Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

1923—Waggaa Dhibba Tokko Dura

1923—Waggaa Dhibba Tokko Dura

MASARAAN EEGUMSAA Amajjii 1, 1923 yaada akkana jedhu qabateera: “Barri 1923 waggaa baayʼee nama gammachiisu akka taʼu eegna. Namoota addunyaa kana keessatti cunqurfamanii jiranitti . . . dhiheenyatti yeroo gaariin akka dhufu himuun mirga guddaadha.” Bara sanatti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi hojii lallabaa isaaniirratti jijjiirama nama gammachiisu godhanii turan; kanaan kan kaʼes tokkummaan isaanii caalaatti cimeera.

WALGAʼIIWWAN TOKKUMMAA ISAANII CIMSANIIRU

Kaalaandarii caqasootaa fi lakkoofsa faarfannaa qabate

Bara sanatti jaarmiyichi jijjiirama Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waaqeffannaa isaaniirratti caalaatti tokkummaa akka qabaatan gargaaru godhee ture. Masaraan Eegumsaa yaada caqasoota ibsuu fi Walgaʼii Kadhannaa, Jajannaa fi Dhuga Baʼiinsaa torban torbaniin godhatanirratti dhihaatu qabatee baʼuu jalqabe. Kana malees, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kaalaandarii caqasoota torban torbaniin dubbisanii fi faarfannaa qoʼannaa dhuunfaa fi waaqeffannaa maatii isaaniirratti faarfachuu dandaʼan qabate qopheeffatanii turan.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼiiwwan isaaniirratti “dhuga baʼiinsa” kennuu ni dandaʼu turan; kanas kan godhan muuxannoo tajaajilarratti argatanii fi sababii Yihowaa itti galateeffatan dubbachuudhaan, faarfannaa faarfachuudhaan ykn kadhannaa dhiheessuudhaan ture. Obboleettiin keenya Iivaa Baarnii jedhamtuu fi bara 1923​tti umurii ishii waggaa 15​tti cuuphamte akkana jetteetti: “Dhuga baʼiinsa kennuu yoo barbaadde, fakkeenyaaf, dhaabbattee, ‘Gaarummaa natti argisiise hundaaf Gooftaa galateeffachuun barbaada’ jettee jalqabuu dandeessa.” Obboloonni dhugaa baʼuu jaallatan tokko tokko jiru turan. Obboleettiin keenya Iivaan itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Obboleessi maanguddoon Gaadwiin jedhamu sababii Gooftaa itti galateeffatu hedduu qaba ture. Haati manaa obboleessa keenya Gaadwiin obboleessi walgaʼicha geggeessu akka dhiphate yeroo hubattu suuta jettee fiixee kootii isaa gadi butti; yeroo kanatti dubbachuu isaa dhiisee taaʼa.”

Gumiin hundi jiʼatti al tokko Walgaʼii Kadhannaa, Jajannaa fi Dhuga Baʼiinsaa adda taʼe ni geggeeffata ture. Masaraan Eegumsaa Ebla 1, 1923 walgaʼii kana ilaalchisee akkana jedheera: “Sagantaa walgaʼichaa keessaa walakkaan isaa obboloonni muuxannoo tajaajilarratti argatan dubbachuudhaan akka wal jajjabeessan ramadamuu qaba. . . . Walgaʼiin nama jajjabeessu akkasii obboloota walitti dhiheessa jennee amanna.”

Dargaggeessi waggaa 19 Chaarlis Maartin jedhamuu fi Vaankovar, Kaanaadaa keessatti babalʼisaa gumii ture walgaʼiiwwan kanarraa faayidaa guddaa argateera. Yeroo booda akkana jedheera: “Manaa gara manaatti yeroon tajaajilu maal jechuu akkan qabu kanan baradhe walgaʼiiwwan kanarrattidha. Yeroo baayʼee namni muuxannoo yeroo manaa gara manaatti tajaajilu argate dubbatu hin dhabamu ture. Kunis tajaajilarratti maal jechuu akkan qabuu fi yeroo mormiin garaa garaa na mudatu akkamitti deebii kennuu akkan dandaʼu hubachuuf na gargaareera.”

