Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 1

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

Yihowaatti Amanamuudhaan Sodaa Kee Injifadhu

Yihowaatti Amanamuudhaan Sodaa Kee Injifadhu

CAQASA WAGGAA BARA 2024: “Yommuun sodaadhu, sitti nan amanama.”FAR. 56:3.

YAADA IJOO

Amantii Yihowaarratti qabnu cimsachuu fi sodaa keenya injifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

1. Yeroo tokko tokko sodaan kan nutti dhagaʼamu maaliifi?

 NAMNI hundi darbee darbee ni sodaata. Dhugaadha, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya duʼa, jinniiwwanii fi yeroo gara fuulduraa sodaachuurraa bilisa nu baaseera. Taʼus, yeroo “wantoonni nama sodaachisan” kanneen akka waraanaa, yakkaa fi dhukkubaa itti babalʼatan keessa jiraachaa jirra. (Luq. 21:11) Mootummoota nu cunqursanii fi miseensota maatii keenyaa warra waaqeffannaa dhugaa morman dabalatee namootas ni sodaanna taʼa. Namoonni tokko tokkommoo, ‘Rakkina yeroo ammaatti na mudate ykn gara fuulduraatti na mudachuu dandaʼu dandamachuu nan dandaʼaa laata?’ jedhanii yaaddaʼu.

2. Daawit yeroo Gaat keessa turetti wanta isa mudate ibsi.

2 Daawit yeroo itti sodaate qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Saaʼol Mootichi isa adamsuuf yaalaa turetti magaalaa Filisxeemotaa kan taate Gaatitti baqachuuf murteessee ture. Utuma baayʼee hin turin mootiin Gaat Akiish, Daawit goota Filisxeemota “kumaatama kudhan” ajjeesee isaaf sirbame taʼuu isaa hubate. Daawit yeroo kanatti “baayʼee sodaate.” (1 Sam. 21:10-12) Wanti Akiish isarratti raawwachuu dandaʼu isa yaaddesse. Maarree, Daawit sodaa isaa kan injifate akkamitti?

3. Faarfannaan 56:1-3, 11 akka jedhutti, Daawit sodaa isaa kan injifate akkamitti?

3 Daawit Faarfannaa 56 irratti yeroo Gaat keessa turetti miira isatti dhagaʼame ibseera. Faarfannaan kun sodaa Daawititti dhagaʼame qofa utuu hin taʼin, sodaa isaa akkamitti akka injifates ni ibsa. Daawit yeroo sodaatetti Yihowaatti amanameera. (Faarfannaa 56:1-3, 11 dubbisi.) Daawit Yihowaatti amanamuuf sababa gaʼaa qaba ture. Gargaarsa Yihowaatiin mala baramaa hin taane garuummoo buʼa qabeessa taʼe tokko qopheeffate: Akka nama maraatee taʼe! Yeroo kanatti Akiish Daawitiin ajjeesuu mannaa isa biraa akka deemu barbaade; akka kanaan Daawit miliquu dandaʼeera.—1 Sam. 21:13–22:1.

4. Amantii Yihowaarratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

4 Nutis Yihowaatti amanamuudhaan sodaa keenya injifachuu dandeenya. Haa taʼu malee, keessumaa yeroo sodaannutti amantii Yihowaarratti qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Dhukkuba taʼe tokko akka qabdu yeroo beektu jalqabarratti sodaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Doktara kee kan amantu yoo taʼe garuu tasgabbaaʼuu dandeessa. Doktarri kun namoota dhukkuba akkasii qaban yaaluudhaan muuxannoo yeroo dheeraa qaba. Xiyyeeffannaadhaan waan si dhaggeeffateef miira kee akka hubate mirkanaaʼaa taateetta. Tarii yaalii fayyaa warra kaanirratti buʼa qabeessa taʼee argate sii gochuuf yaada dhiheessa taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, nutis wanta Yihowaan kanaan dura godhe, yeroo ammaatti gochaa jiruu fi gara fuulduraatti nuu godhurratti yaaduudhaan amantii isarratti qabnu cimsachuu dandeenya. Wanti Daawit godhes kanuma. Yaada Daawit geggeessaa hafuura qulqulluutiin Faarfannaa 56 irratti barreesserratti yeroo mariʼannu, amantii Yihowaarratti qabdu cimsachuu fi sodaa kee injifachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi.

YIHOWAAN KANAAN DURA MAAL GODHEERA?

