Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Dhibeen Sammuu Akka Badu Waadaa Galeera

Waaqayyo Dhibeen Sammuu Akka Badu Waadaa Galeera

Waaqayyo Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan qajeelfamaa fi jajjabina dhiphina sammuu dandamachuuf gargaaru kenneera.

Garuu wanta kanarra caalus godheera. Wantoota dhibee sammuutiif sababa taʼan hundumaa barabaraaf balleessuuf waadaa galeera.

Waaqayyo waadaa kana yeroo raawwatu miirri nama jeequ, dhiphinni sammuu fi yaadannoowwan nama dhiphisan “hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan.”—Isaayyaas 65:17.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqayyo waadaa nama jajjabeessu kana kan raawwatu yoomii fi akkamitti akka taʼe akka barattu si gargaaruu barbaadu.