Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 2

FAARFANNAA 19 Irbaata Gooftaa

Guyyaa Waggicha Keessaa Hundarra Caaluuf Qophoofteettaa?

Guyyaa Waggicha Keessaa Hundarra Caaluuf Qophoofteettaa?

“Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.”LUQ. 22:19.

YAADA IJOO

Ayyaanni Yaadannoo baayʼee adda kan taʼe maaliif akka taʼe, akkasumas ayyaana kanaaf qophaaʼuu fi warri kaan akka irratti argaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Ayyaanni Yaadannoo waggicha keessaa guyyaa hundarra caalu kan taʼe maaliifi? (Luqaas 22:19, 20)

 AYYAANNI YAADANNOO duʼa Kiristoos saba Yihowaatiif guyyaa waggicha keessaa hundarra caaludha. Yesuus duuka buutonni isaa akka kabajan kan ajaje ayyaana kana qofadha. (Luqaas 22:19, 20 dubbisi.) Sababii Ayyaana Yaadannoo hawwiidhaan itti eeggannu hedduu qabna. Mee muraasa isaanii haa ilaallu.

2. Sababiiwwan Ayyaana Yaadannoo hawwiidhaan itti eeggannu keessaa tokko tokko kamfaʼi?

2 Ayyaanni Yaadannoo gatii furichi qaburratti xiinxaluuf carraa nuuf bana. Karaawwan aarsaa Yesuus akka dinqisiifannu argisiisuu itti dandeenyu yaadachuuf nu gargaara. (2 Qor. 5:14, 15) Kana malees, carraa obboloota keenya wajjin itti “wal jajjabeessinu” nuuf bana. (Rom. 1:12) Waggaa waggaadhaan namoonni qabbanaaʼan hedduun ni argamu. Isaan keessaa tokko tokko simannaa hoʼaa isaaniif godhameen kan kaʼe gara Yihowaatti deebiʼuufillee kakaʼaniiru. Namoonni fedhii qaban hedduun wanta arganii fi dhagaʼaniin kan kaʼe daandii jireenyaarra deemuu jalqabaniiru. Kanaafuu, Ayyaana Yaadannootiif iddoo guddaa kennuun keenya nama hin dinqisiisu!

3. Ayyaanni Yaadannoo obboloota addunyaa maratti argaman tokko kan godhu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

3 Ayyaanni Yaadannoo obboloota addunyaa maratti argaman tokko kan godhu akkamitti akka taʼes yaadi. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman yeroo aduun lixxu walitti qabamu. Hundi keenyayyuu haasaa barbaachisummaa furichaa addeessu dhaggeeffanna. Faarfannaa lama ni faarfanna, maxinoo fi wayiniin ni naanneffama, akkasumas kadhannaawwan arfan dhihaataniif garaadhaa “ameen” jenna. Gara saʼaatii 24 gidduutti, gumiiwwan hundi wanta wal fakkaataa taʼe raawwatu. Yihowaanii fi Yesuus yeroo karaa kanaan tokkummaadhaan ulfina isaaniif kenninu maaltu akka isaanitti dhagaʼamu tilmaamuu dandeessaa?

Ayyaanni Yaadannoo obboloota addunyaa maratti argaman tokko godha (Keeyyata 3 ilaali) f


4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Mata duree kana keessatti gaaffilee kana ilaalla: Ayyaana Yaadannootiif garaa keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? Warri kaan ayyaana kanarraa akka fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Akkasumas warra qabbanaaʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffilee kanaa ilaaluun keenya sagantaa qulqulluu taʼe kanaaf qophaaʼuuf nu gargaara.

AYYAANA YAADANNOOTIIF GARAA KEENYA QOPHEESSUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

5. (a) Gatii furichaarratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi? (Faarfannaa 49:7, 8) (b) Viidiyoo Yesuus kan Duʼe Maaliifi? jedhamurraa maal baratte?

