Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

FAARFANNAA 27 Mulʼachuu Ilmaan Waaqayyoo

‘Ani Matumaa Si hin Gatu’!

‘Ani Matumaa Si hin Gatu’!

“[Waaqayyo] ‘Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu’ jedheera.”IBR. 13:5b.

YAADA IJOO

Kiristiyaanonni dibamoon hafan hundi gara samii yeroo deemanitti Waaqayyo tajaajiltoota isaa lafarra jiran akka hin gatne isaaniif mirkaneessuu.

1. Dibamtoonni hundi gara samii kan deeman yoomi?

 WAGGOOTA hedduu dura sabni Yihowaa, ‘Kiristiyaanonni dibamoon hafan gara samii kan deeman yoomi?’ gaaffiin jedhu isaanitti uumamee ture. Kanaan dura waraana Armaagedoon booda dibamtoonni muraasni lafa jannata taaturra yeroo muraasaaf turuu dandaʼu jennee yaanna turre. Haa taʼu malee, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013 baʼerratti dibamtoonni lafarratti hafan hundi waraanni Armaagedoon jalqabuusaa dura duʼaa kaafamanii gara samii akka deeman baranne.—Mat. 24:31.

2. Gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Haa taʼu malee, ‘Hoolonni kan biroon’ lafarratti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanoo yeroo ‘rakkina guddaatti’ maal taʼu? gaaffiin jedhu nutti uumamuu dandaʼa. (Yoh. 10:16; Mat. 24:21) Obboloonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko, ‘Obboloonnii fi obboleettonni dibamoon kun gara samii erga deemanii booda maal taana laata?’ jedhanii yaaddaʼu taʼa. Mee seenaawwan Kitaaba Qulqulluu akkas jedhanii akka yaaddaʼan isaan taasisan lama haa qorru. Achiis sababiiwwan yaaddaʼuun nu hin barbaachisu itti jennu ilaalla.

WANTA YEROO SANATTI HIN TAANE

3-4. Namoonni tokko tokko gaaffiin akkamii isaanitti uumamuu dandaʼa? Maaliif?

3 Namoonni tokko tokko, ‘Hoolonni kan biroon obboloonni dibamoon miseensota Qaama Olaanaa taʼan yeroo isaan wajjin hin jiraannetti dhugaa ni dhiisuu laata?’ jedhanii yaaddaʼu taʼa. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko sodaan akkasii akka isaanitti uumamu gochuu dandaʼu. Mee fakkeenyota lama haa ilaallu. Seenaan jalqabaa wanta bara Yehoyaadaa isa luba olaanaa taʼetti raawwatamedha. Yehoyaadaan nama amanamummaadhaan Waaqa tajaajilaa turedha. Innii fi haati manaasaa Yoshaabet mucaa Yoʼaas jedhamu balaarraa eeganiiru, akkasumas mootii gaarii fi amanamaa akka taʼu gargaaraniiru. Yehoyaadaan inni maanguddoo taʼe yeroo lubbuudhaan turetti Yoʼaas Yihowaa waaqeffachuu fi wanta gaarii gochuusaa itti fufee ture. Yehoyaadaan erga duʼee booda garuu Yoʼaas wanta hamaa raawwachuu jalqabe. Gorsa bulchitoota hamoo dhagaʼuudhaan Yihowaa dhiise.—2 Sen. 24:2, 15-19.

4 Seenaa lammaffaanimmoo seenaa Kiristiyaanota jaarraa lammaffaatti turaniiti. Ergamoota Yesuus keessaa dhumarratti kan duʼe Yohaannis ture; Yohaannis yeroo lubbuudhaan turetti Kiristiyaanonni hedduun Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii akka itti fufan gargaareera. (3 Yoh. 4) Akkuma ergamoonni Yesuus kaan godhan gumicha gantummaa yeroo sanatti babalʼachaa turerraa eeguuf carraaqqii guddaa godheera. (1 Yoh. 2:18; 2 Tas. 2:7.) Yohaannis erga duʼee booda garuu gantummaan akkuma ibidda bosonaatti babalʼachuu jalqabe. Waggoota muraasa keessatti gumiin Kiristiyaanaa garmalee ni mancaʼe.

