Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obboloota Dhiheenya Kana Miseensota Qaama Olaanaa Taʼan Lama

Obboloota Dhiheenya Kana Miseensota Qaama Olaanaa Taʼan Lama

ROOBII Amajjii 18, 2023 beeksisni addaa obboloonni keenya Geej Filiigilii fi Jeefrii Wiinder miseensota Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii akka muudaman ibsu jw.org irratti baʼee ture. Obboloonni kun lamaan waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniiru.

Geej Filiigilii fi haadha manaasaa Naadiyaa

Obboleessi keenya Filiigil Yuunaayitid Isteetis dhiha Pensilvaaniyaa keessatti maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddate. Yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti warrisaa naannoo baadiyyaa caalaatti gargaarsi barbaachisutti galan. Sana booda utuma baayʼee hin turin Sadaasa 20, 1988​tti ni cuuphame.

Warri Filiigil tajaajila yeroo guutuu keessa akka galu yeroo hunda isa jajjabeessu turan. Yeroo baayʼee ilaaltota olaanaa aanaa fi miseensota maatii Beetel mana isaaniitti ni affeeru turan; kanaafuu, obboleessi keenya Filiigil obboloonni kun hammam gammadoo akka taʼan arguu dandaʼeera. Cuuphamee utuma baayʼee hin turin Fulbaana 1, 1989 qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu jalqabe. Waggaa lama booda galma Beetelitti tajaajiluuf yeroo waggaa 12 turetti baafaterra gaʼe. Onkoloolessa 1991​tti Beetel Biruukiliinitti argamutti tajaajiluu jalqabe.

Obboleessi keenya Filiigil Beetel keessatti waggaa saddeetiif kutaa kitaabni itti hodhamutti erga tajaajilee booda Kutaa Tajaajilaatti ramadame. Yeroo sanatti waggoota muraasaaf gumii Afaan Raashiyaatiin geggeeffamu keessatti tajaajileera. Bara 2006​tti Naadiyaa wajjin gaaʼela dhaabbatan, ishiinis Beetelitti isa wajjin tajaajiluu jalqabde. Waliin taʼanii naannoo Afaan Poorchugaal itti dubbatamutti tajaajilaniiru; waggoota kudhanii oliifimmoo naannoo Afaan Ispeen dubbatamutti tajaajilaniiru. Obboleessi keenya Filiigil waggoota hedduudhaaf Kutaa Tajaajilaa keessatti erga hojjetee booda Biiroo Koree Barumsaatti, boodammoo Biiroo Koree Tajaajilaatti ramadame. Bitootessa 2022​tti gargaaraa Koree Tajaajilaa Qaama Olaanaa taʼee muudame.

Jeefrii Wiinderii fi haadha manaasaa Anjeelaa

Obboleessi keenya Wiinder Kaalifoorniyaa Yuunaayitid Isteetis magaalaa Moriyaataa keessatti guddate. Warrisaa dhugaa keessatti waan isa guddisaniif Bitootessa 29, 1986​tti cuuphame. Achiis jiʼuma ittaanutti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf murteesse. Kanatti waan gammadeef itti fufuu barbaade. Jiʼoota hedduudhaaf gargaaraa qajeelchaa taʼee erga tajaajilee booda Onkoloolessa 1, 1986​tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu jalqabe.

Obboleessi keenya Wiinder yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti obbolootasaa lamaan yeroo sanatti Beetelitti tajaajilan gaafachuuf gara Beetel deemee ture. Kunis yeroo guddatu Beetelitti tajaajiluuf fedhii akka qabaatu isa taasiseera. Achiis Caamsaa 1990​tti Beetel isa Woolkiilitti argamutti akka tajaajilu affeerame.

Obboleessi keenya Wiinder Beetel keessatti Kutaa Qulqullinaa, Kutaa Qonnaa fi Biiroo Beetel dabalatee kutaalee gargaaraa keessatti hojjeteera. Bara 1997​tti Anjeelaa wajjin gaaʼela dhaabbatan; yeroo sanaa kaasee Beetel keessatti waliin tajaajilaa jiru. Bara 2014​tti Woorwiikitti jijjiiraman; obboleessi keenya Wiinder achitti ijaarsa waajjira muummeerratti gargaarsa godheera. Bara 2016​tti gara Wiirtuu Barnootaa Masaraa Eegumsaa Paatarsanitti jijjiiraman; achittis obboleessi keenya Wiinder kutaa Tajaajila Oodiyoo/Viidiyoo keessatti hojjeteera. Waggaa afur booda gara Woorwiikitti deebiʼan; achittis obboleessi keenya Wiinder Biiroo Koree Parsoneelii keessatti akka tajaajilu ramadame. Bitootessa 2022​tti gargaaraa Koree Parsoneelii Qaama Olaanaa taʼee muudame.

Yihowaan ‘namoonni kennaa’ taʼan kun yeroo hojii Mootummichaa babalʼisuuf carraaqqii godhanitti akka isaan eebbisu ni kadhanna.—Efe. 4:8.