TAJAAJILLI TOKKUMMAA ISAANII CIMSEERA

Buulatiinii Caamsaa 1, 1923

“Guyyoonni tajaajilaas” tokkummaa isaanii isaaniif cimsaniiru. Masaraan Eegumsaa Ebla 1, 1923 akkana jedhee beeksisee ture: “Hundi keenyayyuu hojii tokkoon tokkummaa qabaachuu akka dandeenyuuf . . . , Kibxanni, Caamsaa 1, 1923 guyyaa tajaajilaa walii galaa akka taʼu filatameera. Kana booda jiʼa keessaa Kibxanni jalqabaa guyyaa tajaajilaa taʼee itti fufa . . . Miseensonni gumii hundumaa hojicharratti hamma tokko gaʼee qabaachuu qabu.”

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu dargaggoota taʼanillee hojii kanarratti ni hirmaatu turan. Haazeel Buurfordi ishiin yeroo sanatti waggaa 16 turte akkana jetteetti: “Barreeffamni Buulatiin maree fakkeenya taʼu yaadachuu dandeenyu qabatee baʼa ture. a Akaakayyuu koo wajjin taʼee sochiiwwan kana hundarratti miira hoʼaadhaanan hirmaadha ture.” Haa taʼu malee, obboleettiin keenya Haazeel mormiin hin eegamne ishii mudate. Akkana jetteetti: “Obboleessi maanguddoon tokko matumaa namoota haasofsiisuu akkan hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Yeroo sanatti, obboloonni tokko tokko ‘dardaraa fi shamarran’ dabalatee Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi Uumaa keenya isa Guddaa jajachuurratti hirmaannaa gochuu akka qaban hin hubanne.” (Far. 148:12, 13) Taʼus, obboleettiin keenya Haazeel lallabuu ishii itti fufteetti. Yeroo booda Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa lammaffaarratti erga hirmaattee booda misiyoonii taatee Paanaamaa keessatti tajaajilteetti. Obboloonni, dargaggoonni tajaajilarratti hirmaachuu akka hin qabne itti dhagaʼamee ture sun yeroo booda ilaalcha isaanii sirreessaniiru.

WALGAʼIIWWAN GUGUDDAAN TOKKUMMAA ISAANII CIMSANIIRU

Walgaʼiiwwan guguddaanis tokkummaa obboloonni qaban isaaniif cimsaniiru. Walgaʼiiwwan kana keessaa baayʼeen isaanii guyyoota tajaajilaaf ramadaman qabu turan. Fakkeenyaaf, walgaʼii Wiinipeeg, Kaanaadaatti geggeeffamerratti obboloonni walgaʼicharratti argaman hundi Bitootessa 31​tti tajaajilarratti akka hirmaatan affeeramanii turan. Guyyoota tajaajilaa kanatti namoota hedduudhaaf lallabuun dandaʼameera, buʼaa gaariinis argameera. Hagayya 5​tti namoonni gara 7,000 taʼan walgaʼii guddaa Wiinipeegitti geggeeffame kan biraarratti argamaniiru. Lakkoofsi kun walgaʼii guddaa hanga yeroo sanaatti Kaanaadaa keessatti geggeeffame hundarra kan caalu ture.

Bara 1923​tti walgaʼiin saba Yihowaa gidduutti iddoo guddaa qabu tokko Loos Anjalas, Kaalifoorniyaa keessatti Hagayya 18-26​tti geggeeffamee ture. Torbeewwan walgaʼicha dura turanitti gaazexaawwan sagantaa kana beeksisan baʼanii turan; Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waraqaa beeksisa kana qabate 500,000 ol raabsaniiru. Baanarii walgaʼicha beeksisu geejjiba uummataa fi konkolaataa dhuunfaarratti maxxansanii turan.

