Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Sirreeffama Hubannaa Qabnurratti Godhame Hordofuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Yeroo Yihowaan barumsa Kitaaba Qulqulluu irraa jalaan ifa gochaa jiru kana keessa jiraachuun mirga guddaadha. (Dan. 12:4) Taʼus, sirreeffama hubannaa barumsawwan Kitaaba Qulqulluurratti godhame hordofuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Sirreeffamoota kanaa fi ibsa isaanii eessaa argachuu dandeenya?

LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA mata dureewwan tarreeffaman argachuuf, saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti, “Hubannaa Haaraa Amantii Keenya Ilaalchisee Arganne” (mallattoo waraabbii keessa galchi) jedhii barreessi.

Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe irrattimmoo mata duree isa guddaa jalatti mata duree xixiqqaadhaan hiramanii tarreeffamaniiru. Mata duree, “Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu baniitii kutaa, “Ilaalchaa fi Amantii” jedhu jalaa mata duree, “Hubannaa Haaraa Amantii Keenya Ilaalchisee Arganne” jedhu ilaali.

Qoʼannaa dhuunfaa keerratti barumsa dhiheenyatti sirreeffamni irratti godhame tokko filattee, hubannaa yeroo ammaatti qabnuu fi yaada Kitaaba qulqulluu sirreeffamni sun irratti hundaaʼerratti maaliif qorannaa hin gootu?