Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubartootaaf Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?

Dubartootaaf Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?

DUBARTOOTA amanamoo hedduu wajjin taʼuudhaan mirga Yihowaa tajaajiluuf arganneef iddoo guddaa kennina. Obboleettota amanamoo jabaatanii hojjetan hunda baayʼee jaallanna, akkasumas baayʼee isaan dinqisiifanna! a Kanaafuu obbolootaa, obboleettota kanatti gaarummaa fi kabaja argisiisuuf carraaqqii godhaa. Taʼus, mudaa waan qabnuuf yeroo tokko tokko akkas gochuun nutti ulfaata. Obboloonni kan biroonimmoo kana gochuun caalaatti akka isaan rakkisu wanti godhu jira.

Obboloonni tokko tokko aadaa dhiironni hedduun dubartoonni gadaanoo akka taʼanitti itti ilaalan keessatti guddatan. Fakkeenyaaf, obboleessi Booliiviyaa keessatti daawwataa olaanaa taʼee tajaajiluu fi Haansi jedhamu akka dubbatetti, dhiironni tokko tokko aadaa dhiironni baayʼee akka of tuulan jajjabeessu keessatti guddatan; dhiironni kun dubartootarra akka caalan waan amananiif, yeroo baayʼee dubartoota ni tuffatu. Sheenshiyan inni Taayiwaan keessatti jaarsa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Naannoon jiraadhutti dhiironni hedduun dubartoonni yaada isaanii ibsuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Dhiirri tokko dhimma tokko ilaalchisee yaada dubartii tokkoo yoo caqase hiriyoonni isaa isa tuffachuu dandaʼu.” Dhiironni kaanimmoo tuffii dubartootaaf qaban karaa kan biraatiin ibsu. Fakkeenyaaf, qoosaa dubartoota akka tuffatan argisiisu dubbatu.

Kan nama gammachiisu, namni tokko aadaan keessatti guddate maaliyyuu yoo taʼe jijjiiramuu ni dandaʼa. Ilaalcha dhiironni dubartoota ni caalu jedhu injifachuu ni dandaʼa. (Efe. 4:22-24) Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan ilaalcha sirrii taʼe horachuu ni dandaʼa. Mata duree kana keessatti, Yihowaan dubartootaaf ilaalcha akkamii akka qabu, obboloonni ilaalcha Yihowaan dubartootaaf qabu qabaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼee fi jaarsoliin obboleettotatti kabaja argisiisuudhaan fakkeenya taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

YIHOWAAN DUBARTOOTAAF ILAALCHA AKKAMII QABA?

Yihowaan akkaataa dubartoota itti qaberratti fakkeenya hundarra caalu nuuf taʼa. Abbaa gara laafessa waan taʼeef ijoollee isaa hunda ni jaallata. (Yoh. 3:16) Obboleettota amanamoo ijoollee isaa jaallatamoo akka taʼanitti ilaala. Yihowaan karaawwan armaan gadiitiin dubartoota akka kabaju argisiiseera.

Karaa loogiirraa bilisa taʼeen isaan qaba. Yihowaan dhiirotas taʼe dubartoota akka bifa isaatti uume. (Uma. 1:27) Dhiironni beekumsaan ykn dandeettiidhaan dubartootarra akka caalan hin goone; dhiirota dubartootarra caalchisee hin ilaalu. (2 Sen. 19:7) Dhiironnis taʼan dubartoonni dandeettii dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi amaloota isaa horachuu akka qabaatan godhee uume. Kana malees, Yihowaan dhiirotaa fi dubartoota isarratti amantii qabaniif iddoo guddaa kenna; abdii lafarra bara baraaf jiraachuus taʼe samii keessatti moototaa fi luboota taʼuu dhiirotaafis taʼe dubartootaaf kenneera. (2 Phe. 1:1) Ifatti akka hubannutti, Yihowaan dubartoota dhiirotaa gadi akka taʼanitti hin ilaalu.

Isaan ni dhaggeeffata. Yihowaan miira dubartootatti dhagaʼamuu fi wanta isaan yaaddessu beekuu barbaada. Fakkeenyaaf, kadhannaa Raahelii fi Haannaan dhiheessan dhaggeeffateera, deebiis isaaniif kenneera. (Uma. 30:22; 1 Sam. 1:10, 11, 19, 20) Kana malees, Yihowaan barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu seenaa dhiironni dubartoota akka dhaggeeffatan ibsu akka barreessan isaan kakaaseera. Fakkeenyaaf, Abrahaam qajeelfama Yihowaan haadha manaa isaa Saaraa akka dhagaʼu isaaf kenne hordofeera. (Uma. 21:12-14) Daawit Mootichi Abigaayiliin dhagaʼeera. Akka isa haasofsiistuuf kan ishii erge Yihowaa akka taʼeyyuu isatti dhagaʼameera. (1 Sam. 25:32-35) Yesuus inni amaloota Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiises haadha isaa Maariyaamiin dhagaʼeera. (Yoh. 2:3-10) Fakkeenyonni kun karaan Yihowaan dubartootaaf kabaja akka qabu itti argisiise tokko isaan dhaggeeffachuudhaan akka taʼe addeessu.