5 Karaa gaariin Ayyaana Yaadannootiif garaa keenya qopheessuu itti dandeenyu tokko gatii aarsaan furii Yesuus Kiristoos qaburratti xiinxaluudha. Nuti cubbuu fi duʼa jalaa bilisa of baasuu hin dandeenyu. (Faarfannaa 49:7, 8 dubbisi; viidiyoo Yesuus kan Duʼe Maaliifi? jedhamus ilaali.) a Kanaafuu, Yihowaan fayyina akka argannuuf Ilmi isaa inni jaallatamaan lubbuu isaa dabarsee akka kennu qophii godhe. Yihowaa fi Yesuus aarsaa guddaa kaffalaniiru. (Rom. 6:23) Aarsaa Yihowaa fi Yesuus nuuf kaffalanirratti caalaatti yeroo xiinxallu, qophii furichaa caalaatti dinqisiifanna. Aarsaa Yihowaa fi Yesuus furicha qopheessuuf jecha kaffalan keessaa mee muraasa isaa haa ilaallu. Jalqaba garuu furichi maal akka dabalatu ilaalla.

6. Furichi maal dabalata?

6 Furiin gatii wanta tokko deebisanii bituuf kaffalamudha. Nama jalqabaa kan taʼe Addaam yeroo uumametti mudaa kan hin qabne ture. Yeroo cubbuu raawwatetti ofii isaas taʼe ijoollee isaa hundumaa abdii jireenya bara baraa dhabsiise. Yesuus wanta Addaam nu dhabsiise deebisee nuuf bituuf lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee dhiheesse. Yesuus yeroo lafarra jiraachaa ture hundumaatti “cubbuu tokko illee hin hojjenne, dubbii gowwoomsaanis afaan isaa keessatti hin argamne.” (1 Phe. 2:22) Yesuus yeroo duʼetti akkuma Addaam cubbuu raawwachuu isaa dura turetti mudaa hin qabu ture; kanaafuu, Yesuus lubbuu isaa aarsaa gochuudhaan gatii jireenya Addaam nu dhabsiisee kaffaluu dandaʼeera.—1 Qor. 15:45; 1 Xim. 2:6.

7. Qorumsawwan Yesuus yeroo lafarra turetti isa mudatan tokko tokko maalfaʼi?

7 Yesuus yeroo lafarra turetti qorumsi hedduun kan isa mudate taʼus Abbaa isaa isa samiitiif guutummaatti ajajameera. Yesuus xinnummaa isaatti mudaa kan hin qabne taʼus warra isaa mudaa qabaniif bitamuun isa barbaachisa ture. (Luq. 2:51) Tarii dargaggummaa isaatti warra isaatiif akka hin ajajamne ykn Yihowaadhaaf amanamaa akka hin taane dhiibbaan isarratti godhamee taʼuu dandaʼa. Gaʼeessa erga taʼee boodas qorumsa Seexanni isarraan geessise dandamachuun isa barbaachiseera; Seexanni kallattiidhaan amanamummaa isaa akka laaffisu gochuufillee yaalee ture. (Mat. 4:1-11) Seexanni Yesuus cubbuu akka raawwatu gochuuf kutatee ture; Yesuus utuu cubbuu raawwateera taʼee, furicha kaffaluu hin dandaʼu ture.

8. Yesuusirra qorumsa kan biraa akkamiitu gaʼe?

8 Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti qorumsi kan biraanis isa mudateera. Diinonni isaa ariʼatama isarraan geessisaa turan, akka isa ajjeesanis isa sossodaachisu turan. (Luq. 4:28, 29; 13:31) Dadhabina duuka buutota isaa dandamachuun isa barbaachisee ture. (Mar. 9:33, 34) Murtii duʼaa isarratti dabarsuuf yeroo isa qoraa turanitti isa dararaniiru, akkasumas isatti qoosaniiru. Achiis karaa baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun fannifamee ajjeefame. (Ibr. 12:1-3) Qorumsa isarra gaʼe isa dhumaa eegumsa Yihowaa utuu hin argatin ofuma isaatiin dandamachuu qaba ture. bMat. 27:46.

