Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

‘Dubbiin Waaqayyoo Dhugaa’ Taʼuu Isaa Amani

‘Dubbiin Waaqayyoo Dhugaa’ Taʼuu Isaa Amani

CAQASA WAGGAA BARA 2023: “Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha.”—FAR. 119:160.

FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

QABIYYEE a

1. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluurratti amantii kan dhaban maaliifi?

 NAMOONNI yeroo harʼaa jiran hedduun eenyuun amanuu akka qaban hin beekan. Namoota siyaasaa, saayintistootaa fi daldaltoota dabalatee namoonni isaan kabajanillee dhugumaan akka isaaniif yaadan amanuun isaan rakkisa. Geggeessitoota amantaa Kiristiyaana ofiin jedhaniifis kabaja hin qaban. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu isa geggeessitoonni amantaa kun akka hordofan dubbatanirratti amantii dhabuun isaanii nu hin dinqisiisu.

2. Faarfannaan 119:160 akka jedhutti maalirratti amantii qabaachuu dandeenya?

2 Nuti tajaajiltoonni Yihowaa garuu, Yihowaan “Waaqa dhugaa” akka taʼee fi yeroo hunda wanta gaarii nuuf gochuu akka barbaadu ni amanna. (Far. 31:5; Isa. 48:17) Wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbisnutti amanuu akka dandeenyuu fi “buʼuurri dubbii [Waaqayyoo] dhugaa” akka taʼe beekna. b (Faarfannaa 119:160 dubbisi.) Yaada hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko dubbatan kanarratti walii galla: “Wanti Waaqayyo dubbate kamiyyuu soba taʼuu hin dandaʼu ykn utuu hin raawwatamin hin hafu. Sabni Waaqayyoo wanta inni dubbate amanuu ni dandaʼu; sababiin isaas, Waaqa isa wanta sana dubbate ni amanu.”

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Warri kaan akkuma keenya Dubbii Waaqayyoorratti amantii akka qabaatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Mee sababiiwwan itti Kitaaba Qulqulluutti amannu sadii haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun kan hin jijjiiramne taʼuu isaa, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamuu isaanii, akkasumas humna Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf qabu ilaalla.

ERGAAN KITAABA QULQULLUU HIN JIJJIIRAMNE

4. Namoonni tokko tokko yaanni Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼuu isaa kan shakkan maaliifi?

4 Yihowaan Kitaaba Qulqulluu barreessisuuf namoota amanamoo 40 taʼanitti fayyadameera. Haa taʼu malee, barreeffamoonni jalqabaa bara keenyatti hin argaman. Yeroo ammaatti kan argannu barreeffamoota garagalfamanidha. Kunis namoonni tokko tokko yaanni yeroo harʼaatti Kitaaba Qulqulluurraa dubbisan yaada jalqaba barreeffame sirriitti kan dabarsu taʼuu isaa akka shakkan godheera. ‘Yaanni Kitaaba Qulqulluu akka hin jijjiiramne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti laata?’ jettee yaaddee beektaa?

Namoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa garagalchuurratti dandeettii guddaa qaban, Dubbiin Waaqayyoo garagalchan sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqqii guddaa godhaniiru (Keeyyata 5 ilaali)

5. Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa kan garagalfaman akkamitti? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

5 Yihowaan ergaan Kitaaba Qulqulluu akka eegamu gochuuf jecha sabni isaa akka garagalchan qajeelfama kenneera. Mootonni Israaʼel Seericha akka garagalfatan qajeelfama kenneera, Leewwota sabicha Seera sana barsiisanis muudeera. (Kes. 17:18; 31:24-26; Nah. 8:7) Yihudoonni gara Baabilonitti boojuudhaan erga geeffamanii booda garagalchitoonni dandeettii guddaa qaban Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa garagalchuu jalqaban; namoonni kun garagalchiiwwan hedduu qopheessuu dandaʼaniiru. (Iz. 7:6, milj.) Yeroo hojii isaanii hojjetanis of eeggatu turan. Yeroo booda garagalchitoonni wanta hundumaa sirriitti garagalchuu isaanii mirkaneeffachuuf, jechoota qofa utuu hin taʼin qubeewwanillee lakkaaʼuu jalqaban. Haa taʼu malee, mudaa waan qabaniif garagalchiiwwan isaanii tokko tokko dogoggora muraasa qabu turan. Taʼus, garagalchiiwwan hedduun yaada wal fakkaatu waan qabaniif, dogoggorawwan kana adda baafachuun dandaʼameera. Akkamitti?

