Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Obsaan Eeggachuudhaan Gammadi

Yihowaa Obsaan Eeggachuudhaan Gammadi

YEROO Yihowaan hammina hunda balleessee wanta hundumaa haaraa itti godhu hawwiidhaan eeggachaa jirtaa? (Mul. 21:1-5) Hawwiidhaan akka eeggattu hin shakkisiisu! Haa taʼu malee, keessumaa yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti Yihowaa obsaan eeggachuun salphaa miti. “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa.”—Fak. 13:12.

Taʼus, Yihowaan yeroo murteessetti hanga tarkaanfii fudhatutti obsaan akka eeggannu nurraa eega. Obsaan akka eeggannu kan nurraa eegu maaliifi? Yeroo obsaan eeggannutti gammadoo taʼuuf maaltu nu gargaara?

YIHOWAAN OBSAAN AKKA EEGGANNU KAN NURRAA EEGU MAALIIFI?

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaan garuu gaarummaa isinitti argisiisuuf obsaan eegaa jira, gara laafina isinitti argisiisuufis ni kaʼa. Sababiin isaas, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa taʼe dha. Warri abdiidhaan isa eeggatan hundi gammadoo dha.” (Isa. 30:18) Isaayyaas jalqaba yaada kana kan dubbate Yihudoota mata jabeeyyii taʼanitti ture. (Isa. 30:1) Yihudoota sana gidduu garuu namoonni amanamoon muraasni jiru turan; wanti inni dubbate abdii akka qabaatan isaan gargaareera. Yaanni kun tajaajiltoota Yihowaa yeroo harʼaa jiraniifis abdii kan kennudha.

Yihowaanis obsaan eegaa waan jiruuf obsaan eeggachuu qabna. Yihowaan yeroo sirna kana itti balleessu murteesseera; taʼus, hanga guyyaanii fi saʼaatiin sun gaʼutti obsaan eegaa jira. (Mat. 24:36) Yeroo sanatti, himanni Diyaabilos Yihowaa fi tajaajiltoota isaarratti dhiheesse soba taʼuunsaa guutummaatti ni mirkanaaʼa. Yeroo sanatti Yihowaan Seexanaa fi warra isa cinaa dhaabbatan hunda kan balleessu taʼus nu warra tajaajiltootasaa taanetti garuu ‘gara laafina argisiisa.’

Hammasitti, Yihowaan rakkina nurra gaʼe balleessuu baatus yeroo isa eeggannutti gammadoo taʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. Akkuma Isaayyaas dubbatetti wanta gaarii argachuuf yeroo abdiidhaan eeggannu kanatti gammadoo taʼuu ni dandeenya. (Isa. 30:18) a Gammachuu akkasii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee tarkaanfiiwwan nu gargaaran afur haa ilaallu.

YEROO OBSAAN EEGGANNUTTI GAMMADOO TAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Wanta gaariirratti xiyyeeffadhu. Daawit Mootichi umurii isaa guutuu hammina hedduu argaa jiraate. (Far. 37:35) Taʼus akkana jedhee barreesseera: “Yihowaa duratti calluma jedhi, abdiidhaanis isa eeggadhu. Nama mala haxxummaa isaa raawwachuu irratti milkaaʼina argatutti hin aarin.” (Far. 37:7) Daawit abdii fayyinaa isaarratti xiyyeeffachuudhaan gorsa kana hojiirra oolcheera. Eebbawwan Yihowaa biraa argate hundumaafis xiyyeeffannaa ni kenna ture. (Far. 40:5) Nutis rakkina jireenya keessatti nu mudaturratti utuu hin taʼin, wantoota gaggaarii qabnurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, Yihowaa obsaan eeggachuun nuuf salphata.

Carraa argattu hundatti Yihowaa jajadhu. Barreessaan Faarfannaa 71 Yihowaadhaan, “Ani garuu si eeggachuu koo ittan fufa; ittuma dabalee sin jajadha” jedheera; barreessaan kun Daawit taʼuu hin oolu. (Far. 71:14) Yihowaa kan jajate akkamitti? Waaʼee Yihowaa warra kaanitti ni hima, akkasumas faarfannaadhaan isa jajata ture. (Far. 71:16, 23) Nutis akkuma Daawit yeroo Yihowaa eeggannutti gammachuu qabaachuu ni dandeenya. Tajaajila keenyarratti, yeroo namoota wajjin haasofnu, akkasumas yeroo faarfannaa faarfannutti isa jajanna. Yeroo itti aanutti faarfannaa Mootummichaa tokko yeroo faarfattu ergaa isaatiif xiyyeeffannaa kennuuf maaliif hin yaaltu?

Obboloota keerraa jajjabina argadhu. Daawit yeroo rakkinni isa mudatetti Yihowaadhaan, “Warra siif amanamoo taʼan duratti maqaa kee nan abdadha” jedheera. (Far. 52:9) Walgaʼii fi tajaajilarratti qofa utuu hin taʼin, yeroo kan biraattis, yommuu obboloota keenya wajjin yeroo dabarsinu isaanirraa jajjabina argachuu ni dandeenya.—Rom. 1:11, 12.

Abdii kee cimsadhu. Faarfannaan 62:5, “Abdiin koo isa biraa waan dhufuuf . . . calluma jedhee Waaqayyoon nan eeggadha” jedha. Keessumaa dhumni akka nuti yaannetti dafee akka hin dhufne yoo nutti dhagaʼame abdii keenya cimsachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Obsaan eeggachaa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe, waadaan Yihowaan gale akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan abdii keenya cimsachuu dandeenya; raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman kan raawwatamanii fi Kitaabni Qulqulluun kan wal simu akkamitti akka taʼe, akkasumas wanta Yihowaan waaʼee ofiisaa dubbaterratti yaaduu dandeenya. (Far. 1:2, 3) Waadaan Yihowaan jireenya bara baraa nuuf kennuuf gale hamma raawwatamutti hariiroo gaarii isa wajjin qabnu eeggannee itti fufuuf, yeroo hunda ‘hafuura qulqulluudhaan geggeeffamnee kadhachuu’ qabna.—Yih. 20, 21.

Akkuma Daawit Mootichaa Yihowaan namoota obsaan isa eeggatan akka arguu fi jaalala amanamaa akka isaanitti argisiisu mirkanaaʼaa taʼi. (Far. 33:18, 22) Jireenya kee keessatti wantoota gaggaarii qabdurratti xiyyeeffachuudhaan, Yihowaa jajachuudhaan, obboloota keerraa jajjabina argachuudhaan, akkasumas abdii kee isa gatii guddaa qabu cimsachuudhaan obsaan Yihowaa eeggachuu kee itti fufi.

a Jechi ‘abdiidhaan eeggachuu’ jedhamee hiikame “wanti tokko akka raawwatamu hawwuu” argisiisuu dandaʼa; kunis fayyina keenya hawwiidhaan eeggachuun keenya sirrii akka taʼe argisiisa.