5. Daawit sodaa isaa injifachuuf maalirratti xiinxale? (Faarfannaa 56:12, 13)

5 Daawit yeroo lubbuun isaa balaadhaaf saaxilamee turetti wanta Yihowaan sana dura godherratti xiyyeeffateera. (Faarfannaa 56:12, 13 dubbisi.) Daawit jireenya isaa guutuu barsiifata akkasii qaba ture. Fakkeenyaaf, yeroo tokko tokko uumamawwan Yihowaarratti xiinxala ture; kunis Yihowaan humna guddaa akka qabuu fi ilmaan namootaatiif jaalala guddaa akka qabu isa yaadachiiseera. (Far. 65:6-9) Daawit wanta Yihowaan warra kaaniif godherrattis ni xiinxala ture. (Far. 31:19; 37:25, 26) Keessumaammoo wanta Yihowaan sana dura dhuunfaatti isaaf godherratti ni xiinxala ture. Yihowaan daaʼimummaa isaatii kaasee isa gargaareera, akkasumas isa eegeera. (Far. 22:9, 10) Haala kanaan xiinxaluun isaa amanannaa Yihowaarratti qabu hammam akka isaaf cimse tilmaamuu dandeessa!

Daawit wanta Yihowaan sana dura godhe, yeroo sanatti gochaa turee fi gara fuulduraatti godhurratti xiyyeeffachuudhaan amantii isarratti qabu cimsachuu dandaʼeera (Keeyyata 5, 8, 12 ilaali) d


6. Yeroo sodaan nutti dhagaʼamu Yihowaatti amanamuuf maaltu nu gargaara?

6 Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu, ‘Yihowaan kanaan dura maal godhe?’ jedhii of gaafadhu. Uumamawwan isaarratti xiinxali. Fakkeenyaaf, simbirrootaa fi abaaboowwan fakkaattii isaatiin hin uumamnee fi isa waaqeffachuu hin dandeenye kan kunuunsu akkamitti akka taʼe yeroo ‘hubannee ilaallu’ Yihowaan nuunis akka kunuunsu amanannaan qabnu ni cima. (Mat. 6:25-32) Wanta Yihowaan tajaajiltoota isaatiif godherrattis yaaduu dandeessa. Kitaaba Qulqulluurraa seenaa namoota amantii cimaa argisiisanii qoʼachuu dandeessa ykn immoo muuxannoo tajaajiltoota Yihowaa bara keenyatti argamanii dubbisuu dandeessa. a Yihowaan kanaan dura kan si kunuunse akkamitti akka taʼes xiinxali. Gara dhugaatti kan si harkise akkamitti? (Yoh. 6:44) Kadhannaa keetiif deebii kan kenne akkamitti? (1 Yoh. 5:14) Guyyaa guyyaadhaan aarsaa Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiheesserraa fayyadamaa kan jirtu akkamitti?—Efe. 1:7; Ibr. 4:14-16.

Wanta Yihowaan kanaan dura godhe, yeroo ammaatti gochaa jiruu fi gara fuulduraatti godhurratti xiyyeeffachuudhaan amantii isarratti qabnu cimsachuu dandeenya (Keeyyata 6, 9-10, 13-14 ilaali) e


7. Muuxannoon Daaniʼel raajichaa Vaanesaan sodaa ishii akka injifattu kan gargaare akkamitti?

7 Obboleettiin Vaanesaa b jedhamtuu fi Heeyitii keessa jiraattu haalli sodaachisaa taʼe ishii mudatee ture. Namichi naannoo ishii jiraatu tokko guyyaa guyyaadhaan ishiidhaaf bilbilee, akkasumas ergaa ergee isa wajjin walitti dhufeenya akka uumtu dhiibbaa ishiirratti gochaa ture. Vaanesaan kana gochuu akka hin barbaanne ifatti itti himte. Namichi sun garuu baayʼee waan aareef ishii doorsisuu jalqabe. Vaanesaan, “Baayʼee sodaadheen ture” jetteetti. Maarree, sodaa ishii kan injifatte akkamitti? Of eeggachuuf tarkaanfii tokko tokko fudhatteetti. Jaarsi gumii tokko abbootii taayitaa akka haasofsiistu ishii gargaare. Vaanesaan Yihowaan tajaajiltoota isaa bara duriitti turan kan eege akkamitti akka taʼes xiinxalteetti. Akkana jetteetti: “Namnin jalqaba waaʼee isaa yaade Daaniʼel raajichadha. Balleessaa raawwachuu baatus boolla leenconni beelaʼan keessa jiranitti darbatame. Taʼus, Yihowaan isa eegeera. Anis Yihowaan haala jiru hunda akka naaf toʼatun kadhadhe. Sana booda sodaan koo ni bade.”—Dan. 6:12-22.