6. Dogoggora garagalchiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu adda baasuun kan dandaʼame akkamitti?

6 Hayyoonni bara keenyatti argaman mala amansiisaa dogoggora namoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan uuman adda baafachuu itti dandaʼan qabu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Namoonni 100 barreeffama tokko harkaan akka garagalchan ramadamaniiru haa jennu. Isaan keessaa inni tokko yeroo garagalchu dogoggora xinnoo uume. Karaan dogoggora isaa adda baafachuu itti dandeenyu tokko wanta inni barreesse wanta warri kaan barreessan wajjin wal bira qabuudhaani. Haaluma wal fakkaatuun, hayyoonni garagalchiiwwan Kitaaba Qulqulluu hedduu wal bira qabuudhaan dogoggora namni garagalchu tokko uume ykn yaada irraa hirʼise adda baafachuu dandaʼaniiru.

7. Namoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan baayʼee of eeggatu turan kan jennu maaliifi?

7 Namoonni barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu garagalchan sirriitti garagalchuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Mee fakkeenya qabxii kana mirkaneessu tokko haa ilaallu. Garagalchiiwwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa guutuu qabatan keessaa inni umurii dheeraa qabu kan qophaaʼe Dh.K.B. bara 1008 ykn 1009​tti dha. Garagalchiin kun Leeniingiraad Koodeeksi jedhama. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu garagalchiiwwanii fi ciccitaawwan Kitaaba Qulqulluu Leeniingiraad Koodeeksi qophaaʼuu isaa waggaa 1,000 dura qophaaʼan argamaniiru. Tarii namni tokko garagalchiiwwan kun waggaa 1000 oliif garagalfamaa erga turanii booda, Leeniingiraad Koodeeksi garagalchiiwwan isa dura turan wajjin yeroo wal bira qabamu garaagarummaa guddaa qabaata jedhee yaada taʼa. Garuu haalli isaa akkas miti. Hayyoonni garagalchiiwwan durii sana garagalchiiwwan sana booda qophaaʼan wajjin wal bira qabanii ilaalan garaagarummaan gidduu isaanii jiru baayʼee xinnoo akka taʼee fi ergaa isaarratti jijjiirama akka hin finne hubataniiru.

8. Garagalchiiwwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii barreeffamoota yeroo sanatti qophaaʼan wajjin yeroo wal bira qabaman garaagarummaa akkamii qabu?

8 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas Kitaabota Qulqulluu ni garagalchu turan. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii 27n warra walgaʼii fi tajaajila isaanii irratti itti fayyadaman of eeggannoodhaan garagalchaniiru. Hayyuun tokko garagalchiiwwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii fi barreeffamoota kan biroo yeroo sanatti qophaaʼan wal bira qabanii erga ilaalanii booda akkana jedhaniiru: “Walumaa galatti yeroo harʼaatti barreeffamoota sana caalaa garagalchiiwwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikiitu baayʼinaan argama, . . . barreeffamoonni kun akka garagalchiiwwan kanaa guutuu miti.” Kitaabni Anaatoomii oof za Niwu Testaamanti (Anatomy of the New Testament) jedhamu akkana jedheera: “Wanti hiikkaa [Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii] gaarii fi ammayyaaʼaa taʼerraa dubbisnu ergaa barreessitoota kitaabichaa sirriitti akka dabarsu amanuu ni dandeenya.”

9. Isaayyaas 40:8 waaʼee ergaa Kitaaba Qulqulluu maal nuuf mirkaneessa?

9 Kitaabni Qulqulluun yeroo harʼaatti dubbisnuu fi qoʼannu sirrii akka taʼuuf wanti gumaacha godhe tokko namoonni baayʼeen jaarraawwan hedduudhaaf of eeggannoodhaan garagalchuuf carraaqqii gochuu isaaniiti. c Ilmaan namootaa Dubbii isaa akka argatanii fi ergaan isaas akka hin jijjiiramne eegumsa kan godhe Yihowaa akka taʼe beekamaadha. (Isaayyaas 40:8 dubbisi.) Namoonni tokko tokko ergaan Kitaaba Qulqulluu jijjiiramuu dhiisuun isaa qofti kitaabichi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame hin mirkaneessu jedhanii falmu taʼa. Mee ragaawwan Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame mirkaneessan muraasa haa ilaallu.