Walgaʼii guddaa Barattoota Kitaaba Qulqulluu bara 1923​tti Loos Anjalasitti godhame

Sanbadduraa, Hagayya 25 obboleessi keenya Raazarfoordi haasaa, “Hoolotaa fi Reʼoota” jedhu dhiheessee ture; haasaa kanarratti “hoolota” kan jedhaman namoota lafa jannata taatu dhaaluuf kakaʼumsa sirrii qaban akka taʼan ifa godheera. Achiis ibsa ejjennoo “Akeekkachiisa” jedhamu dubbise. Ibsi ejjennoo kun waldaalee Kiristiyaana ofiin jedhan kan balaaleffatuu fi namoonni garaa qajeelaa qaban “Baabilon Guddittii” irraa akka fagaatan kan jajjabeessu ture. (Mul. 18:2, 4) Yeroo booda Barattoonni Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti argaman waraqaa ibsa ejjennoo kana qabatee fi miliyoonaan lakkaaʼamu hinaaffaadhaan raabsaniiru.

“Walgaʼiin nama jajjabeessu akkasii obboloota walitti dhiheessa”

Guyyaa xumuraatti namoonni 30,000 ol taʼanii fi haasaa obboleessa keenya Raazarfoordi isa “Saboonni Hundi Gara Armaagedoonitti Deemaa Jiru, Taʼus Namoonni Yeroo Harʼaa Jiranii fi Miliyoonaan Lakkaaʼaman Matumaa hin Duʼan” jedhu dhaggeeffataniiru. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni hedduun akka argaman eeganii waan turaniif, Isteediyamii Loos Anjalas reefuu ijaarame kireeffatanii turan. Namni hundi dhagaʼuu akka dandaʼuuf obboloonni ispiikarii isteediyamichaa isa yeroo sanatti teknoolojii haaraa ture fayyadaman. Namoonni kan biroon hedduunimmoo saganticha raadiyoodhaan hordofaniiru.

GUDDINA ADDUNYAA MARAA

Bara 1923​tti, Afrikaa, Awurooppaa, Hindii fi Ameerikaa Kibbaa keessatti hojiin lallabaa baayʼee babalʼachaa ture. Hindii keessatti Adaavimaanaatuu Jooseef utuma haadha manaa isaa fi ijoollee isaa jaʼan kunuunsuu Afaan Hindii, Taamiil, Teluuguu fi Urduudhaan barreeffamoota keenya qopheessuurratti gargaarsa gochaa ture.

Wiiliyaam Biraawunii fi maatii isaa

Seeraa Liyoonitti Barattoota Kitaaba Qulqulluu kan taʼan Alfireed Jooseefii fi Liyoonaardi Bilaakmaan gargaarsa gaafachuuf gara waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti argamutti barreessanii turan. Ebla 14, 1923 deebiin isaaniif kennameera. Alfireed, “Sanbadduraa tokko erga halkanaaʼee booda bilbillin hin eegne tokko naaf bilbilame” jedheera. Yeroo kanatti sagalee guddaa, “Labsitoonni akka isiniif ergamaniif Waldaa Masaraa Eegumsaatti kan barreesse siʼii?” jedhu dhagaʼe. Alfireedis, “Eeyyee” jedhee deebise. Achiis sagalee, “Taanaan, anaan erganiiru” jedhu dhagaʼe. Sagaleen inni dhagaʼe sagalee Wiiliyaam Biraawun ture. Haadha manaa isaa Antooniyaa fi ijoollee durbaa isaanii lamaan Luyiizii fi Luusii wajjin biyya Kaaribiyaanii kaʼee achi kan gaʼe guyyaa sana ture. Obboloonnis obboleessa keenya Biraawunii fi maatii isaa wajjin yeruma sana wal argan.

