Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Huldaan Galma Ishiirra Geesse

Huldaan Galma Ishiirra Geesse

WAGGOOTA muraasa dura odola xinnoo Indooneeshiyaatti argamtuu fi Saangir Besaar jedhamtu utuu deemtee, galaana qarqaratti obboleettota keenya sadi ni argita turte. Obboleettonni kun odolicha keessatti tajaajila isaaniitiin jechuunis, namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruudhaan beekamu. Yeroo sanatti garuu wanta adda taʼe tokko gochaa turan.

Odola Saangir Besaar ishii kaaba Indooneeshiyaatti argamtu

Jalqaba, galaanicha keessa seenanii dhagoota guguddaa argatan gara qarqaraatti fidu. Dhagoonni tokko tokko hamma kubbaa miilaa gaʼu. Itti aansuudhaan, barcuma xinnoorra taaʼanii burruusaan dhagoota sana caccabsu; dhagoota sana caccabsanii hammi isaanii hanqaaquu handaaqqoorra akka xinnaatu godhu. Sana boodammoo dhagoota xixinnoo sana baaldii laastikiirraa hojjetametti naqanii gara naannoo jireenyaa isaaniitti baatanii geessu. Achiis konkolaataa feʼumsaarratti feʼamuu akka dandaʼuuf dhagaa sana korojoo guddaatti naqu; dhagoonni kun ijaarsa daandiitiif oolu.

Huldaan qarqara galaanaa biratti dhagaa funaanaa jirti

Obboleettota kana keessaa tokko Huldaadha. Huldaan warra kaan caalaa hojii kanaarratti saʼaatii dheeraa akka dabarsitu haalli ishii ishiidhaaf ni heyyama ture. Maallaqa argattu hunda wanta maatii ishiitiif barbaachisu guutuuf itti fayyadamti turte. Amma garuu galma tokko waan qabduuf maallaqa kaaʼachuu jalqabde. Appilikeeshinii JW Library® fayyadamuu akka dandeessuuf taableetii bitachuu barbaaddee turte. Huldaan viidiyoowwanii fi wantoonni appilikeeshinii sanarratti argaman kaan tajaajilarratti caalaatti buʼa qabeettii taʼuu fi Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf akka ishii gargaaran beekti.

Huldaan dhagaa konkolaataa feʼumsaa xinnoo tokko guutu hamma argattutti jiʼa tokkoo fi walakkaadhaaf ganama ganama saʼaatii lamaaf hojjechaa turte. Dhumarrattis, maallaqa taableetii bitachuuf ishii gaʼu argatte.

Huldaan taableetii ishii qabattee

Huldaan akkana jetteetti: “Dhagaa caccabsuun baayʼee kan na dadhabsiisuu fi kan na madeessu taʼus, taableetiin haaraan kun tajaajilarratti akka na fayyadee fi walgaʼiidhaaf qophaaʼuun akka naaf salphatu akka godhe yeroon argu, dhukkubbii natti dhagaʼamu hunda yeruma sanan irraanfadha.” Sababa weerara dhibeetiin yeroo sochiiwwan gumii qaamaan godhamaa turan hundi addaan citanittis taableetiin kun baayʼee ishii gargaaree akka ture dubbatteetti. Huldaan galma ishii kanarra gaʼuu ishiitti baayʼee gammanneerra.