YIHOWAAN YEROO AMMAATTI MAAL GOCHAA JIRA?

8. Daawit waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture? (Faarfannaa 56:8)

8 Daawit yeroo Gaat keessa turetti lubbuun isaa balaadhaaf saaxilamee kan ture taʼus sodaadhaaf harka hin laanne. Kanaa mannaa, wanta Yihowaan yeroo sanatti isaaf gochaa turerratti xiyyeeffateera. Daawit Yihowaan isa qajeelchaa fi isa eegaa akka jiru, akkasumas miira isaa akka isaaf hubatu hubachuu dandaʼa ture. (Faarfannaa 56:8 dubbisi.) Daawit Yonaataanii fi Ahimelek isa luba olaanaa taʼe dabalatee michoota amanamoo isa jajjabeessanii fi isa gargaaranis qaba ture. (1 Sam. 20:41, 42; 21:6, 8, 9) Saaʼol Mootichi isa ajjeesuu kan barbaade taʼus isa jalaa miliquu dandaʼeera. Yihowaan rakkina isarra gaʼaa turee fi dhiibbaa rakkinichi isarraan geessise akka hubate mirkanaaʼaa ture.

9. Yihowaan waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa maal hubata?

9 Rakkinni si sodaachisu tokko yeroo si mudatu, Yihowaan rakkinichas taʼe miira rakkinichaan kan kaʼe sitti dhagaʼamu akka hubatu yaadadhu. Fakkeenyaaf, Yihowaan cunqursaa Gibxii keessatti Israaʼelotarra gaʼe qofa utuu hin taʼin, “miidhaa isaan irra gaʼaa” tures hubateera. (Bau. 3:7) Daawit faarfannaa isaarratti Yihowaan “rakkina” isaa fi “dhiphina [isaa] isa cimaa” akka arge ibseera. (Far. 31:7) Yihowaan sabni isaa murtoo dogoggoraa gochuu isaaniitiin kan kaʼe yeroo rakkinni isaanirra gaʼetti ‘innis dhiphateera.’ (Isa. 63:9) Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu Yihowaan miira kee ni hubata, sodaa kee akka injifattu si gargaaruufis ni hawwa.

10. Yihowaan akka siif yaaduu fi rakkina akkamiiyyuu dandamachuuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa kan taate maaliifi?

10 Rakkinni sodaachisaa taʼe yeroo si mudatutti Yihowaan si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa? Gargaarsa siif gochaa jiru hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (2 Mot. 6:15-17) Achiis kanarratti yaadi: Haasaan ykn yaanni walgaʼii gumiirratti dhageesse si cimseeraa? Barreeffamni, viidiyoon ykn faarfannaan tokko si jajjabeesseeraa? Namni tokko yaada ykn caqasa nama jajjabeessu siif hireeraa? Waldaa obbolummaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee fi nyaata hafuuraa argannu salphisnee ilaalla taʼa. Haa taʼu malee, wantoonni kun kennaa addaa Yihowaa biraa argannedha. (Isa. 65:13; Mar. 10:29, 30) Yihowaan akka siif yaadu siif mirkaneessu. (Isa. 49:14-16) Isatti amanamuu akka dandeessus siif mirkaneessu.

11. Ayidaan sodaa ishii akka injifattu maaltu ishii gargaare?

11 Ayidaan ishiin Seneegaal keessa jiraattu Yihowaan yeroo rakkinaatti akkamitti akka ishii gargaare hubatteetti. Intala angafaa waan taateef, warri ishii ofii ishiis taʼe isaan deggeruuf maallaqa gaʼaa akka argattu ishiirraa eegu turan. Haa taʼu malee, Ayidaan qajeelchituu taʼuuf jireenya ishii erga salphistee booda rakkinni maallaqaa ishii mudachuu jalqabe. Maatiin ishiis haaloo ishiitti qabatan, akkasumas ishii qeeqan. Akkana jetteetti: “Warra koo gargaaruu akkan hin dandeenyee fi namni hundi narraa fagaata jedhee sodaadheen ture. Kun akka taʼu waan heyyameef Yihowaallee komadheen ture.” Achiis Ayidaan walgaʼiirratti haasaa tokko dhageesse. Akkana jetteetti: “Obboleessi haasaa dhiheessu madaan garaa keenyaa hammamiyyuu yoo taʼe Yihowaan wanta hunda akka beeku nu yaadachiise. Suutuma suuta, gorsa jaarsoliinii fi warri kaan naa kennaniin Yihowaan akka na jaallatu mirkanaaʼaa taʼaan dhufe. Amanannaadhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun jalqabe; deebii inni kadhannaa kootiif kennu yeroon argummoo nagaa guddaatu natti dhagaʼame.” Yeroo booda Ayidaan hojii ofirra darbitee warra ishii fi namoota kaan gargaaruuf ishii dandeessisu argatte. Akkana jetteetti: “Yihowaatti guutummaatti amanamuu baradheera. Amma, ergan kadhadhee booda yeroo baayʼee sodaan koo ni bada.”