Alfireed itti fufuudhaan akkana jedhe: “Guyyaa itti aanu ganama anii fi Liyoonaardi akkuma torban torbaniin goonu utuma Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirruu akkuma tasaa balbalarratti namicha dheeraa tokko argine. Namichi kun obboleessa keenya Biraawun ture. Dhugaadhaaf hinaaffaa guddaa waan qabuuf guyyaa itti aanutti haasaa sabaa dhiheessuu barbaadee ture.” Obboleessi keenya Biraawun barreeffama fidee dhufe hunda jiʼa tokko utuu hin guutin raabsee xumure. Achiis utuma baayʼee hin turin kitaabota dabalataa 5,000 argate; sana boodas utuma baayʼee hin turin kitaabonni dabalataa barbaachisaniiru. Taʼus obboleessi keenya Biraawun kan beekamu kitaaba gurguruudhaan hin turre. Waggoota hedduu hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajilaa turetti yeroo hunda haasaa isaarratti Kitaaba Qulqulluutti waan fayyadamuuf, namoonni maqaa Baaybil Biraawun jedhu isaaf moggaasanii turan.

Beetel Maagdabargi bara 1920mmaniitti

Utuma baayʼee hin turin, waajjirri damee Baarman, Jarman keessatti argamu waan isaanitti dhiphateef obboloonni iddoo biraatti jijjiirrachuuf murteessan; loltoonni Faransaayi magaalattii weeraruuf akka jedhanis dhagaʼanii turan. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu gamoo Maagdabargi keessatti argamuu fi hojii maxxansaatiif mijataa taʼe tokko argatan. Achiis obboloonni Waxabajjii 19​tti miʼoota maxxansaa fi miʼoota kan biroo fuudhanii Beetel isa haaraa Maagdabargi keessatti argamutti galan. Beetel isa haaraatti galuu isaanii waajjira muummeetti gabaasanii borumtaa isaatti Faransaayi Baarmaniin akka qabatte gaazexaarratti beeksifame. Obboloonni sun eegumsa waan isaaniif godhee fi waan isaan gargaareef Yihowaa galateeffataniiru.

Joorji Yaangi, Saaraa Fargusanii (mirga) fi obboleettii ishii

Biraaziil keessatti Joorji Yaangi inni misiraachicha babalʼisuuf imala dheeraa taasise waajjira damee haaraa banee Afaan Porchugaaliin Masaraa Eegumsaa maxxansuu jalqabe. Obboleessi kun jiʼoota muraasa keessatti barreeffama 7,000 ol raabseera. Inni gara Biraaziil dhufuun isaa Saaraa Fargusaniif carraa gaarii baneera. Saaraan bara 1899 kaasee Masaraa Eegumsaa dubbisaa kan turte taʼus cuuphamuu hin dandeenye. Jiʼoota muraasa booda obboleettiin keenya Saaraanii fi ijoolleen ishii arfan tarkaanfii baayʼee barbaachisaa taʼe kana fudhachuu dandaʼaniiru.

“HINAAFFAA FI GAMMACHUUDHAAN TAJAAJILUU”

Masaraan Eegumsaa Muddee 15, 1923 jijjiiramni walgaʼii gumii, tajaajilaa fi walgaʼiiwwan guguddaa wajjin haala wal qabateen godhame Barattoota Kitaaba Qulqulluurratti dhiibbaa akkamii akka godhe yeroo ibsu akkana jedheera: “Gumiiwwan . . . karaa hafuuraa haala gaariirra akka jiran hubachuun salphaadha . . . Waggaa dhufutti hojii dabalataatiif haa qophoofnu, akkasumas Waaqayyoon hinaaffaa fi gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti haa fufnu.”

Waggaan itti aanus Barattoota Kitaaba Qulqulluutiif waggaa baayʼee gammachiisaa ture. Obboloonni Beetel keessa jiran lafa Isteetan Aayilaanditti argamu tokkorratti jiʼoota hedduudhaaf hojjechaa turaniiru; lafti kun waajjira muummee Biruukiliinitti argamutti dhihoodha. Gamoowwan lafa sanarratti ijaaramaa turan jalqaba bara 1924​tti xumuramaniiru; gamoowwan kun obboloonni tokkummaa akka qabaatanii fi misiraachichi karaa sana dura taʼee hin beekneen akka babalʼatu gumaacha godheera.

Garee ijaarsaa Isteetan Aayilaandi ture

a Amma Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhama.