Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan bara baraaf maqaan isaa ulfina akka argatu godha

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Mata dureen, “Maqaan Kee Haa Qulqullaaʼu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 2020 irratti baʼe amantii maqaa Yihowaa fi olaantummaa isaa ilaalchisee qabnurratti sirreeffama godhame ifa kan godhe akkamitti?

Mata duree sanarratti dhimmi uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda ilaallatu tokko akka jiru ibsamee ture; innis maqaan Yihowaa qulqullaaʼuu isaati. Olaantummaa isaa, jechuunis karaan inni itti bulchu hundarra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessuun maqaan isaa qulqullaaʼuu isaa wajjin wal qabata. Gaaffiin amanamummaa ilmaan namootaa ilaalchisee kaʼes dhimmuma iddoo guddaa qabu kanaa wajjin wal qabata.

Maarree, dhimmi guddaan maqaa Yihowaa fi qulqulleeffamuu maqaa kanaati kan jennu maaliifi? Mee sababiiwwan sadii haa qorru.

Seexanni yeroo iddoo biqiltuu Eedan keessatti fincilli kaʼee kaasee maqaa Waaqayyoo balleessaa jira

Tokkoffaa, iddoo biqiltuu Eedan keessatti Seexanni maqaa Yihowaa balleesseera. Wanti Seexanni yeroo Hewaaniin gaaffii haxxummaa gaafatetti dubbate, akkuma waan Yihowaadhaan Waaqa doqna warra isa jalatti bulan bilisummaa dhowwatu jedhetti ilaalama. Achiis Seexanni yaada kallattiidhaan wanta Yihowaan dubbate wajjin wal faallessu dubbateera. Kunis Waaqayyoon sobduudha akka jedhe argisiisa. Karaa kanaan maqaa Yihowaa balleesseera. Kanaan kan kaʼes, “Diyaabilos” taʼe; hiikni isaa, “maqa balleessituu” jechuudha. (Yoh. 8:44) Hewaan soba Seexanaa kana waan amanteef, Waaqayyoof ajajamuu diddee olaantummaa isaarratti fincilteetti. (Uma. 3:1-6) Seexanni hanga harʼaatti waaʼee eenyummaa Yihowaa wanta soba taʼe babalʼisuudhaan maqaa isaa balleessaa jira. Namoonni soba kana amanan Yihowaadhaaf utuu hin ajajamin hafaniiru. Kanaafuu, sabni Waaqayyoo maqaan Yihowaa inni qulqulluu taʼe balleeffamuun isaa jalʼina hundarra hammaatu akka taʼetti ilaalu. Kaʼumsi rakkinaa fi hammina addunyaa keessatti argaa jirru hundumaa kanadha.

Lammaffaa, Yihowaan uumamawwan isaa hunda fayyaduuf jecha arrabsoo maqaa isaarra tuulame balleessuudhaan maqaa isaa qulqulleessuuf murteesseera. Yihowaan wanta kamiyyuu caalaa dhimma kanaaf iddoo guddaa kenna. “Ani maqaa koo isa guddaa . . . dhugumaan nan qulqulleessa” kan jedhes kanaafi. (His. 36:23) Yesuusis dhimmi tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hundi kadhannaa isaaniirratti dursa kennuufii qaban maal akka taʼe yeroo ibsu, “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedheera. (Mat. 6:9) Kitaabni Qulqulluun maqaa Yihowaatiif ulfina kennuun barbaachisaa taʼuu isaa irra deddeebiʼee ibsa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu: “Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.” (1 Sen. 16:29; Far. 96:8) “Maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼeef faarfannaa galataa faarfadhu.” (Far. 66:2) “Maqaa [keetiif] bara baraaf ulfina nan kenna.” (Far. 86:12) Yeroo Yesuus mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee kadhatetti, Yihowaan samii keessaa kallattiidhaan, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebiseera.—Yoh. 12:28. a

Sadaffaa, kaayyoon Yihowaa yeroo hundumaa maqaa isaa wajjin wal qabata. Qorumsa dhumaa xumura Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti jiraatu booda maaltu taʼa? Yeroo sanatti uumamawwan yaaduu dandaʼan maqaa Yihowaa ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf dhimmoota kanaa wajjin wal qabatan lamaan, jechuunis amanamummaa ilmaan namootaa fi olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabu haa yaadannu. Sana booda ilmaan namootaa amanamummaa isaanii mirkaneessuuf qoramuun isaan hin barbaachisu. Mudaa kan hin qabnee fi guutummaatti qoramanii kan ilaalaman taʼu. Bara baraaf jiraatu. Sana booda akkaataa Yihowaan itti bulchu hundarra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessuun hin barbaachisu. Yeroo sanatti warri samii keessas taʼe lafarra jiraatan tokko taʼanii bulchiinsa Yihowaa ni fudhatu. Waaʼee maqaa Yihowaa hoo maal jechuu dandeenya?

Yeroo sanatti maqaan Yihowaa guutummaatti ni qulqullaaʼa; arrabsoorraas guutummaatti bilisa taʼa. Haa taʼu malee, maqaan Yihowaa tajaajiltoota isaa biratti wanta iddoo guddaa qabu taʼee itti fufa. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan wantoota dinqisiisoo raawwachuu isaa yeroo itti fufu ni argu. Yesuus gad of qabuudhaan bulchiinsa hundumaa Yihowaadhaaf dabarsee waan kennuuf, “Waaqayyo hundumaaf waan hundumaa” taʼa. (1 Qor. 15:28) Sana booda ilmaan namootaa lafarra jiraatan, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argachuudhaan baayʼee gammadu. (Rom. 8:21) Akka kanaan Yihowaan kaayyoo ijoollee isaa samii keessaa fi lafarra jiraatan maatii tokko gochuuf qabu guutummaatti ni raawwata.—Efe. 1:10.

Wantoonni kun maatii Yihowaa samiirras taʼe lafarra jiraatan kan tuqu akkamitti? Yeroo sanattis taanaan maqaa Yihowaa jajachuuf fedhii cimaa akka qabaannu ifadha. Daawit faarfatichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Yihowaan . . . haa jajamu. Maqaan isaa inni ulfina qabeessa taʼe bara baraaf haa jajamu” jedheera. (Far. 72:18, 19) Bara baraaf sababii haaraa gammachuudhaan Yihowaa jajachuuf nu kakaasu arganna.

Maqaan Yihowaa eenyummaa isaa bakka buʼa. Maqaan isaa jaalala isaa nu yaadachiisa. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan kan nu uumee fi aarsaa furii kan nuuf qopheesse jaalalaan kakaʼee akka taʼe, akkasumas bulchiinsi isaa qajeelummaa fi jaalalarratti kan hundaaʼe akka taʼe yeroo hunda yaadanna. Yihowaan uumamawwan isaatti jaalala yeroo argisiisu arguu keenyas itti fufna. Bara baraaf Abbaa keenyatti caalaatti dhihaachuu fi maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼeef faarfannaa galataa faarfachuuf kakaana.—Far. 73:28.

a Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “maqaa isaatiif jedhee” tarkaanfii akka fudhatus ni dubbata. Fakkeenyaaf, maqaa isaa isa guddaa Yihowaa jedhamuuf jedhee saba isaa ni geggeessa, ni gargaara, ni oolcha, dhiifama isaaniif godha, akkasumas lubbuudhaan isaan jiraachisa.—Far. 23:3; 31:3; 79:9; 106:8; 143:11.