5. Seenaawwan lamaan kanarratti hundaaʼuudhaan maal jennee yaaduu hin qabnu?

5 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kun lamaan dibamtoonni gara samii erga deemanii booda wanti kana wajjin walfakkaatu hoolota kan biroo akka mudatu argisiisaa? Yeroo sanatti Kiristiyaanonni amanamoon lafarra jiran akkuma Yoʼaas leenjii isaaniif kennamerraa ni jalʼatuu? Yookiin akkuma Kiristiyaanota hedduu jaarraa lammaffaatti turanii gantoota ni taʼuu? Deebiinsaa matumaa kan jedhudha. Dibamtoonni hafan gara samii erga deemanii booda hoolonni kan biroon Yihowaa waaqeffachuu isaanii fi karaa hafuuraa kunuunsa argachuu isaanii akka itti fufan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Amanannaa akkasii qabaachuu kan dandeenye maaliifi?

WAAQEFFANNAA QULQULLUUN HIN MANCAʼU

6. Baroonni sadan kanatti aansinee ilaallu kamfaʼi?

6 Waaqeffannaa qulqulluun gara fuulduraatti yeroo rakkisaan yommuu dhufuttillee akka hin mancaane mirkanaaʼoo kan taane maaliifi? Bara keessa jirru ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu waan baranneefi. Barri keessa jirru bara Israaʼelonni durii keessa jiraatanii fi bara Kiristiyaanonni jaarraa lammaffaa keessa jiraatanirraa baayʼee addadha. Kanaafuu mee baroota kana sadan balʼinaan haa ilaallu: (1) Bara Israaʼelonni durii keessa jiraatan, (2) bara ergamoonni erga duʼanii booda turee fi (3) bara keenya ‘yeroo wanti hundi itti haareffamu.’—HoE. 3:21.

7. Israaʼel durii keessatti yeroo sabichii fi mootonni hammina raawwatanitti namoonni amanamoon abdii kan hin kutanne maaliifi?

7 Bara Israaʼelonni durii keessa jiraatan. Museen duʼuusaa yeroo muraasa dura Israaʼelotaan, “Ergan duʼee booda, isin hammina akka raawwattanii fi daandii ani waaʼee isaa isin ajaje irraa akka gortan akka gaariittan beeka” jedhee ture. (Kes. 31:29) Kana malees, Museen Israaʼelonni yoo fincilan sabichi boojuudhaan akka fudhatamu akeekkachiiseera. (Kes. 28:35, 36) Maarree kun raawwatameeraa? Eeyyee. Jaarraawwan hedduudhaaf mootonni baayʼeen wanta hamaa raawwataniiru, sabichis daandii Waaqaarraa akka jalʼatu godhaniiru. Yihowaan gocha isaanii kanaan kan kaʼe sabasaa warra hamoo taʼan kana dhiiseera, akkasumas sana booda mootonni Israaʼel akka isaan hin bulchine godheera. (His. 21:25-27) Haa taʼu malee, Israaʼelonni amanamoo taʼan Dubbiin Waaqayyoo raawwatamuusaa yeroo argan ija jabinaan isa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.—Isa. 55:10, 11.

8. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa lammaffaatti ture mancaʼuunsaa nu ajaaʼibsiisuu qabaa? Ibsi.

8 Bara ergamoonni erga duʼanii booda ture. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa lammaffaatti ture mancaʼuunsaa nu ajaaʼibsiisuu qabaa? Lakki. Yesuus gantummaa guddaan akka dhufu raajii dubbateera. (Mat. 7:21-23; 13:24-30, 36-43) Ergamoota Yesuus kan taʼan Phaawulos, Pheexirosii fi Yohaannis raajiin Yesuus dubbate Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti raawwatamuu akka jalqabe dubbataniiru. (2 Tas. 2:3, 7; 2 Phe. 2:1; 1 Yoh. 2:18) Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa lammaffaatti gumiin Kiristiyaanaa ni mancaʼe. Kiristiyaanonni gantoota taʼan kutaa Baabilon Guddittii ishii amantaawwan sobaa addunyaarra jiru hunda argisiistuu taʼan. Kunis raajiin Yesuus dubbate akka raawwatame argisiisa.

9. Barri keessa jiraannu bara Israaʼelonni durii keessa jiraachaa turanirraas taʼe bara gumiin Kiristiyaanaa jaarraa lammaffaa turerraa adda kan taʼe akkamitti?

