Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 45

Mirga Mana Qulqullummaa Hafuuraa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuuf Argattan Dinqisiifadhaa

Mirga Mana Qulqullummaa Hafuuraa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuuf Argattan Dinqisiifadhaa

‘Isa samii fi lafa uume sana waaqeffadhaa.’—MUL. 14:7.

FAARFANNAA 93 Walgaʼii Keenya Nuu Eebbisi

QABIYYEE a

1. Maleekaan tokko maal jechaa jira? Kunoo nuuf hiika akkamii qaba?

 MALEEKAAN tokko utuu sitti dubbatee wanta inni jedhu ni dhaggeeffattaa? Maleekaan tokko yeroo harʼaatti “saba, gosa, qooqaa fi nama [hundumaatti]” dubbachaa jira. Maal jechaa jira? ‘Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas isaaf kennaa; isa samii fi lafa uume sana waaqeffadhaa’ jechaa jira. (Mul. 14:6, 7) Yihowaan Waaqa dhugaa tokkicha uumamni hundi waaqeffachuu qabudha. Mana qulqullummaa hafuuraa isaa isa guddaa keessatti akka isa waaqeffannu mirga nuu kennuu isaatti baayʼee galateeffanna!

2. Manni qulqullummaa hafuuraa Yihowaa maalidha? (Saanduqa, “ Manni Qulqullummaa Hafuuraa Maal hin Argisiisu?” jedhus ilaali.)

2 Manni qulqullummaa hafuuraa maalidha? Ibsa balʼaa waaʼee mana qulqullummaa kanaa dubbatuhoo eessaa argachuu dandeenya? Manni qulqullummaa hafuuraa kallattiidhaan gamoo tokko kan argisiisu miti. Qophii Yihowaan aarsaa furii Yesuusirratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu akka isaaf dhiheessinu nuuf godhedha. Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Ibrootaa jaarraa jalqabaatti Yihudaa keessa turaniif barreesserratti waaʼee qophii kanaa ibseera. b

3-4. Phaawulos waaʼeen Kiristiyaanota Ibrootaa Yihudaa keessa jiraatanii kan isa yaaddesse maaliifi? Kan isaan gargaarehoo akkamitti?

3 Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaa Yihudaa keessa turaniif xalayaa kana kan barreesse maaliifi? Sababii guguddaa lamaan kan kaʼe taʼuu hin oolu. Tokkoffaa, isaan jajjabeessuu barbaadeeti. Baayʼeen isaanii kan guddatan amantaa Yihudii keessattidha. Geggeessitoonni amantaa Yihudii Kiristiyaanota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe isaanitti qoosanii taʼuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas, Kiristiyaanonni mana qulqullummaa keessatti waaqeffatan, iddoo aarsaa Waaqayyoof aarsaa irratti dhiheessanii fi luboota hin qaban. Haalli kun barattoota Kiristoos abdii kutachiisee fi amantii isaanii laaffisee taʼuu dandaʼa. (Ibr. 2:1; 3:12, 14) Isaan keessaa tokko tokko gara amantaa Yihudiitti deebiʼuufillee qoramanii taʼuu dandaʼa.

4 Lammaffaa, Phaawulos Kiristiyaanonni Ibrootaa sun barumsawwan hafuuraa haaraa taʼan ykn gadi fageenya qaban hubachuuf carraaqqii gochaa akka hin jirre isaanitti himeera; barumsawwan kun “nyaata jabaa” Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanidha. (Ibr. 5:11-14) Haala isaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, isaan keessaa tokko tokko ammas Seera Musee hordofaa turan. Haa taʼu malee, Phaawulos aarsaawwan Seerichi ajaju guutummaatti dhiifama cubbuu argamsiisuu akka hin dandeenye ibseera. Kanaan kan kaʼes Seerichi “hafeera.” Achiis Phaawulos dhugaawwan gadi fageenya qaban tokko tokko isaaniif ibse. “Abdiin inni caaluu” fi aarsaa Yesuusirratti hundaaʼe ‘gara Waaqayyootti dhihaachuuf’ akka isaan gargaaru obboloota isaa yaadachiiseera.—Ibr. 7:18, 19.

