Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

Jireenya Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Dinqisiifadhu

Jireenya Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Dinqisiifadhu

“Jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.”—HOE. 17:28.

FAARFANNAA 141 Jireenyi Ajaaʼiba

QABIYYEE a

1. Jireenyi keenya Yihowaa biratti iddoo akkamii qaba?

 MEE michuun kee tokko fakkii dulloomaa, garuummoo gatii guddaa qabu siif kenne haa jennu. Bifti isaa gadhiiseera, xuraaʼeera, akkasumas iddoo itti tatarsaʼe qaba. Fakkichi hanqinoota kana hunda kan qabu taʼus, qarshii miliyoonaan lakkaaʼamu baasa. Kanaafuu, fakkichaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabaattuu fi eegumsa akka isaaf gootu hin shakkisiisu. Haaluma walfakkaatuun Yihowaanis kennaa gatii guddaa qabu nuuf kenneera; innis jireenya keenya. Yihowaan Ilmi isaa aarsaa furii akka taʼu nuuf kennuudhaan jireenya keenyaaf hammam iddoo guddaa akka kennu argisiiseera.—Yoh. 3:16.

2. Qorontos Lammaffaa 7:1 irratti akka ibsametti, Yihowaan maal nurraa eega?

2 Yihowaan madda jireenyaati. (Far. 36:9) Phaawulos ergamaan, “Jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani” jechuudhaan dhugaa kana akka amanu argisiiseera. (HoE. 17:25, 28) Kanaafuu, jireenyi keenya kennaa Yihowaati jechuu dandeenya. Jaalalaan kakaʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisan nuu kenneera. (HoE. 14:15-17) Taʼus, Yihowaan jiraachuu keenya akka itti fufnu gochuuf dinqii hin raawwatu. Kanaa mannaa, karaa qaamaa fi karaa hafuuraa fayyaa keenya eeguuf wanta dandeenyu hunda akka goonu nurraa eega. (2 Qorontos 7:1 dubbisi.) Fayyaa keenyaa fi jireenya keenya eeggachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

JIREENYA ISA KENNAA TAʼEEF DINQISIIFANNAA QABAADHU

3. Sababiin fayyaa keenya eeggachuu itti qabnu inni tokko maalidha?

3 Sababiin fayya buleeyyii taanee jiraachuuf carraaqqii gochuun itti nu barbaachisu inni tokko, hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluu waan barbaannuufi. (Mar. 12:30) ‘Qaama keenya aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu goonee dhiheessuu’ waan barbaannuuf, wantoota fayyaa keenya miidhanirraa ni fagaanna. (Rom. 12:1) Dhugaadha, wanta akkamiiyyuu yoo goone dhukkubarraa guutummaatti of eeguu hin dandeenyu. Taʼus, jireenya isa kennaa taʼe akka dinqisiifannu Abbaa keenya isa samiitti argisiisuu waan barbaannuuf, fayyaa keenya eeggachuuf wanta dandeenyu ni goona.

4. Daawit Mootichi maal gochuu barbaadee ture?

4 Daawit Mootichi jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼe kan dinqisiifatu maaliif akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Duʼuun koo, gara boollaatti lixuun koos buʼaa maalii qaba? Biyyoon si jajataa? Amanamummaa kee hoo ni dubbataa?” (Far. 30:9) Tarii Daawit yaada kana kan barreesse duʼuu isaa yeroo muraasa dura taʼuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaa jajachuu akka dandaʼuuf hamma isaaf dandaʼame fayya buleessa taʼee lubbuudhaan jiraachuu isaa itti fufuuf kutatee ture. Hundi keenyayyuu kutannoo akkasii akka qabnu beekamaadha.

5. Yoo dulloomne ykn yoo dhukkubsanne maal gochuu dandeenya?

5 Dhukkubaa fi dullumaan kan kaʼe wantoota kanaan dura raawwachaa turre hedduu raawwachuu hin dandeenyu taʼa. Kanaan kan kaʼes, gadduu fi abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, fayyaa keenyaaf kunuunsa gochuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, yoo dulloomne ykn yoo dhukkubsannellee akkuma Daawit Mootichaa Yihowaa jajachuu ni dandeenya. Waaqayyo mudaa kan qabnu taʼus, iddoo guddaa akka nuuf kennu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. (Mat. 10:29-31) Yoo duunellee duʼaa nu kaasuuf baayʼee hawwa. (Iyo. 14:14, 15) Yeroo lubbuudhaan jirrutti fayyaa keenyaa fi jireenya keenya eeggachuuf wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna.

BARSIIFATA MIIDHAA QABURRAA FAGAADHU

6. Yihowaan barsiifata nyaataa fi dhugaatii ilaalchisee maal akka goonu nurraa eega?

6 Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa ykn kitaaba waaʼee sirna nyaataa dubbatu taʼuu baatus, wantoota kana ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu ni dubbata. Fakkeenyaaf, wantoota ‘qaama keenya’ miidhanirraa akka fagaannu gorsa nuuf kenna. (Lal. 11:10) Kitaabni Qulqulluun garmalee nyaachuu fi garmalee dhuguu ni balaaleffata; wantoonni kun duʼaafillee nu saaxiluu dandaʼu. (Fak. 23:20) Yihowaan wanta nyaannuu fi wanta dhugnu wajjin haala wal qabateen akka of toʼannu nurraa eega.—1 Qor. 6:12; 9:25.

7. Gorsi Fakkeenya 2:11 irratti argamu fayyaa keenya ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Murtoo yeroo goonutti dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuudhaan jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa guddaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Far. 119:99, 100; Fakkeenya 2:11 dubbisi.) Fakkeenyaaf, wanta nyaannu ilaalchisee filannaa gaarii goona. Nyaata tokko kan jaallannu taʼus, nyaatichi akka nu dhukkubsu yoo beekne nyaachuurraa of qusanna. Hirriba gaʼaa rafuuf ykn sochii qaamaa gochuuf, akkasumas qulqullina qaama keenyaa fi mana keenyaa eeggachuuf carraaqqii gochuun keenyas ogeeyyii akka taane argisiisa.

BALAARRAA OF EEGUUF YAALI

8. Kitaabni Qulqulluun nageenya keenya eeggachuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu dubbata?

8 Yihowaan saba Israaʼeliif seera balaa mana keessattis taʼe iddoo hojiitti gaʼurraa isaan eegu isaaniif kenneera. (Bau. 21:28, 29; Kes. 22:8) Namni tokko utuu hin beekin nama kan biraa yoo ajjeese miidhaa guddaan isarra gaʼuu dandaʼa. (Kes. 19:4, 5) Seerichi namni utuu itti yaadin daaʼima hin dhalanne miidhellee akka adabamu ajaja. (Bau. 21:22, 23) Kitaabni Qulqulluun ifatti akka dubbatutti Yihowaan balaan akka hin uumamne of eeggannoo akka goonu barbaada.

Haalawwan akkasii keessatti jireenyaaf kabaja akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 9 ilaali)

9. Balaa ittisuuf of eeggannoo akkamii gochuu dandeenya? (Fakkichas ilaali.)

9 Mana keessattis taʼe bakka hojiitti balaan akka hin uumamne of eeggachuudhaan jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Fakkeenyaaf, wantoota qara qaban, keemikaalota summaaʼoo ykn qoricha yeroo gannu miidhaa akka hin geessisne of eegganna; akkasumas wantoota akkasii iddoo daaʼimman bira hin geenye keenya. Ibidda yeroo qabsiisnu, bishaan yeroo danfisnu, akkasumas maashinootatti yeroo fayyadamnu of eeggannoo goona; wantoota kana utuma fayyadamnuu dhiisnee deemuu hin qabnu. Qoricha fudhanneen, dhugaatii alkoolii dhugneen ykn hanqina hirribaatiin kan kaʼe dandeettiin hubannaa keenyaa dadhabeera taanaan konkolaataa oofuurraa of qusanna; yeroo konkolaataa oofnuttis bilbila keenya tuttuquurraa ni fagaanna.

YEROO BALAAN UUMAMU

10. Balaan tokko gaʼuu isaa duraa fi erga gaʼee booda maal gochuu dandeenya?

10 Yeroo tokko tokko haalawwan balaa geessisan akka hin uumamne gochuu hin dandeenyu. Keessumaa balaan uumamaa, weerarri dhibee fi jeequmsi akka hin uumamne gochuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, rakkinni akkasii yeroo uumamutti ajaja naannoo keenya dhiisnee akka deemnu nuuf kennamuu fi qajeelfamoota kan biroo abbootiin taayitaa nuuf kennaniif ajajamuudhaan nageenya keenya eeggachuu fi balaa gaʼu hirʼisuuf yaaluu dandeenya. (Rom. 13:1, 5-7) Balaan tokko tokko gaʼuu isaa dura beekuun waan dandaʼamuuf, qajeelfama abbootiin taayitaa nuuf kennan hojiirra oolchuudhaan qophaaʼuu dandeenya. Fakkeenyaaf, bishaanii fi nyaata hin badne, akkasumas wantoota yaalii fayyaa jalqabaatiif taʼan qabaachuun kee gaariidha.

11. Naannoo keenyatti dhukkubni daddarbaan yoo kaʼe maal gochuuf fedhii qabaachuu qabna?

11 Naannoo keenyatti dhukkubni daddarbaan yoo kaʼe maal gochuu qabna? Irra deddeebinee harka keenya dhiqachuu, fageenya keenya eeggachuu, maaskii godhachuu fi warra kaanirraa adda of baasuu dabalatee qajeelfama mootummaan nuuf kennuuf ajajamuu qabna. Akkas yoo goone jireenya Waaqayyo nuuf kenneef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna.

12. Dhugaan buʼuuraa Fakkeenya 14:15 irratti argamu yeroo balaan gaʼutti odeeffannoo amanuu qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Yeroo balaan uumamutti michoota keenya, olloota keenyaa fi miidiyaarraa odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼuu dandeenya. “Wanta dubbatamu hundumaa” amanuu mannaa, odeeffannoo amansiisaa mootummaanii fi dhaabbileen fayyaa kennan hordofuun keenya gaariidha. (Fakkeenya 14:15 dubbisi.) Qaamni Olaanaanii fi waajjiroonni damee walgaʼiiwwan gumii fi hojii lallabaa ilaalchisee qajeelfama kennuu isaanii dura odeeffannoo sirrii taʼe argachuuf carraaqqii godhu. (Ibr. 13:17) Qajeelfama kana hojiirra oolchuudhaan ofii keenyas taʼe warra kaan balaarraa eeguu dandeenya. Namoonni naannoo sanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatanis gumaacha goona.—1 Phe. 2:12.

DHIIGARRAA FAGAACHUUF QOPHAAʼI

13. Dhiiga wajjin haala walqabateen jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga akka qulqulluutti ilaaluu isaaniitiin beekamu. Yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa nu barbaachisuttillee dhiigarraa fagaachuudhaan seera Yihowaan dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuu dandeenya. (HoE. 15:28, 29) Kana jechuun garuu duʼuu barbaanna jechuu miti. Kanaa mannaa, jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa qabna. Gargaarsa ogeeyyii fayyaa dhiiga malee yaalii fayyaa gaarii taʼe kennuuf fedhii qabanii argachuuf carraaqqii goona.

14. Carraa dhukkuba cimaadhaan itti qabamnu hirʼisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yaadawwan mata duree kana keessatti ibsaman hordofuudhaan fayyaa keenya kan eeggannu yoo taʼe carraa dhukkuba cimaadhaan itti qabamnu hirʼisuu dandeenya. Haalli fayyaa keenyaa gaarii yoo taʼe yeroo yaaliin fayyaa baqaqsanii hodhuu nuuf godhamu dafnee bayyanachuu dandeenya. Wantoota manattis taʼe bakka hojiitti balaadhaaf nu saaxilanirraa of eeguudhaan, akkasumas seera tiraafikaa hordofuudhaan carraa yaaliin fayyaa hatattamaa itti nu barbaachisu hirʼisuu dandeenya.

Jireenya isa kennaa taʼeef iddoo guddaa waan kenninuuf kaardii qajeelfama yaalii fayyaa ni guunna, akkasumas bakka dhaqnu hundumaatti qabannee deemna (Keeyyata 15 ilaali) c

15. (a) Kaardii qajeelfama yaalii fayyaa haareffame qabaachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkichas ilaali.) (b) Akkuma viidiyicharratti ibsametti yaalii fayyaa dhiiga dabalatu ilaalchisee murtoo gaarii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Jireenya isa kennaa taʼeef dinqisiifannaa guddaa waan qabnuuf kaardii qajeelfama yaalii fayyaa ni guunna, bakka deemnu hundattis qabannee deemna. Kaardiin kun dhiigaa fi yaalii fayyaa tokko tokko ilaalchisee fedhii qabnu nuuf ibsa. Kaardii qajeelfama yaalii fayyaa kee haaressiteettaa? Kaardii kana guutuu ykn haaressuu yoo barbaadde harʼaa boru hin jedhin. Fedhii keenya barreeffamaan ibsuun keenya dafnee yaalii fayyaa argachuuf nu gargaara. Ogeeyyiin yaalii fayyaas dogoggora nu miidhu akka hin raawwanne isaan gargaara. b

16. Kaardiin qajeelfama yaalii fayyaa akkamitti akka guutamu hin beeknu yoo taʼe maal gochuu dandeenya?

16 Dargaggootaa fi fayya buleeyyii yoo taanellee hundi keenyayyuu balaan nurra gaʼuu fi dhukkubsachuu dandeenya. (Lal. 9:11) Kanaafuu, kaardii qajeelfama yaalii fayyaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Kaardii kana akkamitti akka guuttu hin beektu taanaan, jaarsolii gumii keetii gargaarsa gaafadhu. Jaarsoliin kaardichi akkamitti akka guutamu akka gaariitti beekuuf carraaqqii godhu; taʼus, yaalii fayyaa wajjin haala walqabateen murtoo siif hin godhan. Kun itti gaafatamummaa keeti. (Gal. 6:4, 5) Haa taʼu malee, filannoowwan jiran akka hubattuu fi fedhii kee barreeffamaan akka ibsitu si gargaaruu dandaʼu.

MADAALLII KEE EEGGADHU

17. Dhimmoota yaalii fayyaa wajjin wal qabatanirratti yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Fayyaa keenyaa fi yaalii fayyaa nuuf godhamu ilaalchisee murtoo baayʼee kan goonu sammuu keenya isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamneeti. (HoE. 24:16; 1 Xim. 3:9) Murtoo yeroo goonuu fi waaʼee kanaa warra kaanii wajjin yeroo mariʼannu dhugaa buʼuuraa Filiphisiyus 4:5 irratti argamu hojiirra oolchuun keenya gaariidha. Caqasichi, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedha. Yaada keenyatti hin cichinu taanaan, waaʼee fayyaa keenyaa garmalee hin yaaddofnu, warri kaanis yaada keenya akka fudhatan dhiibbaa isaanirratti hin goonu. Obboloonni fi obboleettonni keenya murtoo nurraa adda taʼe yoo godhanillee isaan ni jaallanna, akkasumas isaan ni kabajna.—Rom. 14:10-12.

18. Jireenya isa kennaa taʼeef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Jireenya keenyaaf eegumsa gochuudhaan, akkasumas wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu isaaf kennuudhaan Yihowaa isa madda jireenyaa taʼe akka galateeffannu argisiisna. (Mul. 4:11) Yeroo ammaatti dhukkubnii fi balaan nu mudachuu dandaʼa. Taʼus, jireenyi Uumaan keenya nuuf yaade kana hin turre. Yeroo dhihootti dhiphinaa fi duʼarraa bilisa taanee bara baraaf akka jiraannu godha. (Mul. 21:4) Hammasitti garuu lubbuudhaan jiraannee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe tajaajiluun mirga guddaa akka taʼetti ilaalla.

FAARFANNAA 140 Jireenya Dhuma hin Qabne!

a Mata dureen kun jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa qabaachuuf nu gargaara. Mata duree kana keessatti yeroo balaan uumamutti fayyaa keenyaa fi nageenya keenya eeggachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu tokko tokkorratti mariʼanna; balaarraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Dhukkuba akka tasaa kaʼuuf qophaaʼuuf maal gochuu akka dandeenyus ni mariʼanna.

c IBSA FAKKII: Obboleessi tokko kaardii qajeelfama yaalii fayyaa guutaa fi waaleetii isaa keessa kaaʼaa jira.