Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 42

‘Ajajamuuf Qophoofteettaa’?

‘Ajajamuuf Qophoofteettaa’?

‘Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu ajajamuuf kan qophaaʼe dha.’—YAQ. 3:17.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

QABIYYEE a

1. Ajajamuun nutti ulfaachuu kan dandaʼu maaliifi?

 AJAJAMUUN sitti ulfaatee beekaa? Daawit Mootichi ajajamuun isatti ulfaatee waan tureef, “Fedhii siif ajajamuu na keessatti kakaasi” jedhee kadhateera. (Far. 51:12) Daawit Yihowaa ni jaallata. Taʼus, yeroo tokko tokko ajajamuun isatti ulfaata ture; nutis yeroo tokko tokko ajajamuun nutti ulfaata. Maaliif? Tokkoffaa, cubbuun dhaalle ajajamuuf fedhii akka hin qabaanne dhiibbaa nurratti godha. Lammaffaa, Seexanni akkuma isaa akka fincillu yeroo hunda dhiibbaa nurratti godha. (2 Qor. 11:3) Sadaffaa, namoota fincila jaallataniin marfamnee jiraanna; namoota kanarratti dhiibbaa gochaa kan jiru “hafuura isa amma warra hin ajajamne irratti hojjechaa jiru dha.” (Efe. 2:2) Fedhii cubbuu raawwachuuf qabnu toʼachuuf qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa Diyaabilosii fi addunyaan kun akka hin ajajamne nurratti godhan dandamachuufis walʼaansoo gochuun nu barbaachisa. Yihowaafis taʼe namoota inni aangoo akka qabaatan heyyameef ajajamuuf carraaqqii gochuu qabna.

2. ‘Ajajamuuf qophaaʼaa’ taʼuu jechuun maal jechuudha? (Yaaqoob 3:17)

2 Yaaqoob 3:17 dubbisi. Yaaqoob hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee namoonni ogeeyyiin ‘ajajamuuf qophaaʼoo’ akka taʼan barreesseera. Kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Namoota Yihowaan hamma tokko aangoo akka qabaatan heyyameef ajajamuuf fedhii guddaa qabaachuu qabna. Dhugaadha, Yihowaan nama ajaja isaa akka cabsinu nu gaafatu kamiifiyyuu akka ajajamnu nurraa hin eegu.—HoE. 4:18-20.

3. Yihowaan warra aangoo qabaniif yeroo ajajamnu maaltu isatti dhagaʼama?

3 Namootaaf ajajamuurra Yihowaadhaaf ajajamuutu nutti salphata taʼa. Qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu mudaa kan hin qabne waan taʼeef kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. (Far. 19:7) Namoonni aangoo qaban garuu qajeelfama akkasii nuu kennuu hin dandaʼan. Taʼus, Abbaan keenya inni samii warraaf, mootummootaa fi jaarsoliidhaaf hamma tokko aangoo kenneera. (Fak. 6:20; 1 Tas. 5:12; 1 Phe. 2:13, 14) Yeroo isaaniif ajajamnu Yihowaadhaaf ajajamaa jirra. Yeroo tokko tokko qajeelfama namoonni nuuf kennan fudhachuunii fi hojiirra oolchuun ulfaataa taʼus, namoota aangoo qabaniif ajajamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

WARRA KEESSANIIF AJAJAMAA

4. Ijoollee hedduun warra isaaniitiif kan hin ajajamne maaliifi?

4 Dargaggoonni ijoollee ‘warra isaaniitiif hin ajajamneen’ marfamanii oolu. (2 Xim. 3:1, 2) Ijoollee baayʼeen warra isaaniitiif kan hin ajajamne maaliifi? Isaan keessaa tokko tokko warri isaanii fakkeessitoota akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Warri tokko tokko wanta ofii hin raawwanne ijoollee isaaniirraa eegu. Ijoolleen tokko tokkommoo gorsi warri isaanii isaaniif kennan yeroo kan itti darbee fi garmalee cimaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Dargaggeessa yoo taate akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Ajaja Yihowaa, “Kun qajeelaa waan taʼeef, fedhii Gooftaa wajjin haala wal simuun warra keessaniif ajajamaa” jedhu hojiirra oolchuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. (Efe. 6:1) Maarree, ajaja kana eeguuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

5. Luqaas 2:46-52 irratti akka ibsametti, Yesuus warraaf ajajamuurratti ijoolleedhaaf fakkeenya guddaa kan taʼe akkamitti?

