Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 35

Obsuu Kee Itti Fufi

Obsuu Kee Itti Fufi

“Obsa uffadhaa.”—QOL. 3:12.

FAARFANNAA 114 “Obsaa”

QABIYYEE a

1. Namoota obsa qaban kan dinqisiifattu maaliifi?

 HUNDI keenya namoota obsa qaban ni dinqisiifanna. Namoota utuu hin aarin wanta tokko obsaan eeguu dandaʼan ni kabajna. Namoota yeroo dogoggora raawwannu nuuf obsan ni dinqisiifanna. Namni Kitaaba Qulqulluu nu qoʼachiise barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko barachuuf, fudhachuu fi hojiirra oolchuuf yeroo waldhaansoo goonutti waan nuuf obseef ni galateeffanna. Hunda caalaammoo Yihowaan obsa nutti argisiisuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna.—Rom. 2:4.

2. Obsuun nutti ulfaachuu kan dandaʼu haalawwan akkamii keessatti?

2 Namoota obsa qaban kan dinqisiifannu taʼus, nuti garuu obsa qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, keessumaa bakka tokko dhaquuf jarjarreerra taanaan yeroo dabaree eeggannu tasgabbaaʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni yeroo nu aarsan baayʼee dheekkamna taʼa. Yeroo tokko tokkommoo, addunyaa haaraan Yihowaan waadaa gale hamma dhufutti eeguun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maarree, caalaatti obsa qabeessa taʼuu ni barbaaddaa? Mata duree kana keessatti obsuu jechuun maal jechuu akka taʼee fi amalli kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla. Caalaatti obsa qabaachuuf wanti nu gargaaru maal akka taʼes ni mariʼanna.

OBSUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

3. Namni obsa qabu wanti isa aarsu yeroo isa mudatu maal godha?

3 Mee karaawwan obsa argisiisuu itti dandeenyu afur haa ilaallu. Tokkoffaa, namni obsa qabu aariidhaaf suuta jedha. Yeroo warri kaan isa aarsan ykn yeroo dhiphatu ni tasgabbaaʼa, haaloo baʼuurraas of qusata. Gaaleen ‘aariidhaaf suuta jechuu’ jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif kan ibsame yaada Yihowaa ilaalchisee dubbatame kana keessattidha: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe.”—Bau. 34:6.

4. Namni obsa qabu yeroo waa eeggachuun isa barbaachisutti maal godha?

4 Lammaffaa, namni obsa qabu tasgabbiidhaan waa eeggachuu ni dandaʼa. Namni akkasii wanti tokko hamma eege caalaa yoo turellee tasgabbii hin dhabu ykn hin aaru. (Mat. 18:26, 27) Haalawwan tasgabbiidhaan eeguu nu gaafatan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo dubbatu utuu addaan isa hin kutin obsaan dhaggeeffachuu qabna. (Iyo. 36:2) Barataan tokko barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko akka hubatu ykn barsiifata gadhee tokko akka mooʼu yeroo gargaarruttis obsuun nu barbaachisa.

5. Karaan obsa argisiisuu itti dandeenyu kan biraan isa kami?

5 Sadaffaa, namni obsa qabu hin jarjaru. Dhugaadha, haalawwan tokko tokko keessatti dafnee tarkaanfii fudhachuun nu barbaachisa. Haa taʼu malee, namni obsa qabu hojii barbaachisaa taʼe tokko yeroo hojjetu jalqabuufis taʼe xumuruuf hin ariifatu. Kanaa mannaa, wanta hojjetu karoorfachuuf yeroo gaʼaa ramada. Achiis yeroo sana hojicha akka gaariitti hojjechuuf itti fayyadama.

6. Namni obsa qabu qorumsi ykn haalli rakkisaan yeroo isa mudatu maal godha?

6 Arfaffaa, namni obsa qabu utuu hin gungumin qorumsa dandamachuuf carraaqqii godha. Haala akkasii keessatti obsuun jabaatanii dhaabbachuu wajjin wal fakkaata. Dhugaadha, qorumsa nurra gaʼe tokko ilaalchisee miira nutti dhagaʼamu michuu itti dhihaannu tokkotti himuun dogoggora miti. Haa taʼu malee, namni obsa qabu ilaalcha sirrii qabaatee jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufuuf wanta dandaʼu hunda ni godha. (Qol. 1:11) Kiristiyaanota waan taaneef karaa kana hundumaatiin obsa argisiisuu qabna. Maaliif? Mee sababiiwwan muraasa haa ilaallu.