9 ‘Yeroo wanti hundi itti haareffamu.’ Barri keessa jirru bara Israaʼelonni durii keessa turanii fi Dh.K.B. jaarraa lammaffaa yeroo gantummaa guddaan itti kaʼerraa addadha. Barri keessa jiraannu maal jedhama? Yeroo baayʼee “guyyoota dhumaa” sirna kanaa jennee waamna. (2 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo kanatti yeroon iddoo guddaa qabuu fi baayʼee dheeraa taʼe akka jalqabe argisiisa. Yeroon kun hamma Mootummaan Masiihichaa ilmaan namootaa mudaarraa walaba godhuu fi lafa gara jannataatti jijjiirutti itti fufa. Barri kun ‘yeroo wanti hundi itti haareffamu’ jedhama. (HoE. 3:21) Yeroon kun bara 1914​tti jalqabe. Maarree wanti yeroo sanatti haareffame maalidha? Yesuus samii keessatti Mootii taʼee muudame. Kanaafuu, Yihowaan yeroo sanaa kaasee ammas Mootii bakkasaa buʼuu fi dhaaltuu Daawit Mootichaa taʼe qabaate jechuudha. Wanti Yihowaan haaresse ykn iddootti deebise garuu mootummaa kana qofa miti. Sana booda utuma baayʼee hin turin waaqeffannaa qulqulluun iddootti deebiʼuu jalqabe. (Isa. 2:2-4; His. 11:17-20) Maarree deebiʼee ni mancaʼaa laata?

10. (a) Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaa qulqulluu bara keenya jiru ilaalchisee raajii akkamii dubbateera? (Isaayyaas 54:17) (b) Raajiiwwan akkasii kan nu jajjabeessan maaliifi?

10 Isaayyaas 54:17 dubbisi. Mee waaʼee raajii kanaa yaadi: “Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu”! Raajiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame kun yeroo harʼaatti raawwatamaa jira. Yaanni nama jajjabeessu kunis bara keenyatti raawwatamaa jira: “Ilmaan kee hundi Yihowaa irraa kan baratan ni taʼu, nagaan ilmaan keetiis baayʼee ni taʼa. Ati qajeelummaadhaan jabaattee ni dhaabamta. . . . homaa hin sodaattu, sababa itti jeeqamtus hin qabaattu.” (Isa. 54:13, 14) Seexanni inni ‘waaqa sirna kanaa’ taʼellee hojii sabni Yihowaa namoota waaʼee isaa barsiisuuf hojjechaa jiran dhaabsisuu hin dandaʼu. (2 Qor. 4:4) Waaqeffannaa qulqulluun iddootti deebiʼeera; matumaa deebiʼee hin mancaʼu. Waaqeffannaa qulqulluun barabaraaf eegamee itti fufa. Meeshaan waraanaa nu balleessuuf tolfamu kamiyyuu milkaaʼina hin argatu.

WANTA YEROO SANATTI TAʼU

11. Dibamtoonni gara samii yeroo deemanitti tuutni uummataa guddaan kophaa akka hin taane maaltu nu amansiise?

11 Dibamtoonni gara samii erga deemanii booda maaltu taʼa? Yesuus Tiksee keenya akka taʼe yaadadhu. Inni mataa gumii Kiristiyaanaati. Yesuus, ‘Geggeessaan keessan tokko, innis Kiristoosi’ jechuudhaan ifatti dubbateera. (Mat. 23:10) Mootiin keenya inni bulchaa jiru matumaa hojiisaa hin dagatu. Isaan geggeessaa kan jiru Kiristoos waan taʼeef, duuka buutonnisaa lafarra jiraatan sababii itti sodaatan hin qaban. Dhugaadha, Kiristoos yeroo sanatti sabasaa kan geggeessu akkamitti akka taʼe guutummaatti hin beeknu. Kanaafuu, mee fakkeenyota nu jajjabeessuu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

12. (a) Yihowaan Museen erga duʼee booda sabasaa kan kunuunse akkamitti? (b) Eeliyaasiif ramaddii kan biraan erga kennamee booda Yihowaan sabasaa kan kunuunse akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