9. Aarsaa Yesuus kaffale ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama? (1 Pheexiros 1:8)

9 Ifatti akka hubannutti Yesuus furicha dhiheessuuf jecha aarsaa guddaa kaffaleera. Yesuus nuuf jedhee aarsaa hammanaa kaffaluuf fedhii qabaachuusaa yeroo yaannu jaalalli isaaf qabnu caalaatti hin guddatuu?—1 Pheexiros 1:8 dubbisi.

10. Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa akkamii kaffale?

10 Waaʼee Yihowaa hoo maal jechuu dandeenya? Yesuus furicha kaffaluu akka dandaʼuuf Yihowaan aarsaa akkamii kaffaluun isa barbaachiseera? Yihowaa fi Yesuus abbaa fi ilma kamiyyuu caalaa baayʼee walitti dhihaatu. (Fak. 8:30) Yihowaan yeroo Yesuus lafarratti qorumsi sun hundi isarra gaʼetti maaltu isatti dhagaʼamee akka ture mee yaadi. Ilmi isaa yeroo dararamu, yeroo tuffatamuu fi yeroo qoramu arguu isaatti baayʼee akka gadde homaa hin shakkisiisu.

11. Yeroo Yesuus ajjeefametti miira Yihowaatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu fakkeenyaan ibsi.

11 Abbaan mucaa isaa duʼaan dhabe kamiyyuu miira gaddi akkasii namatti uumu beeka. Abdii duʼaa kaʼuurratti amantii cimaa kan qabnu taʼus, namni jaallannu yeroo nu jalaa duʼu baayʼee gaddina. Fakkeenyi kun Yihowaan Dh.K.B. bara 33​tti yeroo Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiphatuu fi duʼu maaltu isatti dhagaʼamee akka ture hubachuuf nu gargaara. cMat. 3:17.

12. Guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti maal gochuu dandeenya?

12 Ammaa kaasee hamma Ayyaanni Yaadannoo gaʼutti qoʼannaan dhuunfaa ykn waaqeffannaan maatii keessan furicharratti akka xiyyeeffatu maaliif hin gootan? Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe ykn meeshaa mata duree kana gadi fageenyaan qoʼachuuf isin gargaaru kan biraatti fayyadamuu dandeessu. d Kana malees, sagantaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irratti argamu hordofuu dandeessu. Guyyaa Ayyaana Yaadannootti sagantaa addaa Waaqeffannaa Ganamaas ilaaluu hin dagatinaa. Garaa keenya Ayyaana Yaadannootiif yoo qopheessine warri kaanis ayyaanicharraa akka fayyadaman gargaaruun nuuf salphata.—Iz. 7:10.

WARRI KAAN AKKA IRRAA FAYYADAMAN GARGAARI

13. Warri kaan Ayyaana Yaadannoorraa akka fayyadaman gargaaruuf tarkaanfiin fudhannu inni jalqabaa maalidha?

13 Warri kaan Ayyaana Yaadannoorraa akka fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Tarkaanfiin inni jalqabaa isaan affeeruudha. Namoota yeroo tajaajila baanu argannu ni affeerra; dabalataanis namoota affeerru barreeffachuu ni dandeenya. Kunis firoottan keenya, namoota nu wajjin hojjetan, ijoollee nu wajjin baratanii fi namoota kan biroo dabalachuu dandaʼa. Waraqaa affeerrii maxxanfame gaʼaa qabaachuu baannullee liinkii isaa isaaniif erguu dandeenya. Maaltu beeka, isa eegne caalaa namoonni baayʼeen ayyanicharratti ni argamu taʼa.—Lal. 11:6.

