa 11:14; 1 Mootota 19:4; Faarfannaa 55:4.

  • Kitaabni Qulqulluun dubartiin Haannaa jedhamtu dhala waan hin godhannee fi masaanuun ishii waan ishii aarsituuf ‘baayʼee akka gaddite’ dubbata.—1 Saamuʼel 1:6, 10.

  • Kitaabni Qulqulluun waaʼee nama Iyyoob jedhamuus ni dubbata. Iyyoob nama amantii qabu taʼus baayʼee dhiphachuu isaatiin kan kaʼe, “Ani jireenya koo baayʼeen jibbe” jedheera.—Iyyoob 7:16.

Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kun yaada dogoggoraa dandamachuurratti milkaaʼina kan argatan akkamitti akka taʼe dubbisuun keenya dhiphina keenya dandamachuuf humna nu barbaachisu akka argannu nu gargaara.