12 Museen kan duʼe Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii duradha. Maarree, saba Waaqayyoorra maaltu gaʼe? Namni amanamaan kun erga duʼee booda Yihowaan sabasaa dhiiseeraa? Lakki. Hamma isaan isaaf amanamoo taʼanitti Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif ni kenna ture. Yihowaan Museen duʼuusaa dura Iyyaasuun sabicha akka geggeessuuf akka isa muudu itti himee ture. Museen waggoota hedduudhaaf Iyyaasuu leenjiseera. (Bau. 33:11; Kes. 34:9) Kana malees, dhiironni gaʼumsa qabanii fi dura buutota taʼanii tajaajilan hedduun jiru turan; isaanis ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii taʼanii muudamanii turan. (Kes. 1:15) Kanaafuu, sabni Waaqayyoo kunuunsa gaarii argachaa turan. Mee ammammoo fakkeenya Eeliyaas haa ilaallu. Eeliyaas waggoota hedduudhaaf Israaʼelonni Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruuf carraaqqii godheera. Haa taʼu malee, yeroo booda Yihowaan Yihudaa keessatti akka tajaajilu isa ramade. (2 Mot. 2:1; 2 Sen. 21:12) Maarree, Yihowaan namoota amanamoo mootummaa Israaʼel isa gosoota kudhan of keessatti qabate keessa jiraatan dhiiseeraa? Lakki. Eeliyaas waggoota hedduudhaaf Elsaaʼi leenjisaa tureera. “Ilmaan raajotaa” leenjii argatanis jiru turan. (2 Mot. 2:7) Kanaafuu, dhiironni amanamoon saba Waaqayyoo geggeessuurratti gargaarsa gochuu dandaʼan hedduun jiru turan. Yihowaan kaayyoosaa raawwachuusaa itti fufeera, tajaajiltootasaa amanamoo taʼanis kunuunseera.

Musee (fakkii bitaa) fi Eeliyaas (fakkii mirgaa) namoota gaʼumsa qabanii fi bakka isaanii buʼanii tajaajilan leenjisaniiru (Keeyyata 12 ilaali)


13. Yihowaan Ibroota 13:5b irratti waadaa akkamii nuu galeera? (Fakkichas ilaali.)

13 Fakkeenyota kanarraa kaʼuudhaan dibamtoonni hafan gara samiitti erga fudhatamanii booda maaltu taʼa jettee yaadda? Kun nu yaaddessuu hin qabu. Yaanni Kitaaba Qulqulluu kun nu jajjabeessa: Yihowaan sabasaa lafarra jiran matumaa hin gatu. (Ibroota 13:5b dubbisi.) Akkuma Musee fi Eeliyaas gareen Kiristiyaanota dibamoo yeroo ammaatti dura buutota taʼan warra kaan leenjisuun barbaachisaa taʼuusaa ni hubatu. Waggoota hedduudhaaf obboloonni miseensota Qaama Olaanaa taʼan hoolota kan biroo keessaa dhiirota dura buutota taʼanii tajaajilan leenjisaa turaniiru. Fakkeenyaaf, jaarsolii, daawwattoota olaanoo, miseensota Koree Waajjira Damee, ilaaltota olaanoo Beetelii fi kan biroo leenjisuuf manneen barnootaa hedduu qopheessaniiru. Miseensonni Qaama Olaanaa gargaartota koreewwan Qaama Olaanaa garaagaraa keessatti tajaajilan dhuunfaatti leenjisaa jiru. Gargaartonni kun yeroo ammaatti itti gaafatamummaa guguddaa fudhatanii amanamummaadhaan raawwachaa jiru. Hoolota Kiristoos kunuunsuu isaanii itti fufuuf akka gaariitti qophaaʼaniiru.

Qaamni Olaanaan gargaartota leenjisuuf, akkasumas mana barumsaa jaarsoliin, daawwattoonni olaanoon, miseensonni Koree Waajjira Damee, ilaaltonni olaanoo Beetelii fi misiyoononni addunyaa maratti argaman itti leenjiʼan qindeessuuf hojjechaa tureera (Keeyyata 13 ilaali)


14. Qabxiin ijoo marii keenyaa maalidha?

14 Qabxii ijoon marii keenyaa kanadha: Xumura rakkina guddaatti dibamtoonni hafan gara samiitti yeroo fudhataman waaqeffannaa qulqulluun lafarratti geggeeffamuusaa itti fufa. Geggeessaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa taʼuutii tajaajiltoonni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufu. Dhugaadha, yeroo sanatti saboonni waltaʼiinsa uumanii fi Kitaabni Qulqulluun Goog isa biyya Maagoog jedhee waamu saba Waaqayyoorratti haleellaa ni banu. (His. 38:18-20) Haleellaa gabaabaan kun garuu ni fashalaaʼa; sabni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii akka dhaaban gochuu hin dandaʼu. Yihowaan isaan ni oolcha. Yohaannis ergamaan ‘tuuta uummataa guddaa’ hoolota kan biroo taʼan mulʼataan argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kun “rakkina guddaa keessaa [akka] dhufan” Yohaannisitti himameera. (Mul. 7:9, 14) Eeyyee, Yihowaan eegumsa akka isaaniif godhu beekna.

15-16. Mulʼanni 17:14 akka jedhutti dibamtoonni yeroo waraana Armaagedoonitti maal godhu? Kunoo kan nu jajjabeessu maaliifi?

15 Taʼus, namoonni tokko tokko, ‘Dibamtoonnihoo gara samii erga deemanii booda maal godhu?’ jedhanii gaafatu taʼa. Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf kallattiidhaan deebii kenna. Mootummoonni addunyaa kanaa ‘Hoolicha wajjin akka wal lolan’ dubbata. Taʼus ni mooʼamu. Kitaabni Qulqulluun, “Hoolichi . . . isaan injifata” jedha. Hoolicha kan gargaaranoo eenyufaʼi? Caqasicharratti akka ibsametti ‘warra waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanidha.’ (Mulʼata 17:14 dubbisi.) Namoonni kun eenyufaʼi? Dibamtoota duʼaa kaafamanidha! Kanaafuu, rakkinni guddaan xumuramuuf yeroo jedhu dibamtoonni lafarratti hafan yeroo gara samii deeman hojiin isaanii inni jalqabaa tokko lolarratti hirmaachuudha. Kun mirga ajaaʼibsiisaadha. Kiristiyaanonni dibamoon tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii dura warra kaan wajjin wal lolu turan. Tokko tokkommoo loltootallee taʼanii tajaajilaniiru. Booda garuu Kiristiyaanota dhugaa taʼanii daandii nagaa baratan. (Gal. 5:22; 2 Tas. 3:16) Waraanarratti hirmaachuu isaanii dhaabaniiru. Haa taʼu malee, duʼaa kaafamanii gara samii erga deemanii booda Kiristoosii fi maleekota qulqulluu wajjin taʼanii diinota Waaqayyoorratti waraana isa xumuraa banu.

16 Mee yaadi! Dibamtoonni yeroo ammaatti lafarra jiran tokko tokko dulloomaniiru, karaa qaamaas dadhabaniiru. Duʼaa kaafamanii gara samii erga deemanii booda garuu uumamawwan hafuuraa humna guddaa qabanii fi duʼuu hin dandeenye taʼanii Yesuus Kiristoos wajjin akka lolan ramadamu. Waraana Armaagedoonirratti erga lolanii booda ilmaan namootaa mudaarraa akka bilisa taʼan gargaaruurratti hirmaatu. Yeroo namoota mudaa qaban taʼanii jiraachaa turan caalaa, samiirra taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii lafarra jiran gargaaruu dandaʼu.

17. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi yeroo waraana Armaagedoonitti eegumsa akka argatan akkamitti beekna?

17 Ati hoolota kan biroo keessaa tokkodhaa? Taanaan, waraanni Armaagedoon inni baayʼee barbaachisaa taʼe yeroo jalqabutti maal gochuu qabda? Wanti sirraa eegamu Yihowaatti amanamuu fi qajeelfama isaa hordofuudha. Kun maalfaa dabalachuu dandaʼa? Kitaabni Qulqulluun, “Gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu” jedha. (Isa. 26:20) Yeroo sanatti tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼanii fi samiirras taʼe lafarra jiraatan hundi miidhaan tokkollee isaanirra hin gaʼu. Akkuma Phaawulos ergamaa “mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran . . . jaalala Waaqayyoo . . . irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye” beekna. (Rom. 8:38, 39) Yihowaan akka si jaallatuu fi matumaa akka si hin gatne yeroo hundumaa yaadadhu.

KIRISTIYAANONNI DIBAMOON WARRI DHUMAA GARA SAMII YEROO DEEMAN,

  • wanti hin taane maalidha?

  • waaqeffannaa qulqulluun akka hin mancaane mirkanaaʼoo kan taane maaliifi?

  • Yihowaan sabasaa akka kunuunsu mirkanaaʼoo kan taane maaliifi?

FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya