Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Weebsaayitii Fayyadamuuf Gargaaru

Yaada Weebsaayitii Fayyadamuuf Gargaaru

Mata Dureewwan Beeksifaman Argachuu

Obboloonni baayʼeen mata dureewwan fuula jalqabaa jw.org irratti beeksifaman tajaajilarratti ni fayyadamu. Salphaatti namootaaf erguun ni dandaʼama; yeroo baayʼee taʼeewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiran raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu kan godhan akkamitti akka taʼe ibsu. Obboleessi tokko akka barreessetti, mata dureewwan fuula jalqabaarratti baʼan “wantootuma mala tajaajilaa yeroo ammaatti fayyadamaa jirruuf nu barbaachisanidha.”

Haa taʼu malee, mata dureewwan fuula jalqabaarratti beeksifaman ni jijijjiiramu; maarree, mata dureewwan kanaan dura fuula kanarratti baʼan argachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Fuula jalqabaa jw.org irratti liinkii “Dabalataan Ilaali” jedhu tuqi. Liinkiin kun fuula “Mata Dureewwan Dhiheenya Kana Fuula Jalqabaa Irratti Beeksifaman” jedhutti si geessa; fuula kanarratti mata dureewwan kanaan dura beeksifaman hedduu argatta.

  • JW.ORG ykn JW Library® irratti “Laayibrarii” isa jedhu filadhu, achiis “Mata Dureewwan Walitti Aananii Baʼan,” dhumarratti immoo “Mata Dureewwan Dabalataa” isa jedhu bani. Kutaan kun mata dureewwan fuula jalqabaarratti baʼan hedduu qabateera.