OBSI BAAYʼEE BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Akkuma qonnaan bulaan tokko yeroon isaa yommuu gaʼu midhaan isaa akka haammatu amanuudhaan obsaan eeggatu, nutis Yihowaan waadaa gale hundumaa yeroo sirrii taʼetti akka raawwatu amanuudhaan obsaan ni eegganna (Keeyyata 7 ilaali)

7. Yaaqoob 5:7, 8 akka jedhutti obsi baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

7 Obsi fayyina keenyaaf baayʼee barbaachisaadha. Akkuma tajaajiltoota amanamoo bara durii hamma Waaqayyo waadaa gale raawwatutti obsaan eeguu qabna. (Ibr. 6:11, 12) Kitaabni Qulqulluun qonnaan bulaa wajjin wal nu fakkeessa. (Yaaqoob 5:7, 8 dubbisi.) Qonnaan bulaan tokko sanyii facaasuu fi bishaan obaasuuf jabaatee hojjeta; garuu sanyiin facaase yoom akka guddatu sirriitti hin beeku. Kanaafuu, midhaan isaa akka haammatu amanuudhaan obsaan eeggata. Haaluma wal fakkaatuun, nutis ‘Gooftaan keenya guyyaa kamitti akka dhufu beekuu baannus’ sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf carraaqqii ni goona. (Mat. 24:42) Yihowaan wanta waadaa gale hundumaa yeroo isaatti akka raawwatu amanuudhaan obsaan ni eegganna. Obsa yoo dhabne nuffinee suutuma suuta dhugaa keessaa baʼuu dandeenya. Wantoota yeroodhaaf gammachuu nuuf argamsiisanirrattis xiyyeeffachuu dandeenya. Obsa yoo qabaanne garuu hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuudhaan fayyina argachuu ni dandeenya.—Mik. 7:7; Mat. 24:13.

8. Obsa qabaachuun walitti dhufeenya namoota wajjin qabnurratti kan gargaaru akkamitti? (Qolosaayis 3:12, 13)

8 Obsa qabaachuun walitti dhufeenya namoota wajjin qabnurrattis nu gargaara. Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:19) Obsi namoota wajjin nagaadhaan jiraachuufis nu gargaara. Yeroo haalli nama dhiphisu nu mudatu ariifannee tarkaanfii akka hin fudhannee fi wanta gaarii hin taane akka hin dubbanne nu eega. Kana malees, obsa yoo qabaanne namni tokko miira keenya yeroo miidhu aariidhaaf suuta jenna. Haaloo baʼuu mannaa, ‘wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keenya itti fufna.’—Qolosaayis 3:12, 13 dubbisi.

9. Murtoo gochuun yeroo nu barbaachisutti obsi kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkeenya 21:5)

9 Obsi murtoo gaarii gochuufis nu gargaara. Ariifachuu ykn miiraan oofamuu mannaa qorannaa gochuu fi filannaa qabnurratti yaaduuf yeroo ramadna. (Fakkeenya 21:5 dubbisi.) Fakkeenyaaf, hojii barbaadaa jirra yoo taʼe hojichi waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu kan nu jalaa tuqu yoo taʼellee affeerraa jalqabarratti nuuf dhihaatu fudhachuuf qoramuu dandeenya. Obsa yoo qabaanne garuu, fageenya isaa, saʼaatii hojiirratti dabarsinuu fi hojichi maatii keenyarrattis taʼe jireenya hafuuraa keenyarratti dhiibbaa akkamii akka godhu yeroo fudhannee irratti yaanna. Obsa yoo qabaanne murtoo gadhee gochuurraa of eegna.

