Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qori

Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qori

‘Balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubadhaa.’—EFE. 3:18.

FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira

QABIYYEE a

1-2. Karaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf gaarii taʼe isa kami? Fakkeenya kenni.

 MANA tokko bituuf ilaalaa akka jirtu godhii yaadi. Murtoo gochuu kee dura maal ilaaluu barbaadda? Suuraa fuuldura manichaa argisiisu ilaaluun kee qofti gaʼaadhaa? Manichi alaan maal akka fakkaatu sirriitti akka qortuu fi kutaawwan isaa maal akka fakkaatan keessa seentee akka gaariitti akka ilaaltu beekamaadha. Nama manichi akkamitti akka ijaarame sirriitti beeku fuutee akka deemtus ifadha. Mana sana bitachuu kee dura haala manichaa akka gaariitti qulqulleeffatta.

2 Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnuu fi qoʼannus waanuma kanaa wajjin wal fakkaatu gochuu dandeenya. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko ergaan Kitaaba Qulqulluu akkuma “gamoo guddaa baayʼee dheeraa taʼee fi buʼuurri isaa gadi fageenya qabuu” akka taʼe dubbataniiru. Maarree, wanta Kitaaba Qulqulluu keessa jiru akka gaariitti beekuu kan dandeenyu akkamitti? Ariitiidhaan dubbista taanaan kan hubattu barumsawwan buʼuuraa, jechuunis “wantoota jalqabaa dubbii Waaqayyoo irraa” barannu qofadha. (Ibr. 5:12) Wantoota gadi fageenya qaban qoruudhaan akkuma mana sanaatti kan keessa lixxu yoo taʼe garuu sirriitti hubachuu dandeessa. Karaa gaariin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti dandeessu inni tokko ergaan isaa kan wal qabatu akkamitti akka taʼe hubachuudha. Dhugaawwan itti amantu maalfaa akka taʼan qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan kanatti kan amantu maaliif akka taʼes hubachuuf carraaqqii godhi.

3. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni maal akka godhan jajjabeesse? Maaliif? (Efesoon 3:14-19)

3 Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuuf, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gadi fageenya qabanis barachuu qabna. Phaawulos ergamaan dhugaan ‘balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuu’ akka dandaʼaniif Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti akka qoʼatan obboloota isaa jajjabeesseera. Akkas yoo godhan amantii isaaniitiin caalaatti ‘hidda kan gad fageeffatanii fi kan dhaabaman’ taʼuu dandaʼu. (Efesoon 3:14-19 dubbisi.) Nutis akkasuma gochuu qabna. Ergaa Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuuf Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

DHUGAAWWAN KITAABA QULQULLUU GADI FAGEENYA QABAN QOʼADHU

4. Yihowaatti dhihaachuuf maal gochuu dandeenya? Fakkeenya kenni.

4 Kiristiyaanota waan taaneef, beekuu kan barbaannu barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qofa miti. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” barachuu barbaanna. (1 Qor. 2:9, 10) Qoʼannaa dhuunfaa keerratti qorannaa gadi fageenya qabuu fi caalaatti Yihowaatti si dhiheessu gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajiltoota isaa bara durii turanitti jaalala kan argisiise akkamitti akka taʼee fi kun akka inni si jaallatu kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe qorachuu dandeessa. Qophiin waaqeffannaa Yihowaan Israaʼel keessatti godhe maal akka fakkaatuu fi qophiin yeroo sana ture isa yeroo harʼaa jiru wajjin kan wal fakkaatu akkamitti akka taʼe qoʼachuu dandeessa. Yookiinimmoo raajiiwwan Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti raawwii isaanii akka argatan godhe gadi fageenyaan qoruu dandeessa.

5. Qoʼannaa dhuunfaa keerratti waaʼee maalii qorannaa gochuu barbaadda?

5 Namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jaallatan tokko tokko barumsawwan gadi fageenya qaban keessaa dhuunfaatti qorachuun kan isaan gammachiisu maalfaa akka taʼan gaafatamanii turan. Yaada isaan kennan keessaa tokko tokko saanduqa “ Yaadawwan Qoʼannaa Dhuunfaatiif Taʼan” jedhu keessatti ibsamaniiru. Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fayyadamtee mata dureewwan akkasii qoʼachuun kee gammachuu guddaa siif argamsiisa. Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun kee amantii kee siif cimsa, “beekumsa Waaqayyoo” argachuufis si gargaara. (Fak. 2:4, 5) Mee dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gadi fageenya qabanii fi qorannaa irratti gochuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

KAAYYOO WAAQAYYOORRATTI XIINXALI

6. (a) Garaa garummaan karooraa fi kaayyoo gidduu jiru maalidha? (b) Yihowaan namootaa fi lafaaf “kaayyoo bara baraa” qaba kan jedhame maaliifi? (Efesoon 3:11)

6 Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee maal akka jedhu haa ilaallu. Karooraa fi kaayyoo gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Karoorri akkuma karaa iddoo dhaquu barbaaddu tokko si geessuuti. Karaa sanarra wanti akka achiin hin darbine si dhoowwu yoo kaaʼame garuu bakka yaadde gaʼuu hin dandeessu. Kaayyoon garuu bakka gaʼuu yaadde sana wajjin wal fakkaata. Iddoo dhaquu barbaannu sirriitti beekna; achi gaʼuuf garuu karaa garaa garaatti fayyadamuu dandeenya. Karaan inni tokko cufaa yoo taʼe karaa kan biraa fayyadamuu dandeenya. Kan nama gammachiisu, Yihowaan “kaayyoo bara baraa inni qabu” Kitaaba Qulqulluu keessatti irraa jalaan nuuf ibseera. (Efe. 3:11) Yihowaan “kaayyoo isaa raawwachuuf wanta hundumaa [waan tolcheef]” kaayyoo qabu raawwachuuf karaa garaa garaatti fayyadamuu dandaʼa. (Fak. 16:4) Kanaafuu, buʼaan hojii isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata. Kaayyoon Yihowaa maalidha? Kaayyoo isaa raawwachuufoo sirreeffama akkamii godheera?

7. Yihowaan Addaamii fi Hewaan erga fincilanii booda karaa kaayyoo isaa itti raawwaturratti sirreeffama kan godhe akkamitti? (Maatewos 25:34)

7 Waaqayyo kaayyoo akkamii akka isaaniif qabu Addaamii fi Hewaanitti himeera. “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa; [uumamawwan jiraatoo] hundumaa irratti aangoo qabaadhaa” isaaniin jedhee ture. (Uma. 1:28) Yeroo Addaamii fi Hewaan fincilanii maatiin ilmaan namootaa cubbuutti akka seenu godhanitti, kaayyoon Yihowaa hin fashaloofne. Yihowaan karaa kaayyoo isaa itti raawwatu jijjiireera. Yeruma sana Mootummaa kaayyoo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu raawwatu tokko samii keessatti hundeessuuf murteesse. (Maatewos 25:34 dubbisi.) Yeroo murteessettis, waaʼee Mootummichaa namoota akka barsiisuu fi lubbuu isaa aarsaa furii godhee cubbuu fi duʼa jalaa bilisa akka nu baasuuf Ilma isaa hangafaa gara lafaatti ergeera. Achiis Yesuus duʼaa kaʼee gara samiitti erga deebiʼee booda Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudame. Kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee wanti irratti xiinxaluu dandeenyu kan biraanis jira.

Uumamawwan yaaduu dandaʼanii fi samii keessaa fi lafarra jiran hundi tokkummaadhaan Yihowaadhaaf amanamoo yeroo taʼan haalli isaa maal akka fakkaatu yaadaan ilaali! (Keeyyata 8 ilaali)

8. (a) Ergaan Kitaaba Qulqulluu maalidha? (b) Efesoon 1:8-11 irratti akka ibsametti, Kaayyoon Yihowaa inni dhumaa maalidha? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

8 Ergaan Kitaaba Qulqulluu inni guddaan Yihowaan Mootummaa Kiristoos bulchutti fayyadamee kaayyoo lafaaf qabu raawwachuudhaan maqaan isaa akka qulqulleessu ibsa. Kaayyoon Yihowaa jijjiiramuu hin dandaʼu. Kaayyoon isaa guutummaatti akka raawwatamu waadaa galeera. (Isa. 46:10, 11, milj.; Ibr. 6:17, 18) Lafti jannata taati; sanyiin Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼanii fi qajeeloo taʼanis “bara baraaf gammachuudhaan” ishiirra jiraatu. (Far. 22:26) Kaayyoon Yihowaan qabu garuu kana qofa miti. Kaayyoon isaa inni dhumaa uumamawwan isaa yaaduu dandaʼanii fi samii fi lafarra jiran hundi tokko akka taʼanidha. Sana booda uumamawwan hundi amanamummaadhaan isaaf bitamu. (Efesoon 1:8-11 dubbisi.) Karaan Yihowaan kaayyoo isaa itti raawwatu baayʼee si hin ajaaʼibsiisnee?

ABDII KEERRATTI XIINXALI

9. Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee yeroo gara fuulduraa hammam beekuu dandeenya?

9 Raajii Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti dubbatee fi Uumama 3:15 irratti argamu haa ilaallu. b Raajiin kun taʼeewwan kaayyoon isaa akka raawwatamu godhan adda baasee ibsa; taʼeewwan kun raawwatamuu kan jalqaban garuu waggoota kumaan lakkaaʼaman boodadha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo sanyii isaa keessaa tokko Kiristoos akka taʼu Abrahaamitti himee ture. (Uma. 22:15-18) Achiis, Dh.K.B. bara 33​tti Yesuus akkuma raajiidhaan dubbatame koomeen isaa ni hiddame. (HoE. 3:13-15) Taʼeen raajii kanarratti ibsame inni dhumaa mataan Seexanaa akka buruqfamu ibsa; kunimmoo waggaa 1,000 ol booda raawwatama. (Mul. 20:7-10) Kitaabni Qulqulluun diinummaan sirna Seexanaa fi jaarmiyaa Yihowaa gidduu jiru sadarkaa dhumaarra yeroo gaʼu maaltu akka uumamus ni dubbata.

10. (a) Yeroo dhihootti taʼeewwan kamfaatu raawwatama? (b) Sammuu fi garaa keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? (Miiljalee ilaali.)

10 Waaʼee taʼeewwan adda taʼanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti raajiidhaan ibsaman kanaa yaadi. Jalqaba, saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu. (1 Tas. 5:2, 3) Saboonni amantaa sobaarratti haleelaa yeroo banan “yeruma sana” rakkinni guddaan ni jalqaba. (Mul. 17:16) Sana booda taʼeen “Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu” argisiisu ni uumama. (Mat. 24:30) Yesuus hoolotaa fi reʼoota gargar baasuudhaan ilmaan namootaarratti murteessa. (Mat. 25:31-33, 46) Haa taʼu malee, Seexanni yeroo kanattis hojii hin hiiku. Jibba guddaadhaan kakaʼee tajaajiltoota Yihowaarratti haleellaa akka bananiif saboota wal taʼiinsa uumanii fi Kitaabni Qulqulluun Goog isa biyya Maagoog jedhee waamu kakaasa. (His. 38:2, 10, 11) Dibamtoonni hafan Kiristoosii fi raayyaa samii wajjin taʼanii waraana Armaagedoonirratti akka hirmaataniif yeroo taʼe tokkotti samii keessatti walitti qabamu; rakkinni guddaan waraana kanaan xumurama. c (Mat. 24:31; Mul. 16:14, 16) Achiis Bulchiinsi Barkumee Kiristoos ni jalqaba.—Mul. 20:6.

Waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif waaʼee Yihowaa erga barattee booda hammam isatti dhihaatta? (Keeyyata 11 ilaali)

11. Jireenyi bara baraa siif hiika akkamii qaba? (Fakkichas ilaali.)

11 Sana booda jireenyi maal akka fakkaatu yaadi. Kitaabni Qulqulluun Uumaan keenya “garaa [keenya] keessa bara baraaf jiraachuu” akka kaaʼe dubbata. (Lal. 3:11) Kun siif hiika akkamii akka qabaatuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabdurratti dhiibbaa akkamii akka godhu yaadi. Kitaabni Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu fuula 383 irratti fedhii keenya kana ilaalchisee akkana jedha: “Waggoota dhibbaan, kumaan, miliyoonaan, akkasumas biliyoonaan lakkaaʼamaniif yommuu jiraannu, waaʼee Yihowaa beekumsi qabnu caalaatti dabalaa deema. Haa taʼu malee, waggoota hammanaa erga jiraannee booda illee, wantoonni barannu hedduun akka jiran ni hubanna. . . . Jireenyi bara baraa wantoota nu gammachiisan hedduudhaan kan guutamedha; hunda caalaa kan nama gammachiisu immoo yeroo hunda Yihowaatti dhihaachaa deemuu dandaʼuu keenyadha.” Hamma yeroo sanaatti, Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoruu keenya yeroo itti fufnu wanta kan biraa akkamii hubanna?

GARA SAMIITTI OL ILAALI

12. Gara samiitti ol ilaaluu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

12 Dubbiin Waaqayyoo “ol gubbaa” samii keessatti Yihowaa duratti dhihaachuun maal akka fakkaatu hamma tokko nuuf ibsa. (Isa. 33:5) Kitaabni Qulqulluun Yihowaa fi kutaa jaarmiyaa isaa isa samii ilaalchisee wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan nutti hima. (Isa. 6:1-4; Dan. 7:9, 10; Mul. 4:1-6) Fakkeenyaaf, waaʼee wantoota ajaaʼibsiisoo Hisqiʼel yeroo ‘samiiwwan banamanii mulʼata Waaqayyo biraa dhufe argetti’ ilaalee dubbisuu ni dandeenya.—His. 1:1.

13. Ibroota 4:14-16 irratti akka ibsametti, gaʼee Yesuus samii keessatti qabu ilaalchisee wanti si dinqisiisu maalidha?

13 Yesuus samii keessatti Mootii keenyaa fi Luba Olaanaa taʼuudhaan maal raawwachaa akka jirus yaadi. Karaa isaa kadhannaadhaan “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti” dhihaachuudhaan “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gara laafina akka nutti argisiisuu fi akka nu gargaaru gaafachuu dandeenya. (Ibroota 4:14-16 dubbisi.) Wanta Yihowaanii fi Yesuus kanaan dura nuuf godhanii fi amma nuuf gochaa jiranirratti utuu hin xiinxalin guyyaan tokkollee akka si darbu hin heyyamin. Jaalalli nutti argisiisan garaa keenya baayʼee tuquu fi hinaaffaadhaan tajaajiluuf nu kakaasuu qaba.—2 Qor. 5:14, 15.

Warri kaan Dhugaa Baatota Yihowaa fi barattoota Yesuus akka taʼan gargaaruun addunyaa haaraa keessatti gammachuu hammamii akka siif argamsiisu yaadi! (Keeyyata 14 ilaali)

14. Karaa gaariin dinqisiifannaa Yihowaa fi Yesuusiif qabnu argisiisuu itti dandeenyu tokko maalidha? (Fakkiiwwanis ilaali.)

14 Karaa gaariin dinqisiifannaa Waaqa keenyaa fi Ilma isaatiif qabnu argisiisuu itti dandeenyu tokko warri kaan Dhugaa Baatota Yihowaa fi barattoota Yesuus akka taʼan gargaaruuf carraaqqii gochuudha. (Mat. 28:19, 20) Phaawulos dinqisiifannaan Waaqayyoo fi Kiristoosiif qabu akkas gochuuf isa kakaaseera. Fedhiin Yihowaa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” akka taʼe beeka. (1 Xim. 2:3, 4) “Hamma [isaaf] dandaʼame namoota muraasa oolchuu” akka dandaʼuuf, tajaajila isaarratti namoota hedduu gargaaruuf carraaqqii guddaa godheera.—1 Qor. 9:22, 23.

DUBBII WAAQAYYOO QORUUDHAAN GAMMADI

15. Faarfannaa 1:2 irratti akka ibsametti, wanti gammachuu nuuf argamsiisu maalidha?

15 Faarfatichi namni ‘seera Yihowaatti gammaduu’ fi ‘seera isaa irratti halkanii fi guyyaa xiinxalu’ nama milkaaʼina qabu akka taʼetti ibsuun isaa sirriidha. (Far. 1:1-3; milj.) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi Jooseef Roozarhaam jedhamu kitaaba isaa Istadii iin za Saalmis jedhamurratti caqasa kana ilaalchisee akka ibsetti, namni tokko “qajeelfama Waaqayyootti baayʼee gammaduu isaatiin kan kaʼe, qajeelfama isaa barbaaduu, barachuu fi yeroo dheeraadhaaf irratti yaaduu” qaba. Itti dabaluudhaanis, “namni tokko Kitaaba Qulqulluu utuu hin dubbisin guyyaan tokko yoo itti darbe, guyyaan sun akka jalaa qisaasaʼetti” akka ilaalamu dubbateera. Yaadawwan Dubbii Waaqayyoo keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuudhaan, akkasumas yaadawwan kun kan wal qabatan akkamitti akka taʼe hubachuudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka si gammachiisu gochuu dandeessa. Dhugumayyuu, Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoruun gammachuu guddaa argamsiisa.

16. Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?

16 Dhugaawwan dinqisiisoon Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamee nu barsiisu hubachuuf kan nama rakkisan miti. Mata duree itti aanurratti, dhugaawwan gadi fageenya qaban kana keessaa tokko ilaalla; innis mana qulqullummaa Yihowaa isa guddaadha; Phaawulos xalayaa Ibrootaaf barreesserratti waaʼee mana qulqullummaa kanaa ibseera. Dhugaa kana qoruun gammachuu kan siif argamsiisu haa taʼu.

FAARFANNAA 94 Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

a Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun umurii keenya guutuu gammachiisaa nuuf taʼuu dandaʼa. Qoʼannaan kun faayidaa guddaa nuuf argamsiisa, akkasumas Abbaa keenya isa samiitti caalaatti nu dhiheessa. Mata duree kana keessatti, ‘balʼina, dheerina, ol fageenyaa fi gad fageenya’ Dubbii Waaqayyoo qoruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

b Masaraa Eegumsaa Adoolessa 2022 irraa mata duree, “Raajii Bara Durii Si Ilaallatu” jedhu ilaali.

c Waaʼee taʼeewwan guguddaa yeroo dhihootti raawwatamanii caalaatti beekuuf kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu ful. 259 ilaali.