YIHOWAAN GARA FUULDURAATTI MAAL GODHA?

12. Faarfannaan 56:9 akka jedhutti, Daawit waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture?

12 Faarfannaa 56:9 dubbisi. Caqasni kun karaa Daawit sodaa isaa itti injifate kan biraa ibsa. Daawit lubbuun isaa ammayyuu balaadhaaf saaxilamee kan jiru taʼus, wanta Yihowaan gara fuulduraatti isaaf godhurratti xiinxaleera. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti akka isa oolchu beeka ture. Yihowaan Daawit mootii Israaʼel isa ittaanu akka taʼu dubbateera. (1 Sam. 16:1, 13) Daawit Yihowaan waadaa gale hundumaa akka raawwatu mirkanaaʼaa ture.

13. Yihowaarratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

13 Yihowaan maal sii gochuuf waadaa galeera? Yihowaan rakkina hundumaarraa akka nu oolchu hin eegnu. c Taʼus, rakkina sirna kana keessatti nu mudatu kamiyyuu addunyaa haaraa keessatti ni balleessa. (Isa. 25:7-9) Uumaan keenya namoota duʼan duʼaa kaasuuf, nu fayyisuu fi mormitoota keenya hundumaa balleessuuf humna qaba.—1 Yoh. 4:4.

14. Maalirratti xiinxaluu dandeenya?

14 Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu wanta Yihowaan gara fuulduraatti godhurratti xiinxali. Yeroo Seexanni balleeffamu, yeroo namoonni hamoon namoota qajeeloodhaan bakka buufamanii fi suutuma suuta mudaarraa bilisa taanu miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu yaadi. Hojiin argisiisni walgaʼii naannoo bara 2014 irratti dhihaate tokko abdii keenyarratti akkamitti xiinxaluu akka dandeenyu kan argisiisu ture. Abbaan tokko 2 Ximotewos 3:1-5 waaʼee jireenya Jannata keessaa kan dubbatu utuu taʼee akkana jedhamee akka dubbifamu maatii isaa wajjin mariʼatee ture: “Addunyaa haaraa keessatti yeroon addaa baayʼee gammachiisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni warra kaan kan jaallatan, qabeenya hafuuraa kan jaallatan, humna isaanii kan beekan, kan gad of qaban, Waaqayyoon kan jajatan, warra isaaniitiif kan ajajaman, kan galateeffatan, amanamoo kan taʼan, maatii isaaniitiif jaalala guddaa kan qaban, walii galuuf fedhii kan qaban, waaʼee warra kaanii yeroo hunda wanta gaarii kan dubbatan, kan of toʼatan, garraamota, wanta gaarii kan jaallatan, warra kaaniif kan amanaman, tole kan jedhan, kan of hin tuulle, wanta isaan gammachiisu jaallachuu mannaa Waaqa kan jaallatan, akkasumas Waaqa garaadhaa kan sodaatan taʼu; namoota akkasiitti maxxani.” Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu miseensota maatii kee ykn obboloota kee wajjin irratti ni mariʼattaa?

15. Taanjaan sodaattee kan turte taʼus, sodaa ishii injifachuuf maaltu ishii gargaare?

15 Obboleettiin Maqedooniyaa Kaabaa keessa jiraattuu fi Taanjaa jedhamtu eebbawwan gara fuulduraarratti xiyyeeffachuudhaan sodaa ishii injifachuu dandeesseetti. Warri ishii yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdetti cimsanii ishii mormanii turan. Akkana jetteetti: “Wantoonnin ni gaʼu jedhee sodaadhe tokko tokko gaʼaniiru. Haati koo walgaʼiidhaa yeroon deebiʼu hundatti na reebdi turte. Warri koo Dhugaa Baatuu Yihowaa yoon taʼe akka na ajjeesan na doorsisanii turan.” Dhumarrattis, Taanjaan manaa ariʼamte. Maarree, maal goote? Akkana jetteetti: “Gammachuu bara baraa amanamummaa koo eeggachuuf filachuu kootiin argadhurrattan xiyyeeffadhe. Yihowaan addunyaa haaraa keessatti wantootan sirna kana keessatti dhabe hundumaatiif akkamitti akka na badhaasuu fi miidhaa narra gaʼe hundumaa akka na irraanfachiisun yaade.” Taanjaan amanamummaa ishii eeggatteetti. Gargaarsa Yihowaatiin bakka jiraattu argatteetti. Yeroo ammaatti obboleessa amanamaa taʼe tokkotti heerumtee waliin taʼanii gammachuudhaan tajaajila yeroo guutuu keessatti Yihowaa tajaajilaa jiru.

