Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Yaadawwan Qoʼannaa Dhuunfaa fi Waaqeffannaa Maatiitiif Taʼan

Yaadawwan Qoʼannaa Dhuunfaa fi Waaqeffannaa Maatiitiif Taʼan

Gareedhaan taanee walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoorratti qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti, akkasumas maatiidhaan taanees Yihowaa ni waaqeffanna. Yaadawwan dhuunfaattis taʼe maatiidhaan yeroo Yihowaa waaqeffattanitti itti fayyadamuu dandeessan muraasa ilaalaa:

  • Walgaʼiidhaaf qophaaʼaa. Yeroo kanatti faarfannaa shaakaluu fi miseensonni maatichaa hundi yaada kennan akka qophaaʼan gargaaruus ni dandeessu.

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisaa. Sana booda, taʼee seenaa sana keessatti ibsame tokko fakkii kaasaa ykn wanta barattan barreeffadhaa.

  • Kadhannaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame tokko qoraa; achiis kadhannaa keessan fooyyessuuf akkamitti akka isin gargaaru mariʼadhaa.

  • Viidiyoo jw.org irratti argamu tokko ilaalaatii irratti mariʼadhaa ykn barumsa irraa argattan barreessaa.

  • Tajaajilaaf qophaaʼaa; tarii akkamitti akka nama haasofsiistan shaakaluus ni dandeessu.

  • Uumama ilaaluudhaan irratti xiinxalaa ykn waaʼee Yihowaa maal akka irraa barattan mariʼadhaa. a

a Masaraa Eegumsaa Bitootessa 2023 irraa mata duree, “Waaʼee Yihowaa Uumamarraa Caalaatti Baradhu” jedhu ilaali.