5. Kitaaba Ibrootaarraa waaʼee maalii hubachuu qabna? Maaliif?

5 Phaawulos waaqeffannaan isaan Kiristiyaanota taʼuudhaan dhiheessan waaqeffannaa sana dura dhiheessaa turanirra baayʼee kan caalu maaliif akka taʼe isaaniif ibseera. Wantoonni Yihudoonni waaqeffannaa isaaniirratti raawwachaa turan “gaaddidduu wantoota dhufuuf jiranii ti; inni dhugaan garuu Kiristoosi.” (Qol. 2:17) Gaaddidduun boca wanta tokkoo argisiisa malee wanta sana bakka hin buʼu. Haaluma wal fakkaatuun, wantoonni Yihudoonni durii waaqeffannaa isaanii keessatti raawwatan gaaddidduu wanta dhugaa dhufuuf jiruuti. Qophii Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama argannee waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu dhiheessuu akka dandeenyuuf nuuf godhe hubachuu qabna. Akkuma kitaaba Ibrootaa keessatti ibsame, mee “gaaddidduu” (akkaataa Yihudoonni durii itti waaqeffatan) ‘isa dhugaa’ (akkaataa Kiristiyaanonni itti waaqeffatan) wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Akkas gochuun keenya manni qulqullummaa hafuuraa maal akka taʼee fi qophiin kun kan nu ilaallatu akkamitti akka taʼe caalaatti hubachuuf nu gargaara.

GODOO QULQULLUU

6. Godoo qulqulluun faayidaarra oolaa kan ture akkamitti?

6 Gaaddidduu. Phaawulos godoo qulqulluu Museen Dh.K.D. bara 1512​tti ijaarerratti hundaaʼee ibsa kenneera. (Chaartii, “Gaaddidduu—Isa dhugaa” jedhu ilaali.) Godoo qulqulluun wanta dunkaana fakkaatuu fi Israaʼelonni jalqabarratti iddoodhaa gara iddootti baatanii deemaa turanidha. Hanga manni qulqullummaa Yerusaalem keessatti ijaaramutti gara waggaa 500f godoo qulqulluu kanatti fayyadamaniiru. (Bau. 25:8, 9; Lak. 9:22) ‘Dunkaanni walgaʼii’ kun bakka Israaʼelonni Waaqayyo duratti itti dhihaatanii fi aarsaa fi waaqeffannaa isaanii itti dhiheeffatanidha. (Bau. 29:43-46) Haa taʼu malee, godoo qulqulluun wanta kanarra baayʼee caaluu fi Kiristiyaanonni argatanis bakka buʼa.

7. Manni qulqullummaa hafuuraa kan jalqabe yoomi?

7 Isa dhugaa. Godoo qulqulluun inni durii “gaaddidduu wantoota samii keessa jiranii” waan taʼeef, mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa argisiisa. Phaawulos, “Dunkaanni [ykn godoo qulqulluun] kun yeroo ammaatiif fakkeenya” akka taʼe dubbateera. (Ibr. 8:5; 9:9) Kanaafuu, yeroo Phaawulos xalayaa kana barreessetti manni qulqullummaa hafuuraa kun jira ture. Manni qulqullummaan kun kan jalqabe Dh.K.B. bara 29​ttidha. Yesuus kan cuuphame, hafuura qulqulluudhaan kan dibamee fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti “luba ol aanaa guddaa” taʼee tajaajiluu kan jalqabe bara kanattidha. cIbr. 4:14; HoE. 10:37, 38.

LUBA OLAANAA

8-9. Ibroota 7:23-27 irratti akka ibsametti, luboota olaanoo Israaʼelii fi Yesuus Kiristoos isa Luba Olaanaa guddaa taʼe gidduu garaa garummaa guddaa akkamiitu jira?

8 Gaaddidduu. Lubni olaanaan sabicha bakka buʼee Waaqayyo duratti dhihaata ture. Yihowaan luba olaanaa Israaʼel isa jalqabaa kan taʼe Aaroniin kan muude yeroo godoo qulqulluun eebbifamettidha. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos ibsetti, “tajaajila isaanii akka itti hin fufne duuti waan isaan dhowweef luboonni hedduun bakka walii buufamuu qabu turan.” d (Ibroota 7:23-27 dubbisi.) Luboonni kun cubbamoota waan taʼaniif cubbuu ofii isaaniitiifis aarsaa dhiheessuu qabu turan. Garaa garummaa guddaan luboota olaanoo Israaʼelii fi Yesuus Kiristoos isa Luba Olaanaa guddaa taʼe gidduu jiru kanadha.