14. Fakkeenya faayidaa dhuunfaatti affeerraa dhiheessuun qabu argisiisu dubbadhu.

14 Dhuunfaatti affeerraa dhiheessuun jijjiirama guddaa akka fidu hin dagatin. Gaaf tokko, obboleettiin abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu hin taane takka abbaan manaa ishii Ayyaana Yaadannoorratti akka argamu yeroo ishiitti himu baayʼee ishii ajaaʼibe. Maaliif ishii ajaaʼibe? Sana dura ayyaanicharratti akka argamu isa affeeraa kan turte taʼus, affeerraa ishii fudhatee waan hin beekneefi. Maarree, amma akkamitti tole jedhe? Jaarsi gumii inni beeku tokko waraqaa affeerrii akka isaaf kenne dubbachuudhaan “Dhuunfaattan affeerame” jedheera. Namichi kun Ayyaana Yaadannoo waggaa sanaarratti argameera; sana boodas waggoota hedduudhaaf argamuu isaa itti fufeera.

15. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman yeroo affeerru maal sammuutti qabachuu qabna?

15 Namoonni affeerru keessumaa walgaʼii keenyarratti argamanii hin beekan taanaan gaaffilee garaa garaa qabaachuu akka dandaʼan yaadadhu. Kanaafuu, wanta gaaffii isaanitti taʼuu dandaʼu dursinee yaaduudhaan deebii isaaniif kenninu qophaaʼuun keenya gaariidha. (Qol. 4:6) Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko akkana jedhanii yaadu taʼa: ‘Saganticharratti maaltu raawwatama?’ ‘Yeroo hammamiitiif tura?’ ‘Uffata akkamii uffachuun qaba?’ ‘Irratti argamuuf kaffaluun na barbaachisaa?’ ‘Maallaqni walitti ni qabamaa?’ Namni tokko Ayyaana Yaadannoorratti akka argamu yeroo affeerru, “Gaaffii qabdaa?” jennee isa gaafachuu, achiis gaaffii isaatiif deebii kennuu dandeenya. Walgaʼiin keenya kan geggeeffamu akkamitti akka taʼe gargaaruuf, viidiyoo Duʼa Yesuus Yaadadhaa fi Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamutti fayyadamuu dandeenya. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 28​ffaa irraas qabxiilee tokko tokko itti himuu dandeenya.

16. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman gaaffilee kan biroo akkamii qabaachuu dandaʼu?

16 Namoonni haaraan Ayyaana Yaadannoorratti argaman gaaffilee kan biroos qabaachuu dandaʼu. Namoonni maxinoo fi wayiniirraa hirmaatan kan hin jirre ykn muraasa qofa kan taʼan maaliif akka taʼe gaaffiin isaanitti uumamuu dandaʼa. Ayyaanichi kabajamuu kan qabu yeroo hammamiitti akka taʼes gaaffii isaanitti taʼuu dandaʼa. Walgaʼiin Dhugaa Baatota Yihowaa kaanis kan geggeeffamu karuma kanaan taʼuu fi dhiisuu isaas beekuu barbaadu taʼa. Qabxiileen kun haasaa Ayyaana Yaadannoorratti kan ibsaman taʼus namoonni haaraan ibsi dabalataa isaan barbaachisuu dandaʼa. Mata dureen jw.org irratti argamuu fi “Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi?” jedhu gaaffii isaanii tokko tokko deebisuuf nu gargaaruu dandaʼa. Namoonni “kakaʼumsa sirrii qaban” Ayyaana Yaadannoorraa akka fayyadaman gargaaruuf, ayyaanicha dura, yeroo ayyaanichi kabajamuu fi ayyaanicha booda wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna.—HoE. 13:48.