CAALAATTI OBSA QABAACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

10. Kiristiyaanni tokko obsa horachuu fi amala kana qabaatee itti fufuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Caalaatti obsa qabaachuuf kadhadhu. Obsi kutaa firii hafuuraati. (Gal. 5:22, 23) Kanaafuu, Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennuu fi firii isaa horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. Haalli obsa keenya qoru yoo nu mudate, hafuurri qulqulluun obsuuf akka nu gargaaru ‘kadhachuu keenya itti fufuu’ dandeenya. (Luq. 11:9, 13) Yihowaan ilaalcha inni wanta tokkoof qabu qabaachuuf akka nu gargaarus kadhachuu dandeenya. Achiis erga kadhannee booda, guyyaa guyyaadhaan obsa argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Obsa qabaachuuf caalaatti kan kadhannuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe amalli kun garaa keenya keessatti hidda godhatee kutaa eenyummaa keenyaa taʼa.

11-12. Yihowaan obsa kan argisiise akkamitti?

11 Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurratti xiinxali. Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisanii hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti xiinxaluudhaan karaawwan obsa argisiisuu itti dandeenyu barachuu dandeenya. Seenaawwan kana ilaaluu keenya dura Yihowaan obsa argisiisuudhaan fakkeenya hundarra caalu kan taʼe akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

12 Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti Hewaan, Yihowaan Bulchaa haqa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa akka shakkitu gochuudhaan maqaa isaa balleesseera. Yihowaan maqa balleessituu kana yeruma sana hin balleessine; kanaa mannaa, bulchiinsi isaa hundarra kan caalu akka taʼe mirkaneessuun yeroo akka fudhatu waan beekuuf obseera, akkasumas of toʼateera. Yeroo obsaan eegaa jiru kanattis arrabsoo maqaa isaarra tuulame dandamateera. Kana malees, Yihowaan namoonni dabalataa carraa jireenya barabaraa akka argataniif obsaan eegaa tureera. (2 Phe. 3:9, 15) Kanaan kan kaʼes namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman isa beekuu dandaʼaniiru. Faayidaa obsi Yihowaa argamsiisurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe hamma dhumni dhufutti obsaan eeggachuun nuuf salphata.

Obsi wanti nu aarsu yeroo nu mudatu aariidhaaf suuta akka jennu nu gargaara (Keeyyata 13 ilaali)

13. Yesuus obsa argisiisuurratti fakkeenya Abbaa isaa guutummaatti kan hordofe akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Yesuus obsa argisiisuurratti fakkeenya Abbaa isaa guutummaatti hordofeera; yeroo lafarra turettis amala kana argisiiseera. Yeroo hunda obsa argisiisuun, keessumaa barreessitoota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota taʼaniif obsuun isaaf salphaa hin turre. (Yoh. 8:25-27) Taʼus, Yesuus akkuma Abbaa isaa aariidhaaf suuta kan jedhu ture. Yeroo namoonni isa arrabsan ykn isa aarsanitti haaloo hin baane. (1 Phe. 2:23) Yesuus utuu hin gungumin obsaan qorumsa dandamateera. Kitaabni Qulqulluun Yesuus isa ‘dubbii hamaa cubbamoonni faayidaa ofii isaanii mormuudhaan dubbatan dandaʼe sana akka gaariitti akka yaannu’ nu jajjabeessuun isaa nama hin ajaaʼibsiisu. (Ibr. 12:2, 3) Nutis gargaarsa Yihowaatiin qorumsa nu mudatu kamiyyuu obsaan dandamachuu ni dandeenya.

Akkuma Abrahaam obsa yoo qabaanne Yihowaan yeroo ammaatti, caalaattimmoo addunyaa haaraa waadaa gale keessatti akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya (Keeyyata 14 ilaali)