9 Isa dhugaa. Luba Olaanaa keenya kan taʼe Yesuus Kiristoos “tajaajilaa . . . dunkaana dhugaa isa nama utuu hin taʼin Yihowaan dhaabe sanaa ti.” (Ibr. 8:1, 2) Akkuma Phaawulos ibse “[Yesuus] bara baraaf waan jiraatuuf, namni bakka isaa buʼee luba taʼu hin jiru.” Phaawulos itti dabaluudhaan Yesuus ‘xurii akka hin qabnee fi cubbamoota irraa adda akka taʼe,’ akkasumas luboota olaanoo Israaʼelirraa haala adda taʼeen cubbuu ofii isaatiif “guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuun” akka isa hin barbaachisne ibseera. Mee ammammoo iddoo aarsaa isa gaaddidduu fi isa dhugaa gidduu, akkasumas aarsaa isa gaaddidduu fi isa dhugaa gidduu garaa garummaan akkamii akka jiru haa ilaallu.

IDDOO AARSAA FI AARSAA

10. Aarsaan iddoo aarsaa sibiila diimaarraa hojjetamerratti dhihaatu maal bakka buʼa?

10 Gaaddidduu. Balbala godoo qulqulluu dura iddoon aarsaa sibiila diimaarraa hojjetamee fi aarsaan horii Yihowaadhaaf irratti dhihaatu jira ture. (Bau. 27:1, 2; 40:29) Haa taʼu malee, aarsaawwan kun sabichaaf guutummaatti dhiifama cubbuu argamsiisuu hin dandeenye. (Ibr. 10:1-4) Aarsaan horii godoo qulqulluu keessatti itti fufiinsaan dhihaatu aarsaa cubbuu ilmaan namootaatiif guutummaatti dhiifama argamsiisu bakka buʼa.

11. Yesuus lubbuu isaa aarsaa godhee kan dhiheesse iddoo aarsaa kamirratti? (Ibroota 10:5-7, 10)

11 Isa dhugaa. Yesuus Yihowaan gara lafaatti kan isa erge lubbuu isaa ilmaan namootaatiif aarsaa furii godhee akka kennuuf akka taʼe beeka ture. (Mat. 20:28) Kanaafuu, yeroo cuuphametti wanta Yihowaan barbaadu raawwachuuf of dhiheesseera. (Yoh. 6:38; Gal. 1:4) Iddoon aarsaa Yesuus lubbuu isaa aarsaa godhee irratti dhiheesse iddoo aarsaa namaan ijaarame utuu hin taʼin, “fedhii” Waaqayyoo argisiisa; fedhiin Waaqayyoo, Ilmi isaa lubbuu isaa isa mudaa hin qabne ilmaan namootaatiif aarsaa akka godhudha. Yesuus namoonni isarratti amantii qaban hundi cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argataniif, “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheesseera. (Ibroota 10:5-7, 10 dubbisi.) Kanatti aansuudhaan, kutaaleen godoo qulqulluu keessatti argaman maal akka argisiisan ilaalla.

KUTAA QULQULLUU FI KUTAA HUNDUMAA CAALAA QULQULLUU TAʼE

12. Kutaalee godoo qulqulluu lamaan keessa seenuu kan dandaʼan eenyufaʼi?

12 Gaaddidduu. Godoo qulqulluunii fi manneen qulqullummaa yeroo booda Yerusaalem keessatti ijaaraman keessi isaanii baayʼee wal fakkaata. Keessa isaaniitii kutaa lama qabu; isaanis “Iddoo Qulqulluu” fi Kutaa “Hundumaa Caalaa Qulqulluu” Taʼedha; kutaawwan kana lamaan golgaatu gargar baasa. (Ibr. 9:2-5; Bau. 26:31-33) Kutaa Qulqulluu keessa baattuun ibsaa warqiirraa tolfame, iddoon aarsaa ixaanni irratti aarfamuu fi minjaalli daabboon ilaalchaa irra kaaʼamu jira ture. Gara Kutaa Qulqulluutti seenanii tajaajila qulqulluu akka dhiheessan kan isaaniif heyyamamu ‘luboota muudaman’ qofadha. (Lak. 3:3, 7, 10) Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessammoo taabota kakuu warqiirraa tolfamee fi Yihowaan achitti argamuu isaa argisiisutu jira. (Bau. 25:21, 22) Waggaatti al tokko Guyyaa Araaraatti golgaa sana darbee gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼetti akka seenu kan isaaf heyyamamu luba olaanaa qofadha. (Lew. 16:2, 17) Waggaa waggaadhaan cubbuu ofii isaatiifis taʼe cubbuu sabichaatiif araara argamsiisuuf dhiiga horii qabatee gara kutaa kanaa seena ture. Yeroo booda, Yihowaan wantoonni kun maal akka argisiisan karaa hafuura isaa ifa godheera.—Ibr. 9:6-8. e