WARRA QABBANAAʼAN GARGAARAA

17. Jaarsoliin warra qabbanaaʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (Hisqiʼel 34:12, 16)

17 Tibba Ayyaana Yaadannootti jaarsoliin warra qabbanaaʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Garaadhaa akka isaaniif yaaddan isaanitti argisiisaa. (Hisqiʼel 34:12, 16 dubbisi.) Ayyaana Yaadannoo dura hamma isiniif dandaʼame obboloota qabbanaaʼan hedduu argachuuf yaalaa. Akka isaan jaallattanii fi karaa dandeessan hundumaatiin isaan gargaaruu akka barbaaddan isaaniif mirkaneessaa. Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman isaan affeeraa. Yoo dhufan miira hoʼaadhaan isaan simadhaa. Ayyaanicha boodas obboloota jaallatamoo kana gaafachuu keessan itti fufaa; gara Yihowaatti akka deebiʼaniif karaa hafuuraa gargaarsa isaan barbaachisu hundumaa isaaniif godhaa.—1 Phe. 2:25.

18. Hundi keenyayyuu warra qabbanaaʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Roomaa 12:10)

18 Obboloonni gumii keessa jirru hundi obboloota qabbanaaʼanii fi Ayyaana Yaadannoorratti argaman gargaaruu ni dandeenya. Akkamitti? Jaalala, gaarummaa fi kabaja isaanitti argisiisuudhaani. (Roomaa 12:10 dubbisi.) Hoolonni jaallatamoon kun deebiʼanii gara walgaʼii dhufuun isaanitti ulfaachuu akka dandaʼu yaadadhaa. Tarii gumichi miira hoʼaadhaan akka isaan hin simanne isaanitti dhagaʼama taʼa. e Kanaafuu, gaaffii isaan qaanessu isaan hin gaafatinaa ykn wanta isaan miidhuu dandaʼu hin dubbatinaa. (1 Tas. 5:11) Isaanis obboloota keenyadha. Deebinee isaan wajjin Yihowaa waaqeffachuun baayʼee nu gammachiisa!—Far. 119:176; HoE. 20:35.

19. Duʼa Yesuus yaadachuun faayidaa akkamii qaba?

19 Yesuus waggaa waggaadhaan duʼa isaa akka yaadannu qophii nuu gochuu isaatti baayʼee galateeffanna; ayyaanni kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ni hubanna. Ayyaana kanarratti yeroo argamnu ofis taʼe warra kaan karaa hedduudhaan fayyadna. (Isa. 48:17, 18) Jaalalli Yihowaa fi Yesuusiif qabnu ni guddata. Wanta isaan nuuf godhan hammam akka dinqisiifannu argisiisna. Obboloota keenyatti caalaatti dhihaanna. Warri kaan eebbawwan furichi argamsiisu argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe akka baratanis isaan gargaarra. Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaatiif qophaaʼuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu; guyyaan kun waggicha keessaa guyyaa hundarra caaludha!

WANTOOTA ARMAAN GADII GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Ayyaana Yaadannootiif garaa keenya qopheessuu

  • Warri kaan akka irraa fayyadaman gargaaruu

  • Warra qabbanaaʼan gargaaruu

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

a Mata dureewwanii fi viidiyoowwan mata duree kana keessatti caqasaman argachuuf jw.org irratti saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti mata duree isaa barreessi.

b Masaraa Eegumsaa Ebla 2021 irraa mata duree “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu ilaali.

d Saanduqa, “ Yaadawwan Qorannaa Gochuuf Taʼan” jedhu ilaali.

e Fakkiiwwanii fi saanduqa, “ Gumiin Akkamitti Isaan Simate?” jedhu ilaali. Obboleessi qabbanaaʼee ture tokko Galma Walgaʼii keessa seenuu sodaatee kan ture taʼus sodaa isaa moʼeera. Obboloonnis miira hoʼaadhaan isa simataniiru, deebiʼee isaan wajjin taʼuu isaattis gammadeera.

f IBSA FAKKII: Sabni Yihowaa kutaa addunyaa tokkotti argaman Ayyaana Yaadannoo yeroo kabajan, obboloonni isaanii kutaa addunyaa kan biraatti argamanimmoo qophii addaa kanaaf qophaaʼu.