14. Obsa Abrahaam argisiiserraa maal baranna? (Ibroota 6:15) (Fakkichas ilaali.)

14 Nu keessaa tokko tokko yeroo dheeraa dura dhumni sirna kanaa akka dhufu eegaa turre taʼa. Kanaafuu amma, ‘Yeroo dhumni dhufu arguu hin dandaʼuu laata?’ jennee yaaddofna taʼa. Maarree, obsaan eeggachuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara? Mee fakkeenya Abrahaam haa ilaallu. Abrahaam yeroo umuriin isaa waggaa 75 turetti dhala kan hin qabne taʼus Yihowaan, “Saba guddaa sin godha” jedhee waadaa isaaf galee ture. (Uma. 12:1-4) Maarree, Abrahaam waadaan kun yeroo raawwatamu argeeraa? Guutummaatti yeroo raawwatamu hin argine. Abrahaam laga Efraaxis ceʼee waggaa 25 booda ilmi isaa Yisihaaq dinqiidhaan yeroo dhalatu argeera; achiis waggaa 60 booda ijoolleen Yisihaaq Yaaqoobii fi Esaawu yeroo dhalatan argeera. (Ibroota 6:15 dubbisi.) Taʼus, Abrahaam sanyiin isaa saba guddaa yeroo taʼuu fi Biyyattii Abdachiifamte yeroo dhaalu hin argine. Haa taʼu malee, namni amanamaan kun Uumaa isaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu dandaʼeera. (Yaq. 2:23) Abrahaam duʼaa kaʼee amantii fi obsi isaa saboota hundumaaf eebba akka argamsiise yeroo beeku baayʼee gammada. (Uma. 22:18) Kanarraa maal baranna? Waadaan Yihowaan gale hundi yeroo raawwatamu dhuunfaatti arguu dhiisuu dandeenya. Akkuma Abrahaam yoo obsine garuu Yihowaan yeroo ammaatti, caalaattimmoo addunyaa haaraa waadaa gale keessatti akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mar. 10:29, 30.

15. Qoʼannaa dhuunfaa keenyarratti waaʼee maalii qoʼachuu dandeenya?

15 Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisuurratti fakkeenya taʼan kan biroo hedduu qabateera. (Yaq. 5:10) Seenaawwan kanarratti qorannaa maaliif hin gootu? b Fakkeenyaaf, Daawit mootii Israaʼel taʼee kan dibame ijoollummaa isaatti taʼus, mootii taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachiseera. Simiʼoonii fi Haannaan yeroo Masiihicha abdachiifame eeggachaa turanitti amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufaniiru. (Luq. 2:25, 36-38) Seenaawwan akkasii yeroo qoʼattu gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuuf yaali: Namni kun obsa akka qabaatu maaltu isa gargaare? Obsa argisiisuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Waaʼee namoota obsa hin argisiisnees qoʼachuun kee si fayyaduu dandaʼa. (1 Sam. 13:8-14) Akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Obsa akka dhaban wanti isaan taasise maal taʼuu dandaʼa? Miidhaa akkamiitu isaanirra gaʼe?’

16. Faayidaa obsa qabaachuun argamsiisu tokko tokko kamfaʼi?

16 Faayidaa obsa qabaachuun argamsiisurratti yaadi. Kan obsinu yoo taʼe caalaatti gammachuu fi tasgabbii qabaanna. Kunimmoo fayyaa sammuu fi qaamaa keenya fooyyessuu dandaʼa. Warra kaaniif kan obsinu yoo taʼe isaan wajjin hariiroo gaarii qabaanna. Gumiin keenya caalaatti tokkummaa qabaata. Namni tokko wanta nu aarsu yoo godhe, aariidhaaf suuta kan jennu taʼuun keenya, haalli isaa caalaatti akka hin hammaanne godha. (Far. 37:8, milj.; Fak. 14:29) Hunda caalaa garuu obsa yoo qabaanne fakkeenya Abbaa keenya isa samii waan hordofnuuf caalaatti isatti dhihaanna.

17. Maal gochuuf murteessuu qabna?

17 Dhugumayyuu obsi amala baayʼee nama hawwatuu fi faayidaa guddaa argamsiisudha. Obsa argisiisuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Yihowaatiin amala kana horachuu keenya itti fufuu ni dandeenya. Yeroo addunyaa haaraa obsaan eeggachaa jirru kanatti ‘ijji Yihowaa warra isa sodaatanii fi warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan akka ilaalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 33:18) Kanaafuu, hundi keenya obsa uffachuu keenya itti fufuuf haa murteessinu.

FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi

a Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun obsa hin qaban. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun obsa akka uffannu nu jajjabeessa. Mata dureen kun amalli kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi caalaatti obsa qabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara.

b Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee obsaa dubbatan argachuuf Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼerraa mata duree “Miira, Amalaa fi Gocha” jedhu jalaa mata duree xinnaa “Obsa” jedhu ilaaluu dandeessa.