5 Yesuus gama kanaan fakkeenya hundarra caaludha; atis fakkeenya isaarraa barumsa guddaa argatta. (1 Phe. 2:21-24) Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, warri isaa garuu mudaa qabu turan. Yesuus warri isaa dogoggora kan raawwatanii fi yeroo tokko tokko karaa sirrii hin taaneen kan isa hubatan taʼus isaan kabajeera. (Bau. 20:12) Mee wanta yeroo Yesuus waggaa 12 turetti taʼe haa ilaallu. (Luqaas 2:46-52 dubbisi.) Yeroo tokko Yesuus warra isaa wajjin gara Yerusaalem deemee ture. Warri isaa yeroo deebiʼanitti Yesuus isaan faana hin turre; isaan garuu kana hin hubanne; Yoseefii fi Maariyaam ijoolleen isaanii hundi isaan faana jiraachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu turan. Yeroo isa argatanitti garuu, Maariyaam rakkina akka isaanitti fide dubbachuudhaan isa komatte. Yeroo kanatti Yesuus yaanni ishii sirrii akka hin taane dubbachuu ni dandaʼa ture. Inni garuu kabajaan deebii isaaniif kenneera. Yoseefii fi Maariyaam garuu, “wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne.” Taʼus Yesuus, “isaaniif bitamuu [isaa] itti fufe.”

6-7. Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuuf maaltu isaan gargaara?

6 Dargaggootaa, warri keessan yeroo dogoggora raawwatan ykn yeroo karaa sirrii hin taaneen isin hubatanitti isaaniif ajajamuun isinitti ulfaatee beekaa? Yeroo akkasiitti maaltu isin gargaara? Jalqaba miira Yihowaatti dhagaʼamu yaadaa. Kitaabni Qulqulluun warra keessaniif ajajamuun keessan, ‘Gooftaa akka gammachiisu’ dubbata. (Qol. 3:20) Yihowaan warri keessan yeroo tokko tokko karaa sirrii hin taaneen akka isin hubatanii fi seera isinitti ulfaatu akka baasan beeka. Taʼus, yeroo akkasiitti kan isaaniif ajajamtan yoo taʼe Yihowaa gammachiistu.

7 Lammaffaa, wanta warra keessanitti dhagaʼamu yaadaa. Yommuu warra keessaniif ajajamtan isaan gammachiistu, akkasumas caalaatti akka isin amanan gootu. (Fak. 23:22-25) Ajajamuun keessan caalaatti walitti isin dhiheessuu dandaʼa. Obboleessi Aleeksaandar jedhamuu fi Beeljiyam keessa jiraatu akkana jedheera: “Wanta warri koo na gaafatan raawwachuu yeroon jalqabu walitti dhufeenyi keenya ni jijjiirame. Caalaatti walitti dhihaanneerra; gammachuun keenyas dabaleera.” b Sadaffaa, amma ajajamuun kee gara fuulduraatti kan si fayyadu akkamitti akka taʼe yaadi. Paawuloon inni Biraaziil keessa jiraatu, “Warra kootiif ajajamuu barachuun koo Yihowaa fi warra aangoo qabaniif ajajamuuf na gargaareera” jedheera. Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa warra keetiif ajajamuuf si kakaasu yeroo ibsu, “Gaarii akka siif taʼuu fi umuriin kee lafa irratti akka dheeratuufi” jedha.—Efe. 6:2, 3.

8. Ijoollee baayʼeen warra isaaniitiif ajajamuuf kan filatan maaliifi?

8 Dargaggoonni baayʼeen warra isaaniitiif ajajamuun isaanii akka isaan fayyadu hubataniiru. Luyiizaan ishiin Biraaziil keessa jiraattu, yeroodhaaf moobaayilii akka qabaattu kan ishiidhaaf hin heyyamamne maaliif akka taʼe jalqabarratti hubachuun ishiitti ulfaatee ture. Ijoolleen umurii ishiirratti argaman hedduun moobaayilii akka qaban warra ishiitti himtee turte. Booda garuu, akkas gochuun isaanii eegumsa akka ishiidhaaf godhe hubatteetti. Gorsi warri ishii ishiidhaaf kennan wantuma ishii fayyadu waan taʼeef, isaaniif ajajamuun ishii bilisummaa akka ishii dhabsiise ishiitti hin dhagaʼamu. Elzaabeet ishiin Yuunaayitid Isteetis jiraattu yeroo tokko tokko warra ishiitiif ajajamuun ishiitti ulfaata. “Warri koo seera tokko tokko kan baasan maaliif akka taʼe guutummaatti yeroon hin hubannetti, seerri isaan baasan kanaan dura kan na fayyade akkamitti akka taʼen yaada” jetteetti. Moonikaan ishiin Armeeniyaa keessa jiraattu yeroo warra ishiitiif hin ajajamne caalaa yeroo isaaniif ajajamtu akka gammaddu dubbatteetti.

“ABBOOTII TAAYITAA IDDOO OL AANAA QABANIIF” AJAJAMAA

9. Namoonni hedduun seeraaf ajajamuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

9 Namoonni baayʼeen mootummoonni akka nu barbaachisanii fi seerota ‘abbootiin taayitaa iddoo olaanaa’ qaban kun baasan keessaa yoo xinnaate muraasa isaa hojiirra oolchuun barbaachisaa akka taʼe ni amanu. (Rom. 13:1) Taʼus, seera isaanitti hin tolleef ykn sirrii miti jedhanii yaadaniif hin ajajaman. Gibira kaffaluu akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya. Biyya Awurooppaa tokko keessatti namoonni baayʼeen, “sirrii akka hin taane yoo isaanitti dhagaʼame gibira kaffaluu dhiisuun dogoggora akka hin taanetti amanu.” Kanaan kan kaʼes, jiraattonni biyyattii gibira mootummaan isaanirraa eegu keessaa kan kaffalan gara dhibbeentaa 65 qofadha.

Ajajamuu ilaalchisee Yoseefii fi Maariyaamirraa maal baranna? (Keeyyata 10-12 ilaali) c

10. Seerota nutti hin tolleefillee kan ajajamnu maaliifi?

10 Kitaabni Qulqulluun mootummoonni ilmaan namootaa rakkina akka geessisan, toʼannaa Seexanaa jala akka jiranii fi dhiheenyatti akka balleeffaman dubbata. (Far. 110:5, 6; Lal. 8:9; Luq. 4:5, 6) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, “Namni aangoo mormu kam iyyuu qophii Waaqayyoo morma” jedha. Yihowaan lafarra seerri akka jiraatuuf yeroodhaaf akka bulchan mootummootaaf heyyameera. Kanaafuu, gibira kaffaluu, kabajuu fi ajajamuu dabalatee “hundumaaf wanta isaaf malu” kennuu qabna. (Rom. 13:1-7) Tarii seerri tokko nutti toluu dhiisuu dandaʼa, akkasumas sirrii akka hin taanee fi ulfaataa akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaadhaaf ni ajajamna, innimmoo hamma isaan seera isaa hin cabsinetti akka isaaniif ajajamnu nurraa eega.—HoE. 5:29.

11-12. Luqaas 2:1-6 irratti akka ibsametti, Yoseefii fi Maariyaam seera isaaniif mijataa hin taane tokkoof ajajamuuf jecha maal godhan? Akkas gochuun isaaniihoo buʼaa akkamii isaaniif argamsiise? (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Gama kanaan Yoseefii fi Maariyaamirraa barumsa guddaa arganna; Yoseefii fi Maariyaam yeroo ajajamuun baayʼee ulfaataa taʼettillee warraa aangoo qabaniif ajajamuuf qophaaʼoo turan. (Luqaas 2:1-6 dubbisi.) Maariyaam yeroo ulfa jiʼa sagalii turtetti mootummaan biyyattii wanta baayʼee isaanitti ulfaatu akka godhan ajajee ture. Awugusxos namoonni Bulchiinsa Roomaa keessa jiraatan hundi gara naannoo dhalootaa isaanii deemanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaafuu, Yoseefii fi Maariyaam Beetaliheem gaʼuuf karaa buʼaa baʼii qabuu fi kiilomeetira 150 taʼu imaluu qabu turan. Imalli kun keessumaa Maariyaamiif baayʼee ulfaataa ture. Hiriyoonni gaaʼelaa kun nageenyi ishiis taʼe nageenyi daaʼima garaatti baattee isaan yaaddessee taʼuu dandaʼa. Utuma karaarra jiranii ciniinsuun yoo ishii qabe hoo? Garaatti baattee kan jirtu daaʼima gara fuulduraatti Masiihicha taʼudha. Maarree, kun mootummaa biyyattiitiif akka hin ajajamne sababa taʼuu dandaʼaa?

12 Yoseefii fi Maariyaam wanti isaan yaaddessu jiraatus seera baʼeef ajajamaniiru. Yihowaanis ajajamuu isaaniitiif isaan eebbiseera. Maariyaam nagaadhaan Beetaliheem geesseetti; mucaa fayya buleessa taʼes deesseetti; achi dhaquun isaanii raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamullee godheera.—Mik. 5:2.

13. Ajajamuun keenya obboloota keenya fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

13 Abbootii taayitaa iddoo olaanaa qabaniif yeroo ajajamnu, ofii keenyas taʼe warra kaan ni fayyadna. Akkamitti? Tokkoffaa, adaba namoonni seerichaaf hin ajajamne adabamanirraa ni oolla. (Rom. 13:4) Ajajamuun keenya ilaalcha abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif qabanirratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waggoota hedduu dura Naayijeeriyaa keessatti loltoonni utuma walgaʼiin geggeeffamaa jiruu namoota gibira kaffaluu didan qabuuf gara Galma Walgaʼii dhufanii turan. Taʼus, ajajaan isaanii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hunda gibira akka kaffalan dubbachuudhaan akka deebiʼan loltoota sanatti hime. Yeroo hunda seera eeguun kee sabni Yihowaa maqaa gaarii akka qabaatan gochuu dandaʼa; kunis gaaf tokko obboloota kee fayyaduu dandaʼa.—Mat. 5:16.

14. Obboleettiin takka abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif ‘ajajamuuf qophaaʼaa’ taʼuuf maaltu ishii gargaare?

14 Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko abbootii taayitaa iddoo olaanaa qabaniif ajajamuuf fedhii dhabuu dandeenya. Joʼaanaan ishiin Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu, “Abbootiin taayitaa miseensota maatii koo tokko tokkorratti miidhaa waan geessisaniif isaaniif ajajamuun baayʼee natti ulfaata” jetteetti. Taʼus, Joʼaanaan ilaalcha ishii jijjiiruuf carraaqqii gooteetti. Jalqaba, gabaasawwan weebsaayitii hawaasaarratti baʼanii fi abbootii taayitaa sanaaf miira gaarii hin taane akka qabaattu godhan dubbisuu ni dhaabde. (Fak. 20:3) Lammaffaa, mootummaan tokko yoo jijjiirame haalli isaa akka fooyyaʼu abdachuu mannaa isatti amanamuuf akka ishii gargaaru Yihowaa kadhatte. (Far. 9:9, 10) Sadaffaa, barreeffamoota keenya waaʼee siyaasarraa walaba taʼuu ibsan dubbiste. (Yoh. 17:16) Yeroo ammaatti Joʼaanaan abbootii taayitaa kabajuunii fi isaaniif ajajamuun ishii “nagaa jechaan ibsuu hin dandeenye” akka ishiidhaaf argamsiise dubbatti.

QAJEELFAMA JAARMIYAAN YIHOWAA KENNUUF AJAJAMAA

15. Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa kennuuf ajajamuun ulfaataa nutti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

15 Yihowaan, warra gumii keessatti “dura buutota taʼaniif” akka ajajamnu nurraa eega. (Ibr. 13:17) Yesuus inni Geggeessaa keenya taʼe mudaa kan hin qabne taʼus, namoonni inni lafarratti dura buutota godhee muude garuu mudaa qabu. Fakkeenyaaf, wanta gochuu hin barbaanne tokko akka goonu yeroo gaafatamnutti ajajamuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Pheexiros ergamaan yeroo tokko ajajamuun isatti ulfaatee ture. Pheexiros yeroo maleekaan tokko foon bineensota Seera Musee jalatti akka xuraaʼootti ilaalamanii akka nyaatu isa gaafatetti siʼa sadii didee ture. (HoE. 10:9-16) Maaliif? Qajeelfamni haaraan isaaf kenname kun isatti hin tolle ture. Sana dura wanta kanarraa adda taʼe raawwachaa jiraate. Pheexiros qajeelfama maleekaan mudaa hin qabne isaaf kenne fudhachuun erga isatti ulfaatee, qajeelfama namoonni mudaa qaban kennan fudhachuun kan namatti ulfaatu taʼuun isaa nu hin dinqisiisu.

16. Phaawulos ergamaan qajeelfamni isaaf kenname sirrii akka hin taane isatti dhagaʼamee taʼuu kan dandaʼu taʼus maal godhe? (Hojii Ergamootaa 21:23, 24, 26)

16 Phaawulos ergamaan yeroo qajeelfamni sirrii akka hin taane isatti dhagaʼame isaaf kennamettillee ‘ajajamuuf qophaaʼaa’ ture. Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan waaʼee Phaawulos oduu tokko tokko dhagaʼanii turan; Phaawulos namoonni “Seera Musee akka dhiisan” akka lallabuu fi akka Seerichaaf kabaja hin qabne odeeffamaa ture. (HoE. 21:21) Jaarsoliin Kiristiyaanota taʼanii fi Yerusaalem keessa jiraatan Phaawulos Seericha akka eegu argisiisuuf namoota afur fuudhee gara mana qulqullummaa akka dhaquu fi akka Seerichaatti akka of qulqulleessu isa gaafatan. Phaawulos Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre beeka. Dogoggora raawwates hin qabu. Taʼus, yeruma sana ajajameera. “Guyyaa itti aanutti Phaawulos namoota sana fudhatee akka Seerichaatti isaanii wajjin of qulqulleesse.” (Hojii Ergamootaa 21:23, 24, 26 dubbisi.) Phaawulos ajajamuun isaa tokkummaan obboloota gidduu jiru akka eegamu godheera.—Rom. 14:19, 21.

17. Fakkeenya Istefaaniirraa maal baratte?

17 Obboleettiin Istefaanii jedhamtu qajeelfama obboloonni itti gaafatamummaa qabanii fi biyya ishii jiran kennan fudhachuun itti ulfaatee ture. Ishiinii fi abbaan manaa ishii garee afaan biyya alaatiin geggeeffamu keessatti gammachuudhaan tajaajilaa turan. Waajjirri damee gareen kun akka hafu erga godhee booda gumii afaan dhalootaa isaaniitiin geggeeffamu keessatti isaan ramade. Istefaaniin akkana jetteetti: “Baayʼee gaddeen ture. Afaan dhalootaa keenyaan hojii baayʼeen akka jiru natti hin dhagaʼamne ture.” Taʼus, qajeelfama haaraa isaaniif kenname hordofuuf murteessite. Akkana jetteetti: “Yeroo booda qajeelfamni kun ogummaarratti kan hundaaʼe taʼuu isaa hubadheera. Obboloonni gumii keenya keessa jiran hedduun miseensonni maatii isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa miti; kanaafuu, maatii isaaniif taʼuu fi isaan jajjabeessuu dandeenyeerra. Obboleettii qabbanooftee turte takka qoʼachiisaan jira. Qoʼannaa dhuunfaa gochuufis yeroo dabalataa argadheera.” Itti dabaluudhaanis, “Ajajamuuf wantan dandaʼu hundumaa waanan godheef qalbii qulqulluun qaba” jetteetti.

18. Ajajamoo taʼuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

18 Ajajamuu barachuu ni dandeenya. Yesuus ‘ajajamuu kan barate’ haala mijataa taʼe keessatti utuu hin taʼin, “rakkoowwan isa irra gaʼan irraa” ture. (Ibr. 5:8) Akkuma Yesuus nutis yeroo baayʼee ajajamuu kan barannu haala rakkisaa taʼe keessattidha. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 jalqabetti, yommuu Galma Walgaʼii keessatti walitti qabamuu keenyaa fi manaa gara manaa tajaajiluu keenya akka dhaabnu nutti himametti ajajamuun sitti ulfaatee turee? Taʼus, ajajamuun kee eegumsa siif godheera, obboloota kee wajjin tokkummaa akka qabaattu si gargaareera, akkasumas Yihowaan akka sitti gammadu godheera. Hundi keenyayyuu yeroo kamiyyuu caalaa amma qajeelfama yeroo rakkina guddaatti nuuf kennamu kamiifiyyuu ajajamuuf qophoofneerra. Yeroo sanatti ajajamuun keenya lubbuu keenya nuuf oolcha.—Iyo. 36:11.

19. Ajajamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?

19 Ajajamuun keenya eebba hedduu akka nuuf argamsiisu baranneerra. Sababiin Yihowaadhaaf ajajamuuf nu kakaasu inni guddaan garuu, waan isa jaallannuu fi isa gammachiisuu waan barbaannuufi. (1 Yoh. 5:3) Wanta Yihowaan nuuf godhe hundaaf yoomiyyuu gatii isaaf deebisuu hin dandeenyu. (Far. 116:12) Taʼus, isaafis taʼe warra aangoo qabaniif ajajamuu ni dandeenya. Yoo ajajamne ogeeyyii taʼuu keenya argisiisna. Ogeeyyii taʼuun keenyammoo garaa Yihowaa gammachiisa.—Fak. 27:11.

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

a Hundi keenyayyuu cubbamoota waan taaneef yeroo tokko tokko, yeroo namni aangoo qabu qajeelfama nuuf kennuttillee ajajamuun nu rakkisa. Mata dureen kun warraaf, “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif,” akkasumas obboloota gumii Kiristiyaanaa keessatti dura buutota taʼaniif ajajamuun faayidaa akkamii akka argamsiisu ibsa.

b Seera eeguun sitti ulfaate tokko ilaalchisee warra kee akkamitti haasofsiisuu akka dandeessu beekuuf jw.org irraa mata duree, “Seerawwan Warri Koo Baasan Ilaalchisee Isaan Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

c IBSA FAKKII: Yoseefii fi Maariyaam labsii Qeesaar Beetaliheemitti akka galmeeffaman baaseef ajajamaniiru. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran seera tiraafikaa, seera gibiraa fi qajeelfama yaalii fayyaa ‘abbootiin taayitaa iddoo ol aanaa qaban’ baasaniif ni ajajamu.