13. Kutaa Qulqulluunii fi Kutaan Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe maal argisiisu?

13 Isa dhugaa. Barattoonni Kiristoos muraasni hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru; isaan Yihowaa wajjin hariiroo addaa qabu. Dibamtoonni 144,000 taʼan kun Yesuus wajjin samii keessatti luboota taʼanii tajaajilu. (Mul. 1:6; 14:1) Kutaa Qulqulluun godoo qulqulluu sanaa utuma lafarra jiranii akka ilmaan hafuuraa Waaqayyootti lakkaaʼamuu isaanii argisiisa. (Rom. 8:15-17) Kutaan Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼemmoo samii bakka Yihowaan jiraatu argisiisa. ‘Golgaan’ Kutaa Qulqulluu, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼerraa gargar baasu qaama foonii Yesuus isa Luba Olaanaa mana qulqullummaa hafuuraa taʼuudhaan gara samiitti akka hin seenne isa dhoowwu argisiisa. Yesuus foon isaa ilmaan namootaatiif aarsaa godhee kennuudhaan karaa Kiristiyaanonni dibamoon hundi gara samiitti itti seenuu dandaʼan baneera. Isaanis badhaasa isaanii isa samii argachuuf foon isaaniirraa gargar baʼuun isaan barbaachisa. (Ibr. 10:19, 20; 1 Qor. 15:50) Yesuus erga duʼaa kaafamee booda gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti argamuu seeneera; dibamtoonni hundis yeroo booda kutaa sana keessatti tajaajilu.

14. Ibroota 9:12, 24-26 irratti akka ibsametti, qophiin mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa hundarra caala kan jennu maaliifi?

14 Kanaafuu, qophiin Yihowaan aarsaa furichaa fi lubummaa Yesuus Kiristoosirratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe hundumaarra kan caalu taʼuu isaa ifatti hubachuu dandeenya. Lubni olaanaan Israaʼel dhiiga horii qabatee gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi namaan hojjetametti seena ture; Yesuus garuu Yihowaa duratti dhihaachuuf “kallattiidhaan gara samiitti,” gara bakka iddoo kamiyyuu caalaa qulqulluu taʼetti seene. Achittis “aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf” nuuf jecha gatii lubbuu isaa dhiheesseera. (Ibroota 9:12, 24-26 dubbisi.) Aarsaan Yesuus aarsaa bara baraaf cubbuurraa guutummaatti nu qulqulleessudha. Akkuma kanatti aansinee ilaallu, abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, hundi keenyayyuu mana qulqullummaa hafuuraa keessatti Yihowaa waaqeffachuu ni dandeenya.

MOORAAWWAN

15. Mooraa godoo qulqulluu keessatti kan tajaajilan eenyufaʼi?

15 Gaaddidduu. Godoo qulqulluun mooraa tokko qaba ture; mooraa kana keessatti luboonni hojii garaa garaa hojjetu turan. Iddoon aarsaa sibiila diimaarraa hojjetame mooraa kana keessa jira ture; miʼi bishaanii sibiila diimaarraa hojjetames achitti argama ture, luboonni tajaajila qulqulluu dhiheessuu jalqabuu isaanii dura of qulqulleessuuf bishaan kanatti fayyadamu turan. (Bau. 30:17-20; 40:6-8) Manneen qulqullummaa yeroo booda ijaaraman garuu mooraa alaas qabu; bakka kanatti namoonni luboota hin taane dhaabbatanii Yihowaa waaqeffachuu dandaʼu turan.

16. Mooraawwan mana qulqullummaa hafuuraa lamaan keessatti kan tajaajilan eenyufaʼi?

16 Isa dhugaa. Dibamtoonni hafan gara samii deemanii Yesuus wajjin luboota taʼanii tajaajiluu isaanii dura lafarratti, mooraa keessaa mana qulqullummaa hafuuraa keessatti amanamummaadhaan tajaajilu. Mooraa sana keessa miʼi bishaanii guddaan jiraachuun isaa isaan dabalatee Kiristiyaanonni hundi karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qaban isaan yaadachiisa. “Tuutni uummataa guddaan” obboloota Kiristoos amanamummaadhaan deggeranoo waaqeffannaa isaanii kan dhiheessan eessatti? Yohaannis ergamaan “teessicha . . . dura dhaabbatanii . . . halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa [Waaqayyoo] keessatti tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessaa” akka jiran argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kana kan godhan lafarratti, mooraa alaa mana qulqullummaa hafuuraa keessattidha. (Mul. 7:9, 13-15) Qophii Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe keessatti isa waaqeffachuuf mirga argachuu keenya baayʼee dinqisiifanna!

MIRGA YIHOWAA WAAQEFFACHUUF ARGANNE

17. Yihowaadhaaf aarsaa akkamii dhiheessuuf mirga arganneerra?

17 Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni hundi yeroo, humnaa fi qabeenya isaanii Mootummaa Waaqayyoo deggeruuf itti fayyadamuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuuf mirga argataniiru. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Ibrootaatiin, “Yeroo hunda Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu; kunis firii hidhii keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha” jedheera. (Ibr. 13:15) Wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu aarsaa goonee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan mirga isa waaqeffachuuf arganneef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya.

18. Ibroota 10:22-25 irratti akka ibsametti maal dagachuu hin qabnu? Wanti yaadachuu qabnu hoo maalidha?

18 Ibroota 10:22-25 dubbisi. Phaawulos xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse gara xumuraarratti wantoota yeroo Yihowaa waaqeffannutti dagachuu hin qabne garaa garaa caqaseera. Kunis kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu, waaʼee abdii keenyaa dubbachuu, walgaʼiirratti argamuu fi “guyyaan [Yihowaa] dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa” wal jajjabeessuu dabalata. Kitaaba Mulʼataa gara dhumaarratti maleekaan Yihowaa “Waaqayyoon waaqeffadhu!” jedheera. (Mul. 19:10; 22:9) Siʼa lama akkas kan jedhe Yihowaa waaqeffachuun hammam barbaachisaa akka taʼe addeessuufi. Dhugaa gadi fageenya qabuu fi waaʼee mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa baranne, akkasumas mirga Waaqa keenya isa guddaa waaqeffachuuf arganne yeroo hunda haa yaadannu.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

a Manni qulqullummaa hafuuraa inni guddaan barumsawwan Dubbii Waaqayyoo gadi fageenya qaban keessaa tokkodha. Manni qulqullummaa kun maal argisiisa? Mata dureen kun kitaabni Ibrootaa mana qulqullummaa kana ilaalchisee maal akka jedhu ibsa. Qoʼannaan kun dinqisiifannaa mirga Yihowaa waaqeffachuuf argatteef qabdu guddifachuuf kan si gargaaru haa taʼu.

b Qabiyyeen kitaaba Ibrootaa maal akka fakkaatu beekuuf, jw.org irraa viidiyoo Beeksisa Kitaaba Ibrootaa jedhu ilaali.

c Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessaa Yesuus Luba Olaanaa akka taʼe kan ibsu kitaaba Ibrootaa qofadha.

d Barreeffamni tokko hamma Dh.K.B. bara 70​tti manni qulqullummaan Yerusaalem balleeffametti Israaʼel keessa luboonni olaanoon 84 akka turan ibseera.

e Wanti lubni olaanaan Guyyaa Araaraatti raawwatu hiika akkamii akka qabu beekuuf jw.org irraa viidiyoo Dunkaanicha jedhamu (Ingiliffa) ilaali.

g Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2010 irraa saanduqa ful. 22 irratti argamuu fi “Hafuurri Qulqulluun Hiika Mana Qulqullummaa Hafuuraa Kan Ibse Akkamitti?” jedhu ilaali.