Isaan ni amana. Fakkeenyaaf, Yihowaan Hewaan guutummaa lafaa kunuunsuurratti gargaarsa akka gootu ishii amanee ture. (Uma. 1:28) Kana gochuudhaan Hewaan abbaa manaa ishii Addaamii gadi akka taatetti utuu hin taʼin, guutuu akka isa gootutti akka ishii ilaalu argisiiseera. Kana malees, Yihowaan raajota isaa kan taʼan Dibooraa fi Huldaan abbaa murtii fi mootii dabalatee saba isaatiif gorsa kennuu akka dandaʼan isaan amaneera. (Abo. 4:4-9; 2 Mot. 22:14-20) Yeroo harʼaattis Yihowaan dubartoonni Kiristiyaanota taʼan hojii isaa akka raawwatan isaan amana. Obboleettonni amanamoon kun babalʼistoota, qajeelchitootaa fi misiyoonota taʼanii tajaajilaa jiru. Galmawwan Walgaʼii fi ijaarsawwan waajjira damee diizaayinii baasuu, ijaaruu fi suphuurratti gargaarsa ni godhu. Tokko tokko Beetelitti, kaanimmoo waajjiroota hiikkaa fagoo keessatti tajaajilu. Obboleettonni kun akkuma raayyaa guddaa Yihowaan hojii isaa raawwachuuf itti fayyadamuuti. (Far. 68:11) Ifatti akka hubannutti, Yihowaan dubartoonni dadhaboo ykn gaʼumsa kan hin qabne akka taʼanitti hin ilaalu.

OBBOLOONNI DUBARTOOTAAF ILAALCHA YIHOWAAN QABU QABAACHUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

Obbolootaa, dubartootaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuu fi dhiisuu keenya beekuuf yaadaa fi gocha keenya of eeggannoodhaan qoruun keenya barbaachisaadha. Kana gochuuf gargaarsi nu barbaachisa. Akkuma maashiniin raajii kaasu rakkina onneen nama tokkoo qabu ifatti argisiisu, michuun gaarii taʼee fi Dubbiin Waaqayyoos keessa keenyatti dubartootaaf miira gaarii hin taane yoo qabaanne ifatti hubachuuf nu gargaara. Gargaarsa kana argachuuf maal gochuu dandeenya?

Michuu gaarii haasofsiisi. (Fak. 18:17) Michuu amannu, gaarii taʼee fi ilaalcha madaalamaa qabu tokko akkana jennee gaafachuun keenya gaariidha: “Obboleettotaaf ilaalcha akkamii akkan qabu sitti dhagaʼama? Akkan isaan kabaju isaanitti dhagaʼamuu dandaʼaa? Gama kanaan wanti fooyyessuun na barbaachisu jiraa?” Michuun kee wantoota fooyyessuu dandeessu tokko tokko yoo sitti hime sababii dhiheessuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, sirreeffama barbaachisu gochuuf fedhii qabaadhu.

Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu. Karaa gaariin obboleettotaaf ilaalcha gaarii qabaachuu fi dhiisuu keenya beekuuf nu gargaaru Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee ilaalchaa fi gocha keenya qoruudha. (Ibr. 4:12) Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannu waaʼee dhiirota dubartootaaf ilaalcha gaarii qabanii fi waaʼee dhiirota dubartootaaf ilaalcha gaarii hin qabnee ni baranna. Achiis wanta isaan godhan wanta nuti goonu wajjin wal bira qabuu dandeenya. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu wal bira qabnee ilaaluun keenya, utuu hin beekin caqasoonni tokko tokko ilaalcha dogoggoraa dubartootaaf qabnu akka deggeran goonee akka hin yaanne nu gargaara. Fakkeenyaaf, 1 Pheexiros 3:7, abbaan manaa tokko haadha manaa isaa ishii ‘isa caalaa akka qodaa cabuu taate kabajuu’ akka qabu dubbata. b Maarree, kun dubartiin tokko dandeettiidhaan dhiira tokkoo gadi akka taate argisiisaa? Matumaa hin argisiisu! Yaada Pheexiros dubbate kana yaada Galaatiyaa 3:26-29 irratti ibsame wajjin wal bira qabnee haa ilaallu; caqasichi Yihowaan samii keessatti Yesuus wajjin akka bulchaniif dubartootas taʼe dhiirota akka filate dubbata. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan, akkasumas michuu gaarii ilaalcha dubartootaaf qabnu nutti himu gaafachuudhaan obboleettota keenyatti kabaja argisiisuu barachuu ni dandeenya.