RAAJIIWWAN KITAABA QULQULLUU AMANSIISOODHA

Bitaa: C. Sappa/DeAgostini/Getty Images; mirga: Image © Homo Cosmicos/Shutterstock

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura raawwatamaniiru, yeroo ammaattis raawwatamaa jiru (Keeyyata 10-11 ilaali) e

10. Raajiin raawwii isaa argatee fi yaanni 2 Pheexiros 1:21 irratti argamu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu isa kami? (Fakkicha ilaali.)

10 Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan raawwii isaanii argatan hedduu qabateera; isaan keessaa tokko tokko raawwii isaanii kan argatan erga barreeffamanii waggoota dhibbaan lakkaaʼaman boodadha. Raajiiwwan kun raawwatamuu isaanii seenaanis ni mirkaneessa. Raajiin Kitaaba Qulqulluu hundi kan dhufe Yihowaa biraa akka taʼe waan beeknuuf kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. (2 Pheexiros 1:21 dubbisi.) Mee raajiiwwan kufaatii magaalaa Baabilon ishii durii ilaalchisee dubbataman haa ilaallu. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa saddeettaffaatti Isaayyaas raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee magaalaan Baabilon ishiin yeroo sanatti humna guddaa qabdu akka kuftu raajii dubbatee ture. Namichi magaalattii injifatu Qiiros akka jedhamuu fi magaalattiin kan qabamtu akkamitti akka taʼes dubbateera. (Isa. 44:27–45:2) Isaayyaas Baabilon yeroo booda akka balleeffamtuu fi guutummaatti ona akka taatu raajii dubbateera. (Isa. 13:19, 20) Wanti taʼes kanuma. Warri Meedonii fi Faarsi Dh.K.D. bara 539​tti Baabiloniin kan qabatan yeroo taʼu, magaalaan guddoon sun yeroo ammaatti tuullaa jijjigaa taateetti.—Viidiyoo Kitaabni Qulqulluun Baabilon Akka Kuftu Dursee Dubbateera jedhu kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi bifa dijitaalaatiin qophaaʼerraa ilaali; barumsa 03​ffaa, qabxii 5​ffaa jalatti argama.

11. Daaniʼel 2:41-43 yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti akka taʼe ibsi.

11 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan raawwataman bara duriitti qofa miti; yeroo harʼaattis yommuu raawwataman argaa jirra. Fakkeenyaaf, raajiin Daaniʼel Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa ilaalchisee dubbate raawwii isaa kan argate akkamitti akka taʼe haa ilaallu. (Daaniʼel 2:41-43 dubbisi.) Raajiin kun mootummaan addunyaa kun ‘walakkaan isaa akkuma sibiilaa jabaa, walakkaan isaammoo akkuma suphee dadhabaa’ akka taʼu ifatti dubbata. Yaanni kun dhugaa taʼuu isaa argaa jirra. Biritaaniyaa fi Ameerikaan Waraana Addunyaa lamaan injifachuurratti shoora olaanaa taphachuudhaan, akkasumas humna waraanaa guddaa qabaachuudhaan jabina akka sibiilaa akka qaban argisiisaniiru. Haa taʼu malee, lammiileen isaanii dhaabbilee fi mootummaa biyyattiirratti waan fincilaniif humni isaanii dadhabaas taʼeera. Hayyuun siyaasaa addunyaa tokko dhiheenya kana, “Yeroo harʼaatti addunyaarra biyyi ammayyaaʼaan Yuunaayitid Isteetis caalaa siyaasaan qoqqoodame hin jiru” jedhaniiru. Biritaaniyaan ishiin kutaa mootummaa addunyaa kanaa taates waggoota dhihoodhaa asitti lammiileen ishii walitti dhufeenya biyyattiin biyyoota Gamtaa Awurooppaa wajjin qabaachuu qabdurratti waan walii hin galleef qoqqoodamteetti. Wal qoqqoodinsi akkasii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa humna qabutti guutummaatti akka hin fayyadamne godheera.

12. Raajiin Kitaaba Qulqulluu maal nuuf mirkaneessa?

12 Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hanga ammaatti raawwataman amantii waadaawwan Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galerratti qabnu nuuf cimsu. Akkuma faarfaticha isa, “Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef, fayyina si irraa argamu nan hawwa” jedhee Yihowaa kadhatee nutti dhagaʼama. (Far. 119:81) Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee “egeree gaarii fi abdii” nuuf kenneera. (Er. 29:11) Abdiin keenya carraaqqii namoonni godhanirratti utuu hin taʼin, waadaawwan Yihowaan galerratti kan hundaaʼedha. Kanaafuu, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuudhaan amantii Dubbii Waaqayyoorratti qabnu cimsachuu keenya itti haa fufnu.

GORSI KITAABA QULQULLUU NAMOOTA MILIYOONAAN LAKKAAʼAMAN GARGAARAA JIRA

13. Faarfannaan 119:66, 138 akka dubbatutti sababiin Kitaaba Qulqulluu amanuuf nu kakaasu kan biraan maalidha?

13 Ragaan Kitaaba Qulqulluu amanuuf nu kakaasu kan biraan namoonni gorsa isaa hojiirra oolchan buʼaa gaarii argachuu isaaniiti. (Faarfannaa 119:66, 138 dubbisi.) Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa wal hiikuu jala gaʼanii turan yeroo ammaatti gaaʼela gammachiisaa qabaachuu dandaʼaniiru. Ijoolleen isaaniis maatii Kiristiyaanaa keessatti kunuunsaa fi jaalala warra isaanii argatanii guddachuu dandaʼaniiru.—Efe. 5:22-29.

14. Fakkeenya dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun jireenya namootaa akka jijjiiru argisiisu tokko kenni.

14 Namoonni yakka ciccimaa raawwachaa turanis gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan jireenya isaanii jijjiiruu dandaʼaniiru. Gorsi Kitaaba Qulqulluu namicha mana hidhaa turee fi Jaak jedhamu kan jijjiire akkamitti akka taʼe haa ilaallu. d Jaak yakkamtoota balaa guddaa geessisanii fi duuti itti murteeffame keessaa tokko ture. Gaaf tokko garuu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokkorratti argame. Gaarummaan obboloonni qoʼannaa sana geggeessan argisiisan garaa isaa baayʼee waan tuqeef innis qoʼachuu jalqabe. Jireenya isaa keessatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchaa yommuu deemu amalli isaa fi eenyummaan isaa jijjiiramuu jalqabe. Boodas Jaak babalʼisaa hin cuuphamne taʼuuf ulaagaa barbaachisu guute, achiis ni cuuphame. Namoota isa wajjin hidhamanitti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo hinaaffaadhaan hima ture; isaan keessaa yoo xinnaate namoonni afur Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan gargaareera. Guyyaan itti ajjeefamu yommuu gaʼu Jaak nama kan biraa taʼee ture. Abukaatoon isaa tokko, “Jaak naman waggaa 20 dura beeku miti. Barumsi Dhugaa Baatota Yihowaa jireenya isaa jijjiireera” jedhaniiru. Jaak akkuma isatti murteeffametti kan ajjeefame taʼus, fakkeenyi isaa Dubbii Waaqayyoo amanuu akka dandeenyuu fi Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf humna akka qabu nuuf mirkaneesseera.—Isa. 11:6-9.

Gorsi Kitaaba Qulqulluu jireenya namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban hedduu jijjiireera (Keeyyata 15 ilaali) f

15. Yeroo harʼaatti sabni Yihowaa Dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuu isaaniitiin kan beekaman akkamitti? (Fakkicha ilaali.)

15 Sabni Yihowaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu hojiirra waan oolchaniif tokkummaa qabu. (Yoh. 13:35; 1 Qor. 1:10) Keessumaa namoonni baayʼeen siyaasaan, sanyii fi sadarkaa hawaasicha keessatti qabaniin akka wal qoqqoodan yeroo ilaallu, nagaa fi tokkummaan nu gidduu jiru baayʼee akka nama dinqisiisu hubanna. Dargaggeessi Jiin jedhamu tokkummaa saba Yihowaa gidduu jiru arguun isaa garaa isaa baayʼee tuqeera. Kan guddate biyya Afrikaatti argamtu tokko keessattidha. Yeroo waraanni waliinii kaʼetti raayyaa waraanaatti kan makame taʼus yeroo booda gara biyya ollaatti baqate. Achittis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arge. Jiin, “Namoonni amantaa dhugaa hordofan siyaasa keessa galuu fi wal qoqqooduu mannaa, akka wal jaallatan nan baradhe” jedheera. Itti fufuudhaanis, “Jireenya koo biyya tokkoof loluuf murteesseen ture. Yeroon dhugaa Kitaaba Qulqulluu baradhu garuu jireenya koo Yihowaadhaaf murteessuufin kakaʼe” jedheera. Jiin jijjiirama guddaa godheera. Yeroo ammaatti namoota isarraa adda taʼan loluu mannaa, Dhugaa Kitaaba Qulqulluu isa namoota tokko godhu nama argatu hundatti himaa jira. Gorsi Kitaaba Qulqulluu namoota lammummaa garaagaraa qaban kan gargaare taʼuun isaa Dubbii Waaqayyoo amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa.

DHUGAA DUBBII WAAQAYYOO AMANUU KEE ITTI FUFI

16. Amantii Dubbii Waaqayyoorratti qabnu cimsachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

16 Addunyaan kun caalaatti hammaachaa yeroo deemu amantiin dhugaarratti qabnu qoramuu dandaʼa. Tarii namoonni Kitaabni Qulqulluun dhugaa taʼuu isaa fi Yihowaan yeroo harʼaatti tajaajiltoota isaatiif qajeelfama kennuuf garbicha amanamaa fi ogeessatti kan fayyadamu taʼuu isaa akka shakkinu gochuuf yaalu taʼa. Haa taʼu malee, Dubbiin Yihowaa yeroo hundumaa dhugaa akka taʼe mirkanaaʼoo yoo taane, haleellaa amantii keenyarratti banamu akkasii dandamachuu ni dandeenya. ‘Yeroo hundumaa, hamma dhumaatti, dambiiwwan Yihowaatiif ajajamuuf kutanneerra.’ (Far. 119:112) Dhugaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himuunis taʼe jireenya isaanii keessatti akka hojiirra oolchan isaan jajjabeessuun ‘nu hin qaanessu.’ (Far. 119:46) Ariʼatama dabalatee rakkoowwan ciccimoo nu mudatan “obsaa fi gammachuudhaan” dandamachuu ni dandeenya.—Qol. 1:11; Far. 119:143, 157.

17. Caqasni waggaa bara kanaa maal nu yaadachiisa?

17 Yihowaan dhugaa nuuf ibsuu isaatti baayʼee isa galateeffanna. Dhugaan kun tasgabbii fi amanannaa qabaachuuf nu gargaara, akkasumas addunyaa jeeqamaa taʼe kana keessatti qajeelfama ifa taʼe argachuuf nu gargaara. Abdii gara fuulduraatti Mootummaa Waaqayyoo jala jiraachuus nuuf argamsiiseera. Caqasni waggaa bara 2023 amantii buʼuurri Dubbii Waaqayyoo dhugaa taʼuu isaarratti qabnu eeggannee itti fufuuf kan nu gargaaru haa taʼu.—Far. 119:160.

FAARFANNAA 94 Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

a Bara 2023f caqasni waggaa amantii keenya cimsu filatameera: Innis, “Buʼuurri dubbii keetii dhugaa dha” jedha. (Far. 119:160) Atis kanatti akka amantu hin shakkisiisu. Taʼus, namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka taʼee fi qajeelfama amansiisaa akka nuuf kennu hin amanan. Mata duree kana keessatti ragaawwan namoonni garaa qajeelaa qaban Kitaaba Qulqulluus taʼe gorsa inni kennu akka amanan gargaaruuf itti fayyadamuu dandeenyu sadii qorra.

b IBSA JECHAA: Jechi Afaan Ibrootaa lakkoofsa kanarratti “buʼuura” jedhamee hiikame, idaʼama ykn guutummaa wanta tokkoo argisiisa.

c Kitaabni Qulqulluun hamma bara keenyaatti eegamee kan ture akkamitti akka taʼe ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf, jw.org irratti “Seenaa fi Kitaaba Qulqulluu” jedhii barbaadi.

d Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

e IBSA FAKKII: Waaqayyo magaalaan Baabilon yeroo booda akka balleeffamtu raajii dubbateera.

f IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa—Dargaggeessi tokko namoota loluu mannaa nagaadhaan jiraachuu fi namoonni kaanis akkas akka godhan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe Kitaaba Qulqulluurraa barateera.