AMANTII KEE AMMUMA CIMSADHU

16. Taʼeewwan Luqaas 21:26-28 irratti raajiidhaan dubbataman yeroo arginu ija jabeeyyii taʼuuf maaltu nu gargaara?

16 Yeroo rakkina guddaatti namoonni baayʼeen ‘sodaadhaan ni gaggabu.’ Sabni Waaqayyoo garuu cimoo fi ija jabeeyyii taʼanii itti fufu. (Luqaas 21:26-28 dubbisi.) Yeroo sanatti sodaadhaaf harka kan hin kennine maaliifi? Dursinee Yihowaatti amanamuu waan baranneefi. Taanjaan ishiin olitti ibsamte muuxannoon kanaan dura argatte, rakkoowwan ishii mudatan kan biroo dandamachuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Yihowaan haala akkamiiyyuu dandamachuuf akka nu gargaaruu fi akka nu eebbisu baradheera. Yeroo tokko tokko warri kaan wanta hunda toʼachuu kan dandaʼan fakkaata; toʼachuu kan dandaʼan garuu hamma Yihowaan isaaniif heyyame qofadha. Qorumsi tokko hammamiyyuu cimaa yoo taʼe dhaabbachuun isaa hin oolu.”

17. Caqasni waggaa bara 2024 kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

17 Yeroo harʼaatti wantoonni nama sodaachisan hedduun jiru. Taʼus, akkuma Daawit sodaan akka nu toʼatu hin heyyamnu. Caqasni waggaa bara 2024 kadhannaa Daawit, “Yommuun sodaadhu, sitti nan amanama” jechuudhaan dhiheessedha. (Far. 56:3) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko caqasa kana ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Daawit wantoota isa sodaachisan ykn rakkoowwan isa mudatanirratti yaaduu isaa itti hin fufne; kanaa mannaa, Waaqa isa oolchutti amanameera.” Jiʼoottan dhufanitti, keessumaa haalli nama sodaachisu yeroo si mudatu caqasa waggaa keenyarratti yaadi. Wanta Yihowaan kanaan dura godhe, yeroo ammaatti gochaa jiruu fi gara fuulduraatti godhurratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Akkas yoo goote, akkuma Daawit, “Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu” jechuu dandeessa.—Far. 56:4.

Obboleettiin haala dhiphisaa keessa jirtu takka caqasa waggaarratti xiinxalaa jirti (Keeyyata 17 ilaali)

WANTOOTA ARMAAN GADIIRRATTI XIINXALUUDHAAN SODAA KEE INJIFACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Wanta Yihowaan kanaan dura godhe

  • Wanta Yihowaan amma gochaa jiru

  • Wanta Yihowaan gara fuulduraatti godhu

FAARFANNAA 33 Baʼaa Kee Yihowaa Irratti Gatii Dhiisi

a Saanduqa jw.org barbaaduuf gargaaru keessatti “fakkeenya amantiisaanii hordofaa” ykn “muuxannoowwan” jettee barreessuudhaan yaada amantii kee siif cimsu argachuu dandeessa. Appilikeeshinii JW Library® irrattimmoo, mata dureewwan walitti aananii baʼanii fi “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa” ykn “Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhan ilaali.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

d IBSA FAKKII: Daawit Yihowaan amaaketa ajjeesuuf humna akka isaaf kenne, Ahimelekitti fayyadamee isa gargaaraa akka jiruu fi gara fuulduraatti mootii akka isa godhu xiinxalaa jira.

e IBSA FAKKII: Obboleessi sababii amantii isaatiin hidhamee jiru tokko Yihowaan sijaaraa xuuxuusaa akka dhiisu akka isa gargaare, xalayaa namoonni isa jaallatan erganitti fayyadamee isa jajjabeessaa akka jiruu fi gara fuulduraatti Jannata keessatti jireenya barabaraa akka isaaf kennu xiinxalaa jira.