JAARSOLIIN OBBOLEETTOTA AKKA KABAJAN ARGISIISUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

Obboloonni gumii keessa jiran fakkeenya jaarsolii jaalala qabeeyyii taʼanii hordofuudhaan obboleettotatti kabaja argisiisuu barachuu ni dandaʼu. Jaarsoliin obboleettotatti kabaja argisiisuudhaan warra kaaniif fakkeenya taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Mee karaawwan tokko tokko haa ilaallu.

Obboleettota ni galateeffatu. Phaawulos ergamaan jaarsoliidhaaf fakkeenya gaarii taʼa. Xalayaa gumii Roomaatiif barreesserratti obboleettota garaagaraa warra kaan duratti galateeffateera. (Rom. 16:12) Xalayaan Phaawulos gumichaaf yeroo dubbifametti obboleettota sanatti maaltu akka dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa? Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin amaloota gaggaarii isaan qabanii fi hojii Yihowaadhaaf hojjetaniif gaarummaadhaan obboleettota ni galateeffatu. Akkas gochuun isaanii obboleettonni gumichi akka isaan kabajuu fi iddoo guddaa akka isaaniif kennu akka hubatan isaan gargaara. Yaanni nama jajjabeessuu fi jaarsoliin dubbatan obboleettonni kun amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaara.—Fak. 15:23.

Galateeffadhaa

Jaarsoliin obboleettota yeroo galateeffatan yaada isaanii adda baasanii garaadhaa dubbachuu qabu. Maaliif? Obboleettiin Jeesiikaa jedhamtu akkana jetteetti: “Obboloonni obboleettii tokkoon ‘galatoomi’ jechuun isaanii gaariidha. Garuu fakkeenyaaf, ijoolleen keenya walgaʼiirratti akka hin jeeqne waan barsiisneef ykn nama Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko gara walgaʼiitti waan fidneef, wanta goone caqasanii yeroo nu galateeffatan baayʼee jajjabaanna.” Obboleettonni jaarsoliin wanta tokko caqasanii yeroo isaan galateeffatan gumii keessatti akka barbaadamanii fi iddoo guddaa akka qaban isaanitti dhagaʼama.

Obboleettota ni dhaggeeffatu. Jaarsoliin gad of qaban yaada gaarii kennuu kan dandaʼan isaan qofa akka hin taane ni hubatu. Jaarsoliin akkasii obboleettonni yaada akka kennan ni affeeru, yeroo isaan dubbatanis xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu. Jaarsoliin akkas gochuun isaanii obboleettota ni jajjabeessa, ofii isaaniis ni fayyada. Akkamitti? Jaarsi Heraardoo jedhamuu fi Beetelitti tajaajilu akkana jedheera: “Obboleettonni yaada akka naaf kennan gaafachuun koo hojii koo fooyyessuuf akka na gargaare hubadheera. Yeroo baayʼee obboloota hedduu caalaa yeroo dheeraadhaaf hojicha hojjetaniiru.” Gumii keessatti obboleettonni hedduun qajeelchitoota taʼanii waan tajaajilaniif, waaʼee namoota naannoo isaanii jiraatanii wanta baayʼee beeku. Jaarsi Biriyaan jedhamu akkana jedheera: “Obboleettonni keenya wanta jaarmiyichaaf kennan hedduu qabu. Kanaafuu, muuxannoo isaaniirraa fayyadamaa!”

Dhaggeeffadhaa

Jaarsoliin ogeeyyii taʼan yaada obboleettonni kennan hin tuffatan. Maaliif? Jaarsi Edwaardi jedhamu, “Yaanni obboleettiin tokko kennituu fi muuxannoon ishii obboleessi tokko haala jiru guutummaatti beekuuf, akkasumas miira warra kaanii hubachuuf isa gargaaruu dandaʼa” jedheera. (Fak. 1:5) Jaarsi tokko yaada obboleettiin tokko kennite yeroo hojiirra oolchuu hin dandeenyettillee, yaada waan kenniteef, akkasumas beekumsaa fi hubannaa ishii waan isatti himteef ishii galateeffachuu ni dandaʼa.

Obboleettota ni leenjisu. Jaarsoliin hubatoo taʼan obboleettota leenjisuuf carraa barbaadu. Fakkeenyaaf, yeroo obboleessi cuuphame hin jirretti walgaʼii tajaajila dirree akkamitti geggeessuu akka dandaʼan obboleettota barsiisuu dandaʼu. Hojii ijaarsaarrattis taʼe suphuurratti gargaarsa gochuu akka dandaʼaniif, meeshaalee ykn maashinii tokko tokko akkamitti akka fayyadaman isaan leenjisuu dandaʼu. Beetelitti ilaaltonni olaanoon hojii suphaa, hojii bittaa, hojii herreegaa fi sagantaa kompiitaraa sirreessuu dabalatee hojii addaddaa akka hojjetan obboleettota leenjisaniiru. Jaarsoliin obboleettota yeroo leenjisan, gaʼumsa kan qabanii fi amanamoo akka taʼanitti akka isaan ilaalan argisiisu.

Leenjisaa

Obboleettonni hedduun leenjii jaarsoliirraa argatan warra kaan gargaaruuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, obboleettonni tokko tokko balaan uumamaa erga gaʼee booda warri kaan mana isaanii deebisanii akka ijaaran gargaaruuf leenjii ijaarsaa argatanitti fayyadamu. Obboleettonni kaanimmoo dandeettii tajaajila addabaabayiirratti hirmaachuudhaan argatanitti fayyadamanii obboleettonni kan biroonis gosa tajaajilaa kanarratti akka hirmaatan leenjisu. Obboleettonni jaarsolii isaan leenjisan ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Obboleettiin Jeenifar jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon ijaarsa Galma Walgaʼii tokkorratti hirmaachaa turetti ilaaltuun olaanaan tokko yeroo fudhatee na leenjise. Hojiin hojjedhe hubatee na galateeffateera. Gatii akkan qabuu fi akkan amanamu waan natti dhagaʼamuuf, isa faana hojjechuun na gammachiisa.”

FAAYIDAA OBBOLEETTOTA AKKA MAATIITTI ILAALUUN QABU

Akkuma Yihowaa obboleettota keenya amanamoo baayʼee jaallanna! Kanaafuu, akkuma maatii keenyaatti isaan ilaalla. (1 Xim. 5:1, 2) Isaan wajjin tajaajiluuf mirga argachuu keenya akka ulfina guddaatti ilaalla. Akka isaan jaallannuu fi akka isaan deggerru yeroo isaanitti dhagaʼamu baayʼee gammanna. Obboleettiin Vaanesaa jedhamtu, “Kutaa jaarmiyaa isaa obboloota baayʼee na jajjabeessaniin guutamee taʼuu kootiif Yihowaa baayʼeen galateeffadha” jetteetti. Obboleettiin Taayiwaan keessa jiraattu tokko akkana jetteetti: “Yihowaanii fi jaarmiyaan isaa dubartootaaf iddoo guddaa akka kennanii fi akka isaan kabajan beekuu kootti baayʼeen galateeffadha. Kana beekuun koo amantii koo naaf cimseera, dinqisiifannaan mirga kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuudhaan argadheef qabus naaf guddiseera.”

Yihowaan obboloota amanamoo dubartootaaf iddoo guddaa kennanii fi isaan kabajan yeroo argu baayʼee gammada! (Fak. 27:11) Obboleessi Iskootilaandi keessatti jaarsa taʼee tajaajiluu fi Beenjaamiin jedhamu akkana jedheera: “Addunyaa keessatti namoonni baayʼeen dubartootaaf tuffii guddaa qabu. Kanaafuu, obboleettonni keenya Galma Walgaʼii yeroo dhufan akka kabajamanii fi akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuu barbaanna.” Hundi keenyayyuu obboleettota keenya jaallatamoo taʼanitti jaalalaa fi kabaja argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu.—Rom. 12:10.

a Mata duree kana keessatti jechi “obboleettota” jedhu obbolaa nu wajjin dhalatan utuu hin taʼin dubartoota Kiristiyaanota taʼan argisiisa.

b Yaada “warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan” jedhu ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2006 (Amaariffa) irraa mata duree, “Gatii ‘Qodaan Cabu’ Qabu” jedhu, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 2005 (Amaariffa) irraammoo mata duree “Gorsa Gaarii Hiriyoota Gaaʼelaa Fayyadu” jedhu ilaali.